Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

 RAKKOON ABO KEESATI MUL’ACHAA TURE HIRRINA HOOGGANA JABAA DHABUU DHAA!!

QANNOO WAAQJIRAA IRRA

kewakjira@yahoo.com

 Akkuma beekamu waraaqssa ykn bilisummaa saba tokko booda hoogganaa jabaa fi beekaman tokko hin dhibu.Fakkeenyaaf qabssoo Afrikaa kibbaa sirna apartayiidii diiguuf geggefamee keessati maqaan hooggana ANC duraanii Neelson Mandeela beekama fi kan seena gudda qabuu dhaa.Haa ta’u garu qabssoo Afrikaa kibba kana irra ti namoota kummaatama heddutu hirmaatee,akkasumas gootota heddutu lubbu isaanii dabarsee kenne.

 Qabsoo bilisummaa Sudaan kibba SPLM yoo fudhannee illalee immo hoogganii beekaman qabissoo kana geggessa turee fi bakkan ga’e Dr.Jhon Garang dhaa.Nami kun qabssoo bilisummaa Sudaan kibba keessati bakka gudda qaba.Nami kun laphee uumataa Sudaan Kibba hundaa keesati yoo bareefame jira jedhame soba mitti. Osoo Dr.Jhon Garang hin jiraannee  qabssoon bilisummaa Sudaan Kibba hin milkaa’u ture kan jedhan jiru.Haa ta’u garu qabssoo kana irrati namootii kummatamin heddun hirmaana godhani jiru,goototin heddun lubbuu isaanii dabarsanii jiru. Yoo xiqaatee qabsso bilisummaa kanaaf lubbuun miliyoonaa lama wareegameeraa.Seenan Dr.Jhon Garang garu iddo gudda qabatee seena ta’e barabaran jiraata. Akkasumaas yoo boodeetii deebinee illalee bilisumaa biyya Hindii gita bitaa Ingilizii jalaa baasuuf geggefame keesati seenan Maatama Gaandii iddo gudda qaba. Walumaa galati  waraqissa biyya  tokko fi bilisummaa saba tokkoo keessatii hirmaanan hooggannan jabban jiraachuun qabssoo sana fi bu’uura guddadhaa.

Gara qabssoo bilisummaa Oromoo Adda bilisumaa Oromoon geggefamuti deebiinee yoo illaalee hooggana beekaman qabssoo bilisummaa Oromoo eenyuu jennee off gaafane deebii ga’a hin arganu. Qabsoon bilisummaa Oromoo biffa jaarmiyyaan erga ijjaramee wagga 40 ta’eera. Haata’u garu hanga harrati hogganaan jaba  fi beekama hin qabu.Sabin tokko hogganaa cimma fi jaalatuu yoo qabaatee ni jabaata,yaada hogganii kun dabarsu dafee fudhatee hojjii irra oolchaa, akkasumas isaa wajjin wareegama fudhachuuf qophii ta’a. Osoo ABOn hin bu’urefamiin dura Gootootii Oromoo heddun ka’anii darbaniiruu. Isaan keessa kana akka Elemoo Qilxuu fi Jeneraal Tadassa biruu kaasuun nidanda’ama.Haata’u garuu namootiin kuni Osoo qabsoon bilisumaa Oromoo kun hin dagagin wareegamani jiru. Bu’ureefamuu ABO tiif bakka gudda kana qabu fi qabssoo bilisumaa Oromoo kana bifa jaarmiyyan akka ijjaramu kan godhe,akkasumas qabsoo hidhannoo fi qabssoo siyyasaa wal-duuka akka geggefamuuf  carraaqii jalqaba kan godhe J.Baaroo Tumissa dhaa. Nami kun qabssoo bilisummaa Oromoo keesatii iddo gudda qaba.Haa ta’u garu mul’ati nama kana Osoo miila hin fudhatiin yeroo gabaaba keesati wareegame.Qabsoon bilisumaa Oromoo hoogganaa beekama akkasii dhabuun issa hirrina guda dhaa.Osoo Baaroo Tumissa hanga harrati lubbun jiraatee ta’e yoona Sabin Oromoo bilisoomeera kan jedhan jiru.

Erga yeroo kana kaasee ABOn hoogganaa isaa yeroo gara garati filachuu dhaan qabsoo kana geggessa haa turu malee qabssoo bilisummaa Oromoo ABO geggefamuu kun hoogganaa beekamaa fi jabaa qaba jechuuf nama rakkissa. Bara 1991 dura ABOn rakkoo tarsiimoo teesuma lafa  irra kan ka’e qabsoo hidhannoo , Diree Bahaf fi Diree Dhiyaan qooduun akka geggefamu gocha ture.Rakkini  kunis ABOn hoogganaa beekama akka hin qabaanee gochuu danda’u mala.ABOn hooggana Dirree Baha fi Diree Dhihan yeroo qoodee qabsoo geggessa ture keessati Hayyu dureen dhaaba yeroo Diree Baha irra hogganuu Itti aana Hayyu duree immoo Diree Dhiha irra hoogganaa  ture. Kanaafiis gar-gar qoodamin hooganii diree lamaanii kun qabsoo bilisumaa Oromoo fi hanga harrati fafa gudda agarssissa jira. Sabin Oromoo bara 1991 dura hooggan ABO  eenyuu akka ta’e illee addan baasee hin beekuu ture. Haa ta’u garu yeroo ABO mootumaa ce’umissa seene keessati hooggana beekama ta’e kan as ba’e J.Leencoo Lataa ture.J.Leencoon itti aanaa hayyu duree osoo ta’e jiru Hayyu Duree Dhaabichaa kan turan J .Galaassa Dilboo caala yeroo kanati Saba Oromoo fi halagaa biratii illee beekamee ture.Kan kana gochuu danda’e immo qabsoon Dirree dhiha ofi duubbee waan qabuu fi biyya Sudaan keessa ta’e akka fedheti socho’a waan turee fi akka beekamu isa taasiseera. Keesumaa iyyuu arraara London mormittoota ittiyoophiyaa fi Dargii gidduti geggefame irrati  

 ABO bakka bu’un kan hirmaatee J.Leencoo waan ta’ef dhaabichaa keessati iddo gudda fi sagalee gudda akka qabatu isa taasisee ture.Hayyuu duree dhaaba fi hoganttootii ABO  diree lamaanii haaloota murtii gudda barbachiisuu kan akka mootumaa ce’umiss seenuu fi dhiissanii ba’u maree balaa osoo hin geggeesin dafanii tarkanfii fudhachuun ABO fi kufaatii gudda ta’era. Haalii maree balaa fi murtii missensootaa fi hooganttoota  dhaaba barbachisuu kun osoo murtii ga’a hin argatiin jiruu irra oolchuu yaaluun kunnoo ABOn wagga dheeraf akka inni rakkina kana keessa hin baanee godhe argama. ABO mootumaa ce’umissa seene wagga tokko boodaa ammas osoo maree balaa hin godhin  mootumaa ce’umissa keessa ba’un isaa ABO fi cabiinssa lafee ta’e jira.Akka ABO mootumaa ce’umissa keessa  ba’u dhiiba gudda kan godhe jedhamuu Hayyu duree dhaabichaa J.Galassa yommuu ta’u J.Leencoon yaada kana yeroo sanati hin fudhatine ture jedhama.Kanaafiis harra rakkoon ABO keesatii argamuu yaadan gar-gar ba’u hooganttoota  kana giddu ture fi akkasumas  illalchaa yaada hogganttootii Diree Baha fi Diree Dhiha giddu ture jechuu ni danda’ama. Mootumaa ce’umissa keessa ba’u ABOn wal qabatee ABO  irra kisaaran hangam hin jedhamine isa qaqabera.Waraanii bilisummaa WBOn wagga 17fi ijjaaramee ture batala tokkoti lola ga’a osoo hin geggesiin mana hidhaatii guurame,ajjajootiin waraanaa fi dabbaloon siyyaasaa wagga dheeraf qabisaa’a turan heddun bakka maleetii wareegaman.Deggerttootiin ABO hundi mana hidhaatii guuraman.

Hamilee saba  keenyaa kufee abdii akka kutatu ta’e.Hoogganaa beekama dhaabichaa kan ture J.Leenccoo Lataa yeroo kana kaasee maqaan isaa ni kufe.Kufaatii dhaaba kanaafiisi mata dure ta’e labisamuu jalqabe. Walumaa galati yeroo kana kaasee ABOn akka jaarmiyyatii cimmee hogganaa tokko jalati ijjaraamee qabsoo bilisumaa geggesuu hin dandeenyee. Rakkon yeroo kana uumamee hanga harratii yeroo eegachuun dhuka’a jira.Yeroo gara-garati dhaaba kana keessati foxoqiinsii uumamee jira. Keesumaa bara 2003 foxoqiinis dhaabichaa keesati uumaame, qabsoo bilisummaa saba Oromoof gufuu gudda ta’e argameera.Bari 2003 rakkoo wagga dheeraa ABO keessa ture ifaati kan baasee jechuu ni danda’ama.Hoogggani dhaaba bakka lamatii qoodamuun wali irrati ololuu,maqa wal-baleesuu fi seeri dhibidee fi dalagaan hammeenyii guddan yeroo qabssoo bilisummaa Oromoo irrati dalagamee dhaa.Rakkoon kuni immo rakkoo hoogganttoota muraasaa qofaa dhaa malee rakkoo saba keenyaa fi sabboontoota Oromoo miti. Waggootiin kuranan darban qabssoo bilisummaa Oromoo tiif bara dukanaatii yoo jedhamee ni danda’ama.Rakkon armaan olii kun egaa ABOn hooggana jabaa  dhabuu irra kan ka’e  dhaa.Rakkoon dhaabichaa keesa mata dhokifatee ture amma ifa waan ba’e fakkata. Hogganttootii olaanaa dhabichaa iyyuu jalqaba jalqabee kaayyoo dhaaba kana irrati waan waliif gale socho’a ture hin fakkatu. Maaliif yoo jedhame yeroo ammatii hooganttootii olaana dhaabichaa duraanii kan akka J.Leenccoo Lataa fi J.Diimaa Nogoo ofi duuba galagalanii kaayyoo ganama dhaabichi fudhatee ka’e faaleesuu yaalan mulachaa jira.

Akkasumas bara 2008 keessa gartuu ABO jijjirama jedhee ofii waamuu dhaaba irra foxoqee kaayyoo ABO duraanii faalessuun kaayyoo Itiyoophiyyaa dimokiraasesuu jedhu fudhatee alagaa warumma kaleessa isaa miidhaa turan wajjin qabisaa’uu fi waliif gadi jechaa jira.Kuni egaa hagami Qabsoon keenyaa balaa gudda keessa akka jiru xiinxaluun nama hin rakkisu.Haa ta’u garu yeroo dhiyyoo keessa rakkoo ABO shannee Gumii fi ABO QC giddu ture  walii galteen uumamuun isaa nama gammachiissa.Walii galteen hogganttoota ABO lamaan giddutii labisamee ture kun kan baayyee nama jajabeesuu dhaa.Haata’u garuu ABOn osoo hooggana jabaa qabateera ta’e rakkon kun hangana dheeratee, babalatee saba keenyaa irrati umurii gabirummaa hin dabalu ture.Hoogganii dhaaba tokko yoo cimma ta’e rakko dhaaba sana mudatu dafee furmaata kenna.Hoogganii jabaan mul’ata fagoo kan qabuu fi  fedha mata isaa irra kan saba isaa kan dursu dhaa.

ABO garuu hanga harrati illee hoggana jabaa ta’ea akasii  hin argatiin jira.Fakkeenyaafi waggoota kurnaan darban kana keessatii hayyu duree ABO ofiin jedhanii kan ofi waamani kan akka J.Daawud Ibisaa fi J.Dhugassaa Bakkakkoo rakkoo dhaabichaa mudatee kana yeroo gababa giddutu furuuf dadhabuun isaanii akka isaan danddetii ga’a fi mulata ga’a hin qabine mulisa. Kanaafiisii hogganttootiin ABO lamaanuu araara afaaniin ibisuu duwwa osoo hin taanee waliti dhufanii bifa haaran filmaata walaba ta’e geggesuun hoggana dhaaba kana sirnaan geggesuu filachuu qabu.Yoo kun ta’e sabin Oromoo hooggana kana bira dhaabatee yeroo gababaa gidduti bilisummaa isaa goonfachuu danda’a. Yoo kuni hin ta’u ta’e garu akkuma kaleessa umurii qabsoo keenyaa dheeresuu fi gidiraa saba keenya irra ga’a jiru daran itti cimisuu irra kan hafe faayyida tokko hin qabbu.Kanaafiis yaada kana irra dedeebinee itti yaaduu qabinan jedha.

 

I.U.OF

Galattoomaa!!

 

Obboo QANNOO WAAQJIRAA tessoo kanan argatuu kewakjira@yahoo.com

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved