Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Dhugaa fakkeessanii afaanfaajjii uumuun, uummata Oromootiif dubbachuu hin ta’u

Abdii Boruutiin*

Namni tokko dhimma tokkorratti yaada isaa yoo barreessu, yaadni inni dhiyeessu kun dubbistoota hundaa birattuu deeggarsa argatee hundaanuu fudhatamuu hin danda’u. Yaada dhiyaatu tokkorratti ilaalchi namootni biroo qaban adda adda ta’uu danda’a jechuu dha. Namootni baay’eenillee yaada dhiyaate sana yoo deeggaran, yoo xinnaatee xinnaate namni tokko ykn lama yaada faallessaa qabaachuu malu. Waayeen kun ammoo waanuma jireenya ilmaan namootaa keessatti mul’atuu dha. Waan nama dinqu hin ta’u jechuu dha. Haa ta’u malee, yaadni barreessaan tokko dhiyeessu fudhatama yoo dhabe, maaliif yaadni kun akka hin fudhatamne; abbaan yaada kanaan mormu tokko sababa isaa ibsuu dhaaf, yaada bilchaataa fi amansiisaa ta’e dhiyeessuun barbaachisaa dha. Akkanatti amananii wal amansiisuun; walirraa barachuunillee danda’ama.

Sababni mata duree kanaan waayee kana akkan barreessu na taasise, dhiyoo kana mata duree “Dhuguma Itoophiyaan isaanii biyya haadha hundaatuu ta’uu dandeessii?” jedhuun barruu dhiyaaterratti, marsaa intarneetaa bilisummaa.com irratti, namni maqaan isaa Abbaa Dhugaa jedhamu waan dhugaa hin taane fi ragaa hin qabne barreessuu dhaan olola narratti oofuu isaa ti. Akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, yaada dhiyaate tokkoon mormuun mirga abbaa fedhee ti. Yoo wanti tokko sirrii hin ta’in yookaanis dogoggorri keessa jiraate, kun akkana miti ykn akkana ta’uu hin qabu jedhanii yaada ofii mariitti dhiyeessuun seeruma marii tokkoo ti. Namni Abbaa Dhugaa ofiin jedhu kun garuu, yaaliin inni godhu, yaada mormaa qabu mariitti dhiyeessuuf otuu hin taane, waan hin jirre ofuma isaatiin uumee, dhugaa fakkeessee, olola narratti oofuu fi karaa kanaan uummata keenyallee dhimma kanaan afaanfaajjessuu dha.

Ani, akka yaada kiyyaatitti, nama kana karaa afuriinan ilaala:

Tokkoffaa, nama qabsoo kana keessa ture ykn jiru ta’ee; namoota tokko tokkollee maqaa isaanii kaasee; kana ykn sana kan jedhu, nama dhuguma namoota qabsoo kana gaggeessanirraa rakkoo qabu ta’uu mala. Kanaaf, jibba dhuunfaas haa ta’u yookaanis ammoo dhugaa dhaan rakkoo mooraa QBO keessa jiru beekee; warri yaada ofii barreessanis isaanuma keessaa tokko ta’uu danda’a jedhee yaada fi tilmaama qaburraa ka’ee ta’uu mala jechuu dha.

Lammaffaa, Oromoo Itoophiyaatti amanu fi tokkummaa ishii hawwu ta’uu mala. Yoo kana ta’e ammoo, gaafiin akka mata dureetti barruu kiyya sanarratti dhiyeesse waan fedhii isaa tuquuf, kanaan mormuuf jedhee; ati kana ati sana; si beekna, kana goote, sana taate… jedhee; dhugaa lafa hin jirre uumee kanaan olola narratti oofuu yaala

Sadaffaa, tajaajilaa diinaa ta’ee; mooraa keenya (mooraa QBO) keessatti afaanfaajjii uumuu dhaan; akka namni wal shakku; akka namni wal jibbu; akka nagaa fi tasgabbiin hin uumamne; akka dhugaan hin dubbatamne; akka tokkummaan Oromoo hin uumamne; sababa kanaan akka qabsoon teenya laaftu; namoota dhugaa dubbatan ykn barreessan irratti olola oofee; akka jibbaman taasisuufi.

Afraffaa, kana jedhee sirriitti ifatti of mul’isuu hin barbaadne malee, akka qabiyyee yaada isaatitti, miseensa ykn deeggaraa yookaanis ammoo hogganaa ABO warra jijjiiramaa ta’ee; yeroo ammaa haasofni fi mariin warra garee kanaa fi Ginbot 7 waliin deemaa waan jiruuf; barruun ani waayee Itoophiyaarratti dhiyeesse sun gufuu ta’uu danda’a jedhee waan yaaduuf, Abdii Boruu maaliif waayee kana kaasa jedhee olola narratti godhuuf waan hin jirre asii fi achii walitti fidee barreessa. Waayee kana bal’inaan ibsuun yaala:

Qabxii akka afraffaatti kaase kanatti deebi’uu dhaan, ABO garee warra jijjiiramaa ilaalchisee waan tokko ifa godhuun barbaada. Ani, akkuman kanaan duras yeroo baay’ee irra deddeebi’ee barreessaa ture, miseensa jaarmayaa siyaasaa tokkootuu miti; ta’ees hin beeku. Dhugaan lafa jiru waan kana ta’eef, ani garee ykn jaarmayaa ykn dhaaba tokkotti hirkadhee; isa tokko deeggaruu dhaan kan biraa hin balaaleffadhu. Tokko deeggaree kan biraatiin hin mormu jechuun barbaade. Abbaa fedhe ykn jaarmayaa kamiiyyuu haa ta’u, kan bilisummaa Oromootiif hojjetu hunduu deeggarsa kiyya ni argatu. Uummata keenya (uummata Oromoo) gabrummaa Wayyaanee hamaa kana keessaa baasuuf, karaa danda’amu hundaan warra hojjechuu barbaadan dura dhaabbachuu hin barbaadu. Taa’anii wal qeequurra karaa danda’amu hundaan tattaaffii godhuun deeggaramuu qaba jechuu kooti.

Ani ammas kanan jedhu, ABO warra jijjiiramaas ta’e jaarmayaa Oromoo kamiiyyuu, alagaa waliin hin haasa’inaa; isaan wajjinis hin hojjetinaa; tumsa alaas hin barbaadinaa; jechuu kiyyaa miti. Yoo wanti irratti waliigalamuu danda’u tokko fedhii uummata Oromoo hin faallessine; yoo hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata keenyaa kan mirkaneessu ta’e; yoo bu’aalee hanga har’aatti argaman kanaa gadi kan hin fidne ta’e, abbaa fedhe wajjin hojjechuun yakka hin qabu. Har’a Wayyaanee kuffisuullee yoo dadhabe, xinnaatullee kan ishii dadhabsiisu fi laaffisu yoo ta’e, yaaliin godhamu deeggaramuu qaba. Dhagaa (dhakaa) lama walitti darbuurra dhagaa tokko diinatti daruu wayya jechuu dha. Diina walitti ta’anii mooraa ofii laaffisuun uummata Oromootiif bu’aa hin fidu. Dhugaan kun hunda birattuu hubatamuu qaba.

Kanaaf, warra jijjiiramaas ta’e gareen kamiiyyuu karaa itti amananiin tattaaffii yoo godhan, ani akka nama tokkootti kanarraa rakkoo hin qabu. Dhugaan dagatamuu hin qabne fi iccitii hin taane garuu, akkuman barruu kiyya kan kana duraa sana keessatti ibsuu yaale, gaafiin ammas banaa ta’ee jiru: Habashootni fedhii fi kaayyoo isaanii ifa godhanii, kan hin barbaadne fi hin hawwine nutti himaa otuu jiranuu; tumsa waliif taanee Wayyaanee kuffisuuf qofaa jennee; waan sana booda ta’uu danda’u tokkorratti kaayyoo keenya ifa otuu hin godhin; maalirratti waliigaluu dandeenya jennee isaan waliin tumsa ijaaruu barbaadna? kan jedhuu dha. Gaafiin biraa ammoo, otuu tokkoomnee mooraa keenya keessatti humna keenya hin cimsin dura, tumsa alaa barbaaduun nu gaaga’uu ykn miidhii hin danda’uu? kan jedhu ta’a. Kanaaf, tokkummaa ykn/fi tumsi mooraa QBO dursa argachuu qaba jedhee yeroo baay’ee barreessaa ture. Egaa, nama Abbaa Dhugaa ofiin jedhu kana dhugaa kanatu liqimsamuufii dideeree?? Olola narratti oofuun isaa maaliif akkana jetta jechuu isaa ta’inaa laata?

Biyyi Itoophiyaa jedhamtu tunis dhuguma biyya haadha hundaatuu ta’uu dandeessii? Jedhanii gaafii kaasuun; dhimmi kun sirriitti haa xinxalamu fi gadi fageenyaan haa hubatamu jechuuf malee, asirratti wanti nama aarsu maali? Habashoota yookaanis jala deemtuu isaanii yoo ta’an malee, gaafiin kun warra biroo waan dallansiisu fi dhukkuba mataa isaanitti ta’u natti hin fakkaatu. Namni Abbaa Dhugaa ofiin jedhu fi akka bokkaa olola narratti roobu kun isaan keessaa tokko ta’inaaree laata? Ergan waayee uummata Oromoo ilaalchisee dhimmoota gara garaarratti barreessuu jalqabe, barruulee baay’een dhiyeessaa ture. Nama Abbaa Dhugaa jedhamu kanaafis, barruun kiyya kan inni yaada isaa irratti barreessee; waan hin taane naan jechaa jiru sunis, isa kan duraa ykn jalqabaa waan ta’e natti hin fakkaatu. Inni, barruuleen ani hanga har’aatti dhiyeessaa ture otuu hin argin hin hafu jechuu kooti.

Yoo akkana ta’e ammoo, wanti isa cinqee; akka olola narratti godhu isa taasisu dhimma Itoophiyaa kana jechuu dha. Nama hin beekne tokko si beeknaa bar! jedhee; waan namni sunis hin ta’in itti moggaasee; uummata birattis akka shakkamu fi jibbamu godhuuf tattaaffachuun; kaayyoo ykn dhaamsa addaa tokko qabaateeti ykn qabateeti malee, akka maqaa isaa kanatti abbaa dhugaa ta’ee; dhugaa jiru uummatatti himuufii miti. Dhaamsi fi kaayyoon nama kanaa uummata afaanfaajjessuuf akka ta’e yaada inni barreesserraa ifatti hubatamuu danda’a. Dadhabbii guddaan nama kanaa ammoo, warra miseensa ykn hogganaa jaarmayaa siyaasaa tokkoo ta’an malee, namni biraa waayee siyaasaa barreessuu akka hin dandeenye; kan barreessullee yoo jiraate, abalu ta’uu danda’a jedhee yaaduu ykn tilmaamuu isaa ti.

Dhugaan jiru garuu “Cyber World” kana keessatti, eenyu eenyu akka ta’e beekuun rakkisaa waan ta’uuf, abbaan fedhe lafaa ka’ee kun abalu ta’uu danda’a jedhee yaaduun ykn dubbachuun mirga abbaa sanaa ta’ullee, ragaa gaafatamuu ykn ragaallee dhiyeessuu hin danda’u. Tilmaamuun tilmaama malee dhugaa ragaa qabu fi amansiisaa waan hin taaneefi. Namni Abbaa Dhugaa ofiin jedhu kun, waan dhugaa baasu fi uummata Oromootiifis dubbatu fakkeessee, afaanfaajjiin inni uumuu yaalu qabatamaa akka hin taane;yaadolee inni barruu kiyyarratti dhiyeesserraa hubatamuu ni danda’a. Akka yaada fi olola isaatitti, bakkeen ani itti hin mul’anne fi itti hin gaafatamne hin jiru. Rakkoolee mooraa QBO keessatti uumamani fi jiraniif hundaafuu Abdii Boruutu itti gaafatama jechuun isaas hin hafu.

Yoo dura yaada isaa barreessuu jalqabu: “Abdii Boruu eennu akka taate ima beekna atis maqaa kee dhooysitu…” jedha. Asirratti, inni nama tokko, eenyuuf dubbachaa jiraa? Itti aansuu dhaan: “…yeroo qaama Shanee jala turte Dura Taa’aa AFD taatee hojjechaa turte ….” jedha. Achumaanis itti fufee: “…Ati erga Damee Dantaa Alaa irraa si kaasani…” jedha. Dura Taa’aa AFD fi ittigaafatamaa (gaafatamaa) Damee Dantaa Alaa eenyu akka ta’e inni maqaa kaasuu baatullee, waayee kana uummatni Oromoo otuu hin beekin hin hafan. Yaada bakkee biraatti dhiyeesserratti ammoo, namni kun waan jedhee barreesse asitti irra deebi’ee barreessuun yeroo ajjeesuu waan ta’uuf, yaadolee namticha kanaa hunda isaaniituu barruu kiyyaa gaditti dhiyeessee jira; dubbistootni barruu kiyyaa akka ilaalan kabajaan gaafachuun barbaada. Namni kun waa hundaafuu ittigaafatamaa na godhuuf (fakkeessuuf) waan inni hin yaalin hin jiru. Kan nama dinqu garuu, gaafiilee inni tarreesse keessaa “… WBOn akka rukutamu hin goonee?…” jedhee waa hundaa gara garaa funaanee; balleessa nama tokkoo godhee dhiyeessuu isaa ti.

Mee asirratti gaafiilee tokko tokkon kaasuu barbaada: Wanti biraa haa hafu, Dura Taa’aa AFDs; gaafatamaa Damee Dantaa Alaas; kan tokkummaa hin hawwine fi araaratti gufuu ta’us; WBOn akka rukutamu kan godhes namuma tokko moo namootni biraas jiru jechuu dhaa? Namni Abbaa Dhugaa ofiin jedhu kun, nama ykn namoota yakka kana hundaa dalage/dalagan sana maqaa isaa/isaanii kan dhugaa barreessuu maaliif sodaate? Yoo maqaa nama ykn namoota kanaa beeke ammoo, Abdii Boruu ati Abalu dha; maqaa jijjiirratte malee jedhee maqaa dhugaa sana kaasee maaliif hin dubbanne? Maaliif eenyu akka taate si beekna naan jedhee haguuguumaan olola narratti oofuu barbaade? Yoo dhuguma nama dhugaa jiru beeku ta’e, maaliif nama ykn namoota sana maqaa isaaniitiin yaamee; yakka hojjetame hundaa saaxiluuf; waan mooraa QBO keessatti dalagamaa jiru bal’inaan; ragaa wajjin walqabsiisee, uummataaf ifa hin goone. Maaliif fakkeessuu qofaa dhaan afaanfaajjii uumuu barbaade?

Barruu kiyya xumuruu dhaaf, dhugaa tokko dubbachuun barbaada. Namni yakka tokko hojjete fi yakka kanaaf ragaan itti dhiyaatu, maqaa dhiisii otuu bifa isaallee jijjiirratee gadi bahe, ittigaafatama sana jalaa bahuu hin danda’u. Luubbun isaallee yoo dabarte, ittigaafatama seenaa jalaa hin bahu. Otuu ani dhuguma akka olola isaa kanatti nama ykn namoota inni jedhu sana ta’ee; har’a maqaa koo jijjiirradhee ykn maqaa bi’iraa baafadhee waayee uummata keenyaa barreessee’iyyuu, ittigaafatma yakka dabree jalaa bahuu waanan hin dandeenyeef, har’a bi’ira kiyya miidhaksee, kan dabre dagachiisuu yoon yaalellee, eessattuu ittigaafatama sana jalaa bahuu hin danda’u. Dhugaa dubbistootni barruu kiyyaa beekuu qaban garuu, akka namni kun waa hundaa narra tuulu kanatti, ani nama jaarmayaa siyaasaa tokko keessatti sadarkaa hogganummaa keessa turee, yakka akka inni jedhu kanaa dalaguun hafee; miseensallee ta’ee hin beeku. Gaafan gadi bahee eenyummaa kiyya mul’ise, namni kun waan amma tarreesse kanaaf waan jedhu isatu beeka. Namni isa beeku fi isa gaafatullee jiraachuu yoo baate, dubbistootni fi hordoftootni barruulee kiyyaa garuu gaaf sana waan jedhan isaanumaafan dhiisa.

Karaa biraatiin garuu, namni Abbaa Dhugaa ofiin jedhu kun, akkan kanaa olitti, akka qabxii sadaffaatti dhiyeesse yoo ta’e, waan hin taane narra tuulee; xiiqii na qabsiisee; dallansuu kanaan akkan eenyummaa kiyya baasu godhuuf; akka tooftaatti itti fayyadamuu yoo barbaade, hin muddamin, hin ariifatin, gaaf uummatni Oromoos dhugaa kana baran ykn argan fagoo hint ta’u jechuuniin barbaada. Hammasitti, namni kunis tooftaa barbaadetti fayyadamee, olola dhugaa hin taane narratti oofullee, akka ilma Oromoo tokkootti, akka nama tokkootti, uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaatiif gaarii ta’uu danda’a jedhee waanan itti amanu barreessuu hin dhaabu. Ololli hundee hin qabne narratti godhamullee, kun hamilee kiyya cabsee akkan waayee uummata kiyyaa hin barreessine na hin taasisu jechuu kooti.

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved