Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Dhuguma Itoophiyaan isaanii biyya haadha hundaatuu ta’uu dandeessii?

Abdii Boruutiin

Gaafii akka mata dureetti dhiyaate kanaaf deebii otuu hin barbaadin dura, mee gaafii tokko kaasuun barbaada: Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) wajjin walqabsiifnee yoo ilaallu, Oromoon biyyattii ykn maqaa ishii kanarraa rakkoo qaba moo, sirna siyaasaa biyyattii ykn namoota sirna kana gaggeessanirraa rakkoo qaba? Biyyattiin tun maqaaa feete haa qabaattu; maqaa haaraallee moggaafattee ittiin haa yaamamtu; hamma sirni gabrummaa, kan bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa ishii keessatti ijaaramee hidda cimaa baase, kun hundee isaa wajjin buqqisamee hin badnetti impaayarittiin tun haadha saboota hundaatuu ta’uu hin dandeessu. Kanaaf, QBOnis kan xiyyeeffatu isuma kanarratti malee, maqaa biyyattii kanarraa rakkoo waan qabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, maqaa kanaan miidhaa guddaan saba Oromoorratti waan godhameef ykn godhamaa jiruuf, maqaa’uma kanaa dhagawuu hin barbaadnu kan jennus yoo ta’e, kunis mirga keenya dha.

Dubbii kana ifa godhuu dhaaf, akkamitti maqaa kanaan (maqaa Itoophiyaatiin) uummata keenyarra miidhaan ga’e ykn ga’a yoo jenne, Habashootni galgalaa ganama maqaa kana faarsaa; tokkummaa biyyattii tanaatiif iyyaa; sababa kanaan qabsoo bilisummaa uummatoota cunqurfamanii dura dhaabbachuuf waan danda’an hundaa waan godhaniif, sirna ishii keessa jiru caalaa dura maqaa kanatu calaqqisee; sirni jiru kunillee akka itti fufu taasisa jechuu dha. Karaa uummata Oromootiin akkasumas uummatoota biroo, kan Habashootaan cunqurfamaniin yoo ilaalamu garuu, maqaa kanarraa jibba qabaatanillee ykn qabaachuu malanillee, kan isaan itti xiyyeeffatan sirnicha impaayaraatti malee, maqaarraa rakkoo waan qaban hin fakkaatu. Biyyattiin tun, maqaa kanallee jijjiirrattee maqaa biraa kan fudhattu yoo ta’e, hanga sirnichi hin diigamnetti maqaan kun fudhatamuu ykn fudhatamuu baachuun hiika hin qabu jechuu dha.

Gara gaafii mata dureetti deebi’uu dhaaf, biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun, akka teessoo lafa ishii kan ammaa (current geographical location) kanattis haa ta’u; yookaanis ammoo akka namootni tokko tokko barreessanitti, Itoophiyaa kibba Misraatti jalqabdee hamma Keeniyaatti bal’attus haa ta’u; karaa’uma fedheenuu haa ilaalamtu; dhugaan lafa kanarra jiru garuu, hamma sirnichi impaayaraa hin diigamnetti biyyi tun yoomiyyuu biyya haadha saboota hundaatuu ta’uu akka hin dandeenye dha. Jaalannus jibbinus dhugaan kun hubatamuu qaba. Tooftaa fi tarsiimoofi jennees wanti gowwoomnu fi walis gowwoomsinu jiraachuu hin qabu. Haa ta’u malee, gaafiin asirratti ka’u, “Akka sirni impaayaraa kun diigamu; akka biyyi tun haadha hundaatuu ta’uu dandeessu, maaltu godhamuu qaba?” kan jedhu ta’a.

Gaafii’uma “akkamitti?” jedhu kana duraa’iyyuu gaafiin: “Impaayarittiin tun sirni ishii diigamee, biyyatiinis haadha hundaatuu ta’uu dandeessii?” kan jedhu dagatamuu hin qabu. Dhimmi kun asirraa jalqabee ilaalamuu qaba jechuu dha. Yoo deebin gaafii kanaa “Eeyyen ni dandeessi” kan jedhu ta’e, kun gara gaafii “akkamitti?” jedhutti nama geessa. Yoo deebiin isaa “Lakkii hin dandeessu” kan jedhu ta’e garuu, gaafiin kanatti aanee dhufu, “maaltu godhamuu qabaree?” kan jedhu ta’a. Gaafii “ni dandeessi moo hin dandeessu?” jedhuuf deebiin ani, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti qabu, gabaabumatti, yoo mirgi hiree ofii ofiin murteeffannaa uummatootaa kan kabajamuu fi hojii dhaan agarsiifamu ta’e, “eeyyen ni dandeessi” kan jedhu ta’a.

Gaafiileen dhimma kanarratti ka’an garuu, akka cancalaa walqabatanii deemu; waan dhaabbatanii miti jechuu kooti. Maal jechuun barbaade? Dhimma hiree ofii ofiin murteeffachuu jedhurratti gaafiin ka’u, “kun akkamitti danda’ama?” kan jedhu ta’a. Gaafiin biraa kan ammas itti aanee dhufu, “Hiree ofii ofiin murteeffachuuf Habashoota wajjin hojjennee isa kana mirkaneessuun ni danda’amaa?” kan jedhu dha. Gaafiin kun garuu kan salphaa’umatti deebii argatuu miti; gadi-fageessanii hubachuu barbaada. Kan mooraa QBO keessattillee rakkoo ta’u gaafii’uma kana jedheen yaada. Gaafii kanatu gaafii guddaa mata dureerratti ka’etti nama geessa. Kan sammuu kiyya keessatti shakkii uumullee gaafii’uma kana dha. Shakkiin kun hoo eessaa dhufe ykn madde? Maaliif sammuu kiyya keessatti uumamuu danda’e? Asitti aansee ibsuun yaala.

Duraan dursee, wanta tokko kanan jechuu barbaadu, Habashootni wanti isaan akka du’aatitti sodaatan walabummaa Oromiyaa ti. Waayee kana ijaan arguun hafee, dhaga’uullee waan barbaadan hin fakkaatu. Adda Bilisummaa Oromoollee (ABO) kan amanuu dadhaban sodaa kana waan qabaniifi. Waayeen uummata Oromoo fi ABO yoo ka’u, jechi isaan dafanii dubbatan akkuma barame jecha Afaan isaaniitiin “magganxal” jedhu dha. Oromiyaan, Itoophiyaarraa cittee yoo walaba taate, biyyi Itoophiyaa jedhamtu jiraachuu hin dandeessu jedhanii waan amananiif, karaa danda’amu hundaan kaayyoo kana dhabamsiisuu barbaadu. Kun olola oofuu otuu hin taane, waan irra deddeebi’amee dhaga’ame fi argame; dhugaa lafa jiru dha. Walabummaan Oromiyaa garuu, akka yaadaatti, karaa lamaan argamuu ni danda’a: karaa hiree ofii ofiin murteeffachuu (refreendamii) fi lolanii diina injifatanii argachuu dha.

Kanaaf, Habashootni karaa lamaan kanaa cufuu fi balleessuu barbaadu. Qawwee dhaan lollee, diina keenya injifatnee walabummaa Oromiyaa argachuu ni dandeenya kan jedhu ammaaf akkuma jirutti dhiisee (yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a) gara hiree ofii ofiin murteeffachuu jedhutti deebi’ee, waan tokko tokko jechuun barbaada. Mee dhugaa haa dubbannu, Habashoota waliin hojjennee; isaan wajjin tumsa ijaarree; Wayyaanee kuffisnee; uummata keenya bilisoomsinee; sana booda ammoo uummatni keenya waan barbaadu akka murteeffatu; refreendamiitti geessina yaadni jedhu hafee; kanuma Wayyaaneen lafa keesse iyyuu “Article 39” yoo fudhanne, isuma kanaa dhabamsiisuuf Habashootni hammam akka carraaqan iccitii miti. Erga dhugaan kana ta’e ammoo, otuu humna keenya hin jabeessin; otuu tokkummaa keenya hin ijaarin; akkamitti isaan wajjin hojjetamee, mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu mirkanaa’uu danda’a?

Wanti biraa hafee, waanuma dhiyoo kana mul’ate akka fakkeenyaatitti yoo ilaalle, gaafii fi deebii ESAT Dr. Diimaa Nagawoo waliin godherratti wanti gaafataan sun dubbate ragaa ta’uu danda’a. Shakkiin isaan ABOrraa qaban dhokatee hin hafne. ABOn yoo Finfinnee gaye, walabummaa Oromiyaa labsuu ni danda’a; yookaanis ammoo, uummata Oromootiif filannoon yoo dhiyaate, walabummaa biyya ofii filachuu ni danda’u jedhanii waan yaadanii fi shakkii qabaniif, waayeen akkanaa akka hojii dhaan mul’atu hin barbaadan jechuu dha. Egaa, waayee kanarratti Habashootaan waliigallee; biyya takka Itoophiyaa takka, kan hundaafuu haadha ta’uu dandeessu ijaaruu dhaaf, ABOn kaayyoo ofii jijjiiruu qaba moo, Habashootatu dhugaa lafa jirutti amananii; mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa uummatootaatti amananii fi kabajanii fudhatu?

Kan biraa ammoo, marii fi haasawa yeroo ammaa ABO garee jijjiiramaa fi Ginbot 7 waliin godhamaa jiru ilaalchisee, haasa’a Obboo Amin Jundi walga’ii Dallas, Texas (USA) keessatti ta’erratti godhe dha. Akka nama tokkootti, akka yaada fi ilaalcha dhuunfaatitti yoon ilaalu, haasofni Obboo Amin godhe badaa hin turre. Wanta inni dubbate keessaa inni tokko (dhugaan tokko) biyyattiin Itoophiyaa jedhamtu tun, akka Habashootni “innaat hagar” jedhanitti hundaafuu haadha akka hin ta’inii dha. Kuni dhara miti. Otuu hundaafuu haadha taate; otuu hundaa walqixxeessitee akka ijoollee ofiitti ilaalte, rakkooleen hin uumaman turan; qabsoon bilisummaatuu hin jalqabu ture jechuu dha. Kanaaf, haadha hundaatuu ta’uu dadhabde. Akka haala amma jiruutitti, gara fuulduraallee haadha hundaa ta’uun ishii shakkisiisaa dha.

Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, warra jijjiiramaa qeequufii miti; Habashoota waliin hin haasa’inaa; wajjin hin hojjetinaa jechuufiis miti. Gaafiin banaa ta’ee jiru garuu, Habashootni waan barbaadani fi hin barbaadne; fedhii fi kaayyoo isaanii ifatti nutti himaa otuu jiranuu; balleessa kanaan dura godhamellee otuu yaadannuu fi beeknuu; maalirratti waliigallee, wajjin hojjenna jennee isaan waliin tumsa ijaaruu barbaaduu dha. Nutu kaayyoo keenya jijjiira moo, isaantu kan isaanii jijjiira? Yookaanis ammoo, gara lamaaniiyyuu (Oromoo fi Habashaa) kaayyoo keenyarraa hir’ifnee waan jiddugaleessa ta’e fi hundaafuu furmaata walii ta’u tokkorratti waliigaluu ni dandeenya yoo jedhame ammoo, kaayyoon akkanaa kun maali? Kaayyoon akkanaa kuni hoo Itoophiyaa haadha hundaa ta’uu dandeessu ijaaruu danda’aa?

Mee ammas waayee’uma gaafii fi deebii ESAT Dr. Diimaa waliin godhetti deebi’uun barbaada. Akka waan Dr. Diimaan jedhanirraa hubadhetti, baroota jalqaba sagaltamaarra, keessumaayyuu ammoo bara 1991, otuu sirriitti itti hin qophaayin; otuu humna ofii sirriitti hin cimsin; Habashoota (Wayyaanota) wajjin hojjechuu yaaluun hammam akka nu miidhee dha. Wanti dabre sun silaa har’a barumsa guddaa nuuf ta’uu qaba ture. Har’as kan dabrerraa barachuu garuu waan dandeenye natti hin fakkaatu. Of duuba garagalanii otuu hin ilaalin; bitaa fi mirga otuu hin mil’atin; baddaa fi jala otuu hin ilaalin; keessaa fi ala otuu hin hubatin; haala keessa jirru sirriitti gadi-fageenyaan otuu hin xiinxalin; diina’uma waloo hamaa amma jiru kana (Wayyaanee) kuffisuuf jennee; waan boru rakkoo nutti fiduu danda’u dalaguun furmaata bu’uraa waan fidu natti hin fakkaatu.

Egaa, barruu kiyya xumuruu dhaaf maal godhuu qabna? Rakkoolee keenyaaf mala ykn furmaata argachuu dhaaf, akka heerragaa foormulaan hin jiru. Ani akkuma yeroo biraa ammas kanan jedhu, furmaatni fi malli guddaan inni duraa, tokkummaa ilmaan Oromoo ti. Tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaa ti. Humna cimaa diina injifatu uumuunillee ammaaf yoo dadhabame, sagalee tokko dubbachuu danada’uu dha. Karaa danda’amu hundaan humna ofii jabeessuu fi cimsuu dha. Humna ofii cimsuun ammoo, waraana (WBO) cimsuu qofaa miti. Kaayyoo tokkorratti waliigalanii; sagalee tokko dubbachuunuu humna ofii cimsuu ta’a. Wanti hunduu asirraa jalqabu. Yoo tokko ta’an; sagalee tokko dubbatan; uummatni bal’aanis nama duuba hiriira. Akka uummatni bal’aan nama duuba hiriiru garuu, kaayyoo fi adeemsa ifa godhuun dirqama ta’a.

Dhumarratti, kophaa kophaa deemuun; mooraa fi humna ofii otuu hin cimsin; projektii hin milkoofne yaaluun miidhaa fi gaaga’ama fida malee, furmaata bu’uraa ta’uu hin danda’u. Tumsa alaa barbaaduun waan hin oolle ykn hin hafne ta’uu danda’a. Haa ta’u malee, tokkummaa fi tumsa mana ofii otuu hin ijaarini fi hin hin cimsin gara biraa deemuun, bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Uummata keenya gara gara hiree; mooraa keenya laaffisee; kan diinaa cimsa malee, karaa rakkoolee keessaa nu baasee; qabsoo keenyas galii hawwameen ga’u waan ta’u hin fakkaatu jechuu kooti. Kan dabrerraa yoo baranne malee, wanti fuulduratti dalagamus akkuma kan dabre sanaa ta’a. Kanarraa of eeguu qabna. Adeemsa keenya sirreessuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, murteessaa dhas. Akkuman barruu kiyya kan kana duraa keessatti ibse, akkuma Habshootni “boombii boru dhoowuu danda’u harkatti qabatanii waliin haasa’uun tokkummaa Itoophiyaa gaaga’a” jedhan, nuyi hoo maal haa jennuree?? Otuu itti hin qophaayin, waan boru rakkoo nutti fiduu danda’u har’a yaaluun qabsoo bilisummaa keenyaa hin gaaga’uu? Deebii gaafii kanaa dubbistoota barruu kiyyaatiif dhiisuun barbaada.

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved