Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Miseensii Dh.D.U.O /OPDO/  Eessatti Yaa’aa Jira?

Qarree Amboo irraa

1.  Seensa

Dhaabni siyaasaa kamuu miseensa horchuun murteessaadha. Miseensaan ala tarsiimoo qabu raawwachuu hin danda’u. Haaluma kanaan Dh.D.U.On miseensa hedduu horateera. Akka webiinsaa ibsutti miliyoona 2.3 ol jedheera. Karaa kamiin horateen akkuma jirutti ta’ee. Hedduun miseensa dhaabcha kan ta’an, akka dambiin dhaabaa jedhutti fedhiifi kaayyoo dhaabchaarratti hundaa’anii, itti amananii miti. Kanaaf ragaa nama hin barbaachisu. Akkamiin miseensa ta’an kan jedhu ilaaluutu gaariidha. Karaan itti makaman hedduu ta’ullee, har’aaf hanga tokko fakkeenyaaf haa laallu. Tokkoffaa warraa dargiirraa boojidhamanii dura ijaaraman, kaayyoo TPLF galamaan gahuuf, hojii barbaachaafi guddina uummata Oromoo quucarsuuf itti makaman, hojiirraan har’amnaan itti galan, aangoofi fayidaa barbaachaa warra galan, qarqara dhaabbannee quba itti qabuurra keessa galleetu falminee sirreessinaan fi kan kana fakkaatan kaasuun gahaadha. Barattoonni Yunversiitii dhaabcha keessa galleetu falminee sirreessinaan bal’inaan itti makamaniiru. Garuu keessa galanii falmanii sirreessuuf dhamaadhanillee dubbii “…malaan bishan waaduu…” jedhamutu mudate. Dhaabchatti makamuun dirree deemokiraasii argatanii bakka itti falman osoo hin ta’iin, bakka sammuun itti nama cabu ta’uu yemmuu itti argantu dhufe. Fayyidaafi mirga uummata Oromoof yemmuu yaada kaasan “…Kun yaada farra misoomaafi nageenyaati. Miseensi dhaabaa akkamitti yaada akkanaa kaasa…” jechuun afaan qabachiisaniiru. Dambiin dhaabchaa heeyyamullee keessaa bahuuf yaalanii hin dandeenye. Xaxanii teessisaa jiru. Isaanis karaan qabsoo dukkanaa’uu arganii gaafa giitiif wal eegaa jiru.

          Dhalli namaa walirraa barata. Akka barsiifata uummata Oromootti moo wal dhaggeeffata, ni iyyafata, walirraa fudhata. Xiqqaan guddaara, guddaan xiqqaarra. Osoo jabanummaan addaggummaa hinbaay’isiin. Falaasamniifi sansakkaawaan seenaas kanuma mirkaneessu. Seenaan kan darberraa barchuun, isa har’aa ilaaluufi madaaluun, isa gara fuula duraa akeekuu yookan raaguuf nu fayyada. Namoonni haala kana hordofuun walirraa fudhachaafi baraachaa deemaa turan, jiru. Miseensi dhaabchaa dhala namaa keessaa isa kam keessa jiru laataa! Kan angafa isaanirraa hin baranneef. Gara kamitti yaa’aa jiru? Yeroo tokko dhaabbattanii of gaafachuu qabdu.

Qor sammuu yookiin xiin sammuun waa’ee waa barachuu yookaan waa gonfachuu ilaalchisee waa hedduu kaa’eera. Waa’ee waa barachuurratti dhala namaa gara gosa hedduutti qooda. Kanneen keessa inni angafti: ofiisaan haadhee, sakatta’ee, waa hubachuufi beekuu nama danda’u jedha. Inni lammaffaa waan namni biroo muuxxannoon, qorannoofi baruumsaarraa argate itti hime/agarsiise/ fudhatee kan isaa godhachuudha. Inni sadaffaa yemmuu nama kaanirratti raawwatamu ilaaluun osoo itti hin himamne barchuu danda’uudha. Inni xumuraa yemmuu isarratti raawwatame qofa yoo lubbuun hafe kan baratu ta’a. Miseensa dhaabchaa kamtuu mudatee laa? Haalli walirraa barachuu isaanii maal fakkaataa? “Hoolaa ishii tokko yoo qalan, ishiin tokko halala guurtii” jedhama.

                Yaada armaan olii waanti barreeffamni kun kaaseef hedduun jiraatanillee har’aaf kan Dh.D.U.On qofaa ilaala. “Maaliif?” jechuu keessan hin oolu. Miseensa dhaabchaarratti tarkaanfii sukkanneessaa fudhatamaa jira. Keessattuu warreen aangoo olaanaarra qaqqaban. Egaa kaayyoon barreeffama kanaas:- Miseensa dhaabchaa salphinaan biyya keessaa godaansifamu. Kaan ammoo, maqaa sooramaan masiliifummaatti kufsuu. Kanneen hafan ammoo, bakkaafi taayitaa isaaniif hin mallee irra kaa’anii naanneessuufi burjaajessuu. Kanneen kaan ammoo, taapheellaa yakkaatiin mana adabaafi bokonaa waraanaatti guuruufi warreen jaalatanii yookiin dirqiin dhaabchatti hidhamanii hafan maal gochuu akka qaban akeekuuf.

1.1.        Ergamni Dhaabchaa

Dhaabni siyaasaa ta’ee kanneen kaan waan dhaabbataniif kan ibsu qabaachuu qabu. Dhimmicha kan agarsiisu ergama isaaniiti. Kanaaf ergama dhaabchaa ilaaluun dirqama ta’e. Ergamni dhaabbatchaa gara keeyyata shanii qabateera. Haalli barreeffama isaa ergama waan ibsuu hin fakkaatu. Ergama waan hin qabne fakkaata. “Ergamtuun ergama, mataashii hin qabdu…” jedha barreeffamni kun. Garuu hanga tokko yaanni isaa wal dhahullee haa laalluu: keeyyata lammaffaa sarara 1ffaa “…kaayyoo guddaa inni qabsaa'uuf mirgi sabummaa fi dimokrasii uummata Oromoo fi sabaa fi sab-lammootaaf kabajamee jiru akka itti fufiinsa qabaatuufdha. Dh.D.U.On Mirgoonni sabummaa fi dimokraasii uummata Oromoo fi sabaa fi sab-lammootaa guutummaa guututti mirkanaa'e akka itti fufu qabsaa 'a dha…” Akka ergamchaatti hundi mirkanaa’eera, kana ol gara fuula duraatti hin barbaachisu jedhee kaa’eera. Dhalli namaa hanga lafa kanarraa jirutti jijjiirama, ni hawwa, ni ragaa, ni eega. Dubbiin “salphoon salphina hin quuftu…” akka Oromoon jedhu kabaja ayyaana 25ffaa isaatti ammoo, “Dhaaba jijjiiramaaf qabsaa’uu, jijjiiramaan haromaa deemuu” jechuun kaa’eera. Waanuma itti kennaniin iyyuu keessaa yoom baha?

Gara keeyyata sadaffaa sarara 4ffaatti yoo dabarruu ammoo, “…kayyoon ifaa fi qulqulluu ta'een dimookraasiin akka dhugoomuu, Uummatni abbaa taayitaa akka ta'u fi kanneen armaan olii ciminaan hojiitti akka hiikaman ni qabsaa'a…” jechuun waanta keeyyata 2ffaa wal dhahu kaa’eera.

Yemmuu gara keeyyata shanaffaa sararar 2ffaatti  ce’ummoo “...Imaammanni gabaa walabaa immoo bilisaan Oomishasaatti fayyadamuu Uummataa Oromoo kan mirkaneesseedha. Kanas ta'uusaatiin uummanni Oromoo sirna isaa kamiinillee caalaa argatan ammaa faayidaasaa mirkaneefftaatu jira...” jechuun walitti xaxee kaa’eera. Barreeffamni kun ergama dhaabchaa maaliif akka dhaabchi jiraatu ilaaluuf malee ergama isaa xiinxaluuf miti. Waan ergaman waan raawwataniif ergama isaan hin barbaachisu.Weebsaatii isaa galaatii ilaala yoo jijjiiruufi kaasuu baatan.

1.2.        Yaadaa Ka’uumsaa

Barreeffama kanaaf yaada ka’uumsa kan ta’e waa lama. Tokko Dh.D.U.O keessatti miseensonni aangoo guddaarra qaqqaban yeroo gara yerootti rukkutamuufi Magaalaa Baahirdaaritti Ayyaanni loltuu Itiyoophiyaa 2007 A.H. yemmuu kabajamu tuffii uummata Oromoorratti Jen/Samooraa Yaanus darbatame haqasaa agarsiisuuf.

Dhaabcha keessatti miseensonni aangoo guddaarra qaqqaban hin oofkalle. Miseensonni murtaa’an dhaaba kana keessaatti carraan isaaniif kenname, aangoo guddaarraa gahaniiru. Mee yaadcha bakka shanitti qodnee yaa ilaallu. Hedduu salphinaan biyyaa godaansisan. Kaan ammoo, maqaa sooramaan masiliifummaatti kuffisan. Warreen kaan ammoo, bakkaafi taayitaa isaaniif hin mallee irra kaa’anii naanneessu. Kanneen murtaa’anirratti ammoo, mana adabaafi bokonaa waraanaatti guuruufi warreen jaalatanii yookiin dirqiin dhaabchatti hidhamanii hafaniin qoodamu. Mee miseensa gurguddoo/kabajamoo/ jedhaman:-Ibiraahem Malkaa, Hasan Alii, Kumaa Damqisaa, Juunaddiin Saaddoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa, Abbaaduulaa Gammadaa, Alamaayyoo Atoomsaa, J/Baacaa Dabalee, J/Kamaal Galchuu, Jonaataan Dibbisaa, J/Hayiluu Gonfaa, Ermiyaas laggasaa Hawaas, Almaazzi Makkoo, Girmaa Birruu, Shifarraa Jaarsoofi kaanneen biroo warreen maqaa isaanii hin caqasne kallattiifi al kallattiin balchaaf saaxilamaniiru. Jaarreen armaan olitti eeraman aangoo guddaa jedhamurra qaqqabaniiru. Garuu gahuun hin milkoofne. Maalinni falli isaa? Fala falachuun barbaachisaadha. “Numaaf haati hin baane jedhe gowwaan haadha ajjeesse…” yoo ta’een ala. Miseensota kanarraa maal baratttuu? Eeessatti yaa’aa jirutuu? Deebiin kan Oromoo hundaatii.

  Yemmuu tokko koree giddu galeessa Dh.D.U.On wal gahii barattootaa gaggeeffamu “maaliif gaggeessitoota dhaaba keessaniirra dhiibbaan adda addaa irra gahaa? Fakeenyaaf: godaansaa, hidhaafi kan kana fakkata...” barattootarraa ka’e. Walgahicha olaantummaan kan gaggeessu Obbo Juunaddii ture. Deebiin isaan kennan “…kun gaaffii sirrii miti. Quuqama qabsoo osoo hin ta’iin dhiphummaa calaqqisiisa. Dadhaboota, yaakkamtoota…dhaabni keenya qulleessuun ciminaafi qulqullina dhaaba keenyaa agarsiisa…” haariifi hor’aa lolaatiin deebsan. Dabballeen ulultoonni kanuma fudhatanii “…cimina dhaaba keenyaatiin...”  afuufan. Isa warraaksi ilmoo ishii nyaatti fakkaate. Waantoonni hedduu dhaabcha keessatti dabareen deema. Futtis irra taa’ee ittiin geerraraa ture mataadhaan gad isa conqolaase. “ Kan ishii danfaa jiraa kan gandaa sochoofti” jedhama. Jecha yemmus inni fayyadameen yoo deemne Obbo Juunaddiin dadhabaafi yaakkaamaa ta’uusaati har’a.

Dubbiin dubbii dabalate. Ni baasu ni buusu. Ni arrabsiisu ni arrabsu. Ni hiisisu ni hidhu. Ni godaansisu ni godaanu. Ni ajjeesisu ni ajjesu. Dubbiin erga kana ta’ee bubbuleera. Karooraan taa’ee jira. Eenyu yoom akka dhawuu qaban. Taapheellaa kamiin akka dhawuu qaban qindeessaa oolanii bulu. Taapheellaan sirriin namchaaf Muusliima yoo ta’ee argame itti hin jeeqaman. Walitti xaxuufi mimmi’eessanii ibsuu qofaadha. Uummanni Oromoo bal’inni isaa muuslima ta’uu dagachuu hin qabnu. Hooggantoota ofitti amantee irraa mulqeera. Adoochanii bituu jechuun kanuma. Kitaabni Oshitiziimi akka ibsutti, Naaziin Jaarman yemmuu Iyhuudaa abidda barbadatti gubu kan darbatu Iyhudaa ture. Kan darbate dabaree isaa eegee kan biraan darbatama. Kana jechuun maal jechuudha? Dura akka lammii isaa duguugu gochuudha. Innis yeroof malee itti aanee haarawaa kan dhufeen duguugama. Dabaree wal duguugsuu. Kanneen maqaan isaanii armaan olitti eere, haalliifi gochi Naaziirra adda isaan godhu jiraachuu danda’a. Haa ta’uutii “ Bitaansi kor, mirgaanis kor wal geenyi kooruma…” jedhamuu yaadachuun gaariidha.

  Karaa biraan dalagni maafiyaas keessaa mul’ata. Waanta ajajaman gaaffii malee hojjachuudha. Yoo didanii morman, maatirraa eegalanii fiilmii adda addaa waraabaa turan Yuutubbirratti gad dhiisnaan sodaachisu. Mee miseensota aangoorraa har’amanii biyyaa ambaatti dheensan ilaala. Haadha warraa, dubara isaanirrattiifi gocha abbaan warraa dubartii biroo itti erganii waliin ciiseefi kan kana fakkaatan fiilamiin sodaachisaa jiru. “Qottoo qara hin qabne nama mala hin qabne …” ta’anii jiru.

Yaanni barreeffama kanaaf ka’uumsaafi sababa guddaa lammaffoorraatti ta’e, ayyaana loltuu Itiyoophiyaa kabajuu ilaalchisee tuffii uummata Oromoorrati darbatame haqasaa agarsiisuuf. Yeroo Magaalaa Baahirdaaritti Ayyaanni loltuu Itiyoophiyaa kabajamu 2007 A.H. Akkuma Abbaay Tsahaayyee Sareen ni midheeffatte bishaan foonii...” jedhamu, Jen/Samooraa Yaanus Oromootti falqee. Yemmuu Abbaan Duulaa qorannoo /qo’annoo/gabaasa “…loltuun Itiyoophii eessaa ka’ee gara kamitti deema? ”  Mata duree jedhu dhiyeesse mariin gaggeeffame. Marii kana irratti loltuun Itiyoophiyaa sablammii hundaa hirmaachusuu qaba yaada jedhutu ka’e. Jeneraalchis haamlee ilmaan Oromoo rukkuchuuf “…Ijaarsi loltuufi paarilaamaa adda addaa. Gossi tokko baayyateef loltuun gosa sanaa baayyachuu hin danda’u....loltuun ogummaa, beekumsaafi jagnummaa irratti hundaa’a...”  jechuun afaan guutee deebse. Akka jecha isaatti sabni bal’aa Oromoodha. Oromoon ammoo, beekumsaafi ogummaa kana hin qabuu yookiin hin horatudha. Aangoon osoo hin ta’iin baay’inaan lakkoofisaatiin loltuu Oromoon sadarkaa sadaffaarra jira. Isayyuu Oromoo ta’uu osoo hin taane, naannoo Oromiyaa keessaa qacarameedhan.
Barri Uummaanni Oromoo itti salphate akka barreeffamni kun ilaaletti bara kana. Beekumsa, ogummaafi jagnummaa waraanaa waanta leenjiifi baruumsaan qaqqabamuudha. Loltuu keessatti akka bal’ina Oromiyaatti hirmaachuun murteessaadha. Fayyidaa Uummata Oromoo waan lakkoofsi loltuu baayyateen fida yaada jedhuuf miti.  Uummata Oromoof bu’aa buusuufi dhiisuun akkuma jirutti ta’ee. Mootota Itiyoophiyaa darbani keessa loltuu keessatti bakka guddaarra kan turan ilaaluun bayeessa. Kana eenyumtuu seenaa darbeerraa waan arguudha. Fakkeenyaaf:- bara abbaa lafummaa (Zemene Mesafenti) jedhamee 1636-1769 A.H biyyaa Amaara, Tigiraay, Walloo, Shawaa kan bulchaa ture Warra sheek(Yajjuu) ta’uu dagatameera. Beekumsi, oggumchiifi jagnummaa har’aa isaan xefenferan durirraa kaasee jiraachuu agrsiisa. Bara Tewodroosiifi Miniliki keessa dubartoonni Oromoollee osoo hin hafiin aangoo olaanaarra taa’uun harka lafa jalaan gaggeessaa kennaa turaniiru. Mootonni maqqadhumaaf malee gorsa hedduu laachaa kan ture eenyu akka ta’e ni beekama. Fakkeenyaaf:- Iteegee Tawaabachi haadha mana Teedroos, Xaayituu Buxul injifannoon Adwaa har’aa habashaan ittiin geerraran, Iteegee Manan waraan Xaaliyaanii lammaffaafi kan kana fakkaatan kaasuun ni danda’ama.
Biyya Itiyoophiyaa keessatti karaa beekumsa, ogummaafi jagnummaa waraanaa gumaacha guddaa taasisaa kan turan Oromoo ta’uu habashoonni beekuu qabu. Fakkeenyaaf:- Mastaawuti waraana Walloo kan gaggeessaa turte, Ras Gugsaa Walee, Ras Gobna Daaccee, Qusee Diinagdee (Fetewuraarii Habte Goorgis), J/Abbabaa Aragaawwii Bacharee, D/Baalchaa Abbaa Nafsoo, D/Gabayyaahu Hundee, D/Garasuu Dhukii, D/Baqqalaa Wayyaa, D/Kabbadaa Buizunash, Qanya/Mokonnin Wasanuu, J/Jaagamaa Keelloo, J/Mulugeeta Buli, J/Tafarii Bantii, J/Asafaa Ayyaanaa, F/M/ Abdisaa Agaa, J/Taaddasaa Birruu, J/Daawiti Abdii, J/Huseen Ahmad, J/Hayiluu G/Mikaa’el, Kono/Alamuu Qixxeesaa, J/Damisee Bultoo, J/ Marid Nugusee, J/Raggaasaa Jimaa, J/ Mardaasaa Leellisaa, J/Tasfaayee Gammachuu, J/Taarkuu, Koro/ Takkaa Tulluu, Koro/ Dabalaa Dhinsaafi kana kana fakkaatani kaasuun ni danda’ama. Barrffamni kun ammaa tokko maqaa fakkeenyaaf dhahuuf malee kumaan akka lakkaa’ama hundi ni beeka. Egaa akkamiin har’aa Oromoon beekumsa, ogummaafi jagnummaa loltuuf hin filachiisu jedhamaa jira. Yoo gadameessi harmee oromiyaa maseeneera jedhamuu baate.
 

1.2  Maddaa Rakkichaa

         Madda rakkoo dhaabcha keessa jiru dabalataan barreefama kanaan ibsuuf yaadameeti malee mata duree Uummanni Oromoo Heera Itiyoophiyaan Baaftetti Fayyadamee Beekaa? Jedhu jalatti rakkoo dhaabcha keessa jiruufi sababa rakkichaan miidhaa dhufe bal’inaan jiraa ilaala.

1.      Kaayyoon dhaabchi ijarameef dargii ittiin jigsuufi Oromiyaa ittiin qabachuuf maalee dhugaa wal qixxummaa sabaaf akka hin taane karaa hedduu mul’achaa jira. Kaayyoon waraqaa irra taa’ee odeeffamu golga qofaaf. Miseensonni dhaabchaa sararaafi dirreen kuubbaa keessatti taphatan ajajaan kennamaaf jira. Dhugaan hundi sararaafi dirree kuubbaa ala jira. Miseensi sararaafi dirree kuubbaa kennameef ala baanan ’maanoo’ ta’eetu taapheellaa kennisiisaaf. Muuxannoon waggaa 25 kanuma agarsiisa. Maal barbaachaaf dhaabcha keessa jiraattu? Adda baafachuun dirqama.
2.      Loltuu Itiyoophiyaa jabanaa keessatti, Oromoon jiraarra hin jiruutu filatama. Bakka aangoo murteessaarra tokko hin jiran. Lakkoofsi qondaalota gurguddoos qubaan lakkaa’amu. Osoo walqixxummaa sabaatiif yaadamee waggaa digdamii shan darban keessatti sadarkaa loltuu gadirraa kaasanii hanga jeneraalummaatti guddisuun ni danda’ama. Dargiin waggaa kudha torba keessatti Jeneraalota Oromoo meeqa akka hore ni beekama. Kanaaf ragaa heedduu kaa’uun ni danda’ama. Garuu dhugaa isaa baruuf:-kitaabolee Art Of War, World Famous Militariy Development, The unconvetional warrior, Gorella and Covension Fighting, Definitive work on military strategy and tactics ni mirkaneessu. Barreeffamni kun xefenfera Jeneraalchaan bakka hin laatu. Miseensi Dh.D.U.On mataan isin adoochanii, mormi gad isin cabsanii, Oromoo isin keessaan  cabsaa jiran of ilaala. Saalfii malee haqa jirus itti himaa, dura dhaapha.
3.      Xumura GTP lammaaffaan booda dhaabolee afran bakka tokkotti ijaaruun tokkummaa Itiyoophiyaa cimsuuf qophaa’uu ilmaan habashaa ni beektu. Yoo beektan mala maalii yaaddan? Filannoon booddee godina addaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee jala galchan mirkaneessuudhaaf muddamaa jiru. Dhuguma bu’aa Oromoof yaadamee pilaaniichi qophaa’ee? Karra shananiin kan hafe Finfinneen hanga yoonaa dhaabbatteettii? Baayyina uummata/sablammii biroo ta’an/ Magaalota Godina addaa Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraniin murteessinaa dhaadachaa jiru. Lafcha warraa bitataniirraan kan hafe, kan kenne eenyuu? Dubbiin akkanatti deemamnaan Magaalonni habashaan guutamee waan jiruuf hedduunsaa ilmaan habashaa harka gala. Akka miseensa dhaaba biyya gaggeessaa jiruufi lammii tokkootti itti yaada, jedhaniif hin jedhiina.
4.      Aangoon Federaala keessaa jiruurra hin jiranii wayya. Bakka murteessaa kamuu bira hin gahan. Warrumti maqaaf jiran ammoo, heeraafi seeraan aangoo isaaniif kenname guutummaa guutuutti fayyadamaa hin jiran. Itti aanaa saaniin yookiin gaggeessaa daarkitoreetii tokkoon gaggeeffamu. Yoo dhibbantaan ilaalle waan kolfaati. Oromoon %1 qofaadha. Sablammoon warraa kibbaallee %2 ol ta’aniiru. Haala kana miseensi dhaabchaa addaan baafatee beekeeraa? Warri TPLFtu bakka nu bu’a hanga miseensa ADWUI taanettiifi nama aangoo kanaaf kaadhimamu hin qabnu warri jedhan akkuma jiranti ta’e.  Qal’ate jedhan bofa mataatti hin maratan” jedhamaa bara.
5.      Miseensi dhaabchaa haala maafiyaa keessa akka jiraachaa jiru osoo hin bariin itti laaqanii, laaqsisu. Saalqunnamtiirra hanga jiruu isaa hin malle horachuutti. Ragaa dharaa dabalatee ittiin nsodaachisu. Warri aangoo guddaarraa jirtan boollaa isiin qotamee jiru ilaala. Kaameeraafi eegduu keessani dabalatee bakka isin hin hordofamnetti hin jiru bara.
6.      Miseensa dhaabchaa hedduun angafa kan itti duulchisan dogoggoraafi yakka qabaatus dhiisuus Oromoorratti. Oromoorraa oduu guuruu /basaasuu/ sammuu adoochuufi sodaachisuuf isaan bobbaasu. Warri miseensa ta’an, Oromoo miseensa hin ta’iin mirga isaa ta’uu osoo beekamuu akka diina isaaniitti akka ilaalan dirqamu. Oromiyaan alatti Finfinnee, Dirree daawaa, Federaalaafi waldaalee adda addaa keessatti miseensi Dh.D.U.O /sablammii biraa ta’anii/ afaan Oromoo dubbachuun ilmaan Oromoo gidirsaa jiru. Keessattuu walgahiin gamaaggamaa yoo karoorfamu Oromoo sammuu cabsuurratti hundaa’a. Namoonni keenye yeroo ammaa maqaa akaakkayyuu jajallisuufi dhoksuutti galee jiraa bara.
7.      Dhaabchi eessatti dhalateen fayyaaduu haa baatullee, waggaa digdamii shaniif Darraa Harbuu masqaleetiin kabajamaa turuun ni yaadatama. Har’a ammoo, soba jechuun Tigiraayii Aanaa Adeeti ta’uu galgala keessa himamaa jira. Eenyuu fakkaachuufi fudhatama argachuuf harbuu masqaleetti hundoofne jedhan. Dhaaba salphina hin quufne ta’uu agarsiisa. Ajajni namoota isaan ijaaranirraa yoo darbu, hanga yooatti sabni Oromoo bakki dhaloot isaanii Darraa ta’uu waan beekuuf hin jijjiirru jechuu maaf dadhabni?      Karaa biraan tuffii saba Oromoof qaban agarsiisa. Boru dhaabni kun Oromoof bakka hin buutan, Tigreedhaaf malee yoo jedhaniin wabiin hin jiru. Miseensonni tokko tokko yaada kana yoo morman isin qaama diinaati jedhamnii waltajjiirraa deebiin kennameera.  Maal baasuuf dhama raasuu...” jedhama.
8.      Miseensaarratti hanqina guddaatu jira. Miseensa dhaabaa ta’uun sadarkaa jiru hundatti gurmaa’inaan ijaaramee qabsoo kan gaggeessu aangoo nama dhuunfaaf, aangoo barbaachaaf, maallaaqa argachuuf, beekamtii horachuuf, amantii saba tokkoo babal’isuuf ta’uu hin qabu. Qabsoon fayyadamuuf osoo hin ta’iin sabaafi biyyaa ofiif ta’uu qaba. Qabsa’aan jijjiiramaaf warraaqsa ta’uu qaba. Qabsa’aan kan uummataati. Qabsoo keessatti hundi wal qixa. Wal kabajuun akkuma jirutti ta’ee. Waanni qaban waliif. Waliif wareegamuun kaanaaf. Nama of bilisoomsetu, lammiif addaa durummaan dhaabbata. Dirqama dhuunfaa isaa bahee lammiif dhaabbachuun hafee, dhaabchuma osoo bitiinsa harka lafa jaraarraa baraaruun danda’amee waan guddaadha. Haalli miseensi dhaabchaa itti guddatu  dambii dhaabchaan ifaan taa’ee jira. Garuu dambii kana hordofee hin raawwatamu. Bakka tokko tokkotti gumaacha miseensa dhaabbilee afranii eegamuu qabaa jedha. Tasuma kun hin raawwatamne. Fakkeenyaaf Finfinnee fudhannee yoo ilaalle kutaalee magaalarraa hanga itti aanaa kaantiibaatti lammii Oromoo hin hirmaachifne. Maqaadhaaf, kantiibcha fiixeerra kaa’anii maqaa Oromoon daldaluurraan kan hafe. 
9.      Kaampaanoonni torbaatamii saddeeti diinagdee biyyaa Itiyoophiyaa guutummaatti karaa hundaan to’atanii saamaa jiran keessaa Dh.D.U.On meeqa akka qabu beektuu? Hin dubbatamu. Kanaaf akka dhaabaattis, akka miseensaafi akka naannootti oduurraan kan hafe fayidaa hin arganne.
10.  Baay’ina Buusii miseensaan fayadamuurratti:- miiliyoona 2.3 ol kan qabu dhaabcha kana. Buusii miseensummaa guddaa kan buusu isaa ta’uu agarsiisa. Garuu fayadamuurratti hin jiru. Asirratti miseensi kun buusii qofaaf barbaadame fakkaata. Kun ilaalamuu qaba.

11.      Walitti dhufeenya dhaabolee afran ilaalchisee maqaadhumaaf malee Dh.D.U.On  bakka hin qabu. Yeroo ammaa, waajira ADWUI baay’ina miseensaafi aangoo yoo ilaalame hin jiran jechu wayya. Hanga barreeffamni kun qophaa’etti sabaafi sablammoota jiran keessaa sadarkaa arfaffaatti gad bu’aa jira.

12.  Miseensa Yeroo ammaa Dhaabcha Keessa Jiran Bakka Shanitti Qoonnee haa Ilaallu

Miseensi dhaabcha keessa turaniifi ammaa jiran ilaaluuf bifa bifaan qooduun barbaachisaadha. Qabsaa’uun mataa isaan rakkoo ta’aachuun beekamullee, rakkoon misensa dhaabchaa kan adda godhu dhiibbaa karoorfameef saaxilamuudha. Sadarkaan dhiibbaa wal caaluu danda’a. Haa ta’uutii garuu bakka shanitti qoodnee ilaaluu dandeenya. Inni duraa bakkaafi taayitaa isaaniif hin malleerraa warra naanneessan. Inni lammaffaa maqaa sooramaan masiliifummaatti warra kuffisan. Inni sadaffaa salphinaan biyyaa warreen godaansisan, inni itti aanuu, maqaa yakkaan mana adabaafi bokonaa waraanaatti warra tikfamaniifi inni xumuraa warreen jaalatanii yookiin jibbanii dhaabchatti hidhamanii jiraataniidha. Akaakuu dame isaatiin hanga tokko armaan gaditti haa ilaallu.

 12.1 Bakkaafi Taayitaa Isaaniif hin Malleerraa Warra Naanneessan

1.      Jaroonni kun afaaniin waan yaada mataa ofii gaggeessan fakkatanillee ajaja jaraa jala akka hin bane waan beekaniif,

2.      Ol utaalanis gad utaalanis jaroonni kun akka waa hin finne keessa isaani jarri waan beekaniif

3.      Yakka suukanneessaa uummata Oromoorratti raawwataniif bu’aa malee jiraachisuu waan barbaadaniif,

4.      Afaaniin malee sabummaan jarri kun Oromoo miti jedhanu waan jarri xiinxalarra qaqqabaniif,

5.      Jara isaan ijarte irratti maanoo cimaa waan hin tuqneefi kan kana fakkatantu ka’a.

12.2. Maqaa Sooramaan Masiliifummaatti Warra Kuffisan

Hojiin ala burjaajessanii teessisani kaa’aan jiru. Isaan kun mindaa ni argatu. Maaliif akka argatan namaaf hin agalu. Isaaniifis waan galu hin fakkaatu. Umurii isaanii kanatti maqaa sooraman taa’uun sammuu jaamsanii qaama qofaan teessisuudha. Dabalataani, waanuma xiqqoo butataniin sodaachisaa jiru. “Eessaa fidde taa’iitii nyaadhu? Ta’uu baannaan gara farra malaammaltummaati…” jechaanii jiru. Kun hojii maafiyaatii baraa.

12.3. Salphinaan Biyyaa Warreen Godaansisan 

Warreen kanaan qotanii, facaasanii galfatan. Badii dalagsiisanii, lammiin wal nyaachisan. Karaa bananiifii haa ta’uu, banatanii godaansatti galan. Erga baqatanii bahaniillee cancala afaan isaan kaa’anii jiru. Dubbiin fiilmii isaan kanarraa jira. Hojii maafiyaa.

12.4   .Miseensa Maqaa Yakkaatiin Mana Adabaafi Bokonaa Waraanaa Keessa Jiran.

        Barreeffamni kun miseensa yakka dalagee seeraan adabame maaliif adadabame jechuuf yaadamee miti. Lammiin kamuu seera cabsinaan seeraan gaafatamuun dirqiidha. Garuu yakka malaamaltummaa, shororkeessuummaafi kan kana fakkaataniin taapheellaan kennameefii mana adabaafi bokonaa waraanaatti guuruun dhimma biraati of keessaa qaba. Yakka malaammaltummaa hedduu warrii raawwatanii abbaa gamoo, warshaa, konkolaataa gurguddaafi kan kana fakkaataniin guutummaa biyyittii dhuunfatan eenyunni? Miseensa Dh.D.U.O.tii? Kanaafi barreeffamni kun maqaa taapheellaa adda addaa oomshuun itti maxxansuun dhimma biraati of keessaa qaba jedha. Akka heera biyyittiitti hundi heera fuula duratti wal qixa jedhu asirratti eegamuu qaba. Miseensonni dhaabbilee afrifanii keessaa kan Dh.D.U.O qofaatu afarfamaa oolaa ilaala.

12.5.Warreen Jaalatanii yookiin Jibbanii Dhaabchatti Hidhamanii Hafan

Warreen jaalatanii yookaan jibbanii dhaabcha waliin jiraatan bakka afurti qoodnee haa ilaallu. Dandeettiifi beekumsa qabnaafi aangoo guddaarra qaqqabna warra jedhan. Warra beekumsiifi hidhannoon siyaasa isaanii aangoof hin heeyyamneef. Warri sadaffaa, aangoofi hojiin hojjatan karaa qabsoo uummata Oromooti jedhanii warraa odeessan. Inni xumuraa warra Oromoo hin taane maqaa dhaabchaan ijaaraman uummata Oromoo quucarsaa jiraniidha.Warra xumurarratti caqasamaniin ala “Kaachaa oolii hallaatti reenfi lafaa…” jedhemeera.

12.5.1.Warrii aangoo barbaachaaf wal nyaatan eessa gahuuf? Dandeettiifi beekumsa qabaatanii aangoof wal jala shirrisan. Beekumsa ofii cimsatanii sadarkaa pireziidaantii naannichaafi ministeeraa qaqqabuudha. Kanaan ol jira natti hin fakkaatu. Garuu warri carraan kennameef qaqqabanirraa maal baratan? Galgallii angafoota isaanii maal akka ta’e, waggaa 25 keessatti arganii jiru. Achuma gaheen badaadha. Waan hundaafuu,  galgala na tolchi  wayya. “Waraabessi nama nyaachuu manna, nyaatanii falachuu wayya…” isiniin jechuu barbaada barreeffamni kun.

12.5.2. Warra beekumsiifi hidhannoon siyaasa isaanii aangoof hin heeyyamneef. Kan  isaanii ammoo dinqiidha. Jireenya darsaa raasanii jiraachuu maal isaaniif fide? Hojiin lammii gadadummaafi garbummaatti hambisanii jiraachuurraan kan hafe. Hojii biroo hojjatanii jiraachuu hin danda’an. Hundi keenya bakka jirrutti of haa ilaallu. “Tortoraan tortoruu dharradhaa…” isa jedhamutu isin bira jira.

12.5.3 Warraa karaan qabsoo uummata Oromooti jedhanii odeessan. Dhugaa bu’ureffannee yoo ilaalle warri kun hin jiran. Tasa yoo jiraatellee hanqina sammuu qabu. Waggaa 25 keessatti olola siyaasaaf osoo hin ta’iin qabatamaan uummata Oromoof maaltu bu’ee? Mee dhugaa haa dubbannuu, qubeen afaan Oromoo akka dagaaguu moo akka quucaraa’u hojjachaa jirtu? Mul’ata ABO addatti qabattan malee, bara 19 84 fi 85 A.H. nama qubee barate ajjeesaafi hidhaa hin turree? Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta’uu hin qabu jedhee kan mormaa jiru Dh.D.U.O miti? Irreecha uummata deemu hidhaa hin turree? Siidaafi lafee gootota calanqoo Harariif kennitanii Jogolitti hin galchinee? Finfinneen kan Oromoo miti jettanii Adaamatti hin gallee? Uummanni Oromoo didee isinirraa garagallaan akkuma makamuu bartan makamtan malee. Namni dirree qabsoo keessa jiru hin beekne, dursee qabsaa’uu hin qabu. Maal hojjachaa akka jiru, maal fiduuf akka hojjatu, tooftaa akkamiin akka fiduu waan hin beekneef. Maalirraa dhaabbatanii karaan qabsoo uummata Orommo kana jedhanii yaadu? Kanaafuu of ilaaluufi of sakatta’uun barbaachisaadha. “Raatuun dallaa horii keessatti bishaan kuusti…” fakkaata hojiin keessan.

12.5.4    Warra Oromoo hin taane, Oromoo quucarsuuf miseensa dhaabchaa ta’an

Warri kun kaayyoo lama qabatanii deemu. Inni duraa uummata Oromoo adoochanii, quucarsanii bitiinsa bara dheeraaf mijeessuudha. Inni lammaffoo jiruuf jureenya isaanii fooyyessuuf uummata Oromoo saamuudha. Jarreen kun maqaa dhaabchaan kakachaa kaayyoo dhokataa dhaabbataniif saffisiisaa jiru. Warra isaan ijaaree faana hariiroo addaa qabaachuun ilmaan Oromoo miseensa dhaabchaa ta’an quucarsuudha. Hidda isaanii dhaabcha keesatti harka lafa jalaan babal’ifachaa jiru. Fayidaa ilmaan Oromoo karaa adda addaa doomsuun beekamu. 

13            Yaadaa Furmaataa

1.      Lagaan wal qooduu dhiisuun, fayyidaa uummata Oromoo eegsisuuf tooftaa qabsoo mataa ofii kalaqachuu qabdu.

2.      Ajaja waalittinaafi caasaa ijaarsa hin hordofnee fudhachuu dhiisuu. Ajaja heera, seera, qajeelfamaan ala ta’e diduudha. Waa’ee uummata Oromoo abbaan mirgaa yeroo ammaa dhaabcha ta’uu beekuun ajaja kamuu dura dhaabbachuu,

3.      Hayyoonniifi dhalli Oromoo baruumsa olaanarra jirtan, keessattu biyya ambaa kan jirtan qo’annoon keessan jiddu gala “Africa horn and Oromo sociopolitics, geopoltiics, cultural…” kan jedhutti xiyyeeffadha. Addunyaan qorannoofi ragaarratti hundaa’aa jirti. Dhalli Oromoo kitaaba dubbisnu abbaan fedhe yaa barreessuu yaada, mala qo’annoo isaafi dhaamsa isaa ilaaluun barbaachisaadha.

4.      Qabsaa’aa dhugaaf dhaabcha keessaafi alan jiran tumsa gochuu qabdu. Alagaaf wal laachuu dhiisuu

5.      Haada Oromoon fannistanii qaltan boru haadchatti alagaan isin fannifti. Kanaafuu, hanga isiiniif danda’ametti saba keessaniif tumsaa.

6.      Dargaggoorratti hojjachuu:qoranii baasuu, utubuu, rakkoo jiruuf dargaggoo damdamatuu qopheessuu

7.      Saamchaafi duula lafa Oromoorratti gaggeeffamu adda durummaan qabsaa’anii dhaabuu

8.      Afaan danda’uu qofaan alagaa gaggeessummaatti fiduu dhiisuu

9.      Mormitoota ciccimoo paarlaamaa biyyoolessaa keessaatti baayyisuun al kallattiin sagaleen saba isaanii akka dhagahamu gochuu,

Walumaa galatti, barreeffamni kun fayidaa uummata Oromoo karaa itti eegamu akeekuu irraan kan hafe, olola siyaasa kamuu gaggeessuf yaadame miti. Rakkina armaan olitti ka’aniifi yaada furmataa taa’an wal hubachiisuun, yaada waliif hiruun, karaa walitti agarsiisuuf, marii keessoo ofii taasisuuf, karaa filatamaatti wal bobbaasuuf yaada burqeedha. Dhimma kanarratti gumaachi lammii bakka jiranitti wal mararfachuu, yaadaafi humnaan wal cina dhaabbachuu, dhiiga, lafeefi lubbuu waliif kennuun wal baraaruun, cunqursaa suukanneessaa gaggeeffamaa jiru irratti wal cina dhaabbachuun fala kennuuf. Birmannaa kanarratti dirqama saba Oromoo hundaati. Adda durummaan miseensa Dh.D.U.O ti.

 

Yaaddachiisa:- Tuqaaleen armaan olitti ka’an kallattiin argee, ilaalee irraati. Namoonni, qo’annoo addaa dhimma kanarratti qaban yoo yaada dhiyeessan barachuuf qophiidha. Dogoggora jiru hundaaf na hoofkalcha!

Ulfaadhaa! sifa isiiniif haa ta’u!

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved