Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
New
Page 2 home
Abbaayi Tsehayyee Uumataa Oromoo irrati lola labsuu isaa
By Seena Abdissa Dhiibbaa hundeessitoota Wayyaanee(TPLF) kan ta'e Abbaay Tsehayyee Uummata Oromoo irratti gochaa turee fi Gochaa jiru keessaa muraasa!!! Guyyaa Kaleessaa Dubbii obbo Abbaay Tsehayyee waltajjii dhoksaa tokko irratti Waa'ee Maaster Pilaanii Finfinnee irratti dubbate OMN'n qilleensa irra Oolchuu dhaan baayyeen keenya dhageenyeerra.Obbo Abbaay Tsehayyee kan jedhan "Jallattanis Jibbitanis Maaster Pilaaniin Finfinnee hojii irra ni Oola.Maaster Pilaaniin kun hojii irra akka hin oolleef kan tattaaffii godhan hoggantoota OPDO dabalatee sirriitti ishee galchina...!!!" Jechuu dhaan tuffii uummata Oromoo fi Hooggantoota OPDO'f qaban ifatti ibsanii jiru.dhimma kanas namoonni baayyee share gochuu dhaan yaada itti laatanii jiru.dhimmi kun garuu dhimma baayyee nu ajaayibsiisu miti.sababni isaas namichi kun yeroo garaa garaatti bifa wal fakkaataa dhaan hojii wal fakkaataa dalagaa waan tureef!!! bara 1998 dhiibbaa fi tattaaffii guddaa namichi kun taasiseen magaalaan Dire Daawaa Oromiyaa jalaa Baatee Federaala taatee jirti. Bara 2004 wal ga'ii
Magaalaa Baatuu(Zuwaay) keessatti taasifameen obbo Abbay Tsehayyee
qo'annoo tokko gaggeessera jechuu dhaan Magaalota Oromiyaa gudguddoo
kanneen akka Jimmaa fi Adaamaa keessatti Afaan Oromoo kan dubbatamu
Persentaa 30 gadi waan ta'eef Afaan hojii magaalota kanneenii Afaan
Amaaraa ta'uu qaba jechuu dhaan qo'annoo isaanii dhiyeessanii
turan.Qo'annoo isaanii kanas Miseensonni OPDO cimsanii kan morman
yoo ta'u keessumattuu Momiin obbo Suleemaan Daddafoo taasisan Obbo
Abbaay Tsehayyee daran kan finiinse ture.sababa kanaafis Obbo Abbaay
Tsehayyee bakka isaan ta'anitti obbo Suleemaan Daddafoo reebuuf
gaafa jedhan Gargaarsa namootaatiin addaan baafaman.Mormii yeroo
sanaa booda har'a obbo Suleemaan Daddafoo bakki isaan jiran hin
beekamu.akkasumas bara 2008 wal ga'ii kaabinootaa taasifameen
qabeenya bunaatiin galii guddaa Oromiyaa dhaaf argamsiisuun kan
beekamtu Magaalaan Jimmaa Federaala Jala akka galtuuf carraaqqii
guddaa taasise. Dhimmi kun Miseensota OPDO's ta'e nama kam iyyuu kan yaaddessu ta'uu hin qabu.dhimma kana kan Mormaa jiru uummata Oromoo hunda dha.kanaafuu Dubbiin obbo Abbaay Tsehayyee Araqee isaanii dhuganii dubbatan kufaatii isaanii kan ariifachiisu ta'uu irraan kan hafe Mormii Miseensonni OPDO fi uummanni Oromoo taasisu irratti dhiibbaa gochuu hin danda'u!!! Waa'ee Uummata Oromoo irratti kan Murteessuu danda'u uummata Oromoo fi Uummata Oromoo qofa!!! 22/02/2015 Source: https://www.facebook.com/seenaa.abdissa/posts/349971031870315 |
|
Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |