Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Uummanni Oromoo Heera Itiyoophiyaan Baaftetti Fayyadamee Beekaa?

Qarree Amboo irraa

Seensa

 Biyyaa Itiyoophiyaa keessatti heeronni hedduu tumamaniiru. Kan biyyoota kaanirraa adda isaan taasisan gara hojiitti osoo hin jijjiiramiin hafuu isaati. Biyya lafaa kanarraatti heerriifi seeronni jaarraa 21ffaa keessatti tumaman wal qixxummaa mirkaneessf malee, loogii ittiin uumuuf miti. Heerrii barreeffamaan heeyyama kenne itti fayyadamuun yakkamaa nama gochuu hin qabu. Yoo waraqaa gubbaa taa’ee ittiin goyyoomsuuf qophaa’en ala. Kanaaf ammoo, heerri biyyaa Itiyoophiyaa beekamaadha. Seenaa kaleessa ture ilaaluu barbaachisaadha. Mootiin H/sillaasee bara 1923 A.H heera qopheesse hojiirra osoo hin ooliin bara 1948 A.H keessa foyyeessuuf yaalame. Fooyyeessee osoo ittiin hin hojjatiin jige. Dabareedhu ta’eetu Dargiinsi heera wayii 1980 A.H tumatee osoo hojiirraa hin ooliin waliin awwaalame. Heeroonni jara lachuu sabaafi afaan irratti waan bu’uureffamaniif Oromoo fayyaduu hin danda’ani.

Ittuma fufamee bara 19 87 A.H ADWUI heera baase hanga yoonatti karaa sirrii ta’een uummata Oromoof osoo hin fayyadiin goyyoomsaafi ololaaf ta’eera. Bara kana ammoo heercha jallisanii fayyadamuutu ammaate. Karaa kanaan, uummata Orommoorratti duguugama fidaa jira. Uummaanni Oromoo heercha fayyadamuuf ifaajja hedduu taasiseera. Kan danqaraa itti ta’e, Dh.D.U.O Oromiyaa bulchaan jira jedhuudha. Heerchii Dh.D.U.O osoo fayyee, Oromoonis ni fayyadamaa ture. Akka maqaaf heerchi bara 1987 A.H tumame kan sablammii hundaatiin ololamullee Oromoorraatti gaaga’ama cimaa fideera. Barreeffamni kun dhaaba siyaasa Oromiyaa keessatti heercha kabachiisaan jira jedhuun Oromoo ilaala.

Kaayyoon barreeffama kanaas: miseensonni Dh.D.U.O mirga Heeraafi Seera kennameef itti fayyadamuu maaf dadhabani? Heerriifi seerrii yoo namaa heeyyame akkamiin yakka ta’a? Maddisaa maalinni? Osoo mirga heerriifi seerri kennetti fayyadamnee bu’aa maal fa’aati Oromiyaan argatti? Gara fuula duraatti akkamitti fayyadamuu danda’ama? Yaada jedhu ummata bal’aa Oromoo, hayyootaafi keessattuu miseensa Dh.D.U.Otiif yaadcha kaasuun akka marii irratti gaggeessanii haqina jiruuf fala yaadaniif qofaadha. Barreeffamchi marii yemmuu jedhu, marii durgoof, wal leellisuuf, wal adoochuufi wal cabsuuf waggaa digdamman darban lakkaa’ame jechuu miti. Marii keessa ofiin, jijjiiramaaf haqa saba ofiif dhaabbachuu jechuudha. Barreeffamni kun ija kanaan akka ilaalamun gaafadha. Fayidaa uummata Oromoo karaa itti eegsisu dharra’uurraan kan hafe olola siyaasa kamuu gaggeessuf yaadame miti.

Ka’uumsa Yaada Bu’uuraa

Mirgi heerri biyyitti heeyyamerraatti gaggeessitoonni Dh.D.U.O dhugaa dubbachuuf arrabatu xaxama. Waan hin jirree odeessu. Fakkeenyaa: Heera biyyittii keeyyata 49(5)’rratti Oromiyaan Finfinneerraa fayidaa addaati argatti jedha. Maaliif? Namni2 dubbisee hin hubatuudha moo, gaggeessitoonni ofii isaaniif hin hubanne. Kun lachuu waan fakkaatuu miti. Ka’uumsi barreeffama kanaas bu’uura kan godhate keeyyata kana.

Garuu, heerri keeyyata adda addaarratti mirga fayyadamuu kaa’ee hanga yoonatti hin kabajamiin hafan hedduudha. Keeyyata 43 wal qixaa misoomuu, Keeyyata 47(4) naannoleen miseensa wal qixa Federaalawaa ta’uu, Keeyyata 48 daangaa naannolee akkamitti murtaa’uu akka qaban, Keeyyata 50(8) kabajuu aangoo naannoolee fi kan kana fakkaatan kaasuun ni danda’ama. Finifinneen Oromiyaa liqmsuu qabdi hin jedhu. Osoo kana jedhee, galgala labsamee, ganama raawwatama. Garuu jechi isaa kun ammallee waan dhokataa qabaachuu hin oolle. Heerri kan jedhu waan biraa. Namniifi raawwiin kan agarsiisu waan biraati. Heera biyyittii keeyyata 44(1)’rratti hawaassi naannoo qulqullinaafi fayyaan eegame keessa jircchuu qaba jedha. Garuu guyyaa salaata, balfaa suumma’ee dhala namaa, beeladaafi naannoo suummeessu Oromiyyaatti dhangalaasuun dhiibbaa bara dheeraa booda fidu gaggeefamaa ture. Har’as finiinee gaggeeffamaa jira. “Yakki ilmaan habshaaf qulqullina.” Jedha barreessan kun. Fayyadamtoonni saboota birooti. Miidhamtoonni ammoo kallattiin Oromoofi Oromiyyaadha. Balleessii duguugama guddaatu gaggeeffamaa jira.

Hanga har’aatti babal’ina seeraan alaa Magaalaa Finfinneen qotee bulaa Oromoo Finfinneerra buqqisee jireenya gadadootti kuffisee jira. Osoo inni kun hin dhaabbattiin, dabalataan naannoo Oromiyaa hanga kiiloomeetirii dhibbaa Finfinnee jala galchaniiru. Filannoo booda labsuuf qophiirra jiru. Maqaan isaa Maasteri Pilaanii, Misooma, Koordara misoomaafi kan kana faakkaataniin buufaa jiru.

Gara yaada bu’uura barreeffamchi ka’eefti yoon deeb’u, Heera biyyittii keeyyata 49(5)’n erga tumamee raaawwiitti galamee ganni digdammi lakkaa’ameera. Garuu gaggeessitoonni gaaffii kana karaa kamiin deebisaa jiru. Deebiin isaa akkuma namaafi bakkaatti adda addaa ta’a. Walgahii tokko tokkorratti gaggeessitootaan deebii kenname armaan gaditti haa ilaallu:

a. Gaggeessitoonni olaanoo tokko tokko heerriifi seerri hin hayyamne jechuun waakkatanii sodaachisuun bira darbuu yaalaniiru. Arraba hin seelannee “Jaamanii jaamsuu nama baasuu…” jedha Oromoon

b. Kanneen biroo ammoo, heerarra jiraatullee qajeelfamaafi danbii adda addaa waan barbaachisuuf qopheessaa jirra jedhu. Har’as waggaa digdamaan booda. Gara fuula duraatti hojirraa oola jechuun sababa hin taaneen sodaachisanii bira darbuu yaalaniiru. c. Warri kaani ammoo, ummaata Oromoo waanni adda isa taasisu hin jiru. Kanaafuu, Finfinneerra fayidaa addaa waanti kennisiisuuf hin jiru jedhu. “Sa’a abbaan gaafa cabse….” Jedhama. Gaaffii akkanaa kaasuun sirrii miti jechuun kan heerriifi seerri heeyyameef sodaachisuun bira darbuu yaalaniiru.

 d. Warrri hafan ammoo, waanuma wal hin fakkaanne (Finfinnee keessa jiraanne, mana hojii finfinneetti ijaarranne, aadaa Oromoo finfinneetti ijaarree…” jedhuun waliitti xaxuun kennameeraaf, kabajameeraaf kanarra waanti barbaachisu hin jiru jedhu. Dubbiin baraa,“ Kan dandeessu dhaanii jennaan…” fakkaata. Gaaffii akkanaa kaasuun yakka jechuun sodaachisanii bira darbuu yaalaniiru.

e. Gaggeessitoonni sammuun ligdaa’e tokko tokko ammoo, ABOfi namoota ilaalcha kana qabantu heercharra dogoggoraan galche jedhu. Kun gaaffii dogoggoraati jedhu. “ Qabata damma daamuu biyyee arraabuu..” jedhama.Gaaffii akkanaa kaasuun mataa isaatiin yakka jechuun sodaachisanii bira darbu.

Walumaa galatti deebii gaggeessitoota murtaa’anii asirratti fakkeenyaaf kaa’uu yaaleera. Deebiin armaan oli kun, waa nama hubachiisa. Waanti arraba isaanirraa xaaxa’u hundi aangoorraa turuuf qofa warraa isaan ijaaree gammachiisuuf. Qaaja’anii nama qaajjessuuf deemu. Waanta fedhan yoo deebsan isaaniif sirriidha. Jecha isaanii kitaaba Qulqulluufi Quraanaa ta’uu isaati. Ittii gaafatamuummaa akka hin qabaanne agrsiisa. Namni isaan jala dhaabbatee deebiin kun sirrii miti jedhu, hanga isaaniif danda’ametti dhabmsiisaniiru. Ammas dhabamsiisaa jiru. Omaa miti! Dabareen ammoo, boru isaantu dhabama. Maddi rakkoo isaa maalinni kan jedhu armaan gaditti haa ilaallu.

Maalinni Maddisaa?

Maddii rakkoo kanaa waan hedduu ta’uu ni danda’a. Garuu waanti akka goorootti ilaalamuu qabu qofaa barreeffamni kun kaasuu barbaade. Heercha kanatti fayyadamuuf sabni Oromoo baayyee tattaafateera. Ammas tattaafachaa jira. Gara fuula duraattis tattaafachuun dirqama. Akka rakkoo isa guddaatti ilaalamuu kan qabu gaaffii mirga heeraatiif rasaasa deebisaa kan jiru dhaaba siyaasaa Oromiyaa bulchaa jiru waan ta’eef xiyyeeffannoon barreeffama kanaa garasitti luufee jira.

1. Gaggeessitoonni dhaabchaa yoo Heeraafi seeratti fayyadaman, karaa sirriin ijjannoo qabatanii deeman, deeggarsa dhaabaa duuba isaanirraa waan hin qabneef. Dhaabcha akka fedhanitti kan naanneessan warra isa dhaabe waan ta’eef, kan muudii jedheen ni muudu, kan buusi jedhanii ni buusu. Kanaaf heeraafi seeratti fayyadamuu hin danda’an.

2. Gaggeessitoonni dhaabchaa mirga heerriifi seerrii kenneef yoo sirriin itti fayyadaman jarri isaani ijaaran jallisuun taapheellaa hin jirree kennuufiin waan dhiibbaa irraan gahaniif ni sodaatu. Kanaafuu itti hin fayyadaman.

3. Gaggeessitoonniifi miseensonni dhaabchaa aangoorraa wal butuuf/wal darbuuf/ waanta wal jala yaa’aniif. Yoo tokko gaaffii sirrii kaase kanneen biroo, dhugaarratti hundatanii heeraafi seeraan deeggaruu dhiisnii, rukuchiisuun bira darbuuf waan miriixataniif amantaa waliirraa hin qaban. Kanaafuu itti hin fayyadaman,

4. Jarri isaan ijaaran, nama isaaniif ajajamu karaa addaa addaatiin waan qopheeffataniif. Fakkeennaaf:

 1. Tikeen dhaabcha keessa galanii kaadhimuurraa hanga filuutti waan deemaniif,

2. Jarrii isaan ijaaran, gaggeessitoota olaanoorraa jiran, harka keessa qabachuun jallisanii nama isaanii mijatu filchisiisaniif,

3. Namoota dhaabcha keessatti cimoo jedhaman karaa harka lafa jalan ‘maanoo’ wayii tuqisiisuun irratti odeessisuu, maqaa ajeessuu, fudhatama dhabsiisuufi kan kana fakkataniin waan takaalaniif itti fayyadamuu hin danda’an.

 4. Gaaffii mirga heeraa sabni yeroo hedduu ni kaasa. Deebiin rasaasa erga ta’ee tuttureera. Yaada kanarraa kan madde sabni keenya mataa isaatiin, gaggeessitoonni dhaaba kanaa mirga nuuf eegsisu yaada jedhuufi abdii waan irraa kutateef. IMiseensi dhaabchaas yaada kanaan waan marqamaniif boru yoo har’aman bakka itti galan yaadda’aniif. Itti hin fayyadaman.

5. Jarrii isaan ijaaran, gaggeessitootaafi namoota gaggeesssitootatti ol dhufan duraan dursanii sammuu adoochanii, haamlee isaanii yeroo gara yerootti cabcabsuun laamshessaaa bitu. Kanaafuu, itti hin fayyadaman.

6. Rakkoon inni cimaa tokko ammoo, dhaabcha keessatti dhalataa cimaa duubaan dhufu qaranii baasuu dadhabuudha. Dhalataa haarawaa duubaan dhufu, halaalatti qolanii quucarsanii hambisuun, warra bara dheeraa qabsoo lakkofsifnee jedhan achumaa achumatti wal suphuun jiraachuu barbaadu. Guddina saba ofii saffisiisuu keessatti kun qooda hin qabu. Jijjiiramni haarawaa hin dhufu. Kanaafuu itti hin fayadaman.

7. Dhaabchi tooftaa mirgaafi olaantummaa saba isaanii, kan mataa isaanii dabalatee, ittiin eegsisan waan hin qabneef. Sagaleefi mirgi saba isaanii karaa itti dhagahamuufi kabajamu siyaasa lafa jalaa hin qopheeffatan. Ilmaan habashaa heera, seera, qajeelfamaafi dambii waraqqaarratti agarsiisuun goyyoomsuu qofaadha. Waanti raawwatan sammuu isaanii keessa jira. Warra isaan ijaarerreefi karaa Federaalaa ifaafi dhokatan waan isaaniif darbu qofaan socho’u. Jarri kun ammoo waanti dabarsan hundaaf ifa jedheen yaada. Sababa dhaabni kun itti ijaaramee ABO hookkessanii qabachuu waan hin dandeenyeef ta’uu ni beeku. Osoo mormitoonni biroo Oromiyaa keessaa duguugamanii badanii isaanis akka jarri isaan ijaarte balleessitu wallaaluu isaaniti. Kanaafuu, waan ofii isaanii dubbachuu sodaatan karaa dhaaba mormitoota akka dhagahamuu gochuun karaa salphaa ta’ee osoo jiruu itti hin fayyadaman.

 Filannoon gaggeeffamu dhara akka ta’e ni beeku. Kanaafuu, maqaa mormitootaan dhala Oromoo reebuu, hojiirraa har’uu, hidhuufi ajjeesurra, human akka ta’uufitti filannoon bilisa ta’e akka gaggeeffamu taasisuutu isaanirra eegamaa ture. Aangoo isaaniif sodaatanillee mormitoonni hanga kudhanii shanii ciccimoo ta’an yoo paarilaamaa guutuu biyyaaf filataman akka isaan hin miine beekamaadha. Humna akka ta’aniif wallaalanillee. Garuu karaa kana fayyadamuu waanni isaan dhorke hin jiru. Tooftaa mata ofii waan hin qabneef itti hin fayyadaman.

8. Gaggeessitoonni olaanoo saba biroo ta’an dhaabchaa keessatti wal kuusanii waan jaraniif, jarreen isaani ijaarani waliin hariiroo addaa uummachuun, dhala saba keenyaa quucarsuurratti bobba’anii argamu. Kanaafuu itti hin fayyadaman.

9. Dhaabcha keessa namoonnii qubaan lakkaa’aman mirga heerriifi seerri kenneef fayyadamuuf ruuqa tokko tokko keessa dhokatanii ni jiru. Isaan garuu adda bahanii falmuun fayyadamuu hin dandeenye. Dhawata keessa sirrachuu danda’a jedhanii eegu. Dhawaata keessa waanti sirratu jira hin fakkaatau. Seenaan biyyitti dabarsiteefi har’a gaggeessa jirtuu yoo ilaalle, amala isaan eegan hin agarsiisu. Itti jabeessanii bituurraa kan hafe, waa sirreessuu hin barbaadan. Kanaaf itti hin fayyadaman.

10. Karaa biraatiin sablammoonni biyyaa Itiyoophiyaa jiran aangoofi faayidaarratti wal jibbanillee, waa’een Oromiyaa yoo ka’e ni firoomu. Diinni lamaan waliin dhaabbatu. Dubbiin ijoo wal jibba jidduu isaanitti uumee/uumu/ leecalloo Oromiyaa saammachuu dhabuudha. Jireenya fererreqaa kan jiraatan bu’uurri Oromiyaa akka ta’e adda baasanii beeku. Kanaafuu, kan Oromiyaaf ciisee bulu akka hin jirre hundi hubachuun of qopheessuun dirqama. Dhawaata keessa sirrata jedhanii warri eegan hubannoo kana horachuun dirqama. Barreeffama heerarran sirbisiisu, oduu sobaa, hanqina raawwitiin dhala keenya boochisu irraa kan hafe, itti hin fayyadaman.

Osoo Guutummaan Heeraatti Fayyadamnee Bu’aa Maalitii Argannaa Turre?

1. Aangoo ofiin of bulchuu, isa dhugaa ta’e naannoo ofii keessatti argachuu

2. Gaggeessummaa uummata bal’aafi mirga warra bicuu (Majority rule minority right) eegamuu

3. Qooda diinagdee biyyitti keessatti bakka guddaa argachuu

4. Aangoo gurguuddoo murteessoo federaala keessatti qabaachuu

5. Loltuu keessatti bakkaa murteessaa jedhaman Jeneraalotaa qabaachuu. Yeroo ammaa bakka murteessaa ja’atama keessa tokkorraa hin jirru.

6. Afaan Oromoo, Afaan federaalaa taasisuu

7. Magaalaa Finfinnee keessatti Aangoo gaggeessummaa harka shantamaa ol argachuu

8. Fayidaa finfinneerraa argachuu qabnu argachuu

9. Dirree daawaa naannoo Oromiyaa jala ta’uu

10. Harariin Aanaa addaa Oromiyaa ta’uu

11. Daangaan Oromiyaa karaan hin ciramne hin jiru: Bale, Boorana, Gujii, Harargee bahafi dhihaa, walloo, Arsii, Shawaa bahaa, Kaaba shawaa, kibba lixa shawaa, wallagga, Ilu abbaabooriifi Jimma lammii waliin hin citan ture. Karaa kanaan Oromiyaa abiddatti hin waadamtuu ture.

12. Qarshii gargaarsaan biyyaa alaatii galu misooma wal qixa ta’e argachuu

13. Diyaaspooraan Oromoo akkuma warraa kaanii laffi kennamee mana jireenyaa ijaarrachuufi diinagdee keessatti dammaqinaan socho’uu

14. Olaantummaan seeraa guutummaa guutuutti karaa qaamolee haqaa Oromiyaatiin qofa eegsisuu

15. Daldala erguu, galchuu, daladaaluu loogii kamiin ala sabni Oromoo hirmaachuu 16. Baruumsa scholaraa dabalatee akka bal’ina isaatti uummanni Oromoo argachuu 17. Dirree xiyaaraa, bishaan dhugaatii magaalaa hanga baadiyyaa, jallisii/hidhaa/ xixiqqoo hanga gurguddootti, karaa konkolaataa gurguddoo, karaa baaburaa, hospitaala, mana baruumsa ciccimoofi kan kana fakkaatan Oromiyaa qodashii karaa sirrii ta’een argachuu

18. Godaansi gadadoo jireenyaafi yakkama siyaasaa fala argachuu

19. Bulchiinsa gaariifi olaantummaa seeraa Oromiyaa keessatti ni mirkaneeffama

20. Kanneen kaanirraa Taaksii guuruufi galii gebraa hedduu galchuun qodaa giraantii xiqqoo argachuun fala argata

21. Balfaafi summiin warshaaleefi manneen jireenyaa finfinneerraa Oromiyaatti dhangala’u fala argata

22. Miidhamni uummata Oromoorraa gahu dhabamsiisuuf hanga konfedereeshiiniin gaggeessuutti deemamuufi kan kana fakkaatan asirratti hin caqsine ni arganna. Osoo guutummaan heeratti fayyadamne.

Walumaa galatti, kannen armaan olitti eerame, olola siyaasaa qofaaf fayyadamneerra warri jedhan jiru. Isaan kun warra madda rakkichaa ta’aniidha. Barreeffamni kun olola siyaasaa kamuu gaggeessuuf yookiin keessummeessuf barbaadee miti. Akkuma seensarratti kaayyoo isaa ibsetti. Hundi dhala Oromoo dhugaafi bilisa ta’ee, ilaalutu gaariidha. Har’aa dantaa mataa ofii qofaaf soba hafuufuun egeree dhaloota boruu jaamsuun sirrii miti. Namoonni aangoorraa har’aaf jiran, osoo haala kana gad qabanii hubatanii gaariidha. Oromiyaan bu’aalee yookiin fayidaalee argachuu qabdi jedhame tokko hanga digdamii lamaatti tarreeffame naannolee kaan wal bira qabanii ilaaluun murteessaadha. Oromiyaan waanta bal’oo taateef misoomni irratti dhangala’e mul’achuu hin danda’u jedhanii warri olola sobaa hofan dhaabbaatanii of ilaaluu qabu, jedha barreeffamni kun.

Gara Fuula Duraatti Akkamiin Fayyadamuu Danda’ama

1. Yeroo ammaa mala harka lafa jalaan uummata Oromoo irratti gocha suukanneessaa gaggeeffamaa jira. Dhiibbaan isaa ammaa ifa ta’ee hin mul’atu. Yeroo dheeraan booda dhiibbaan isaa yemmuu mul’ate eessa turre waliin jechuun keenya hin oolu. Dhaabbileen siyaasaa Oromoof dhaabbanne jedhan hundi balaa gaggeeffamaa jiru kana maqsuuf wal utubuun yeroo isaa amma ta’uu baruun dirqama. Erga raawwatamee, olola mormiin wal horfuun sabchaaf bu’aa hin fidu.

 2. Dhaabbilee mormitoota Oromoo yaada kamuu qabaatan, demokiraasiif gumaacha akka taasisan filannoon bilisa ta’ee Oromiyaa keessatti akka gaggeeffamu gochuun dantaafi fayidaa uummata Oromoorratti akka wal utuban taasisuutu dhaaba biyya bulchurraa eegama

3. Sabni Oromoo bakka itti argamu hundatti ijjannoo xiiqiif of qopheessuun dirqama. Beekaa, wallaalaa, dureessa, hiyyeessa, miseensa dhaaba kamuu keessa kan jiran osoo wal hin qoodiin birmaanna lammiif taasisuun dirqama.

4. Dhaabni Dh.D.U.O guutummaan ajaja jalaa bahee of gaggeessuu danda’uu qaba

 5. Seerrii, dambiifi qajeelfamni bahan hundi bu’uura heera jallisanii hiikuufi raawwachuurraa fagaachuun fayidaa Oromoo eegsisuu yoo danda’ame

6. Dhalataa duubaan dhufu, dhaabbilee Oromoo hundaa keessatti, keessattuu Dh.D.U.O aangoon murteessaa harka jiru qaruun hidhannoo siyaasaafi beekumsa barbaachisun utubanii baasuun yoo danda’ameedha.

7. Abbootiin amantaa adda addaa gaggeessan, dhalataan saba kanaa, amantaa qabnuun Waaqa ofii uummata ofiif gadoodnee kadhachuun fafa deemaa jiru dhaamsuu qabna.

Walumaa galatti, rakkina armaan olitti ka’an wal hubachiisuun, yaada waliif hiruun, karaa walitti agarsiisuun, marii keessoo ofii taasisuun, of gamaaggamuun, wal gamaaggamuun, yaada bu’aafi filatamaatti wal bobbaasuun, qaroomna addunyaan irra geese keessa wal imalchiisuudha. Sonni gumaacha lammii bakka jiranitti wal mararfachuu, yaadaafi humnaan wal cina dhaabbachuu, dhiiga, lafeefi lubbuu waliif kennuun wal baraaruudha. Kanaafuu, cunqursaa suukanneessaa ta’e, har’aa kan hin mul’anne, boru dhala keenya cancalatti kaa’ee dhaabuuf halkaniifi guyyaa gaggeeffamaa jiru irratti, birmachuun dirqama saba Oromoo hundaati. Adda durummaan dhimma kana karaa salphaan maqsuu kan danda’u dhaabbata biyya bulchuufi miseensota isaati.

Yaaddachiisa:- Tuqaaleen armaan olitti ibse kallattiin argee, ilaalee, dhamdhamee irraa ta’uu danda’a. Namoonni, bekumsaafi qo’annoo addaa dhimma kanarraatti argatan yoo yaada dhiyeessan barachuuf qophiidha. Na hoofkalchaa, dhangala’a yaadaa, dogoggora jiru kamuu dhiifatama jechuun barbaada.

 Ulfaadhaa! Dubbisa sifaa isiiniif haa ta’u!

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved