Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Muuda                                                          14.11.2010

 Nagaan Waaqayyoo isiniif maati keessan hundaaf haa tau. Hardhi guyyaa abbootii ti. Bagas Waaqayyo guyyaa abbooti kanaan isin gaye.  

Utuun mata duree irratti dubbachuuf dhiyaaddhe hineegalin dura dubbii tokkon qolaa baasuu qaba. Akka na oofkalchitan, akkasumas akka obsaanis na caqastan nan amana. 

Akkuma beektanu, kaniin dhaladhe Naqamte, bakka Waachaa jedhamutti. Bakka kanatti dhalachuuf wanta ani falmee, yaalii yookaan tattaaffii ani godhee mirgaan galee waan hinjirreef Naqamtettii dhalaachuu kootti hinboonu. Karaa kaanimmoo dirqamni uumamaa harka na micciire akkan achitti dhaladhu waan na jilbeenfachiiseefis waanan itti qaanawu hinqabu. Kun waan humna koo ol ta’eef ”asham gurbaa” ofiin jechaan jiraadha. Haallii dhaloota hunda keenyayyuu waanuma akkasi waan ta’eef obsaa fi ashamii wal waakachuu hinqabnuun jedha.

Gara dubbii hardhaattin deebi’a: 

Sabni addunyaa kanarraa jiru hundi hooda adda addaa qaba. Hooda kanas bifa addaatiin kabjata. Buttaa qalaa; darrabbaa cidheessa. Akkuma hoodi bonaa jiru hoodi gannaas jira. Hooda fuudhaa, hooda eerumaa, hooda awwaalchaa, hooda aammachiisaa, hooda qonnaa, hooda sassaabbii, hooda dhibaayyuu, hooda araaraa, hooda waraanaa fi wkf. qaba Tokkoo tokko hooda kanaa burqaa isaa fi dur-duriisaa faana dhahanii hundeesaa baruun hojii ulfaata ta’uu mala. Garuu  waan hin danda’amne miti.

Kanaaf dubbii koo hardhaa keessatti waayee Hooda Muudaa (anointing or Unction) qabxilee muraasa waliin ilaalla. Qabxii inni jalqabaa Muuda maal akka ta’e ibsuun yaala.

Muuduun maalinni?

Muuduun dibuu dha. Dhadhaa addaannuu, ykn baqsaa, ykn Zayitii, bishaan, aannaan ykn moora bineensaa of dibuu ykn waan kaan dibuu jechaa dha. Muudaan kan barbaachisuuf afuura Waaqa waan muudamu sanatti ittiin dabarsuufi, yookaan ayyaanni Waaqaa waan muudamaa jiru sanatti darbuu isaa, dhalachuu isaa ittiin mallatteessuufi jedhama. Kabajjii ykn ritualin kuni superstetious dha jedhamee haa qeeqamu malee, amantoota addunyaa kana hedduu keessatti qooda guddaa xabata.

Hordoftooti amantee Judaa, Kiristaana, Hindu hundi kabajjii muudaa bifa adda addaatiin kabaju.

 Amantee Kiristaanaa keessatti hoodi muuda iddoo guddaa qaba. Maqumti inni Kiristoos jedhu kuniyyuu maqaa abbaa Yesuus utuu hin taane jecha afaan Greeki isa Christos yookaan Muudamaa isa jedhurraa argamuusaa fi Yesuus Kirsitos jechuun Yesuus isa Muudamaa jechuu akka ta’etu himama. Afaan Greeki kun hundeensaa waan Sanskrit yookaan Indo-European waan ta’eef  jechi inni Christos jedhamu kuni jecha afaan Sanskrit Krista, Krishinaa yookaan ”Waan Hundaan Miidhagaa ”Waaqa Guddicha” jechaa ta’uu isaatu himama. Walumaa galatti Muuduun waan ofii caalaatti jaalataniin (Dhadhaa, dhiiga, - dhiiga namaayyuu dabalatee - aannan, bishaan mooraa fi kkf) afuurrii Waaqaa, ayyaannii fi aangoon Waaqaa akka waan sodaatan, waan kabajan, waan jaalatan tokkorra akka bu’u, akka itti dhalatu gochuuf dhibaayyuu kennani dha. Dabalees ayyaanni waan sodaatan ykn kabajan tokko akka soorratee gammadu gochuufis ni ta’a.       

Hoodi Muudaa saba inni keessatti dura muldhate keessaa warri Kemeti ykn Misrii hangafummaa dhabu hinfakkaatu. Warri Kemet ykn Kush Misri  Mootota isaanii ykn Fara’oota isaanii akka Muudaa turan seenaan  ni mirkaneessa. Jabana Osiris waaqeffatama ture sana hoodi Muudaa kuni ture, inni afuuraan haadha isaa Isis irraa dhalates muudamuusa beektonni seenaa Kemet qoratan warri akka Gerald Massey barreessaniiru. Barroo saa isa Ancient Egypt: Light of the World jedhamu fuula 85 irratti Horus muudamuun maaf akka barbaachise akkas jedhee ibsa Geraldi Maasey:

 

”Anointing had then become the mode of showing the Glory of the father in the person of the Son. This was imagined with the holy oil upon the face of Horus.”

 

Dabalees Siidaa Moototaa, Siidaa Waaqolii shittoo dhaan, zaytiidhaan muudaa akka turantu himama. Saboonni Eshiyaa giddu galeessa jedhamuun beekaman warri akka Jiwu, Aurooppaa keessa warri akka Roomaa fi Greekis Mootota saani zayitii ejersaa (Olive Oil) akka muudaa turan seenaan ni muldhisa. Mammaksa warra Roomaa ”Iccitiin fayyaa wayinii keessaaf, zayta duubaaf gochuu dha” inni jedhamummoo zaytiin muuduun kun fayyaa qaamaafiyyuu barbaachisaa akka ta’e muldhisa. 

 

Saboonni Australia duratti firri anniisaa-qabeessi, beekaa-guddicha kan ta’e yoo du’e beekumsa isaa anniisaa fi hamilee saa kana dhaaluuf jecha moora mardhummaan saa baasanii dibatu ture jedhama. Moorri namaa, dhiigatti aanee taa’aa ykn mandhee lubbuun itti galtu dha jedhama. Moora qaamaa caala dhiigatu eebbifamaa fi qulqulluu waan ta’eef dhibaayyuuf akka dhiyaatutu himama. Waayee Qoriixi yaadattuu laata? Baabbilee Tolaa namni jedhamu tokko barroo isa isa Killing A Generation jedhu keessatti Iteegee Zewudituu Minilik ”lubbuu dheerinaaf jedhanii dhiiga ijoolleetiin dhiqatu turan jedhame odeeffama ture” jedha.

 

Araboonni naannawa Afriikaa Bahaa qubatan immoo ofi onneessuuf jecha moora leencaa akka dibachaa turan himu, maddi tokko tokko.

Kabajjii muudaa biyya Kemeti duri.

Maaltu, ykn eenyufaatu Muudama?

Warra muudaman keessaa Siidaa yookaan mallattoo Waaqoli, Mootota, keessumaa, dhukkubsataa, reeffa awwaalaaf qophaawu, abbaa warraa, siidaa saala dhiiraa fi kan kana fakkaatan.

Akkuma yaadannu moototaa biyya Xoophiyaa bitaa turan ”mootota muudamani dha, mootota Waaqayyo muudee nuu kenne dha” jedhamu turani. Kanaafis isaaniin mormuun Waaqaan mormuu waan ta’eef komii Waaqa seenuurra afaan qabatanii buluutu filatama  jechuudha. 

Oromoon maalfaa Muuda?

Muudaan nuufis haarawaa miti. Buttaa durii kaasnee beeknu, haa ta’u malee akkuma aadaa keenyaa isa kaani akka itti qaanofnu, akka of tuffaannu dhiibbaan waan nurra gayeef nuyis dagachaa deemne. ”Mukatti sagaduu, muka dhadhaa muuduu” yakki jedhu kuni hunda keenyaafuu haaraa miti. Akka warri amantee adda addaa fidanii nutti aguuguu yaalaniitti kuni yakka yookaan cubbuu baraartii hinqabne qofaa otoo hin taane, doofummaa keenyaafis akka waan wabii cimaa ta’eetti godhanii addunyaatti nu saaxiluu, nu odeessuu yaalu. ”Etoophiyaani biyya Kiristaaana kan Aramanee fi Islaamaan marfamtee dha” jedhanii sabaa fi mootummoota adda addaatti of dhiyeessaa turan.

Oromoon maalfaa akka muudu baayyeen keenya beekna. Qondaalli tokko yeroo ajjeesee galu obdii qeyeesaa keessatti fooggalee, geeraree, ittis sirbanii eega faachaa fi meesha ittiin ajjeese lafa abbaan saa fi haatisaa taa’an biratti irkisee booda haati isaa, haati warra isaa fi gayyoonni isaa hammi tokko dhadhaa urgooftuu adda addaatiin makame shoorootti naqatanii coqorsaa fi dhaabata qabatanii dhufanii mataa qondaaltichaa dhadhaa dibu. Muudaa inni kuni muuda isa kan irreecha irraa waan addaan fakkaatuuf maaf qondaala tokko muudun akka barbaachise qofaatti qoratamu qaba natti fakkaata. Karaa kootti tarii ayyaanni bineensa du’e sana akka qondaala san keessatti do’ataan arguuf ta’innaan jedha. Qondaalli sun ayyaana bineensa sana waan baatuuf ulfina hawaasaa gonfata. Qondaalli ajjeese dibachuusaa sana akka kaayyoon saa inni guddaan iddoo ga’eefitti, akka jireenyasaa keessa kaayyoo inni ol-aanaan manii gayeefitti ilaalama. 

Oromoo ennaa Gadaa gayee aangoo walitti dabarsu hoodi muudaa raawwachuu fi raawwachu dhiisuusaa karaa kootti waanan odeeffaanoo hin qabneef kana qormaata fuulduraaf dhiiseen isa kaanitti darba. Garuu akkaa Qaalluun abbaa Gadaa isa haara muudu nan tilmaama.

Muudaa inni caalatti beekamu isa gaafa irreechaa kana natti fakkaata. inni kuni sababa muuda kanaa olitti dhiyaate waliin hariiroo cimaa qabaachuu qofaa otoo hin taane seenaanis walitti waan hidhata qabu natti fakkaata. Isa kanaafi egaa kan  ”Mukatti sagaduu, muka dhadhaa muuduu” yakki jedhu kan nutti darbatamu. Namoonni yakka kana nu faalan kuni biyyii fi sabni inni kaan kabajjii muudaa (anointing ritulas) kan akka aadaa keenyaatti waan qaanii fakkaatu qabaachuusaa yookaan hin beekani, yookaan immoo beekanii duudu. Fakkeenya lamaan tokko yoon tuqe:

Biyyoota hardha qarooman, sooroman, misooman jedhamanii akka fakkiitti dhiyaatan keessa biyyi Japani guddittii dha. Amanteen biyyattii amantee Shintoo fi Hinduu ti. Japaniin biyyoota  aadaa isaanii seelkoo fi seelkata malee gara bar-dhibbee 21ffaatti tarkaanfachuuf jiru jedhaman lamaan keessaa ishee tokko. Buttaa (festival) waggatti kabajaman kan lakkoobsaan gara 205 ta’an qabdi. Isaan kana keessaa  lamaan tokko akka fakkeenyaatti maqaa dhawuun fedha.

Inni jalqaba Kanamara MaasturiFestival of the steel phallus (Fertlity Festival) kan jedhamu yeroo ta’u waggaa waggaatti ji’a Ebla keessa gaafa Dilbataa isa jalqabaa magaalaa Kawasaki, Galma Kanayama jedhamutti kabajama. Kan jalqabame bara Mooticha Edo (1603-1767) jedhamu dha. Buttaa kana kan bu’ureesse sagaagaltoota (prostitutes) dha. Sagaagaltoonni  akka daldalli isaanii bu’aa guddaa fiduu fi akkasumas akka Waaqi isaanii fanxoo irraa isaan eeguuf kadhatchuuf galma naannawa isaaniitti marmaaru turan. Guyyaa kadhaa isaanii kana dubartoonni kun  harka isaaniitti Siidaa saala dhiiraa xixinnoo baatanii magaalaa keessa naannawu turani. Hardha buttaan kuni akka ayyaana qaljummaa (Fertility festival) ennaa kabajamu, qorannaa HIV AIDSfis horii ittiin sassaabu. Guyyaa hoodaa kana siidaa saala dhiiraa xixinnoo otoo hintaane siidaa saala dhiiraa guddicha daboon dhiiraa fi dubartiin itti dacha’anii wasaasaan baatanii magaalaa keessa deemu. Galma saaniittis akka amantii isaaniitti hoodni galataa Qaallusaaniitiin geggefama. Waayee buttaa kanaa yoo dubbisuu fi video isaa ilaaluu feetan isinii dabarsuu nin danda’a:

Kabajjii saala dhiiraa yookan  akka hardha beekamutti Buttaa Qaljoomaa biyyaa Japani.

Kana qofaa otoo hin taane buttaan kana fakkaatu jabanuma duriitii kaasee biyyoota adda addaatti akka beekamu akkasumas maqaa phallus worship jedhamuun siidaan saala dhiiraa akka muudamaa ture, ammas muudamaa jiru hubanna. Fakeenyaaf hordoftoonni amantee Hindu waaqa Shiva jedhamu qabu. Shivan bifa lingam yookaan bifa saala dhiiraa tiin (phallus) mallattaawa. Kanaafis siidaa saala dhiiraa muuduun buttaa amantee warra Shivatti bulu keessa buttaa tokko dha. 

Kabajji muuda siidaa saala dhiiraa biyyaa Hindi

Akkuman kanaan olitti jechuu yaale hundeen saala dhiiraa kanaaf iddoo guddaa kennu yookaan phallus worship hedduu fagoo yeroo ta’u ammas deebi’ee garuma warra Kemet sila ani kaasetti nu geessa. Akka namni Hodder M. Westropp jedhamu ibsutti dubbiin kuni biyyoota hedduu keessatti waan ta’aa turedha.

Evidence that this worship extensively prevailed will be found in many countries, both in ancient and modern times. It occurs in ancient Egypt, in India, in Syria, in Babylon, among the Assyrians, in Persia, Greece, Italy, Spain, Germany, Scandinavia, and among the Gauls. In Egypt, the phallus is frequently represented as the symbol of generation. According to Ptolemy, the phallus was the object of religious worship among the Assyrians and also among the Persians. In Syria, Baal-Peor was represented with a phallus in his mouth, according to St. Jerome. The Jews did not escape this worship; and we see their women manufacturing phalli of gold and of silver, as we find in Ezekiel xvi. 17.[1] Among the Hindoos a religious reverence was paid to the Lingam (saala dhiiraa) and Yoni, (ssala dubartii) and among the Greeks and Romans to the Phallus and Cteis. Among the Teutons and Scandinavians, the god Fricco, corresponding to the Priapus of the Romans, was adored under the form of a phallus; a similar god under a similar symbol was adored in Spain, whose name was Hortanes.  

Yaadi amantee kanaa tarii Ateetee fi Buttaa waliin wal fakkaachuu hin oolu. Phallus Worship wanti jedhamu kun Kallacha isa Oromoon addatti kaayyatu waliinis wal fakkaata. Kallachi kunis mallattoo isa warri Fara’oo addarratti kaayyatan waliin tarii hidhannaa qaban jedha. Ateeteen buttaa yookaan ayyaana qaljummaa yeroo ta’u, sirbi buttaa Ateetee irratti sirbamaa turan, hardha akka saalfiitti ilaalaman  waanuma qaljummaa fi waayee saalaa ilaallatu. Lamaan tokko beeka garuu namni akka koo rifeensa lama biqilche kana jechuun qaanii guddaa dha!

 Ammas al tokko gara biyya Japanitti deebi’ee buttaa lamaan tokko kan nu birattii qoosaa fakkaachuu malan isiniif hima. Isaanis Akutai Masturi (cursing festival) fi Shirihineri Masturi (Bottom pinching festival). Buttaa abaarsaa fi Buttaa hedduu wal qimmiiduu (qonxoxuu) akka jechuu ti natti fakkaata, yoon afaan Oromootti hiikuu yaale.

Akutai Masturi (Buttaan abaarsaa) Muddee 14 galma Atago Jinja jedhamutti kabajama. Guyyaa kana amantoonni gara galmaatti yeroo yaa’an arrabsoo fi abaarsaan wal quncisaa deemu. Yeroo galma gahan garuu:

At the shrine they trade insults with a person impersonating a tengu (goblin of sorts that inhabits mountains). If one wins this exchange, it is believed that they will receive good fortune in the coming year.

Shirihineri Masturi (Bottom Pinching festival) Buttaan hedduu wal qimmiduu immo Waxabajji 14 galma Nishinomiya Jinja, magaalaa  Nishinomiya jedhamutti kabajama. Hundeen buttaa kanaa akka dur-duriin warra Japani himutti Qaalluu isaanii kan Ibisu jedhamutu utuu karaa deemuu lafa boqote tokkotti mugee sillim jedhe yookaan rafee ka’uu turraan, warri isaan waliin turanis hedduu isaa qimmiidanii dammaqsani jedhama. Eega bara sanaatii yeroo dheeraaf gaafa jalabultii buttaa kanaa daragaggooni magaalaa keessa shamarran adamsanii qimmiiduu aadaa godhatanii akka turantu himama. 

Egaa akkuma argitanitti biyya isaaniitti buttaan kabajamu bifa baayyee qaba. Ija aadaa keenyaatiin yeroo ilaallu kan nu uggumsiisu danda’an hedduu dha. Oromoon, laga bu’ee irreefachuun isaa, tulluutti ol bayee dhibaafachunsaa ija buttaa warra kaaniitiin yeroo ilaalamu waanuma hedduu nama uggumsiisu hinta’u. Muka dhadhaa muuduun isaas doofummarraa kan madde otoo hin ta’iin ayyaanni Waaqaa akka muka sanaan wal simu, ayyaanni Waaqaa akka muka sanatti aguugamu gochuuf ta’a. Yoo muka sana Kolisterooliin miidhe garu, kunoo bara sana yaada jijjirrachuu qabna natti fakkaata.

Utuu dubbannuu Tree Worship (amantee mukaa) biyya kaan keessa hin jiru jechaa miti. Aadaa biyyoota baayyee keessatti muki akka mallatto jireenyaatti (symbol of life) fudhatama. Muki uumaasaatiin hiddi saa garaa Haadha Margoo keessa – Dachee keessa dhidhime; damee fi baalli saa garaa Waaqa keessa ol hiixatee waan jiruuf ayyaana addunyaa lamaanii hirmaata jechaa dha. Hiddi saa gara addunyaa warra du’ee, dameen isaa gara Waaqaatti ol hiixatee jira. Mallattummaansaa kanaaf haa ta’u malee warri muka kanaaf kabaja qaban Waaqa keenya jedhanii muka waaqeessu jechaa miti. 

Mee buttaa biyyoota kaanii, keessumaa kan amantee waliin yookaan Waaqeffachuu waliin hariiroo hin qabne akka fakkiitti daballee haa fudhannu.

The Monkey Buffet Festival (Thailand)

Waggaa waggaan ayyaana Rama (Qondaalticha warra Ramayana biyya Tailand) kabajamu irratti kutaa biyyaattii hundaatii keessummoonni argaman namoota otoo hinta’in Qamalee 6000 tilmaamani dha. Isanis kan afeeraman fudraa fi kuduraa adda addaa kilograma 3,000 tilmaamamu akka nyaataniif dha. Hundeen ayyaana kanaa qondaalticha Ramatu miltooo fi baanfii saa kan ture Mooti Qamalee Hanuman jedhamuuf kutaa biyyatti yeroo ammaa Lopburi jedhamtu badhaasa kenneefii waan tureefi.   

La Tomatina (Spain)

Biyyaa Spain tuuristoon lakkoobsaan 30,000 caalan kan do’achuu dhufan buttaa timaatimiin wal reeban tokkotu kabajamee oola. Buttaan kuni Hagayya gara dhumaatti ennaa kabajamu timaatima gara kiiloo 600 caalu darbatanii wal rukutu. Seeraa fi heeratu buttaan kun akka balaa guddaa hinfidne eega.

Holi: the Festival of Colors (India)

Biyya Hindii, Guyyana fi Nepal  ayyaana buttaan halluu fi bishaan walitti facaasu tokkotu waggaa waggaan kabajamu Holi jedhame waamama. Guyyaa kana namoonni daakuu halluu adda addaa fi bishaan walitti facaasuun wal faala, wal dibaa oolu. Halluun kuni qoricha adda addaan waan makameef geedaramsa qilleensa birraa keessa aayibi dhufu hundaaf fooyyee ta’a jedhanii amanu.    

Cheese Rolling Festival (England)

Biyya Englizitti kan kabajamu buttaan tokko ammoo geengoo Cheezi irraangadee konkolaatu duukaa fiiganii qabachuu yaaluu dha. Namooti dhibbaan lakkaawaman geengoo cheezii kiiloo kudha shan ta’u ariyanii qabachuuf yeroo irraangadee kaatanii wal caccabsan isinitti haa muldhatu.

Maslenitsa: Free-for-all boxing match (Russia)

Hordooftoonni amantee Orthodox biyya Russia ammoo ayyaana buttaa abootteen ittiin wal reeban tokko qabu. Ayyaana faasikaa hiikati torbaniin jiru kan kabajamu buttaan aboottee kuni seeraa fi dhumas hin qabu. Kan xumuramu yeroo hundinu dhiigaan wal faale huccuu walirratti ciree booda. Ayyaanni kun kan hundinuu walabaan wal abootu dha.


 
El Colacho: the Baby - Jumping Festival (Spain)

.
El Colachoon biyya Spain immoo namooti buttaa namootii beekon (adults) daa’ima ja’a sadi sadiin toora ciibsani irra utaalinii dha.
Buttaan daa’imarra utaaluun kuni eega bara 1620 kaase hanga hardhaattu inuma jira. Haadholiin kana eyyeman gara jabeeyyii ta’uu qab

Hamma yeroo kaan walitti deebinutti Waaqayyo nagaa fi fayyaan akka isin aammatu isiniif hawwaa dubbii koo hardhaa asumarrattan xumura.

                                                                                     Zalaalam Abarraa Tasfa

 Hirmatoota keenya kana dura seena Oromoo fi Kusha Prof. Muhammad Shamsaddin Megalommatis bareefama waltii anuu yerro dherraf nu dhiyeessa ture irrati waan Oromoon hundi beeku nu barsisa ture, amoo Afaan, addaa, artii fi seena Oromoo guddisuu keessati gummacha gudaa goocha kan jiran beekan keenya obboo Zalaalam Abarraa Tasfa afaan keenyan waan isaan qooratan nu qoophessan Oromoon ga'uun dargagoon Oromoo seena Oromoo qoorachuti akka jabatuu isaan goodha jeene yaala, Habashoon Bisha Wabee keessa da'aan nun jeecha turte qaani ishee arga jirtii. Obbo Zalaalam Abarraa gummachaa goochaa jirtan cimsssa itti fufa jeene, Obbo Hundasaa Lammessa Waan Oromoo waa barsisuu sooquun gumacha goocha jiranf galata gudda qabuu.

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved