Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Dhibama Malas

July 23, 2012

Ibsaa Guutama Irraa*

Seenaan ofirra naannofti jedhu. Du’i Minilik waggaa torba duuba (1906) labsamuutu himama. Waggootii sana hunda gurguddoon Shawaa golgaa duubatt eenyuun buusuu fi eenyuun baasuu akka qaban wal sukkumaa turuutu himama. Akkasitt Iyyaasuu, Zawudiituu fi Tafarii qora caalaaf fulduratt fidani. Si’anaas dhukuba hooggana saanii gadi bassuu rakkataa turani. Waan halle golgaa duubatt hambisuu yaalani. Koroota barbaachisoo irra ooluun saa sana erga saaxilee duuba dhukkuffatee jira dhiyootti hojiitt deebi’a jedhanii salphisanii, isa malee akka hojiin deemuu dandahu amansiisuu barbaadani. Sun dhugummaa saanii caalaatt nama ciicachiisa. Itiyoophiyaaf siirni Malas duubatt hafu dandahu jabaan ijaarameera jechuun of jajjabeessuuf yoo hin taane bakki Mallasaan sirnichaa halle dhuunfataa fi kanneen dhimma itt bahaniif hanqisu guddaa tahuu haaluun hin dandahamu.

Kan isaan gadi bahan hamajaajiin saa duru laafuu hamma du’uutt erga labsitee booda jecchuu dha. “Bagaa” malee “anaa hanyatu” kan jedhan hin xixne. Ofii fonqolchuu dadhabnaan dhukuba qoomu hawwaniifi. Amanteen saanii kana irratt maal akka jedhu illee kitaabota saanii irra deebi’anii hin laalle. Mallas sichi fayyus du’us hedduu garagarummmaa hin qabu. Jabina saatt irratt amanteen ture hundee socho’eera. Firris halagaanis gola gola saaniitt akkuma bara dhukkuba Minilik maree jalqabuun hin hafne. Marsaa kana kan dhimmamanis kan gaaaga eeggatus Tigrawayi.

Qabsaawoti bilisummaa akki itt ilaalan adda tahuu qaba. Qabsoon saanii farra kolonummaati malee Mallasiin addaan baasee kan irratt xiyyeeffate miti. Mootummaa Mallasiin dilii irrattis diriira dhoofsisaa irrattis wal agarreerra. Walirraa ajjeefneeraa waltahuus dadhabneerra. Dirree qabsoo irratt yoo ajjeesan ittiin dhaadachuun akka. Kan dhukkuffateef du’a hawwuun garuu safuu dha. Harka jaalbiyyoota Oromoon utuu hin tahin kanaan dura akka biraatt mootii hedduutu gaggeeffame. Sun gadadoo itt jabeessaa dhufe malee Oromoo hin walabomsine. Mallas buunaan kan biraatu bakka bu’a. Hanga Oromoon jabaatee sirna saa ofirraa hin finqilchinett du’i karaa biraa dhufu furmaata hin ta’u. Erga qabamee moototiin ja’a Oromoo irratt wal jijjiraniiruu. Torbafaan hamma ol bahutt ciisanii eeguun nama qaanessa. Sana hankaaksuuf yeroo jarri bitintiraa jirtu kanaa harka walqabatanii tattaafachuun cunqurfamoota hundaa keessaayyuu ilmaan Oromoo irra waan eegamu.

Mallas mirga namatt roorrisaa akka jiru ummaticha qofa osoo hin tahin dhaaboti mirga ilmoo nama addunyaas iyyaa bahani. Moototi saaniis sana beekuun ifaa dha. Itt dabalee biyya Oromoo ballinaan dureeyyii gabra gamaatti gurgurataa, ummata qonnaan bulu irra buqqisaa jiraachuun saas beekamaa dha. Qabeenya lafa irra fi lafa jalaaa findigee saammachuu fi samsisuu hojii saa guyyuuti. Yero Tigray ibsaa elektrika Oromiyaa dhaquufiin brinqistuu Oromoon gagaa qabsiifatu dhabee dukkanaan waldhaansoo qabaa jira. Biyya saaf karaa, waabarii, waldhaanoo fi kkf yeroo ballinaan diriirsuu kan qabeenya saa sanatt dhangalaase raafuu nyaatee bulu illee dhabaa jira. Inni kan gochaa jiru waan koloneeffatoon addunyaa hundi godhaa turan waan ta’eef nama hin dhibu. Yeroo ummati kaan hammeenya akkasii ofirraa buqqisan waanti Oromoon duddatt baatee taa’uuftu nama dhibaa. Ummati guddich akkasii kan seenaa jannummaa, arjummaa, nagaa, demokrasii, fir jaalala walabummaa qabu sababa malee haala fokkisaa kana keessatt hin kufne.

Oromoon akkuma ummata hundaa kan walabummaa saaf qabsaawu adda bilisummaa erga ijaarratee walakkaa jaarraa tokkoo ta’uufi. Abba tokkeef dhaaboti hardha nuti Oromoo dha jedhanii of waaman jiraachuun galata qabsoo sanaati. Barreessaa kana hatahu eenyu rakkina ummatichaa akkasitt baasanii dubbachuu kan dandahan wareegama qabsaawoti baasaniin akka tahe yoomuu irraanfachuu hin qabnu. Waggaa shantama dura addunyaa irratt bahanii hafee, karaa Finfinnee keessallee afaan Oromoo hasa’aa deemuun waan ceeraa fi nama sodachisus ture. Kanneen lubbuun jirru sana ragaa bahuu dandeenya. Bu’aan guddrguddaan akkasii haa jiraatan malee qabsichi bakka yaadame shaffisaan gahuu hin dandeenye. Kan hojjetu caalaa kan qeequ, kan ijaaru caalaa kan diiguu, iyya’uu caalaa kan basaasu, sammuu bubbucuu koobiin tulluu itt fakkaatu, tafkii fi arba gargar hin baafannetu malbulcheessoo gamnoota caalaa, jalbiyyoota caalaa goobanootatu yeroof yabboott saaqaa argate. Yeroof haa gufatu malee qabsichi bakka akeekkate utuu hin gahin akka hin hafne faara jiru irra arguun ni dandahama.

Namooti ganna shantamaa ol tahan mootota sadii aganiiru. Hundi ulfina ba’aa roorroo ummatoota irratt raawwatan jalatt kufanii of argani. Wayyaaneenis kerkerteetii. Dhukubi hooggana saanii cimaa Mallas fakkaatu, caalaatt isaan raasuu dandaha. Kan darbanirraa baratanii ammas akka carraan dhufee qophii dhabuun irra hin utaalle jabaachuu dha. Amma ilaalchi malbulchaa qabsaawota Oromoo ifatt beekameera. Kanneen ilaalcha walfakii walitt dhufanii akka qabsoo saanii hin qindeeffanne maal akka eegaa jiran hin beekamu. Kun dhaabotaa fi abbatokkoota, jaalbiyyoota hunda laala. Nama dhugaa fi keessaanlaalii walitt tahu qofa gaafata. Empayerittiin jijjiiramaaf of qopheesiteett. Sana kan argan hundi kara karaan gara ofii barbaadanitt ceesisuuf wuxxifataa jiru. Oromiyaan yeroo itt eenyummaa see agarsiiftu tokko amma. Wojjin, “lamuu akki durii hin jiru” jechuu qabu.

Kudha arfaniifuu haa taatuu liillanni xaxee ummata ittiin gulufaa ture Malasaa harkaa buteett. Deebi’ee akka walitt turett harka galfachuun gonkuma. Bubbultee akkuma Tafarii Makonnin fi Mangistuun abbaltii finqilcha mootummaa irratt ta’e duuba surraa saanii dhaban, isa harkaas luluqa’aa deemti. Kan dur ittiin qaban haa tahanii, kan hordofanii fi tumsaniif hundi haala tasaa kanaan rifataniiru. Kaan dursanii beekanuu dhossanii tursuu hanqachuun naasiseera. Sunis dadhabina sirnichaa tokko agarsiisaa. Dhukkubuu caalaa iccitiin qabamuunsaa hedduu abdii kutachiisuun beekamaa dha. Yakka saa hunda kophaa utuu hin tahin sadoon raawwate. Kan waliin sade hundi yaadoo seenee jira jechuu dha.

Beelaa fi rakkinni biraa amba ballaa guraaraa jira. Dhugeeffannoo ummataa keessa seenee borcuu jalqabuun mormii guddaa furgaasee. Lolla bakka bu’aa Somaliyaa keessatt qooda fudhachaa jiru warra ijoollee waraana keessa qaban bakka buutee saanii wallaaluun mufachiisaa jira. Ajjeesaa fi hidhaan abba fi hadha warroota irratt birdhuun gaggeessaa bahe warraa fi maatii mancaasaa jira. Kun hundu fayyaa dhabuu saan abdii kutachuutt dabalee kan laaffisuun malee kan jabeessu miti. Kanaaf colleen biraa dhufee osoo hundee hin godhatin dafanii harka walqabatanii ka’uun amma. Hariiroon anga’oota addunyaa waliin qabachuun dhuunfaa eenyuu miti. Kan kaayyoo qajeeltuun gara saa ta’e akeeka saaf kutannoo agarsiisee fi kaayyoo saatt dudhama qabu fira horachuun isa hin dhibu. “Fedha dhaabbataa malee dhibantaa dhaabbataan hin jiru” kan jedhamu irraanfachuu miti.

Mallas dhukkuffatee laalaan itt cimu haa tahu, du’uu saaf gammachuun agarsiifamu jiraachuu hin qabu. Dura du’i saa fi dandamati saa anjaa fi anja dhabina maalii akka qabaan ilaalamuun barbaachisaa dha. Hobbaati xiinxala irra dhaabbatani kan dhufu simachuuf qophaawuu dha. Mirga ofii harkaa baafachuuf harka ofiin utuu fonqolachisanii hin jibbamu; silaa “Ishooyee” jedhanii dhiichisuu. Gogocorooti akka saa, bakka isa bu’anii ummatoota irra qubachuuf batattisaa jiru. Kan shaffisaan itt qophaawuu barbaachisu hamaan Mallas akka itt hin fufne. “Sibiila yoo diimaan jiru tumi” jedhama. Kan kaayyoo tokkoo jala hiriiran hundi yeroon waliin alabaa qabsoo saanii qilleensaa Oromiyaa keessa balaliisaa dhiichan amma!!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu

* Ibsaa Guutama
Adolessa 2012
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved