Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

                                                       Seena Goota Oromoo


Jaal 
#Guutuu_Caalii (Abbayee)


Abba WBO jedhamuun beekamu iddoon dhalootasaa Aanaa mana Sibuu ganda Gomboo daagaa adii kan t'ee seenaa yeroo wareegamasaatii qofa kan hammate fi gootota har'aaf fakkeenya gaarii tahu kana kan bareessegoota amma lubbuun goota kanaa wareegamutti kan waliin tureedhaan. Seenaa Jaalle Guutuu Caalii (Abbayee) Dirree Qabsoo Godinaa Dhiha Oromiyaatti


Waa’ee seenaa duubbee obbo Guutuu Caalii irratti, naannoo wareegama isaa sanatti haallan turan irratti waanan beeku akkan barreessuuf gaaffii gulaaltota kitaaba “Goota Oromiyaa” irraa naaf dhihaateen, yeroon barreeffama kana jalqabu, kan jalqaba sammuutti na dhufe, sirba inni jaallatu “...Michuu baayyeen qabaa lixa biiftuu irraa...” jedhu ture. Yaadannoon kun garaa na booressee, hangan waan kana barreessee fixutti imimmaan ija irraa na fageessuu dadhabe.

Armaan dura bara 1993 keessa seenaa kana sirnaan barreesseen ture. Haa tahuu garuu haala adamsa diinaan kan ka’e dhoksee kaa’uun waan hin dandahaminiif amma irra deebi’ee hangan yaadadhu tarreessuuf dirqame. Ogummaa seenaa barreessuu yoon hin qabaatin iyyuu haala yeroo sanatti ture hangan yaadadhu tarrisuun na hin dhibu. Sababni isaas hanga sa’a dhumaa Abbayeen lubbuun jiru turetti waanan waliin tureef seenaa kana dhalootaaf himuun hedduu barbaachisaa dha jedheen amana. Warri waan kana akkan barreessu na gaafatan, hangas akkan bal’isee barreessu na gaafachuu baatan illee, hangam yoon gabaabse illee, kanaa gad xiqqeessuu waanan hin dadeenyee fi odeessa gahaa ta’e akka argattaniif akkasitti barreesseen jira.

Goototni gosa hedduu akka jiran haasawaan dhagaheeera, kitaabota irraa dubbiseera, akkasumas meeshaalee sab-quunnamtii baraa garagaraa irraas dhagahaan ture. Haa tahu malee anaaf gootni Abbayee caalu tokko illee hin jiru. ‘‘He is my hero’’ jedhu warri faranjii. Gootota wareegaman kanneen biroo seenaa isaanii qoradhee dhagahuu fi dhaggeeffachuu irraa kan hafe bira jiraadhee argee ragaa tahee hin beeku. Kan Abbayee garuu hanga tibba dhumaatti waanan bira turee fi haala keessa turre sanatti yaada hedduu waan wal-jijjiiraa turreef gootni ofiif wareegamee jaallan isaa diina harkaa baasu kan akka Abbayee argee hin beeku. Gootni lubbuu isaa hin mararfanne goota gootota caaluu dha. Yeroon seenaa kana barreessuu eegale irraa hangan xumurutti hirriba sa’a gahaa rafee hin beeku. Mararfannoon isaaf qabaachaa ture irraan kan ka’e yaadannoo isaa dagatuun dadhabe. Buhaa bayii waggoota 16haa booda illee waan hirraanfatamu hin taane. Haala keessa turree fi dabarre yerosiitu akkan hin hirraanfatne na taasise.

Ramaddiin dirqama kiyyaa naannoo Jimmaa bakka Guutuu Caaliifaan turan hin turre. Jaarmayaan kiyya Zonii Wallaggaa-Dambi Doolloo waan tureef achi irraa baatii waxabajjii calqabaa keessa bobbaa dirqamaaf gara Naqamteetti sossohe. Osoon achi jiruu ABOn waan hirmaannaa mootummaa keessaa luqqifateef haalli daran jabaataa dhufee karaan Dambi Doolloo fi Naqamte gidduu cufame. Haala kanaan gaafa ABO mootummaa keessaa bahe sana Finfinneetti ol deebi’e. Finfinnee irraa miseensa biroo maqaan isaa Geetinnat Angasuu Faajjii jedhamu waliin haala qindeeffannee borumtaa isaa gara Waraana B.O. Zoonii Jimmaatti sossoone. Magaalaa Jimmaa keessa hoteela bullee achi irraa gara Aggaarootti sossoone. Uccuu keenya mana dubartii sabboontuu maqaan ishee Qamaruu jedhamtu tokkoo keenyee taaksiidhaan magaalaa keessaa baane. Kiilomeetira 3 erga fagaannee booda buunee miilaan gara baadiyyaatti deemsa eegalle. Uummata magaalaa Aggaaroo keessaa
nama sabboonaa tokkotu nu fuudhee deeme.
Nama kana ani maqaa isaa hin beeku. Shakkii hambisuuf jecha nutti hin himamne.

Miseensota akkuma keenya lamaanii gara waraanaa deeman biroon walitti dhufne. Ana, Geetinnat Angasuu Faajjii, Ballinaa Cammir, Mohamed Kadir (sirbituu...washii yaa washii...) fi uummata keessaa dardara lama waliin gara WBOn qubatee jiru gahuuf deemsa eegalle. WBOn qondaala ajajaa-buttaa Fufaan ajajamu tokko gandoota naannawa kana jiran keessa sossohaa ture. Mana uummataa bullee ganama isaa kaanee gara WBOtti sossoone. Guyyaan isaa waxabajjii 25/1992 dha.

Karaa bullee ganama buttaa Fufaan ganda Baraa Booree jedhamutti walitti dhufne. Ramaddiin kiyya damee tikaa keessa waan tureef ani achumatti WBO muraasa Kumarraan ajajamutti makamee dirqama bobbaa fudhadhee sossohuu eegale. Ballinaa, Geetinnatii fi Mahaammed Kadir bakka Abbayeenfaa jiranitti ergaman.
Gandootni kanneen Baraa Booree, Baraa Warangoo Baraa Dedoo fi Baraa Incinnii jedhamu. Gandootni kanneen gidduu Onoota Geeraa fi Gommaa tahanii qixa maraan bobbahuuf mijataa dha. Magaalaa Aggaaroo, Toobbaa, Geeraa fi Guumaatti bobbahuuf ni mijata.

Waraanni mooraa bahe kun bobbaa 3n wal-hiree lola falmaa bilisummaa itti fufe.
Ajaja WBO fi jarmayaa siyaasaa ajaja tokko jalatti gurmeessuudhaan Abbayeen hogganamuu eegale. Qondaalli ABO ol’aanaan bakka kana ture isa waan taheef jarmayaa kana dhuunfatee hoggana haala zaliilii keessatti kennaa ture.

Qondaalli Ajajaa WBO humna Jimmaa kan ture Abbaa Booraa jedhama. Bakki quubsuma ajajaa ammoo gidduu Gaattiraa, Sigimoo fi Saxxammaa tahee gara Geeraatti dhihaatee gaara keessa ture. Achitti wal-ijaaruudhaan dudduubbee isaa cimsatuudhaan humna diinaa irratti haleellaa rifaasisaa fudhachuuf saganteeffatee ture. Humna gartuu qaruuxee Jaalle Kabaa (miseensa gameessa kan ture, booda sagalii isaa fudhatee dirree dhihaatti deebi’ee falmaa bilisummaa irra osoo jiruu kan bara 2000 keessa wareegame) dabalatee miseensotni jarmiyaa marti waan achi turaniif ajaji waliigalaa jaarmayaa Jimmaa kun akka Abbayeen hogganamu tahee ajaja isaa jalatti qabsoon itti fufe.

Akkanaan qabsoon finiinee haleellaa gara garaa humna wayyaanee irratti fudhachuu eegalle. Humna muraasa tokkoo kan qondaala Kumarraa jedhamuun ajajamu kana duukaan bobbahe. Daandii Geeraa fi Aggaaroo wal-quunnamsiisu kana gidduutti riphuudhaan haleellaa rifaasisaa diina irratti fudhachuu eegalle. Waxabajjii 28, 1992 irraa hanga Adoolessa 15, 1992 humna Wayyaanee Geeraa fi Aggaaroo gidduu deddeebi’aa ture RPG (laawuncheera)n rukutuudhaan balaa hedduu qaqqabsiisuudhaan akka uummata keessa hin sossoone dhorkine. Bobbaa wal-fakkaataa magaalaa xiqqaa Bashaashaa jedhamtu irratti fudhachuudhaan humnaa fi maadhee diinaa achi ture buqqisuun dandahamee ture. Saglii qaruuxee fi humni biroo Abbayeefaa duukaa tures tarkanfii gara garaa wal-fakkaataa fudhachuudhaan humna diinaa rifaasisaa tureera. Bultii irraa gara bultiitti humni WBO of- irratti hirkannoon isaa laaffachaa dhufuu fi maddi galaa waan irraa qaqal’ateef humna WBO bakka kana bobbahe mara walitti fidanii ajaja gurmaawaa jalatti tolchuudhaan bobbaasuun waan fardii taheef humni WBO kanneen ganda qotee bulaa Baraa Dedoo jedhamu kanatti akka walitti dhufu taasifame.

Ajaja waraanaa kana qindeessuuf jecha humna dudduubee ture fudhatee Abbayeen gara kana bobbahe. Anii fi Abbayeen yeroo calqabaaf kan wal-agarre gaafa kana. Guyyaan isaa gaafa Adoolessa 15, 1992 ture. Walitti dhufa kana irratti Abbayee, Kabaa, Aliyyii (ajajaa Cibraa), Mahammadzeen (Zeenuu)-Itti gaafatamaa Dabbalee Jimmaa kan ture), ana (barreessaa seenaa kanaa) fi Fufaa (ajajaa buttaa) tu turre.

Anaa fi Mohaamadzeen dirqama uummata ijaaruu fudhannee gara naannawa Aggaroo fi Jimma gidduu magaalaa Geembee jedhamtutti dhihaannee uummata ijaaruu fi itichuu eegalle. Haala banaa dhalate kanaan sirna dhablummaan heddummatee uummatni wal- saamuu waan eegalee tureef kana hambisuu irratti hojjennee uummatichi akka wal kabajee sirnaan bulu taasisuu dandeenyee turre. Kabaanis saglii qaruuxee fudhatee waan nu duubaan bobbahee tureef uummata qabbaneessuun dandahame. Gumaacha uummatni bakka kanaa nuuf godhe hedduu nu jabeessaa fi nu haamilchiisaa ture. Bakka qubannee jirru gaara keessatti nyaata nuuf fiduudhaan, sochii diinni nu adamsuuf godhu dura dhaabbachuudhaan karaa irraa maqsee nu bira dabarsuudhaan nu dandammachiisee ture. Kanan as keessatti hin caqasin hin dabarre keessattuu deggertoota keenya magaalaa Geembee keessaa kan akka maatii nama Haajii Abbaa Milkii jedhamuu takkaa hin jiru. Lubbuu isaanii balaa cimaaf saaxiluudhaan gaara keessatti nyaata kan nuuf fidaa turanii fi nu waliin sossohaa turan Abdallaa fi Mahaammad-amiin akkasumas obbolaa isaanii dubraa lama caqasuun fedha. Isaan kun fakkeenyaaf malee kanneen akkanaa lakkaawee fixuu hin dandahu. Seenaan yoom iyyuu isaaniin ni yaadatti.

Oobdiin qabsoo keenyaa guyya guyyaan babal’achaa dhufuu fi humni diinaas bobbaa isaa bal’ifachuudhaan nurratti duuluu eegale. Yeroonis fiiguu ittuma fufee bultiin torbaniin, torban ammoo baatiidhaan kute. Haala kanaan baatii tokko naannoo Geembee kana erga turree booda gabaasaa sochii galchuuf jecha Jaalle Mahaammadzeen gara Abbayeetti na erge. Tartiiba quunnamtii diriiree tureen bultii lama deemee Abbayee quunnamuu dandahe. Baraa Booree bakka jedhamu gaara keessa qubatanii turan. Ajajaa cibraa Aliyyii jedhamu waliin turan. Abbayeen gaafa na argu hedduu dheekkame. Bobbaa baanee dafnee deebihuu dhabuu keenyatti mufatee dheekkamuu dandahe. Gabaasaa karaa ijaarsa uummataa ilaalchisee kan Zeenuun qopheessee fi gabaasaa kiyya erga argee booda natti qabbanaawe. Haala hawaasni Oromoo keessa ture, deemsi qabsoo naannoo kanaa maal akka fakkaatuu fi tilmaama intelijensii humna diinaa irratti kan hirkate waan tureef sagantaa gara fuula duraaf yaada kan akeeku ture. Sochiin bakka kana keessatti geggeeffamaa jiru laaffachuu isaa, humni diinaa jabaachuu fi of-irratti hirkannoon illee laaffataa waan deemeef humna jiru walitti qindeeffannee gara WBO biroon jirutti butachuudhaan deebifnee of-ijaarree achi irraa sossohuun gaarii akka tahe tilmaamnee turre. Halkan guutuu gabaasa kana irratti erga marihachaa bullee booda yaada xumuraa irra geenye. Guyyaan isaa Fulbaana15-20 gidduu dha. Yaada tilmaamaa kana irratti kan waliigale yoo ta’e iyyuu yeroon isaa akka hin gahin ibsee anaan gara dirqama kiyya duraatti akkan deebihu na bobbaase.

Gara dirqama kiyyaatti deebihuuf ka’een ganda uummataatti goree akka na bulchan gaafadhe. Achitti ijoollee Yuniveersitii irraa dhufanii gara waraanaatti dabalaman sadii arge.Maqaan isaanii Tafarii Margoo, Mahaammad-jamaal fi doktorummaa kan barataa ture Faqqadaa Jaarraa turan. Deemsa guyyaa sadii booda deebi’ee naannoo Geembee yeroon gahu odeeffannoon gaddisiisaan tokko maadhee kiyya uummataa irraa na dhaqqabe. Jaalli kiyya waliin bobbahee qabsaawaa ture Mohaammadzeen guyyaa sadiin dura miseensa dabballee tokko waliin rasaasa diinaan wareegamuu isaa dhagahe. Gaddaa fi xiiqii guddaan na seene. Gumaa jaala kanaa baasuuf na haamilchiise. Humna waraanaa dabaladhee loluudhaan humna diinaa dhabamsiisuun fardii taate. Gara Abbayeenfaa jiranitti deebihee humna dabalachuun barbaachisaa waan tureef bifa kanaan gara duubbeetti deebihe. Yeroon achi gahu haalli bakka kanaa jijjiiramaa jira. Buttaan duraan waliin turetti deebihee haala gaafan qoradhu ajajaa buttaa kanaa kan ture Jaalle Fufaan lola irratti calqaba baatii fulbaanaa keessa wareegamuu isaa dhagahe. Bobbaa diinni nurratti geggeessu, dudduubbee galaa dhabuu, bakka madoo itti wal’aannatan dhabuu, haala teessuma lafaatti wal’aaluu, quunnamtiin humna WBO biroo fi hoggana waliin cituunii fi, sagantaan radiyoo SBO cituun walitti eda’amee haamilee waraanaa laaffisuu irraan kan ka’e humni keenya qaqal’ataa dhufee ture. Bakka haalli jabaatetti bifa siviliin, bakka haalli mijatetti ammoo bifa waraanaan sochii itti fufne. Gandoota ollaa afran kannee Baraa (Dedoo, Booree, Warangoo fi Incinnii) keessa osoon jiruu as deebihuu Abbayee dhagahe. Haaluma rakkoolee olitti tuqe kanneeniin humni isaas irraa qaqal’ataa waan dhufeef, waraana jiru kana walitti qabee jarmiyaa haarawa ijaaruun dirqii tahe. Karaa maadhee uummataa bakka inni qubatee jiru argachuudhaan yeroo 3ffaaf walitti deebine.

Ganda qotee bulaa Oddoo Hadamii jedhamu keessa gaara bunaa keessa WBO muraasa tokko waliin qubatanii turan. Haala nu mudate kana keessaa bahuu akkaataa itti dandeenyu akeekkachuun fardii tahee as bahe. Haala kanaan Jaalle Guutuu Caalii-Abbayee jechuun koree tokko dhaabee yaada akka dhiheessinu dirqama kenne.
Ana, Habtee Taarraqeny Qana’aa (itti-gaafatamaa waajjira Aggaaroo kan turee hiriira nagaa irratti rasaasa wayyaanee irraa dhuka’een miila rukutamee madaawee kan ture), Ballinaa Cammir (gartuu siyaasaa) fi Abbaa cibraa kan ture Aliyyii taanee dirqama kana fudhanne.

Yaada tilmaamaa hedduu kaafnee erga xiinxallee booda yaada tokko irratti waliif galle. Yaadni kaafnee irratti marihanne keessaa bifa siviliin Finfinneetti ol-deebihuu, achuma naannoo Aggaaroo, Geeraa, Gommaa fi Guumaa gidduu qabsoo hidhannoo itti fufuudhaan turuu fi gara duubbeetti sossohuudhaan waraana Godinaa Wallaggaan walitti deebi’uu kan jedhu ture. Humna asii fi achi facahee jiru kanneen qindeeffatuudhaan humna diinaa haleeluudhaan cabsinee gara dhihaatti sossohuudhaan humna WBO achi tureen walitti furgaafachuun haala filmaata hin qabne tahee fudhatame. Haala ture irraan kan ka’e quunnamtiin keenya waraana godinaa sana keessa jiru irraa waan citeef waan isaan keessa jiran quba hin qabnu turre. Godinaa Wallaggaa keessa WBOn bakka sadii qubatee waan tureef akka inni nu dandammachiisu abdii godhataa turre. Giddaa Kiiramuu, Begii fi Dambidoolloo keessa waan jiruuf teessuma naannoo sanaa illee akka gaariitti waan beeka tureef humna diinaa cabsee naannoo sana bilisoomseera taha kan jedhu abdii guddaa horannee waan turreef garas deemuun fudhatamuu dandahe. Yaadni yeroo sanaan dura maaliif Finfinneetti ol hin deebitu jennee Abbayee gaafannu yaada inni irra deddeebi’ee ibsaa ture, ‘‘ilmaan Oromoo fidee ibiddatti naqee dhiisee hin deemu, asumattan wareegama malee!’’ kan jedhu ture. Duuba irratti garuu humni Zoonii kana keessa jiru haphataa waan dhufeef inni hafe osoo badduu hin bahin qindeeffatanii achi irraa sossohuun fardii tahee as bahe. Yaada kana marti keenya qalbii tokkoonn waan fudhanneef Dhidheessa keessaan cabsannee gara duubbeetti deebi’uu murteeffanne.
Haala kanaan humna WBO muraasa tokkoo miseensa 34 kan qabu Abbayeen kan hogganamu abbaa cibraa Aliyyiin ajajamu qindeeffannee gaafa Onkoloolessa 16, 1992 Oddoo Hadaamii irraa sochii eegalle. Achi irraa kaanee Baraa Booreetti gallee bulle. Akkuma aadaa sochii WBOtti barii halkanii keessaa sa’a 4:00tti kaanee deemsa keenya itti fufne.

Gantuu fi abbaan garaa seenaa qabsoo bilisummaa keessatti yeroo gara garaatti ka’anii balaa seenaa nurraan gahuun ni yaadatama. Ammallee akkasuma gantuun odeeffannoo keenya diinaaf dabarsaa ture jiraachuun hin oolle. Sochii faana keeynaa irra bu’uudhaan humni wayyaanee gantuun harkifamtee bakka kana keessa sochohaa turte nu hordofuu eegalte. Naannoon kun naannoo bosona dilbii waan taheef keessa sossohuun rakkisaa dha. Gaadduun humna diinaa nurra geessee ganama keessaa gara sa’a 8:00 irratti dhukaasa jabaa nurratti bante. Goototni bilisummaa Oromoo haamileedhaan loluudhaan humna diinaa kana of irraa ittisuudhaan miseensotni muraasaa dubri lama gootummaan wareegaman. Ajajaa kan ture Aliyyiin saffisaan battala qabachuudhaan dhukaasa deebii waan kenneef Abbayeef golga gochuudhaan diina jalaa baasuu dandeenye. Miseensota keenya keessaa Habtee Taarraqenyi Qana’aa-akkan olitti ibse itti gaafatamaa waajjira Aggaaroo kan ture diinni itti marsinaan osoon lubbuun jiruu diinni fayyaa kiyya hin qabattu jedhee rasaasa shugguxii isaa dhugee wareegama gati-jabeessa kafale. Guyyaan isaa Onkoloolessa 17, 1992 ganama keessaa sa’a saddet irratti. Bakka Baraa Warangoo jedhamu naannoo Gommaa fi Geeraa gidduu godinaa Jimmaa keessa dha.
Erga dhukaasi qabbanaawee diina jalaa miliqnee booda Abbayee, Aliyyii, ana, Geetaachoo Atoomsaa (kan amma lubbuun Kanaadaa jiru maqaan isaa Jimmatti Kadiriin kan beekamu), waardiyyaa Abbayee kan ture, maqaan isaa nageenya isaaf jecha kanin amma tuquu dhiisee fi amma mana hidhaa wayyaanee karchallee keessa kan jiru loltuu waardiyyaa Aliyyii turee fi loltuu shamarran lama taanee wal arganne.

Haala ittiin naannoo kana keessa turru tilmaammannee yeroo ilaallu nama 8n sossohuun akka inni balaa qabu hubanne. ‘‘Abbayee fi Aliyyiin namoota sadi sadii filadhaatii namoota afur afur taanee sossoonaa’’ jennee waliif galle. Abbayeen anaa fi Geetachoo filatee waardiyyaa isaas nu duukaa fudhatee afur taanee adda sossoone. Guyyaa lamaan booda gaafa Onkoloolessa 19, 1992 adda deemne. Hanga gootni of wareege Habtee Taarraqeny Qana’aa owwaalamutti achuma turree gaafa Onkoloolessa 18, 1992 kana adda baafannee gara naannoo Baraa Dedootti as deebine. Habteen anaaf firooma dhiigaa dhihoo tahe waan waliin qabnuuf (ijoollee ilmaan wasiillanii waan taaneef) wareegama isaa irratti garaan kiyya hedduu yoo gaddee boo’e iyyuu miseensotni biroon akka narratti baran hin barbaanne. Anaaf kan dursu ture Oromummaa malee firummaa dhiigaa waan hin turreef dhokfadhee bira tare.

Gandoota Baraa Dedoo, Booree, Incinnii fi Oddoo Hadaamii gigguu deddeebinee riphnee of-jireessuu eegalle. Jireenyis jabaataa dhufte. Kan ganda uummataa keessa deemee gala fidaa ture ana waan tureef rakkoon beelaa hedduu nu hin mudanne. Lakkoobsi keenyas 4 qofa waan tureef waan galaafannu xiqqoon nu gaha ture. Guyyaa guyyaa gaara keessa holqa booyyeen ciisu irraa arihannee achi keessa oolla. Galgala dukkana golga godhannee uummata quunnamna. Guyyaa gaara ciifnee rakkoolee Dhaaba kana hudhanii qaban irratti wal-falmaa, yaada wal jijjiiraa ‘‘utuu’’ akkas taheera taheedhaan tarrisaa oolla. Maaliif akkan isa wajjin turuuf na filachuu isaa gaafadhee jennaan ‘‘Maqaa kee Waahimaa Seenaa siin jedheera, galmeekee ammoo Waahimtuu jedheera. Yoo ani wareegame seenaa bakka kana ture himuuf ni dandeessa.’’ kan jedhu naaf deebise.

Kan duraa irra caalaa garaa na raasee yaada na booresse. ‘‘Jireenyi kiyya bultii lamaa fi sadii’’ nuun jedha ture. Halkan halkan waanan isaan dura deemee karaa agarsiisuuf jecha gufuun anaan dura dhaha ture, qophees miila irraa waanan hin qabne tureef. Gaaf tokko nan fincile, ‘‘isin dura hin deemu, har’a ammoo tokkoon keessan dura bu’aa’’ jennaan Abbayeen morma kiyya hudhee na qabee, ‘‘kan kiyya guyyaa tokkoo fi lama hin caaluu maaliif kanaaf maqaa baatee na dararta?’’ naan jedhe. Gadi taa’een walakkaa sa’atii booye. ‘‘Osoon lubbuun jiruu waan ati feete gochuu irraa boodatti hin deebi’u’’ jedheen kakadhee waadaa seeneef.

Bultiidhaan of-irratti hirkannoon keenya nu harkaa mucucaataa dhufte. Uummatnis dhiibbaa wayyaaneen irraan gahuu eegalteen nutti as bahuu sodaachuu fi galaa nuuf dhiheessuu sodaachuu eegale. Isa duraan yeroo humni keenya jabaa ture ‘‘arriyyaa (booyyee) tu dhufe’’ jedhee wayyaaneetti iyyaa ture, as deebi’ee ‘‘jarri dhufanii gubbaa kana qubatanii jiruu dafaa asii badaa’’ jedhee yaada shororkeessaa/sodaa nutti naquu eegale. Kanneen dhugumaan sochii diinaa hordofanii kallattii isheen irra bobbaate nuuf himan hedduu turan. Osoo kanneen akkasii hin jirree marti keenya iyyuu achi keessaa hin baanu turre. Seenaa keessatti namootni akkanaa yoo maqaa hin dhahamin illee bara baraan ni yaadatamu.

Bifa kanaan erga hanga Onkoloolessa 26, 1992tti turree booda haala kanaan bakka kana keessa turuu akka hin dandeenye mirkaneeffanne. Kanaaf filmaatni qabnu sadii ture. Tokko bifa siviliin gara Finfinneetti dabruu, 2ffaa gara dirree dhihaa deemnee WBOtti dabalamuu 3ffaan ammoo maqaa fi bifa jijjiirrannee baadiyyaa Jimmaa keessa turuu ture. Abayeen yaada 2n kuffisee gara WBO dhiha jirutti sossohuu filate. Nuti sadanis yaada isaa fudhannee irratti waliigalle. Nama karaa beeku uummata keessaa nutti dabalamee ture tokko quunnamnee akka haala nuuf mijeessu gaafanne. Nama maqaan isaa Tamaam Abbaa Shiifaa jedhamu, dhalootni isaa Oddoo Hadaamii ti, quunnamne. Karaa beeka jedhee yeroo hedduu waan dubbatuuf isa filanne.

Gaafa Onkoloolessa 26 kana galgala baddaa jirrutti waamnee waan ittiin karaa deemnu faanosii tokko, baatirii harkaa lama, ani waanan miila duwwaa tureef anaaf ammoo qophee laastikaa tokko, galaa karaatti nyaannuu fi tamboo karaatti aarsaa deemnu akka nuuf bitu jennee birrii 200 itti kenninee Aggaarootti ergine. Aggaaroon bakka nuti turre irraa sa’a 2-3 deemsisa ture. Birrii kana Abbayeen gaafa rakkoof jedhee hidhannoo isaa keessa dhoksee kaa’ee kan ture birrii 600 keessaa baasee itti kenne. Yeroo inni birrii kana baasu Tamaam ni arga ture. Abbayeen radiyoo oduu dijitaala tahe soonii tokkos qaba ture. Raadiyoon Abbayee tayip rayitera fakkaata jedhanii haasawu turan. Chaappaa dhaabaas akka inni giiba qomaa keessatti baatu Tamaam beeka ture. Bobbaa jalqabaa irraa eegalee isaan duukaa deemuudhaan gara magaalaatti ergamaafii waan tureef. Beellamni keenya gaafas galgala irraa sa’a 8:00 irratti godoo gaaraa keessa ciisaanii booyyee eegan keessatti ture. Tamaam sa’a dabarsee turee gara sa’a 10:30 irratti dhufe.

Galaa inni bitee fide erga nyaannee booda qawwee qabnu kilaashii 4 dhaqanii ganda keessa akka awwaalanii deebi’aniif jennee Geetaachoo fi waardiyyaa isaa Tamaam duukaa ergine. Yeroo dheeraa waan turaniif ani mufadheen godoo keessa ibidda bira gadi ciise. Abbayeen taa’ee waardiyyaa narraa eega ture. Kana gidduutti ganda Geetachoonfaa deeman keessaa dhukaasa jabaa dhageenye. Abbayeen utaalee ol ka’e. ‘‘Kunoo guyyaan ni geesse’’ jedhee gara bosonaatti yeroo inni ol fiigu dhukaasni ani argee hin beekne xaafii keessaa ol nutti roobe. Duuba isaa irraan anis bosonatti ol fiigee garaan lo’ee ija kiyya lafatti gadi qadaadee ciise. Gidduu kanatti fageenya meetira 20-30 tahu irraa dhukaasa lafa sochoosuu fi ifa guddaa qabu dhagahe. Sagalee boombii F1 tahuu isaa hin shakkine. Abbayeen boombii F1 lamaa fi shugguxii makarov tokko of harkaa qaba ture.
Dhukaasa sakatta’aa erga gootee booda Wayyaaneen bakka inni itt kufe argatte. ‘‘Tamaam, Tamaam,’’ jettee isheedhaa waamu dhagaheen akka inni haxxee kana nurratti hiisise hubadhe. Tamaamiin itti waamtee Abbayee tahuu isaa gaafatte. Innis jaakkeeta inni uuffataa turee fi raadiyoo isaan akka adda baafachuu dandahu himeef. Chaappaa dhaabaas akka inni giiba qomaa keessatti baataa ture afaan amaaratiin itti hime. Chaappaa kana garuu torban tokkoon dura dhabamsiifne. Hidhannoo keessaa akka birrii 400 qabus himeef. Birriin sun dhuka’a boombiin akka gubate arganii afaan amaaraatiin walitti dubbataa turan. Jabina dhuka’uu boombichaan kan ka’e qaama isaa tokko illee baruu hin dandeenye. Gootummaan isaa hanga har’aatti kan na dinqisiisuuf diinni akka reeffa isaa illee hin arganne gochuu isaa ti. Gaafa Onkoloolessa 27, halkan keessaa naannoo sa’a 11:45 irratti gootni goota caalu gootni bilisummaa Oromoo tokko wareegama hiriyyaa hin qabne isa dhumaa kana kan kafale Guutuu Caalii ti; Abbayee-Abbaa Waraanaa, Waraana Bilisummaa Oromoo. Bakki isaa Oddoo Hadaamii jedhama, Ona Gommaa Godinaa Jimma Abbaa Jifaar-Oromiyaa.

Ani kanan dhokadhee ture karaa bitaa isaa irraan waan tureef diinni ammoo karaa mirgaan waanan gore itti fakkaatee karaa sana sakatta’a gootee na bira dabarte. Ani hafeera jedhee of hin amannen ture. Har’a illee amanuuf na rakkisa. Har’a yeroon seenaa dabre sana yaadadhu osoon hin beekin himimmaan maddii irra gadi na xuruura. Kuukkiin isaa qaama na raasa. Sakkatta’a jabaa erga gootee booda waraanni wayyaanee raadiyoo quunnamtii banattee koodii 02n hogganoota isheetti erga gabaaftee booda achi irraa sossoote. Gara sa’a tokkoo achuma riphee ergan ciisee booda ka’ee deemsa sa’a tokkoo fi walakkaa gara boodaatti of-irra deebi’ee deemeen qonnaa boqqolloo uummataa keessa bule. Waardiyyaa isaa kan ture Darajjeenis bakka kana keessa dhokatee waan tureef karaa ijoollee boqqolloo eegduun koodiin gaafachiisee walitti dhufne. Ani maqaan kiyya Jimmatti Jamaal waan tureef Darajjeen ammoo Yosuuf waan taheef ‘‘yoo inni Jamaaliin beeka jedhe natti fidaa’’ jedheen itti erge.

Ijoolleenis kana adda baafattee wal nu quunnamsiifte.Naannawaa kana oollee bullee owwaalamuu Abbayee erga mirkaneeffanee booda deemsaaf karoora baafanne. Inni calqabaa horii argachuu dha. Inni lammataa ammoo karaa ittiin magaalaa Jimmaa gallu tolfachuu dha. Yosuufin achuma ijoollee boqqolloo eegdu bira kaa’een maadhee kiyya quunnamuuf deemsa sa’a sadii of irra deebi’e. Isaan ‘‘Jimmaan deemeen rasaasaa fi qawwee fidaatii horiin ittiin dhaqee deebi’u naa barbaadi’’ jedheen. ‘‘Birrii 100 siifan kenna, yeroo deebitu kilaashii tokkoo fi rasaasa 30 naa kennitaa?’’ kan jedhuun waliigalle. Amanuu hin dandeenye. Halkan lammataa horii kana fudhadhee osoon Yosuufitti deebi’aa jiru karaatti humni wayyaanee natti dhufte. ‘‘Quum! Maannawu!’’ otuma isheen naan jettuu ‘‘gabaree nawu, gabaree nawu’’ jechaa fiigee gidduu kutee dhukaasa ishee keessa bahe. Bakka Yosuufiin kaa’ee deemetti deebi’ee isaan walitti dhufnee, galaa keenya gudunfannee deemsa dheeraa eegalle. Halkan sagal deemnee guyyaa 10ffaa irratti bifa uummataatiin mosaafira warra ganda Doonachoo Abbaa Bulguu (waliyyii naannoo kana keessatti hedduu kabajaa qabu) irraa galan fakkaannee nyaataa fi jimaa kadhataa dhufnee magaalaa Alamaayyoo Maccaa jedhamtutti taaksii korree Jimmaan galle. Mana maadhee keenyaa magaalaa Jimmaa naannoo Mantiinaa jedhamuu tokko dardara maqaan isaa Husseen jedhamu barataa kutaa 11 kan ture bira bullee, inni ganama isaa ka’ee atoobusii nu korsiisee Finfinneetti nu dabarse.

Abbayeen har’a hin jiru seenaan isaa garuu bara baraan hanga sabni Oromoo jiraatutti ni jiraata. Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya kan jedhu sana filate. Mataan isaa yoo bade iyyuu maqaan isaa ni jiraata. Oromiyaa walaboomte keessattis guyyaan siidaa isaa ijaarru akka dhihaatu abdiin qaba. Darajjeenis QBO osoo addaan hin kutin itti fufuudhaan WBO bara 1995 konyaa Horroo keessa sossohaa turetti makamee osoo qabsoo irra jiruu basaasa wayyaaneen qabamee hanga ammaatti mana hidhaa wayyaanee Karchallee jiraachuu isaa dhagaheera. Aliyyiin yeros waraana wayyaaneen qabamee Dhidheessatti erga hidhamee booda gara Zuwayitti dabarfame, isaan booda odeeffannoo isaa hin dhageenye. Geetaachoon hanga 1998 biyya keessa qabsoo hidhannoo irra erga turee booda adamsi diinaa itti jabaannaan karaa Keniyaa irraan Kanaadaa galee jireenya koolugaltummaa jiraataa jira.

Egaa kana hundaa kanan tarriseef seenaan Abbayee kun guutuutti barreeffameera jechuu osoo hin taane hanguman irraa quba qabuu fi yaadachuu dandahe tarrisee yoon dabarse haalli wareegama isaa kun muuxannoo qabsoo ni dabala jedheen amana. Haala sochii qabsoo bilisummaa waggoota 17n dabran kana yeroon of duuba deebi’ee ilaalu hedduu na raaja. Goota hedduu agarree jirra, gantuus akkasuma. Faallaa lamaan yeroo mara wal-faana deemu. Xumura irratti garuu gootummaan akka injifatu eenyu illee shakkii hin qabu. Gantuun mataan ishee illee kana ni beekti. Har’a nyaatee bor du’uu wayyaaf malee gantummaan jireenya akka hin taane ni hubatama. Seenaan gootota Oromoo bara baraan ni yaadatama!

Qabsa’aan ni du’a, Qabsoon itti fufa
Mathias Gudina VIA Mathias Gudina

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved