Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

DANDEETTI GEGGESUMMAA KEE KARAALEE ITTIN GUDDIFATTU !

Utuu beektuus ta’uu utuu hin barin ati jireenya keessaatti walitti fufiinsaan hamma ta’ee tokko ofii kees ta’u namoota geeggesaa turtee. Ati akka geggesaatti ilaalamuuf ykn daandeetii geggesumaa horachuuf dirqama namootni dhufanii waa’ee waan dalaganii gabaasa siif dhiheesuu hin qabanii.

Barumsa geggesumma tokko keessatti dhudhaaleen akka offitti amanamumma qabaachuu, dafanii haalotatti madaquu, dandeetti dafanii waa baruu qabaachuu fi itti gaafatamuumma ofii baruun dalaguun dandeettiwan dirqama qabaachu qabnuudha. Qoranooleen garaagaraa akka eeranitti geggesitoota jijjiraamaa warrii ta’aan; jechuunis warra waan gaarii yaadan, kan kakka’umsa horanifi warren hordoftoota jajjabeesaniifi dandeetti isaanii guddisuu irratti dalagan geggesitoota wayyanidha. Isaan akkasii hordoftoota biratti kabaja guddaa kan qabaniifi garee bu’aa boonsaa argamsiisan kan qabanidha.

Kanaafuu, geggesumaan kee kan hiika qabaatu yoo ati dandeetti geggesumaa kee gabbifachuuf ifaajee yeroo ta’uu jireenya irraas kan ati ofiikeef namoota naanno keetti argamaniif waan caaluu agartu gaafa dirqama kee kana baate qofa.

Mee qaphxiilee armaan gadditti eeraman ilaaluun haala ittiin dandeetti geggesumma kee fooyyefattu irraa barachuun akkamiin qaphxiilee kunneen gara bakka hojiikee deemuun hojjitti hiiktu yaadii.

1) MUL’ATAA HIN TABJAAJOFNEE QABAADHU!

Yeroo itti waa’ee mul’ata, ergamaafi kaayyoo kee garee keef itti hirtuu qabaadhuu. Hoojiin akka geggesaa tokkotii sirra eegamu keessaa tokko daandii sirrii hordooftootni kee irra imaluu qaban itti agarsiisuudhaa. Gareen kee kaayyoo atii isaaniif baaftee maaliif akka isaan barbaachisu hubbachiisuu qabdaa. Yeroo fudhachuun mul’atnii kee kun haala akkamiin akka inni hojii sana qofaa utuu hin taane isaaninnilee fayyaduu danda’u gadi fageenyaan ibsiif. Ennaa kaayyoo baastuus gareen kee akka irratti hirmaatanif afeeriin. Akka isaan yaada siif kennan gaafadhuun.Fuulduraa dhaabbata keef jecha mul’ataa kaa’uu irrattilee akka isaan hirmaatan godhiin.

2) KEENNAFI CIMINAA KEE ADDA BAASTEE BEEKUUN FAYYADAMII!

Atii nama dandeetti geeggesumma wajjin uumamee fi nama uumamaan kennaa adda ta’ee kan qabdu ennaa taatuu, dabalataan ammo ciminaa dhuunfaa bara jirenya kee keessatti gabbifatee nama qabudhaa. Dandeetti kee kana beekuuniifi itti fayadamuun akka ati geggesaa cimaa taatu si godhaa.

3) FEEDHA OL AANAA QABAADHUU.

Kun dandeetti geggesumaa keessa kan baay’ee barbaachisaa ta’edha. Namaa onnee isaa irra dhiimma kaayyoo garee keetii hin qabne irraa akka inni daandii sitti agarsiisuuf ykn si geggesuuf nii barbaadaa? Eyyeen,hin barbaaduu! Geggesotni gurguddoon xiyyefanoo isaanii akka gareen sun ergama isaa bahatuu qofaa irra hin godhan. Dharaafi fedhii ol’anaa onnee irra madde pirojektii irratti hojjechaa jiraniif qabuu. Daandilee garaa garaa gamachuu qabdu ittin ibsaattu itti yaaduu eegalii. Akka fulduratti imaluu isaanii jaallattuf namootni akka baran godhii. Yeroo namnii tokko bekkumsa isaa garee isaaf utuu qooduu agartuu gumaacha akkasii akka jajjee mirkaneefadhuu.

4) JIREENYA KEE AKKA SONA (VALUE) FI SAFUU(MORALE) HIN FAALLESINETTI JIRAADHUU!

Filaanoofi gochii atii sonafi safuun ala bahuun fudhatuufi gootu miira gadhee keessatti akka ati haftu si godhaa. Miirri kun sammu dhokataa (subconscious mind) kee keessa gaddi fageenyaan waan hidda baafatuuf milkaa’ina ati hojii kee irra argachuu qabdu irratti gufuu ta’aa. Filanoofi gochii sonaafi safuu wajjin deemu garuu utuu hedduu hin dadhabin akka ati milkooftuuf si gargaaraa. Yoo ati amanamaa taatee namoonni yaadaaf geggesumaa kee nii kabajuu.

5) FAAKEENYA TA’UUN GARGAARII!

Geggesitootni gurguddoon deemsaa nii deemuu haasaa ammo nii haasa’uu. Sababa kanaaf miseensotnii garee geggesitoota kan waan jejjaniif amala isaanii kan dhuunfachuuf cimanii hojjetuu. Yoo geggesaa garii ta’uu nii barbaada ta’ee, amaloota gareekee keessatti arguu barbaaddu akka sirra calaqiisu godhii.

6) KAAYYOO IFAA TA’EE ERGA BAAFATEE BOODA RAWWII ISAA MIRKENNESUUF HOJIIN AGARSIISI.

Utuu kaartaa biyyaa tokko hin kaasin biyya dhaquuf yaadde sana beekuu qabda. Dandeetti geggessumaa kee gabbifachuuf, duraandursa kaayyoo yeroon sirriin daangefamee baasuutu sirraa eegamaa. Kaayyoo Jireenya kee fuldurra (dhuma jireenyakee) gara duubatti boodatti(hamma torbee kanatti) wixineessi. Kaayyoo kee kana galmaan gahuuf maal yoo goote akka bakka sirri yeroo sirritti geessuf waan si gargaaru kaayyoo kee kana keessatti wixxineesii hojitti seenii.

7) ILAALCHAA GAARII QABAADHU!

Nama ilaalcha badaa qabu enyuyuu hin kabaju. Yeroo yaada gaarii qabatuu ilaalchi kee gaarii jireenya keessaa agartaa. Namootnii gama keetti kan harkifaman yeroo ati ilaalcha gaarii qabaattidha. Yeroo yaada gaarii qabatuu kan ati geggesituu jireenya gammachuu qabu yeroo ta’u namoota yaada gaarii qabaniin yeroo hundaa marfamtee jiraata. Akkaa raajjittis kennaa nama gammachiisuufi qalbiin nii danda’amaa yaaduu gara keetti harkifamaa.

8. HARIIRO KEE JABEESSI!

Dandeetti geggesumaa gaarii qabachuun waa’ee mul’ata, kaayyoo, dandeetti ,yaadaafi waan hin ta’a jettee yaaddu tokko haala ifaa ta’eefi murtaa’aa ta’een namootaaf ibsuu danda’uu dabalataa. Dabalataanis dandeetti ati waan namootnii itti yaadaniis ta’e utuu itti hin yaadin dubbattan dhaggefachuuf qabdus nii dabalataa. Nama hariiroo gaarii qabu ta’uuf dandeetti haasaan yaada ibsachuu, utuu hin haasa’in yaada ibsachuufi dandeetti dhaggefachuu kee utuu addaan hin kutin itti fufiinsaan irratti hojjechuu qabdaa.

9) . NAMOOTNII BIROON GUDDUMAAF AKKA GAHANIIF KAKAASII!

Geggesitootni ciccimoo jedhamuun waamaman namoota naannoo isaanitti argaman waan gaarii keessa isaanii jiru baasanii akka fayyadamaniif beekamtii barbaachisu warra kennanidha. Geggesitoota akkasii keessaa tokko ta’uuf irra keessaan waan namota irratti argamuu osoo hin taanee ga’umsa dhokataa keessoo isaanii arguuf ifaaji. Geggesitootnii gurguddoon galmee seenaa irratti olkaa’aman baay’een kan isaan ka’an geggesitootni kan biroon ga’umsa isaanii baruun akka isaan fayyadamaniif waan gargaaraniif akka ta’ee dhugaa nii bahuu.

10). KUFAATIIKEEFI DADHABINAA KEE AMANTEE FUDHACHUUN IRRAA BARACHUUF FEDHA QABAADHU!

Kufaatii ykn dadhabina keetti hin qaanfattin; namni kamuu jireenyaa isaa keessatti al tokko ykn lama kan doggogoree bekuu yeroo ta’uu enyuyuu kan dadhabina hin qabne hin jiruu. Geggesitootnii gurguddoon iccitiin milkaa’inaa kufaatii dhabamsiisuu osoo hin taane, kufaatii isaanii irraa barachuu danda’uu akka ta’etti amanuu. Akka geggesaa cimaa tokkotti dadhabina qabdu ilaalchisee garee keef iftominaan ibsa laadhu. Yoo kana gootee atiif gareen kee irratti mari’achuun gahee hojii sanaa nama ciminaan dalagauu danda’u akka inni bakka kana irra hojjetu gochuu dandeessu.

11) BARACHUUF OF FOYYESUU IRRATTI HOJJECHUU ITTI FUFII!

Geggesitootni cimoon dandeetiti geggesumaa warra ta’an beekuun kan hojii irra olchan yeroo ta’an waan hundaan ol garuu karaa danda’ameef hundaa of fooyyesuuf yaalii godhan utuu addaan hin kuttin itti fufuu. Namnii an beekaadha jedhee of yaaduu nama waan baru baay’ee qabudhaa. Barumsa yoomille taanaan hin dhaabbin. Yaadaa namoota nama fudhatuufi oddefanoo addunyaa irra jiraan akkasumas kanaa ol itti deemuun oddefadhuu.

YEROO HUNDAA WAAN HAARAA BARUUN GUDDINA ADDAN HIN CITNE GUDDADHU!

****** ******

Kan itti aanuu hikee isiniin gahuuf inni kun xumurameeraa ! Xumurri kun jalqaba itti aanuu waan ta’eef akka dubbisuun ana faana taatan abdiin qabaa.

Madda:

CAREER ROCKETEER .COM

Barresituun : Margaaret Jub

Kan Afaan Oromootti hiikee ana Tamasgeen Axinaafutti.

Waxxabajii 9,2016

Shaambuu,ORIMIYAA irraa!

HORAA BULAA!

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved