Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

MARDOON KUNI HANGA YOOMITTI ITTI FUFA?


Bar dhibbee tokkoof walakkaf dabaafii badii ummataafii biyya keenyarratti raawwatamaa tureef jiruun waan gaarii ijaan arguuf gurraan dhagahuuf milkiin nurraa fagaatuus yeroon amma keessa jirru ammo hunda caalaa hadhaawaafi kan mirri ilma namaa baachuu hindandeenye ta’ee argama. Guyyu guyyu mudata gaddisiisaa du’a himaa fakkaatuu dhagahuun gaddaaf saaxilamnee lafarra jiraachuu keenyayyuu abaaraa jira. Wanti guddisee nama cinqu ammo kuni hanga yoomitti akka itti fufu ykn yoom akka nurraa dhaabbtu namni raagu dhabamuu saati. Mee waan na kaasettan darba.


Torbee darbe kana keessa dalagaalee nama suukkanneesan gurguddaa sadii midiyaalee Oromoorraa dhagahaman wiirtuu dubbii kootiti.


1-OMN oduu guyyaa 15/9/2015 dabarse keessatti “ Anaa Shanan bosona Jibaat gidduu Tullu Jibaat gubbaatti iddoo dur mootin Habhsaa Zar’aayaaqob jedhamu itti qubatee ture yoo ta’u yeroo ammaa taabonni saa waan achitti argameef iddoo sanitti gadaamii ijaarra jedhanii habahsoonni wan heeyyama gaafataniif jiraattonni naanno sana qubatan kanan mormuufi iddoon suni iddoo ummanni naanno irreecha itti kabajatu waan ta’eef nujalaa kennamuu hinqabu jedhanii Ejansii Kunuunsa Bosanaaf Ummammaati iyyatanii Ejancichis namoonni kuni akka adeemsa sanarraa dhaabbatan akeekkachiisi itti kennanis didani namoota amantii saanii hordofan of jala hiriirsuun ummata walitti buusaa akka jiran himame.” Haaluma walfakkaataan namoonni biraa naannoo Anaa Baakkootti akkasumati tullu bosona qabu tokko gubbaati taabonni waggaa kuma tokko ol ture waan argameef gadaamii ijaara jedhanii akka sochoo’a jiranitu himame

.
2- Midiyaadhumti kuni gaafa 16/9/2015 Anaa Dirree Incinnitti midhaan qotee bultoonni lakkoofsan 600 ta’aniifi bulchiinsa gandootaa afur keessa jiraatan facaafatanii kunuunsaa bahanii amma daraaree makara gahuuf deemu poolisoonni, bulciinsi anaafi gandaa wal ta’anii itti bobba’uun akka mancaasan hime.


3- OMN gaafuma 16/9/2015 magaalaa Amboo keessaa manneen 11,000 bultii torba keessatti diiguuf akka xalayaan akeekkachiisaa itti maxxanfamu hime. Haaluma walfakkaatan oduun gaafa 19/9/2015 bahe keessatti ammo Godina Kaaba shawaa Anaa Hidhabuu Abootee jiraattonni magaalaa Ijaree keessa jiraatan manneen 226 ofirratti akka diiganii akeekkachiisi itti kennamuusaatu dhagahame.

 
Yaada lakkoofsa tokko jalatti tuqaman yoo fudhanne kuni yoo raawwatamu waan haar’aa miti. Arfaasuma darbe kana amantoonni Waaqeffannafii Abootin Gadaa akkuma uumaa Oromootii tulluu ulfaa saddeetan Tuulamaa keessaa hangafa ta’e tulluu Cuqaalaa gubbatti Irreecha Arfaasaa (Ireecha Tulluu) irreeffachuuf yoo qophaa’an falmii karaa amantii Ortodoksii ka’een dhoorkamanii akka Tulluu Furiirratti ireeffatan gaddan yaadana. Gaafas mirga keenyaa falmannee wareegama barbaachisus itti baasuun mirga keenya kabachiifachuun fardii ta’ee oto jiruu ija laafuun waan bira darbameef har’a ammo tulluuwwan jiran hundumaa yoo fudhannee keenya taasifnee Irreechuma faarsan kanaa dhaabsisuu dandaeenya tooftaa jedhuun akka nutti bobba’an beekuu qabna. Yoo kana falmachuu dadhabnee akkuma yaadaniti itti milkaa’an boru Oromiyaa keessatti tulluun jiran hundumtuu bataskaana Ortodoksitin akka dhuunfatamuuf jiran hubachuu qabna. Wanta kana nama hubatee xiinxaluuf garamitti akka deemaa jiru ifatti mul’isa. Eenyumtuu ka’ee qeyee keenya dhufee akka mana keenyatti galuun nu alatti gadi baasee ala nu bulchuu danda’u heyyamaa jirra jechuudha. Oromoo dhuguma akka ummataatti jirra jechuu dandeenyaa? Waan qe’e keenyaa nu baleessu dura dhaabbanne filachuu dadhabnee akkuma daa’ima haadhatti boochuu yeroo hundumaa warruma nu balleessaa jiran sanatti dhaqnee yoo boonye furmaata ta’a jennee yaadnaa laata? Jarri rakkachuu keenya fi hamileen cabnee dhaqnee isaan jala jilbiinfachuu keenya waan barbaadaniif nutti falqu malee waa tokko akka nuu hinhojjanne beeknee akkatti yakka isaan nurratti dalagan mala dhahannee ofii keenyaa dura dhaabbachu malee isaaniitti boo’un fala akka hintaane hubannee waltaanee haa falmannu.


Anaa Dirree Incinni keessatti Midhaan mancaasuun raawwatame gochaa suukanneessafii waan mootummaa biyyan bulchaa jira jedhurraa eegamu oto hinta’in gochaa yakkaa kan diinaa ummaticha beelaf saaxiluuf hojjatameedha jechuu dandeenya. Gochaan kuni gocha suukanneessaa bara 1840 keessa mooti Habasha Saahila Sillasee jedhumuun Oromoo Tuulamaa-Bulagaa kaasee hang Meettatti-qubatan gubbaatti raawwatameen wal fakkata. Seenarraa’in isiinifan tuqa. “………When the van of the flagging army arrived in extensive plain of Abai Daggar, completely environ by hills, the order was given to encamp, destroy, and plunder. Instantly ensued a rush from all quarters at full gallop. Flourishing fields of wheat, barley and beans, the produce of the toil of rebellious tribe, were ravaged and overrun by locust hordes; and in course of half an hour the soil being stripped of every acre of cultivation…….” (The Highlands of Ethiopia, from the first London ed. By Sir William Cornwallis Harris, P. 175) Hiikan saa: “…Yeroo mataan loltuu dadhabee hurufa bal’aa tulluun marfame, Abai Daggar gahu, ajajini buufadhhaa, biyya balleessaa, saamaa jedhu kenname. Battalumatti lafa jiranii gulufuutti ka’ani. Qonnaan Qamadii, Garbuu fii Baaqelaan irratti marge, omisha hojii gosa finciltoota ta’e, omaa waraanaa akka awwaannisaatti weerareen dhidhitamee manca’e. Yeroo sa’aati wadhakkaa keessatti midhaan margee jiru hundi biyyeetti jijjirame….”
“…….The bright spear blade glittered through the cloud of stifling dust that marked the course of myriads over ploughed land. Green fields and smiling meadows, quickly lost their bloom under the tramp of the steed; for no cultivation was now spared, and ruin and desolation were the order of the day……..” (ibid P.175) Hiikaa saa: “…….Qarri eeboo duumessa dhukkee (dust) afuura nama kutu keessaa calaqqisu qabatan namoonni baay’inni saanii hangana jechuun hindandamne midhaan margee jiru irra deemuun daandii taasisani. Hurufti marga uffateefii lafti kaloo (marga horiin dheedu) bareedini saa ija nama hawwatu sigigsaa faradoorraa kanka’e battalumatti daraaraa saa yoo harcaasu, midhaan margee jirus tokkoyyuu oto hinafiin yoo mancaafamu, jiraattonni baqaaf saaxilamani…..”
“…….. Ripe crops, which the morning before had gladdened the heart of the cultivator-now no more- were level with the ground.(ibid, P.180)  Hiikan isaa: “…….Midhaan bilchaataa (haamaa ga’e jechuufii) ganama darbe lubbuu nama qotatee gammachiisaa ture-amma waa tokko hinjiru-biyyeett makamee manca’e….”
Hojii suukanneessan kuni kan raawwatame Waggoota 170 dura. Loltuun Saahilasilaasee 20,000 ol ta’u Oromoo olla qubqtee jiruu gabbarsiisuuf qabeenyaa saamee sooromuuf diinummaan yoo itti duulu waan qabeenyaa Oromoo ta’ee lafarra jiru hundumaa mancaasaa nama dhiiraa dubartii maanguddoof daa’ima hunda duguugaa akkamitti akka finfinnee gahe ibsa. Wanti har’a jarraa 21ffaa keessa Anaa Dirree Incinnitti hojjatame kunis ittuma fufiinsa hojii suukanneessaa sanii akka ta’e hubatamu qaba. Habashoonni bar dhibbee 18ffaa keessa jiraata turaniifi bardhibbee 21ffaa keessa jiraatan sammuu duubatti hafaa walfakkaataa waan qabaniif hojiidhuma suukkanneessaa walfakkaataa hojjatu jechaadha.


Yaadni mana diigaa lakkoofsa sadaffaarratti tuqames akkuma hojiiwwan suukanneessaa kaanii waan har’a dhalatanii miti. Itti fufiinsa yakkaa erga gaafa Habshoonni meeshaa waraanaa ammyyaa argatanii madaalliin human waraanaa naanno kanatti jijjiramee brdhibbee 18ffaa dhaa kaasee Oromoo irratti raawwatamaa tureedha. Inni har’a hojjatamaa jiru garuu dugguuggaa sanyii (ethnic cleansing), duguuggaa Aadaa (cultural genocide), ummata akka ummataatti lafarraa buqqisanii balleessuun lafa saa dhaalurratti kan hundaa’edha. Kitaabuman olitti tuqeraa waan Saahilasillaaseen raawwate haa ilaallu. “……Old men and young were indiscriminately slain and mutilated among the fields and groves; flocks and herds were driven off in triumph, and house after house was sacked and consigned to the flames…..” (ibid; P.178). Hiikan saa:
“Maanguddof ijoolleen umriin oto hinfooamin godaafii tusii keesstti qalamanii, qaamni irraa ciramee, horiin hundii boojuudhaan fudhatamanii, manneen tartiiban abiddi itti qabsiifame barbadaa’ani.”

 
Har’s sanumatu deemaa jira. Qotee bultoonni fi jiraattonni naannawa Shaggar qubatan lafa abbootii saanirra dhaalani naga’an qotachaa jiraatan maqaa misoomatiin itti duulanii buqqisuun qe’e saanirraa ari’amani beela, dheebuu, aduu, qorraa, daaruufi dhibeef saaxilamani kumaatamaan akka dhumaniifi kan lubbuun hafani ammo jiruu gadadoofi ala bultummaa jiraachaa akka jiran argina. Kuni magaalota Oromiyaa keessa jiran hunda keessatu kan adeemsifamaa tureefi har’as itti jiru yaa ta’u malee Oromoota manneen saanii irratt diigamee ari’aman lakkoofsi saanii galmaayee beekkamuu baatuyyuu hanga ammatti namoonni miliiyoonan lakkaawwaman buqqifamuun mana dhablee akka ta’an tilmaamama.
Kunis hanqatee, laftii namni irra hinqubatin lafa jirus oto jiruu lafuma Oromoon irra qubate buqqisanii Oromoo kana ofirraa fageessuu waan karoorfataniif loltuu itti bobbaasanii ummata nagayaan qotateefi hojjatatee jiraatu han’uraa diroorraa dirootti dhaalan itti darbee irra buqqisanii mana dhablee qofaa oso hinta’in biyya dhableerree taasisaa jiru. Hojiin kuni erga gaafa TPLF aangoo saa gadi dhaabbatee kaasee kan itti fufe ta’uyyu, quufuu dadhabnii har’a karoora Maaster Plaanii Finfinneefi naanna ishii jechuun baafatani seerawaa fakkeeffachuun labsanii hojiirra oolchuuf sochiin bara 2014 keessa taasisan fincilaafi diddaa barattootafii walumaa galatti ummata Oromootin taasifameen wareegamni lubbuu Jagnoota Oromoo hedduu itti kaffalamee yeroodhaf dhaabbatuyyu yeroo eeggatanii barana jalqabuuf ibsatanii jiru.


Kuni akkasummatti oto jiruu manneen jiraattota magaaloota Oromiyaa adda addaa keessaa diigaa turun saanis niyaadatama. Magaalaa Buraayyuu, Bushooftuu fii kuuwwanis fakkii dhiyeessun ni danada ’ama. Gochaan suukanneessan kuni ammo kan dhufe filannoo Caamsaa darbe waliin walqabatee akka ta’e hubachuunis barbaachisaadha. Har’a ammo magaalaa Amboo keessaa manneen 11,000 fi Anaa Hidhabuu Abootee magaalaa Ijaree keessaa mannee 226 jiraattonni akka ofirratt diigan akeekkachiisi itti kenneme jira. Akeekkachiisa kana jiraattonni hojiirra oolchuu baatanis mootummaan irratti diigee gatii baasisuuf qophii waan ta’eef waan hafuu miti. Akkuma kanaan dura barametti mootummaan kuni ummata mana irratti diigee facaasu kanaaf wanti yaadeef jiraachuu saa wanti dhagahamu hinjiru. Kaafuu akkuma olitti tuqametti Ummanni kuni carraan isa eeggatu manaafi biyya dhablee ta’e maatin adda faca’ee rakkina adda addaati saaxilamee dhumuu qofaadha.


Kuni kan hojjatamaa jiru lafa gurgurachuu qofaafi jedhanii yaaduun gowwummaa natti fakkata. Akkasitti yoo hinyaadna ta’e lafti bal’aan namni irra hinqubatin oto jiruu lammii biyyatti mana ijaarratee maatii horatee nagaa’an jiraachuuf mirga qabu buqqisanii mana dhablee taasisuun daandirratti facaasuun maaliif barbaachise jenne of gaafachuu qabna.
Jarri yoo kana raawwatan yaada hedduu sammuudha qabu. Isaanis;

 
1- Jibba sodaarraa madde ummaticharraa qabanirraa ka’u. Ummaticha waan sodaataniif nijjibbu. Yoo magaalota kana marsee akkuma amma jiraatu kanatti jiraate gaaf tokko balaa nutti fida jedhanii yaadda’u. kanaafuu isa ofirraa fageessanii lafa sana namoota saanii irra qubachiisuun akka nageenya saani tiksan hojjachaa jiru. Ummatni jibban kuni yeroo walqabatee ka’etti akka isaan liqimsu waan beekaniif ofirraa fageessanii ummata saanii Kaabaa fidanii qubachiisuun akka isaan tiksu taasisuunis waan nageenya saaniiti wabii ta’u itti fakkatee waan abjootaniidha.

2- Kaayyoon saani ka lammaffaa dantaa diinagdee ittin horachuu fii deggersa ittin bitachuudha. Qotee bulaa deggeraa saanii ta’e kan barmoota qabaatee namaan dorgomee hojjachuu hindandeenye hunda biyyaa fidani lafa magaalota keessaa itti hiruun kaan daldaltoota adda addaati gurguree maallaqa kuufachuun kaanirratti gamoofii manneen hammayyaa ijaaruun gatii mi’aatti kereessuun qaxxaamuraan sooromee akka jiraatu taasisuudha-deggersa ittin bitachuu jechuudha. Dantaan diinagdee lammaaffaa akka mootummaatti investaroota biyya keessaas ta’ee biyya alaatti gurguruun hamma danda’an horicha saamuudha.

3- Kaayyoon yeroo dheeraa daangaa Finfinnee Kaabaf Kibbaan daangalee saboota halagaa biraan gahuuf Oromyaa iddoo lamatti addaan kutanii dadhabsiisuufi ummata Oromoo abdii kutachiisani morma gadi cabsanii akka gadi jedhee bulu taasisuudha.

4- Kaayyoon ammayyaa ammoo ummatichi filannoo darberratti akka isaan hinfilatiniif yoomiyyu akka isaan hinbarbaanne waan hubataniif abdii irraa kutataniif haloo (gadoo) ba’uuf akka ta’e ifaadha. Fakkii tokkon isinii tuqa. “…….In Zimbabwe, Robert Mugabe went one step further. In an operation called Murambatsvina (Operation Drive out the Rubbish), he used bulldozers to demolish the houses and markets in neighborhoods that failed to support him in the 2005 election” (The Dictators Hand Book, by Bruce bueno De Mesquita and Alastair Smith, P.71). Hiikan saa:

“…….Zimbaabuwee keessatti Robert Mugaabeen tarkaanfii tokko of afoo deeme. Raawwii Murambatsvina(raawwi haraa baasaa gataa) jedhuun namoota filannoo bara 2005 isa oto hinfilatin hafan manneenifi iddoo gabaa Buldoozaraan diigun mancaase……” Jarri kunis waan Mugaabeen waggaa kudhan dura hojjate isaan barana irraa waraabbachuu akka danda’ani agarsiisa. Raawwin kuni ifatti akka mul’isutti Oromoon waan isaan filachuu dideef haaloo itti bahaa jiruu jiechaadh.


Hundumaafuu Oromoo akka ummataati salphina kana fudhatee galee midhaan nyaatee bishaan dhugee sifaayeef rafee bulun saa waan hedduu nama raajuudha. Oromoon yoo badii irratti hojjatamaafi of afoofirree itti aggaamammaa jirrurraa of oolchuu barbaade, yoo mana irratti diiganii akka bineensaa ala bulaa ta’uun akka irraa dhhaabbatu barbaade, yoo salphina dhiirafi dubartiin maatii ofii fuulduratti qullaa dhaabbatanii dhaanamuu fii garafamuu jalaa bahuu barbaade, yoo haatiwarraa qaama saalaa abbaa warra shii qullaa dhaabbatu ummata keessatti akka harkiftu taasifamun akka irraa dhaabbatu barbaade, walumaa galatti yoo roorro halagaa jalaa of bilisoomsuufii biyya isaarratti abbaa biyyaa ta’ee naga’aan jiraachuu barbaade wareegama sodaachuu dhiisee ka’ee falmachuu qaba. Hanga yoomittis salphina kana baannee akka jiraanuufi guyyuu mardoo akkasii dhagahaa garaan nu madaa’aa akka jiraannu naa hingalu.
Oromoo jarri hojii suukanneessaa kana nurratti raawwatanis bar sibilarraa hinhojjatamne. Akkuma keenya nama. Akkuma keenya lubbu qabu, nidu’usi, du’a nuti sodaanne salphina baannee jiraannu kana isaanis ni sodaatu. Nutis harka isaan ittin nureeban, nugarafan, nu ajjeesan san qabnaa bar. Akkuma saanis sammuu qabna qaama isaan qaban hundumaa qabna. Oto walirra gallee falmannee nutu irra baayyataa nu sodaatu. Waan baayyina keenya sodaataniif hamilee nucabsuuf akka morma ol qabannee hindeemne nu taasisuuf akkanatti nu salphisu. Kanaafu waltaanee salphina kana dura dhaabbachuu qabn. Hanga salphinichi mana keenya dhufutti teenyee eeguu hinqabnu. “Wanti kuunnotti jedhan oto kunooti hinjedhin hinhafuu” jedha Oromoon. Kan kale ollaa keenyarra gahe boru nurra hinga’u jettanii yoo yaaddan dogoggortan jechuudha. Diinni nuqabate hunda keenyayyuu dabareen nu salphisurraa kan duubatti deebi’uu miti. Yeroo eeggata malee wanti gama sanitti ta’e gamanatti cehuun saa hinhafu. Kanaafuu erga tokko kaanee haafalmannu. Diduuf finciluu qabna. Yoo isaan nu jeesan nus ajjeessuu qabna. Biyya keenyarratti, qe’ee keenyarratti nama nujjeesuu dhufe ajjeesuun mirga keenya. Qabeenyaa keenyarratti ajjeesaa du’unis jagnummaadha. Jarri jaldeessa yoo jalaa dheessan nama biraa hinhaftu, yoo dura dhaabbatan ammo nibaqatti malee nama dura dhaabbachuuf hamilee hinqabdu, kanaafu hinseesinaa. Salphina nutti as deemaa jiru kana jalaa bahuuf nameenyaa keenya kabachiifannee maati keenya waliin naga’aan jiraachuufi diroo nuduuba dhufuu biyya bilisoomte dhaalcisuuf kaanee falmachuun dirqama waan ta’eef hundi keenyayyuu kaanee yaa falmannu jedha.

Yaada Gulalan itti dabalee:

Kuno guyya haraa amoo gadaa isaa gudan nu gatee jira. Wayyanen Bank Qootee Bulan Oromoo malaqa isaa walti qabun ijaratee diguuf deemti.

Oromoon Bank Walda Gamnta Oromiya irrati falmachuu qaba.!!!


Wayyanen Dhaabilee Oromoo maqaf akka ijaraman erga goodhe booda deebisee akka hin gudanee goodhe diiga, Dinsho akkati akka kassaruu goodhamee digamee, Bankin walda Gamanta Oromiya amoo guddina Oromiyaaf murtessa waan ta'eef irrati dulama jira. Oromoon qabeenya isaa irrati yakki yeeroo dalagamuu caalisuu hin qabuu, Bank kun Malaqa Qootee Bula Oromoo kan ijaramee waan ta'eef Oromoon hundi Bank kana birra dhabachuun dirqama. Obbo Haile Gabre Walda Gamta Oromiya keessa bayee federala akka adeemuu kan goodhameef walda Gamta Oromiyaa fi Bank walda gamta Oromiya kana dadhabisisuu jeecha. Haile Gabre Gudiina walda kanaaf waan dandayee goocha ture. Alemayoo Atomsa walda kana irrati falmacha ture, hara waldan kun abba dhabee TPLFn digamuuf deema Oromoo TPLF dura dhabachuu qaba.

https://www.youtube.com/watch?t=5&v=yF4n0mO8Xvs

https://www.youtube.com/watch?v=aNonK-Z6jZQ&feature=youtu.be

https://www.youtube.com/watch?v=mjn9WqdMfCM&feature=youtu.be

https://www.youtube.com/watch?v=g7mYrAPkX7g

https://www.youtube.com/watch?v=2ZTBx0RQtYs

https://www.youtube.com/watch?v=mjn9WqdMfCM


Galtoomaa !!!!


Oromiyaan qobsoodhan bilisoomtii !!!!

 

Madda isaa: Ibsaa Nagawoo FB irra argane

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved