Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Yaadannoo imala gara Kamisee Kutaa 2ffaa


Fedhasaa Taaddasaatiin


Imala koo tibbana Finfinneerraa ka’ee gara Kamiseetti imaleen yaadannoo daandiirraa Kutaa 1ffaa isiniin ga’een ture. Achi keessatti jechoota Afaan Oromoo amarooman asii gadii kana isiniif ibseen ture.
Darbi Bira = Dabira Biraan
Darbii Seeni = Dabira Siinaa
Shawaa Roobe = Shawaa Roobit
Haxaaye = Haxaayye
Caffaa Roobee = Caffaa Roobit
Laga Borkanaa = Laga Borkannaa (kutaa 1ffaa keessatti osoon jijjiiramuusaa hinibsinan darbe malee jarri akkasitti waamti. Borkana jechuun afaan Oromooti. Waan borii agarsiisuudha. Isa kana ‘Borkannaa’ jedhanii hiika dhabsiisan). Maqaaleen kunniinis isa amaarome kanaan waamamaa jiraachuu hubachuun gaariidha.
Xumura kutaa darbeerrattis … akkuma Laga Borkanaa ceeneen ‘Odaa Garaadoo’ agarre.
Bakka Oromoon Walloo itti seera tumatu, itti irreeffatus daawwannee darbine. Achiis Magaala Qalloo (Aanaa Dawwaa Caffaa jala jirtu) keessa qaarinee xiqquma deemuun barjaa “Baga nagaan dhuftan!” jedhu agarre. (Shamarran Walloo lama dhaabatanii… “Anaa dhufu!” waan jedhan fakkaatu miira gammachuun -suura). Magaala Kamisee seenne! 

Kutaa 2ffaa
2. Godina Oromoo Walloo 
Magaalaa Kamisee seennee gamoo babbareedoo sana daawachuu eegalle. Akki yaadaa dhaqneefi itti argine adda adda ta’e. Magaalli Kamisee magaalota buleeyyii dursuuf waan dorgommee qabatte fakkaatti. Daandii aspaaltii kutee keessa qaariyuun keessatti dhagaa soofameen faayamtee dhukkees tahe dhoqqeen nutti hinmullatne. Xiqquma deemnee buufata konkolaataa geenye! Konkolaataa keessaa bunee Qeerroo Kamiseen simatamne. 
Oromtichaafi Ahmad lama ta’anii nutti as adeemu. “Isin warra Finfinnee dhufee? Hiriyaa kootu bilbila keessan naaf kenne. Kan daandiirratti isiniif bilbilaa ture ana; Oromtichan jedhama” jedhe harka na fuudhee! Anis maqaa koo itti himeen walbarre. “Haaya! Homtuu rakkoon hinjiru! Waan isin dhuftaniif haala isiniif mijeessina kan nuun jedhe Oromtichi hoteela Abeneezeritti baajaajiin nufudhatee sokke. Dhaqee siree nuuf qabee laaqana nu nyaachise. Itti fufuun Kamisee nu daawwachiisuu jalqabe.
Laaqana keenya nyaannee waajjira Aadaafi Tuuriximii Godina Oromoo Wallootti waliin sokkine. Yeroo achi geenyu ijoolleen keenya ka’anii nu teessisan. Dursee kan biiroo ofiitti nu simate I/G Biirochaa Obbo Ahimad Hasan turan. Maaliif akka deemnu itti himnee ragaa isaan biraa argachuu dandeenyu yoo qabaatan gaafanne. Isaanis, namoota waliin hojjetan waamanii ragaalee nuti barbaannu akka nuuf kennan itti himan. Kan biraafis eessa eessa dhaquu akka dandeenyu odeeffannee booda deebinee akka fudhannu itti himnee gara Biiroo Barnootaa Godinichaatti darbine.
Warri biiroo barnootaas simatanii nu teessisan. Dhimma barnoota Afaan Oromoon walqabatus waliin mariyanne. Waan gaarii jajnee rakkoo jirus qeeqne. Rakkoon nutti mullati kitaabni LAGIM asii haqamee achii hojiirra jiraachuudha (boooda ittio deebina). Ragaalee isaan biraa argachuu dandeenyu gaafanne. Waan nuti barbaanne sadarkaa barreeffamaan nuuf kennuu dadhabanis eessaa maal akka argannu karaa waan nu agarsiisaniif galateeffannee, Itti Gaafatamtuu barbaaduuf akka deebinu dhaammannee gara Kolleejjii Barsiisota Kamiseetti darbine (Guyyaa 2ffaatti hoggantuu waliin mariyanneerra). 

Kolleejjii Kamisee keessatti barnoonni Afaan Oromoofi Afaam Amaaraatiin kennama. Barattoonni naannoo Oromiyaafi Godina Wallootii dhufan Afaan Oromootiin barnoota hunda baratu. Muummeen Afaan Oromoos nijira. Sana odeeffannee abdii egeree tilmaamneetu gara walakkeessa magaala Kamiseetti deebine. Takka magaalattii daawwannee gara bakka siree qabanneetti deebine. Qeerroon nu waliin deemsa eegalan nurraa adda hinbaane. Dhiyaana nu nyaachisanii bakka ciisicha keenyaan nu gahanii gara bultii isaaniitti deebi’an. Lafti bariinaan kaanee magaala Kamisee daawachuu itti fufne. Ragaalee barbaannu birattis waa’ee Oromoo Kamisee namoota gaafachuu jalqabne. Namoonni nuti gaafannus “As kan jiraatu Oromoo Wallooti. Oromoon walloommoo godinicha guutuu keessa jiraata malee kamisee keessa qofa miti. Kamiseen maqaa magaalaati malee maqaa gosaa miti, Gosni Oromoo lafa kana jiraatuu Walloodha”jechuun addaan nuuf baasan. 
Akka isaan nuuf ibsanitti Godinni Walloo yeroo ammaa Naannoo Amaaraa jalatti bulaa jira. Kunis yaadannoo yeroo dhiyooti malee duraan Naadhuma Oromiyaa akka ta’e nuuf ibsanii, ergasiis Oromiyaatti deebihuuf deddeebi’anii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaafachaa akka turan odeeffanne. Ammallee fedhiin isaan qaban sanuma!
Kun utuu kanaan jiruu Godinni Walloo Bulchiinsa Magaalaa Lamaafi Aanota shan akka ofkeessaa qabdus addaan baafannee jirra. Bulchiinsonni magaalaa kunneen Kamiseefi Baaatee yommuu ta’an, aanaaleen shaman Aanaa Dawwee Haarawaa, Arxumaa Fursii, Jiillee Dhummuugaa, Aanaa Baateefi Aanaa Dawwaa Caffaati. Kanneen tokko tokkoon asii gaditti gabaabinaan ibsuu yaala.
2.1 Bulchiinsa Magaala Kamiseefi Baatee
Bulchiinsonni magaalaa lammanii kun kantiibaa mataasaaniitiin bulu. Baajannis akkuma aanaaleetti ramadamaaf. Bu’uraalee misoomaas baajata ofiittiin ijaarsifatu. Fkn. Daandii dhagaa soofamaa (kibble stone) isaantu diriirfata. Lachanuu keeyyattoota itti aanana keessatti ibsamanii jiru.
Bulchiinsi Magaalaa Kamisee ganda 07 qabdi. Gamoowwan gurguddaan faayamtee kan jirtuufi guddinnishee daran kan nama ajaa’ibudha. Magaalaa kana keessa Soofiyaa kan jedhamtu haadha qabeenyaa beekamtuutu keessa jiraata. Aadde Soofiyaan Oromoo sabboontu akka taates odeeffannee jirra. Qabeenyi magaalaa kanaa hedduun namoota biyya Sawid-Arabiiyaa deemanii hojjetanii deebihaniin horatame jedhama. 
Kana malees, galmi Abbaa Gadaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ijaarame magaala kana keessatti argama. Galmi kun bara Bulchiinsa Abbaa Duulaa akka ijaarames odeeffannoon jiru ifa godha. Qilxuun guddichi bakka waldaan dagaagina gumii aadaa, duudhaafi seenaa Oromoo Walloo seera itti murataa tures magaalaa Kamisee kana keessatti argama. Bakki kun yeroo ammaa callisee harka mootummaa akka jirus hubatamee jira. Jechuun tajaajila duraan laachaa ture akka dhorkamedha kan odeeffanne. Bakka kanaan jarri ar’a ‘Waarqaa Mannaaffashaa’ jechaanii jerti.
Dabalataanis, magaalli Kamisee gola Induustirii jedhamuuf waan dabaree qabatte fakkaatti. Warshaalee akka Shonkee Pilaastikii, Daakuu Zahaaraa, Bu’aa Aannan Soofiyaafi kanneen birootu akka ko’omanitti oolu.
Magaaluma kana keessa Laga Warqeetu jira. Lagni kun ganda 04 maddii gadi yaa’ee qaacuriin addaan kutee darba. Lagni kun ganna baay’ee guutee nama sodaachisa. Fakkeenyaaf bara 2003 namootaafi qabeenya baayyee nyaate sokke jedhama. Walumaagala, magaalli Kamisee baay’ee bareedduufi hawwattuu kan taatedha.
Bulchiinsa Magaalaa baatee magaalaa Aanaa Baaatee keessatti argamtu taatee sabaafi sablammiin baay’een kan keessa jiraatudha. Sablammiin biyya Itoophiyaa magaalaa kanaa dhibe jira jechuun nama rakkisa. Kana malees, magaalli kun mimmixa naannoo garagaraattu fe’umu daldalti. Mixmixi kun aanuma kana keessatti omishamee gabaaf dhiyaata. Magaalaa baatee keessatti seenaan godaannisa oromummaas nijira. Kunis, saqalaan namni itti fannifamaa ture har’umallee achi keessa dhaabateetu jira (eenyutu achitti fannifamaa turee warra seenaa qorataniif dhiisnee darbuu wayya). Magaalli kun gola bareedinaatis jedhamti. Durboonni babbareedoon aanaa kanaa ol yaa’an guyyaa gabaa jaarsaafi dargaggeessa fajachu. Kanaafuu magaalaan baatee bareedinaan baay’ee beekamtuudha jedhama.

2.2 Aanaalee Godina Oromoo Walloo
Godinni Oromoo Walloo Aanaalee shan ofkeessaa qabdi. Dhimmoonni gargaraa waa’ee Oromoo calaqqisiisan waan jiraniif waa’ee aanolee kana ibsuun barbaachise. Aadaa Oromoo isa ganamaatu aanolee kanneen keessa kunuunfamee jira. Kanaaf qorattonni aadaa bakkeen kanneen byoo deeman raga quubsaafi eenyummaa Oromoo isa ganamaa (originnana) tahe argachuu akka dandahan ragaa hedduutu jira. (Qorattoonni ganda dhaloota keessanii qofatti xiyyeeffattan moggaa kanattis akka baatan isin gaafa).
1. Aanaa Dawwee Haarawaa
Aanaan kun ganda 11fi magaalaa 2 qabdi. Lagni qaraaruus aanaa kana keessaa lola’a. Kana malees, goota Hasan Ammee (Zarraaf -maqaa maddee inni qabu) achitti dhalate. Gootni kun koloneeffattoota Habashaa miilla tokkoon dhaabe jedhama. Keessumaa bulchiinsa Haayila Sillaase akkuma qeerroo har’aa kokkee qabe. Kan isa onnachiises Aadde Aminaat Abdoo kan jedhamtu intalshee wajjin gabaa dhaqxeee “Meeqa kun?” jettee rifatte. Naatee intalasheetti galagaltee, “Intalo afaanicha keenya manaa sana fidee asitti dubbadhee sis ajjeesisee ofis galaafadheen oole,” jette. Sababnisaa, namni Afaan Oromoo dubbatu yeros nifannifama ture. Kana yeroo dhaga’us, gootichi qabsoorra jiru bosonaa bahee magaalaatti seenee kaabinee Ciqaa Shuumii akka jiraniin mulluc godhe jedhama. Injifachuu yeroo dadhabanis, Sheekii tokko itti erganii araaraaf akka dhufu waaman. Yeroo inni araaraaf dhufus ajjeesisan jedhama. Seenaa Abiishee Garbaan waluma fakkaata.
Aanaan Dawwee Haarawaa teessuma sheekotaati; masgiida umrii dhibba 4 ol tahu qabdi jedhama. Kana malees kan jarri “Masgiida jinniin ijaarte” jettu achi keessa ijira. Dhagaa olfuudhamuu hindandaa’amnetu walirra nam’ee ijaarame. Sana dhuftee yeroo argitu, “Masgiida Jinniin ijaarte” jette. Isaan beekumsi akkasii Oromoo keessa akka jiru beekamtii kennuun itti ulfaata! Kanaaf waan jinniin hojjette fakkeessanii ibsuu fedhu malee, masgiidicha Orom-duriiu ijaarrate (Kan hafe qorattootaaf dhiisa). 
2. Aanaa Jiillee Dhummuugaa
Aanaa kana keessatti magaalaa sambatee, kan gabaa sambatee jedhamuun ho’itutu jira. Gabaan Sambatee tuuristootaan nidaawwatama. Miini aadaafi midhaan gosti garagaraa gabaa kanaa nidaldalama. Sanatu bakka daawwii turizimii taasise.
Bishaan lagni awweetuu (ho’aa) aanaa kana keessa jirti. Bishaan kun ho’ituudha. Namoonni dhibee garagaraa qabanillee dhaqanii itti dhiqatanii fayyu. Aanaa kana keessa gandi Dullachaa qeerroo qabsoo finiinsan akka qabdus odeeffannee jirra. Madda egeree dhalootaati jechuudha.
3. Aanaa Dawwaa Caffaa
-Aanaan kun ganda 26 qabdi. Masgiidaafi mandara shonkee kan jedhamanis aanuma kana keessatti argamu. Argobbaan aanaa kana keessa baay’inaan qubatanii jiraatu. Bosona riqee aanuma kana keessatti argama. Bosona kana keessa olqa “Alam-baqqaa” jedhamutu jira. Bakka kanatti dur nama ajjeesanii… keessatti gatu jedhan. Eenyutu eenyuun ajjeesaan moggaasuma bakkichaan hedamuu danda’a. (Sanyii daguuggaa askeessatti raawwatamaa ture kun hojii qorattoota seenaatiin akka ifoomu irratti hojjetamuu qaba.) Holqi ‘Alam-baqaa’ kun ganda riqee galaanaatti argama. Galaana irreessaa kan jedhamus asuma keessa jira. Bishaan fincooftuu gaaraa gadi bubbusutus qabdi aanattiin. Garuu, bakkeewwan seena qabeeyyiin kunniin misoomaaf hinoolle hanga yoonaa. Bishaan aartuu boorkannaa (bor kana) jedhamus asi keessa bubbisa. Odaan Gaarradoos aanuma kana keessatti argama. Kana malees, Masgiidi Turisinaa kan bara 2009 bakakkaan daanamee gubates aanaa kana keessa ture. Walumaagala, aanaan Dawwaa Caffaa gola seenaafi aadaa ummata Oromoo Wallooti jechuun nidanda’ama. Garuu, hanga yoonaa misoomaaf hinoolleef malee. 

4. Aanaa Arxummaa Fursii
Aanaan kun magaalaa Caffaa Roobit jedhamtu kan of keessaa qabdu yommuu ta’u, bakki awwaala Vaatii Qomboorroos asuma keessa jira jedhama. Vaatii qomboorroo eenyu akka ta’e yeroo biraa qorannee ifoomsuu yaalla. Ammatti odeeffannoo qulqulluu ta’e hinarganne.
5. Aanaa Baatee
Aanaa baateen gola durboota babbareedoo qabdu waan ta’eef aanota godina kanaa keessaa bakka burqaa bareedinaati jedhamti. Baay’ina ummataanis nicaalti. (Bulchiinsa magaalaa baatee keessatti ibsa gabaabaa kenname ilaaluun ga’aadha).
(Kutaa 3ffaa Barnoota Afaaan Oromoo sirna LAGIM kan Wallootti baratamaa jiruun na eegaa!)
Naaf Jiraadhaa!

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved