Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

‘’  S  O  B  A ‘’

Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa 19/11/2015

Naannoon itti horii tiksaa, aramaa aramaa, midhaan jaldeessarraa eegaa guddadhe tokkotti sirba ‘GELLOO’ jedhamu tokkotu ture. Sirboonni kun qabiyyeefi ergaawwan jaalalaan olii ta’e hedduu kan qabaniifi falaasamni keessa jiru dhimma eenyummaa sabaa baatee akka adeemullee waraqaa qorannookoo MA Yunivarsiitii Finfinneetti hojjedheen dhugoomseera. Maarree sirboota gara buufata kuma sadii walitti qabe qabu keessaa har’a waa xiqqoon gara sammuu nadhufte. Waa’ee ‘Hamataa’. Hamiin humna gargar nama baasu akka qabu hawaasni Oromoo afoolasaan lafa kaa’eera. Mee ishee kanaa gadii kana ilaalamee…

‘‘Mar’ataan jajjaba raasaa

Haraasukaa manasaati

Hamataa gargar nubaasaa

Haata’ukaa dhalasaatii’’.


Dubbiin silaa itti gala qabdiiti yeroo ammaa kana ‘Sobni’ meeshaa ammayyaa ‘Bombii niwukilaaraa’ caalaa dhaabiitti dhala namaa fixaa waan jiru fakkaata. Hamiin kun saffisa aduu caalaa sakoondii muraasaatti ardii guutuu qaqqabuuf takinooloojii ammmayyaa nuti itti gargaaramaa jirru kun farad isaa ta’eeti jira. Meek an ormaa ammaaf dhiiseen waa’ee keenyatti deebi’a. Sobni kun saba keenya Oromoo gargar diiguufi bittineessuurratti muuxannoo waggaa 100 olii waan qabu fakkaata.
Keessumattuu yeroo ammaa kana kaan hojjetee kaan ammo utuma hinhojjetiin arraba dheereffatee natu beekaafi mul’achuun qabaadhaan hamiin gurra sirraa buusuuuf daran hojiikooti jedhee waan ittiin qacaramee miindeffamee hamiidhaan hojjetu fakkaata. Hamiin qabsoo Oromoon gama hundaan taasisaa jiru keessatti danqaa guddaa uumaa turuusaaf namootiin baay’een hamiin cabanii qabsoo akka dhuunfaafi walootti taasisuu qabanrraa duuba deebi’an heduudha. Gaarii godhan isaaniin jechuukoofis miti. Sababiinsaa M’mul’anni sirumaa jijjiiramaaf banbanu human hamiifi jibba hamaa hunkuteesee fiixee milkaa’inaaf aggaamuu qabaka!

Mee seenaa Griik duriittan duuba deebisee waa sinyaadachiisa Oromookoo.

Bara 469-399 Dhaloota Kiristoosiin duratti saayintistiin maqaansaa ‘’SOOQIRAATES’ jedhamu ogummaa uumaan isa gonfachiiseen baay’ee kan beekamu ture. Maarree guyyaa tokko Falaasaan (Philosopher) hojii Sooqiraates kanaa dhihyeenyatti beeku tokko barataa Sooqiraates kan ture ‘Pilaatoo’’ itti hamachuudhaaf garasaa dhaqe. Falasaan kunis, waa’ee barataakeetii Pilaatoo waan dhagahee jiru tokko utuun sitti himee ajab maal jettagaa jedhee qilleensa sobaa akka malee afarsuu sana fudhatee gara Sooqiraates’tti fiige. Itti himuudhaafis hafuuraa citee ariitiidhaan akka malee waan muddama hamaa keessa gale fakkaata. Egaa namni hubataan silumaa ija ogummaan waa mara wan ilaaluuf Sooqiraates hamii kana harkaa fudhachuudhaaf gundoos ta’e gingilchaa dura hinkaa’aneeti meeshaa ittiin dubbii sana gara sammuusaatti dabarsu calaltuu ammayyaa tokko utuu yeroo itti hinfudhatiin qopheeffate. Mee waliin dubbii isaanii akka kanaa gadiitti hordofaa.


1. Sooqiraates: Mee afachu, utuu ati natti hin himiin mee dubbiinkee calallii ani qopheessu sana akka darbuu danda’un mirkaneessaati jedheen. Maqaan calallii sanaas Qormaata Calallii Sadeessoo (QCS) / Triple filter test ‘ jedhe.

2. Namicha: Qormaata Calallii Sadeessoo (QCS) ?


1. Sooqirates: Eeyyee, utuu ati waa’ee barataakoo kanaa natti hin himiin mee waan ati natti dubbattu kanaaf calallii jalqabaan siif hima. Calalliin jalqabaa kunis, waan ati waa’ee Pilaatoo barataakooti natti himuuf jirtu raawwatee dhugaadhaa?

2. Namicha: Dhugumaaf taanaan anis nan dhagahe malee qabatamatti hinbeeku.


1. Sooqiraates: Baay’ee gaariidha. Waan natti himuuf jettu kun sobas haata’u dhugaa waan beektu tokko hinqabdu; garuu oduu darbaan dabarsaa dhageesse natti himuuf dhufte jechaadha. Toolegaa, mee calaltuukoo lammeessoottan darbaati. Calalliinkoo lammeessoo ammoo waa’ee ‘Gaarummaa’ti. Kan ati waa’ee barataakooti natti odeesuuf jettu ammoo waa’ee gaarummaa barataakootii?, waan fuulduratti akak isa jabeesu kakaasumoo waan haamileesaa najalaa cabsudha?

2. Namicha: Lakkii dhimmichoo faallaasaati, waan isa gargaaru natti hinfakkaatu himmm…..
1. Sooqiraates: Dhimmi ati natti himuuf jettu kun inumaayyuu dhugaa ta’uunsaas shakkii qaba; dabaltaanis waa’ee hammeenya barataakoo kanaa natti himuufi jechaadha?
2. Namicha: Fuullisaa walitti bubbutamee leeyyoo guddaan akka isa qabatte fuulasaarraa mul’achuu eegale.

1. Sooqiraates: Egaa qormaata lamaan waan hindabarreef, mee gaaffii qormaata calaltuu sadaffaan siif dhiyeessa. Gaaffii sadaffaan ammoo waa’ee ‘barbaachisummaa’ti. Mee dhimmi waa’ee barataakooti ati natti himuuf jettuu kuni an dhaga’uunkoo hagam barbaachisaadhaa?, nafayyadaa?, hojiikoof gumaacha inni buusu hagamidha?
2. Namicha: Homaa, homaa tokko waan sigargaaru natti hinfakkaatu.


1. Sooqiraates: Gaariidhaga! Erga waan ati natti himtu kun dhugaa,

gaarummaa kan hinqabneefi baay’ee kan hinbarbaachifne ta’eeti maaliif silumaa natti himuun sibarbaachiseree? jedheen. Kanarraan kan ka’e namichi dubbii hamii kiiloo hinkaafne kana baatee gara Sooqiraates dhaqe kun mo’amee leeyya’uun biraa sokke jedhama. Kanarraa kan ka’es Sooqiraates dubbii ogummaasaatiin falaasaa cimaa ta’uun nama beekamaa ta’ee hanga ammaatti maqaansaa faarfatamaa hafe.
Obbolootakoo, dhalootni ol biqilaa jirtaniif adaraan sabaafi biyya keessanii halkanii guyyaa boqonnaa isin dhowwataa jiru marti mee xiqqoo nadhagahaa. Hamiin humna nufuudheera. Siyaasni Oromoo, jiruufi jireenyiisaaa marti hamiidhaan waan guute fakkaata. Namni baay’een sobaan mana dhagaa human dhugaan akka tuullaa cidii isa jalaa gubatuun afuufameera. Kananis obboleessasaa cabsee ofiisaa sadarkaa guddina sobaa gonfateera.
Diinni Oromoos meeshaa kanatti gargaaramee haadhoofi haadhoo walficcisiiseera. Tokko waa tokko, inni kaan kanbiraa sitti hima. Kamtu dhugaa, barbaachisaafi gaarummaa akka qabu hubachuun nama rakkisee jira. Waan namni hunduu Kolleejjii ‘ HAMII’ ti digirii fudhatee ba’e fakkaata barri keenya kun. Kanaan deemnee eessayyuu hingeenyu. Namni lagaan, amantiin, naannoo jiruun hamiitti dacha’e. Tokko fuulduratti tarkaanfannee sadii waan duubatti deebi’aa waan jirru fakkaata.

Hamiin yeroo keenya daran nyaateera. Utuu meeshan ammayyaa ittiin soba akka hindhageenye nama gargaaru oomishamee hunduu bitatee gurratti kaawwatee yaa’a ta’ee akkam gaarii ture. Waggaa muraasa addunyaa kanarra jiraannam. Ishumaa hojiin utuu hintaane hamiin fixaa jirra.

Adaraa kottaa har’aa kaanee akkas goonaa. Nama Oromoo Oromootti hamatu jalaa hinqabnuuti. Utuma dhaggeeffannellee mee barbaachisummaasaafi dhugaasaas calaltuu keenya keessa haadabarsinu malee korojoo bubbeetti fe’annee ittiin saba hindiignuuti. Sobni mana Oromoo baay’ee diigeera, sobni siyaasaafi jaarmiyaalee Oromoo baay’ee diigeera, sobni bineensa xiinsammuu dhala namaa nyaatu dhibee kaanserii sammuu ta’ee ilaalcha keenya jallinatti oofeera. Soba irraa of haa’eeggannu obbolootakoo; nuti TOKKO!!


Hafarsaan bubbisee qilleensi manii cabsee

Hamiitu nunaaffisee kunis dhaloota jaamsee


Walitti isaan hammeessee haadhoo ilmaan garaa tokkoo

Garbummaa waggaa dheeraa irratti tuulee rakkoo


Dantaaf faayidaa yeroof baay’een ajjeesee qomoo

Qinaaxxii manaa cabsee gargar diige abbaaf ilmoo


Akka damama mi’aa’ee akka sumi’ii dhammdhamaa

Sobni meeshaa yakkaatii utuu hinfacaasiin haamaa


Baay’een ittiin cabeera kaan naafateeyyuu ciisaa

Sobni nam hinguddistu leeyyaasistuun ilbiisaa


Mee kaanee akkas haagoonuu waaliif haseennu waadaa

Sakkaataanee as fidnaa dubbisnee galmee aadaa


Uummatni Oromoo hinbeekuum afarsaa dubbii sobaa

Eenyuma gidduu seenee wanta hintaane lallabaa?


Kanaaf duuba deebinee ajjeesnee sobnee hinhaalluu

Akka wali hicabsineef waadaas waliif haagalluu!!!


Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa

Harvard University, USA

beekanguluma@gmail.com

Cell Phone +1 (617) 319 44 98

Twitter: @beekanguluma

Skype: hayyuubeekan1

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved