Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

GAAFFILEE MIRGAA OROMOON FDG KEESSATTI KAASAA JIRU HUNDA-GALEESSUMMAAN (HOLISTICALLY) FI QINDOOMINAAN (INTEGRITY) DHIYEESSUU

  Oromiyyan ni Bilisoomiti !!!

Gaaffilee mirgaa uummatni Oromoo sirna “Federaalizimii Dimokiraatawaa” Itiyoophiyaa keessatti karaa nagayaa gaafachaa jiru haala hunda-galeessaa (Holistically) fi qindaawaa (integrated) ta’een qopheessuun (documenting) baayyee barbaachisaa dha. Akkuma beekamu uummatni Oromoo erga Itiyoophiyaan sirna “Federaalizimii Dimokiraatawaa” sabummaa irratti hundaa’en (National/ethnic federalisim) geggeeffamuu jalqabdee kaassee gaaffilee mirgaa kan namoomaa fi kan dimokiraasii karaa nagayaa gaafachaa jira.

Keessumaa ammoo bara kana 2015/2016 haala tokkummaa, kutannoo, bal’inaa fi naamusa ajaa’ibsiisaa qabuun qabsoo karaa nagayaatiin migoota kana gaafachaa jira. Kunis qabsoon karaa nagayaa godhamaa jiru kun idil-addunyaatti illee xiyyeeffannaa (attention) akka argatu godhee jira. Kanumaafuu qaamotni idil-addunyaa tokko tokko yeroo itti kennanii irratti mari’achuu jalqabanii jiru. Haa ta’u malee gaaffileen mirgaa mormitootni Oromoo (OromoProtests) yeroo ammaa kana gaafataa jiran hunda-galeessaa (Holistically) fi qindaawaa (integrated) miti. Kan bal’inaan dhaga’amu waa’ee karoora qindaawaa (Master plan) Finfinnee fi magaalota Oromiyaa godina addaa naannawaa Finfinnee walitti makkuuf ba’e qofa dha. Kun ammoo aarsaa lubbuu dabalatee kaffalamaa jiruu fi qabsoo finiinaa jiru xiqqeessanii ilaaluu ta’a. Kanaafuu uummatni Orommoo fi Oromiyaan sirna “Federaalizimii Dimokiraatawaa” sabummaa irratti hundaa’e (National/ethnic federalisim) jedhamu kana keessatti gaaffilee mirgaa kan namoomaa fi dimokiraasii hanga har’aatti (waggaa 21 booda) deebii hin argatin jiran hunda tarreessuu fi bal’inaan ibsa itti kennuun qindeessuun (Formal Document) qopheesuun hedduu barbaachisaa dha. Yoo akkas godhame Oromoon bakkaa fi biyya hunda jiran hubannoo walfakkatu qabaatu; gaaffiin gaafatamus aarsaa kaffalamaa jiruu wajjin wal gita jechuudha. Dabalataanis qaamoleen idil-addunyaa nu tumsuu fedhan odeeffannoo qindaawaa fi guutuu ta’e argatu. Kanaafuu Oromootni Itiyoophiyaa ala jirtan gaaffilee mirgaa Oromoon sirna “Federaalizimii Dimokiraatawaa” sabummaa irratti hundaa’e (National/ethnic federalisim) jedhamuu fi heera kana eegu qabdu kana keessatti argachuu qabu kanaa gaditi an tarreessee fi kan biroonis yoo jiraatan itti dabaluudhaan koree qindeessitanii namoota qayyabannoon/barnootni/ isaanii dhimma kanaa wajjin walqabatu gurmeessuun dookumentii (document) ifaa fi guutuu ta’e atattamaan akka qopheessitan cimsee maqaa jaallewwan qabsoo nagayaa utuu godhanii gara jabina hamaadhaan waraanni wayyaanee nu cinaa wareegdeen isin gaafadha.

MIRGAA UUMMATNI OROMOO SIRNA SIRNA “FEDERAALIZIMII DIMOKIRAATAWAA” SABUMMAA (NATIONAL/ETHNIC FEDERALISIM) IRRATTI HUNDAA’E JEDHAMU KEESSATTI MOLQAMAN

 1. Bakka Bu’insa Dhugaa Ta’e Dhabuu (Absence of Real Representation) Sirna kana keessatti uummatni Oromoo bakka bu’insa dhugaa akka hinqabnee fi dhaabbatni Dh.D.U.O jedhamu tasumaa akka bakka hin buune bara 1995 kaassee ibsaa ture. Dh.D.U.O’nis gochaa fi ilaalcha isaa kan faallaa mirga Oromoo adeemsisuun yeroo addaa addaa kana mirkaneessee jira. Kanaafuu sirna kana keessatti bakka bu’insa dhabuun Saba Oromoo gaaffii isa jalqabaa fi isaa guddaa dha. (Bal’inaan haa ibsamu.)

 2. Labsii Magaalota Mootummaa Naannoo Ormomiyaa Hundeessuuf Bahee (2008) fi Seera Liizii Lafaa Kun dhiibbaa mirgaa abbaa biyyummaa isaa hamaa dha. Kun jecha gabaabaatiin Oromiyaa diiguu, Oromoo gidirsuu fi Oromummaa balleessuu dha. Sirnoota darban keessatti waggoota dhibbaa oliif Oromoon dhiibamee qottuu fi tikfattuu qofa ta’ee baadiyyaa fi gammoojjii keessa akka jiraatu taasifamaa ture. Kanaaf magaalaa gurguddoo Oromiyaa keessatti dhaabbata daldalaas ta’e ka biro kan Oromoo arguun kan nama ajaa’ibu ta’ee jira. Heerri mootummaa Itiyoophiyaa seensa (preamble) keessatti akkas jedha “We, the Nations, Nationalities and Peoples of Ethiopia: Fully cognizant that our common destiny can be best served by rectifying historically unjust relationships and by further promoting our shared interests;” Kana jechuun hariiroo haqa-dhabeessa seenaa keessatti qabna turre sirreeffachuun hawaasa siyaasaa fi dinagdee tokko ijaaruudhaan hiree keenya waloo ful-duraa tolfanna jedha. Hariiroo haqa-dhabeessi nuti seenaa keessatti qabnu inno tokkoo fi tarii inni guddaan sirnoota darban keessatti Oromoon gara magaalaatti galee hojii daldalaa keessatti hirmaatee akka hin duroomne gochuun ture. Har’a ammoo seerri liizii lafaa fi keessumatti ammoo labisiin magaalota Oromiyaaf bara kana ba’e ammas gara fuul-duraattis hariiroon haqa-dhabeessi an olitti kaase kun daran cimanii akka itti fufan taasisa. Akkan seensi (preamble) heera mootummaa jedhu sanatti hariiroo haqa-dhabeessi kun akka sirratu gochuun dhugumatti yoo barbaadame Oromoon inni kaleessa biyyuma isaarratti akka magaalaa hin galle taasifamee ture, har’a warren gita cunqursitootaa bara san turanii fi qabeenya guddaa horatanii wajjiin seera liizii lafaatiin utuu hin gorgomin haala salphaa fi danda’uun akka innis jireenya isaa gara magaalatti godhatu taasifama ture. Waa’ee labsii ba’ee kana ammoo abbaan sirriitti ilaale magaalota Oromiyaa Mootummaa Oromiyaa jalaa baasuuf akka ta’e salphaatti hubata.

3. Karoora Qindaawaa Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Godina Addaa Naannawaa Finfinee Kun Heera Mootummaa kan cabsuu dha. Olaantummaa sabaa, hiree ofii offin murteeffachuu saboota qaama federeshinii kan heeran mirkanaa’e kan diiguu dha. Saba Oromoo naannoo san jiraatan buqqisanii hiyyummaatti darbachuu dha Oromiyaa fi Oromummaa balleessuu dha Duudhaa fi bu’aa hawaasummaa gosotni (Clans) Oromoo naannoo sanaa bara dheeraa keessa horatan (Values of Social connectedness) balleessuu dha. (We, Oromo, need connectedness of our clans because the broad nation, Oromo and our culture is the sum total of our clans. We need connectedness of Galan, Abichu, Ada’a, Gibichu, Gullale, etc.) Warri ogummaa kanaa qorattan bal’inaan ibsaa. Sociologists, anthropologists, lawyers, historians, etc.

4. Mirga Addaa Oromiyaan Finfinnee irraa Qabdu Hojiitti Hiikuu Kun heera mootummaarra ifatti taa’ee jira. (49:5) Garuu hanga ammaatti hojiitti hin hiikamne. Kun sabni Oromoo sirna kana keessatti bakka bu’insa dhugaa akka hin qabne ragaalee agarsiisan keessaa isa tokko dha. Finfinneen waantoota faaydaa qaban hunda (Bishaan, bu’aalee bosonaa, humna elektiriikaa, kkf) tola Oromiyaa irraa argatti. Ammas waantota miidhaa qaban hunda (kosii, summii, kemikaala, qillensa faalamaa) ammoo tola Oromiyaa irratti gatti.

5. Afaan Oromoo Afaan Amaaraa Wajjin Afaan Hojii Motummaa Federaalaa Akka Ta’u Dhimma kana Dr. Birihaana-Masqal Abbabee Sanyii bal’inaan waan qindeessanii jiraniif isuma dookumentii kanatti dabaluun ni danda’ama.

6. Mirga Afaan Dhalootaa Ofiin Barachuu fi Hojjechuu Oromiyaa keessatti bakka Habashootni heddumminaan jiraatanitti mirgi isaanii kabajameefii ijoolleen isaanii Afaan dhalootaa isaaniin barachaa jiru. Adaamaa, Jimmaa, Shaashamannee, Bishooftuu, Mattuu, Beddellee, kkf ilaaluun ni danda’ama. Garuu Oromootni lakkoobsaan hedduu ta’anii magaalota akka Asoosaa, Baambasii Abbaa Mootii, Waanbaraa, Matakkali , Finfinnee, Diillaa kkf keessa jiraatan mirga ijoollee isaanii Afaan dhalootaan barsiifachuu hin qaban.

7. Dhaabbilee Federaalaa Keessatti Reeshoon (Ratio) Oromoo Baayyee Gadi Bu’aa Ta’uu Isaa Dhaabbilee (Institutions) federaalaa caqasuun reeshoo sabootaa agarsiisuun ni danda’ama.

8. Gaaffilee Itti Dabalamuu Danda’an Hunda Itti Dabaluudhan Xumura FDG karaa nagaya nuti biyya keessaa fi alaa addunyaa mara irratti finiinsaa jirru kun yoo yeroo gabaabaa keessatti deebii dhabellee gaaffiin mirgaa nuti gaafachaa jirru hunda-galeessa (holistic) fi qindaawaa ta’uun daran barbaachisaa waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti dookumentii (document) qindaawaa akka haala gadifageenya qabuun nuu qopheessitan ammas maqaa jaallewwan wareegamanii fi mana hidha cunqursitootaatti dararamaa jiraniin isin gaafadha.

 Boruu Guyyuu

Amajji, 2016 Finfinnee Oromiyaa

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved