Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

“ HOGGANOOTA QABSOO OROMOO,,,, ”

SEENAA  Y.G(2005)   kutaa  2 ffaa 18 -11-2015 4:40pm

Barruu kiyya kutaa 1ffaa keessatti yaadoota wal hubannoof gargaaran kaa’uu yaaleera. Mata dureen filadheetti odoo hin ceenee, Yaadoota ka’umsaa fi kaayyoo mata duree kanaa dursuun kiyya, wal hubannoof karaa saaqa jedheetani.  Ummata tokko mitii, Namni of hin hubannee tokko, Goondaan tokko yoo isa ciniinte, waan hoomaan Goondaa irratti Roobee itti fakkaatee, quba lamaan GONDAA takkitti of irraa kutee gatuu danda’uuf, Uffata hundaa baasuutu isaaf furmaata itti fakkaata  jedhama. Kana irraa wal baraaruuf jecha,  yaada wal hubannoo durse. Kanneen kallatti katabbii kiyyaa hubatanii, yaada bareedaa fi nama jajjabeessu akkada mataa isaanii kanneen kannaniif, GALANNI kiyya guddaadha. Yaadootaa fi gaaffiilee dhihaataniif, Barruu kiyya itti aanan keessatti deebii argachuu malu jedheen yaada. Yoo ta’uu baatee ammoo,, deebii gaggabaabduu xumura irra dhiheessuun wal gorfanna.

Afaan Oromoon dubbisanii , yaada isaanii Ingiliffaan ibsachuun kanneen itti salphatee yaada mishaa warra dhiheessaniif galatoomaa jechaa, ABOn du’uu isaa kanneen nu labsan, du’aa ABO jechuun , Du’aa Ummata Oromoo hawwuu waan ta’eef, yoomillee taatu deebii kan hin laanneef ta’uu, yaadaa fi habjuun isaanii caalaatti kan nu jabeessuu, dhiiga ijoollee Oromoon katabaa akka jirrutti kan nu xiiqessuu ta’uu, gamanumaa itti himuun barbaada. Maqaa Oromoo Moggaafatanii kan kataban , Kan Angoo irra jiran, wayyaanee kan Utubanii qaban, Ijoollee isaanii hegaree Oromiyaa irratti muuduuf, Yunivarsitii Maqalee keessatti ijoollee Oromoo caalaa Afaan Oromoo barsiifatanii akka jiran , Biyyoota Hambaa keessatti Oromoo fakkaatanii waan ijaaramee jiru hundaa keessa seenanii diiguuf kan bobbaafaman, miidiyaa hammayyaa irratti sochii Qabsaa’ootaa fi Ummataa kamiyyuu akka busheessaniif kanneen ramadamanii jiran, quba waan qabnuuf, Sochiin Qabsoo Oromoo rifaatuu qofaan akka isin hin dhiifnee akeekun barbaada. Kun ammoo, Diinaa fi fira fakkaattoota akkasumas Firoota keenya hubachiisuun dansaadha. Kutaa 2ffaan dheerachuu danda’aa obsaan dubbisaa.

HOGGANOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOOF ILAACHI ANI QABU,,,,

Qabsoon Oromoo Hogganoota, Miseensoota, Deeggartoota hedduu horattee jirti. Kanneen keessaa  Aarsaa Gootummaa kaffalanii kan dabran akkuma jiran,  kan salphinaan dabranis , lubbuun jiranis ni jiru. tan Cichoomiinaan hanga har’aatti diimaa jiran akkuma jiran, kan gananii Qabsoon Orommo akka lafarra harkifattu qofa osoo hin taanee, lafarraa akka baddu yaalaa jiranis ni jiru. Hogganoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo jalqabaa kaasee, lubbuu isaanii irra Ummata isaanii caalchifatanii , Hadhaa du’aa kan dhadhamaniif Kabajaa Bara baraa fi Hoggana Qabsoo hundaan oliin qabaaf. kan Lubbuun jiraatanii, Guyyaa Gabrummaa balaaleffatanii fi waadaa Jaallan isaanii bakkaan ga’uuf murannoon fi cichoomiinaan qabsoo kana gaggeessaa jiran, Hogganoota ABO , Miseensoota WBO fi Miseensoota dhaabaa sadarkaa garagaraa irra jiraniif kabajaa Guddaan dursaaf. Ani Kabajaa kanaan, dadhabbiina isaanii dhokisuuf irra dibaa hin jiru. Holola irratti oofamaa jiru irraa ittisuufis miti. Ammatti hanqina qaban waliin , Abdiin Ummata Oromoo isaan qofaa ta’uu irraati . isaanis Umama Namaa ta’anii laafina hangamii qabaatanis, dhugaan isaanii ifatti mul’ataa waan jiruuf, badus tolus, Cichoominni isaanii kabajaa isaaniiti. Akka isa kaanii dantaaf of kennanii Ummata kana diinaaf dabarsanii laachuu dhiisuun isaanii , Gootummaa isaaniiti. Qabsoo kana furgaasanii bakka yaadameen ga’uu dhiisuu isaaniif , waan qabsoon kun keessa dabree asi ga’ee gadi fageessanii ilaaluun hubannoo argachuun ni danda’ama.

Komee ka’aa jiraniif, dubbii qorachuun tarkaanfii jalqabaati jedheen amana. Kanaaf Hogganni jiru, waan hin hojjannetti galata haa argatuu jechaa hin jiru. yeroon isaas yeroo galataa miti. Galata kan galchuu wareegama dhala OROMOO hundaaf  ulfina kan qabuudha. Ani akka dhala Oromoo tokkotti, Qabsoon Oromoo lafa irra harkifachuu fi Hogganoota kaasuu kan jedhu furmaata hin ta’uu yeroon jedhu, jaalala isa kaaniif hin mul’annee qabaadheefi ykn waan qophaa kiyyatti naa galee qabaadhee miti. Hoggana ga’umsa qabuudhaa yennaan jedhus, rakkoon waggoota dheeraaf isaan irratti wal jijjiiree isaan danquu akka danda’u,  rakkinoota hamoo kana dandamatanii har’a ga’uun isaanii fi Qabsoo kana dhaloota miliyoonaan dhaaluu danda’u horachuun isaanii , komee tarrifamu kana ni caalaa jedhee amanuu irraati. Waggoota Qabsoo Oromoo jennee lakkoofnu keessatti, yeroo isaani irra jireessa rakkina keessa ofii irratti malee, diina irratti kan hojjatan xiqqoodha. Waan kana barreeffamaan osoo hin taanee, barri yoo jedhee bifa mariin yeroon keessa itti deebi’uu ni dhufa. Ammasitti garuu waan ani hubadhee kana Lammiilee kiyyaaf qoodee, hubannoo wal fakkaataa qabaannee akka wal gula yaanuuf barreessuu filadhe.

waan bitaa fi mirgaa ilaallu hedduutu jira. Yoo bitaa fi mirgaa ilaaltanii qorattan , Hogganni kan itti duulamee irraa bu’ii fi Qabsoo kun harkifachuuf sababaa akka ta’anitti dhiheessuu odoo hin taanee, hegaree Qabsoo Oromoo milkeessuuf yaada qaban dhaggeeffannee, waan isaan yaadan karaa irra buufnee, Qabsichas bakkatti deebifnee waan yaadametti ce’uutu sirrii ta’a. Qabsoon Oromoo, rakkinoota argaa jirru kana keessa odoo hin dabriin eessallee hin ga’u. rakkinoota argaa jirru kanatu , humna jabaa asi baasa. Hogganoonni kun hanqina nuuti tarrifnu hundaa guutanii argamaniis osoo ta’ees, Qabsoon Oromoo sadarkaa amma irra jiru irraa tarkaanfii tokkollee achi hin hiiqu. Inumaa suuta jechaa waan hamaa fi badii Ulfaataa dhaqqabsiisan malaan bira dabraa qabsoo kana har’aan ga’uun isaanii , bilchina hunda caaluudha. Diina hin ilaaliinaa. Rakkoon keessa ofii baayyee waan hamaadhaa Hubadhaa.Tooraa fi qalbii tokkotti galaa kan jirru, waan jennu kana irraa barachuu keenya irraati. ABOn waggoota 24n dabran Biyya keessa odoo jiraatee ta’ee, Dammaqiinsi Ummata Oromoo har’a arginu hin jiru ture. hundumtuu dhimma mataa isaatti galagalee jireenyaan liqifamee jiraata ture. waan har’a keessa jirru kana wareegamaan argannee lammii koo. Bu’aan keenya, Tarii maaltu beeka, bara 1992 dhaaboonni siyaasaa Oromoo 5 turan , sadarkaa maatiittu gadi bu’u turan. Tarii carraa Sumaaleen qabamnas ta’aa. Kun hundi akka nu hin mudanneef, waggoota 24 kanatti dhimma ba’aa jirraa hubadhaa. Jechi“Bilisummaa ” jettu kana akka itti argamtu osoo qaama hin godhannee, Dhaadannoo qofaan waan jaallanneef, fagaachuun ishee waa hundaa nu dubbachiifti yaa firaa qalbeeffadhaa !

Hubachiisa : - barruu kiyya kutaa 1ffaa keessatti akkuman tuquu yaalee, Ummata keessatti waa’een Hogganoota Qabsoo yennaa kaafnuu , xiyyeeffannaan garuma Hogganoota ABO ti. Hogganni dhaaboota Siyaasaa Oromoo hundaa  waloon hin gaggeessine hanga hin jirretti, ABOn ala ta’anii akkuma Hogganoota Qabsoo OROMOO Ykn Qabsaa’oota Oromootti of fudhatan ni jiru. kanneen bilisa ta’anii socha’an ilaallata. Kun dhaaboota giddutti rakkoo uumuuf osoo hin taanee, duuba irra Qabsoo lafa irra harkifachuuf gumaacha taasisan kaasuun, yaada madaalawaa akka qabaannufi. Ammatti dubbii gabaabsuuf jecha, Ilaalcha Namootaa irratti xiyyeeffanna. Namoonni Qabsoon Oromoo lafa irra harkifateef yaada kennan, diina nu fakkaatee dubbatu dabalatee, ABOn  Hoggana Qabsoo Oromoo ta’uu isaaf ragaan ba’an,   komeen dhiheessan hundumtuu gara ABO tti qofaa kan akeeku ta’uu isaaniti. Dhaaba siyaasaa Oromoo walaba ta’anii jiran , diinaaf yaaddoo ta’anii ykn hololli irratti guuramu, akka ABO jira natti hin fakkaatu. Diinnis garaa hin laafuuf. Firri hololaaf dhalatees garaa hin laafuuf. Garaagarummaan gidduu kanaa dhibuun isaa, shakkii gama hundaa kaasuun hin hafu. barruun kiyya kutaa 1ffaa kaasee amma asitti jiru kun, dura yaadumaan akka walii galluufan isin qajeelchuu yaale. Bu’aa isaa dhuma irratti argitu. amma dubbii keenyatti suduudaan seenna.

QABSOON OROMOO HARKIFACHUU ISAAF RAGAAN MAALII ?

Addi Bilisummaa Oromoo yeroo qabsootti Seenu , Qabsoo kana bara ammanaa keessatti xumurraa jedhamee karoora lafa keewwatee hin qabu. Keewwachuunis Ulfaataadha. Yeroo sanatti wanni qabatamaan beekamuu, Qabsoon Oromoo bifa dhaabaan eegaluu isaa qofaadha. Qabsoon Oromoo ABOn gaggeeffamuu waggaa 40 ol ta’uu mala. Waggootiin kun Qabsoo Ummata tokkof yeroo dheeraadhaa jedhee kan daangeesse hanga har’atti hin argamne. waan qorannoon deeggaree addunyaan nama komattus hin jiru. Biyyoonni hanga har’aatti gabrummaa jala jiran,  waggoota afurtama nuuti dheeraadhaa jennuu dachaa lamaa fi sadiin nu caalu. Kanneen Bilisummaa isaanii goonfatanii nagaan jiraachaa jiran keessaas irra jireessi isaanii, waggaa nuuti lakkoofnee of jibbinu kanaa oliitti gabrummaan waadamanii turu nu seenessu. Yoo dubbiin waggaa lakkaa’anii mufachuu taateef. 

Akka yaada kiyyaatti, komee kana yeroo hedduu kan heddummeessinu, waan Bilisummaan barbaadduu wallaaluu irraatii jedheen amana. Sochii Bilisummaan barbaadduu keessatti qooda odoo hin fudhannee, wareegama lammummaa odoo hin baafnee, Biyyuma Bilisoomte arguu qofaaf of kennanii guyyaa sana eeggachuu irraa komeen kun irra deddeebi’ama. Bilisummaa hawwuun kan biraati. Bilisummaa argachuuf hojjachuun, wareegama kafaluun ammoo kan biraati.

Hogganni kun Qabsoo kana lafa irra harkisuuf fedhii qabuu ? ykn maaliif barbaadu ? moo, Hogganuu dadhabuu irraa Qabsoon akka lafa irra harkifattu taasifamee ? lakkii jarana, baroota qabsoo kana kan diina irratti hojjannee caalaa, rakkoon keessa keenyaa diina dura dhaabbachuufuu yeroo nu hin laannee yoo jedhanoo ? ?  bu’aa ba’ii, diigamuu fi wal ganuun Uumtu heddummaattee rakkanneetii yoo jedhanoo ? mee yaada kana gaggabaabsee bakka  JA’ATTI (6) qoodee isiniif haa ibsu.

  1. Haqa SEENAAN OROMOO KATABEE JIRU yk warri qabsoo kana utubuu kaasee hanga har’aatti waliin jiran Dhugaa ba’an isinitti haa himu. Abbotii Gadaa, Abbootii Amantii , Gootoota Gootoota caalan, beektoota, barattoota Qaroo, Maanguddoota jajjaboo kkf, Qabsoon hundaa’uun dura dhuman hin kaasu. Yeroo biraaf haa turu. Garuu eguma qabsoon tun bifa dhaabaan hundooftee kaasee, Hogganoonni Qabsoo sadarkaa adda addaa irra turani fi wareegaman meeqa akka ta’an ni beektuu ?diinni ta’ee jedhee kan kana hojjatu maaliif ?  Qabsoon Oromoo diina Qawween ajjeeftu caalaa, Hogganni Qabsoo Oromoo Summii fi shiraan dhuman akka caala ni beektuu?? ? Dhaaba kanatti dhufee kan cichoomiinaan amma dhumaatti waliin tarkaanfatu caalaa, kan dhaaba kana seenee ganee balaa itti fidee akka caaluu quba qabduu ? Iccittii dhaaba kanaa qabatanii kan du’an caalaa , kanneen gananii iccittii dhaabaa dabrsanii laatanii Gootoota meeqa ficcisiisan akka caalan ni beektu ? Mootootiin Itoophiyaa dhufaa dabraan Hogganaa fi miseensoota dhaabaa akkasumas, Namoota Qaroo gantootaan fayyadamanii ajjeesantu , Hoggana Qabsoo kana cichee qabee jiru lakkoofsaan ni caala. Qabsoo kana kan cichee qabatee dhaloota har’aan ga’ee caalaa, kan Biyya alaatti godaanee , dhaaba kanatti quba qabaa jiru akka caalu ni beektanii ? Dhaaba kana keessatti cichanii waan jiru sirreessuuf ykn Tokkummaa uumuuf kan muratan caalaa, kanneen achi keessaa fagaatanii, akka Dunkaanaa waan adda addaa Ummatanii , Tokkummaa malee jedhii dubbachaa jiran lakkofsaan hedduu ta’uu beektuu ? Kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo shaffeessa moo ni harkisa?? ? hanqinni kun kan Hogganaatii ? kana irra hin deemu.

Yaadoota kanan kaasuuf, Ani Hoggana kana Hogganummaa irraa yoon dhabe na dhukkuba jechuuf odoo hin taanee, Sirnaa fi seeraan waan hundi yeroo isaatti akka raawwatamu ittii amanuu irraati. Midiyaan, Abbootii biyyaa adda addaa Pirazadantii filatanii arginee keenyawoo ? jennaaf yoo ta’ee, kun dogoggora bakka jiran wallaaluu irraa madduudha malee, komee qabatamaaf raga hin ta’u. Tarii barreeffamii kun ragaa hedduu waan barbaaduuf, waan hundaa asi irratti kaasuuf, diina sooruu waan ta’uuf, irruma isaa qofaan isiniif akeekaa , mariidhaan gabbifadhaa .

  1. Hoggana “duuchaamatti quba itti qabuu” kan jedhe keessaa ibsuuf, Hogganoonni shinniggaatti diinaan dhumanii fi waan isaan yaadan waliin awwaalamuun , qabsoo shaffisiisuuf danqaa guddaadha. Dhaaboonni, Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessan lama qabsoon qacalummaan osoo jirtuu wal dhabuu fi miidhaa jabaa wal irraa ga’uun isaanii , qabsoon kun akka shaffisuuf hin turre. Bara 1991 kaasee kan jiru haa ilaallu. Bara 1991 fi Chaartaraan booda gaaga’ama qabsoo irra ga’ee kan wallaalu hin jiru. Kanaaf Hogganni qeeqamaa turee kan beekamu.  Hayyuu dureen yeroo sanaa bara sana Qabsoo Oromoo chaartara keessatti qooda fudhachiisuuf dursanii akkuma fuudhanii galan, har’as bifa biraan fuudhanii deemuuf qophii irra jiran. Kan 1991 waliin turan ammi tokko har’as ni jiru. hanga bara 2000tti Hoggansi ture kun, waan waggoota sana keessa tureef komeen jiraannaan waloon fudhatan. Amma garuu komeen yeroosii abbaa yeroo Sanaa waliin deemee osoo hin taanee, isa kaanitti maxxanee dhihaataa jira. Bara 1991 kaasee hanga 1999 tti qabsoon harkifachuuf ragaan yoo jiraate, abbaa abbaa qaba. Waan bara Sanaa sirreessuuf kan hojjatu akkuma jiru, kan biraa dabaluuf kan deemuus jira. Kana irratti ragaa tokkon isiniif dhiheessa. “Bara 2002 Ministira Beeksiisaa Itoophiyaa kan ture, Barakat simi’oon, Gaazexessitoota Raadiyoo fi TV Itoophiyaa 300 ol ta’aniif , waa’ee Abiyootaawwii Dimokiraasii torban lamaaf barsiisaa ture. barnoota bal’a kana keessaa tokko , Dimokiraasii Diriirsuu kan jedhu jalatti , waa’ee dhaabbilee Mormitootaa kaasee odoo barsiisaa jiru, gaaffiin dhihaateef. Gaaffiin kunis akkas jedha. Nuuti Dimokiraatawaadha ega jettanii, garaa bal’achuu irra , dhaaboota isin gituu yaalan maaliif Biyyaa baaftu ? keessattu ABO ari’uun keessan sirriidhaa ? kan jedhu ture. deebii isaa qalbifadhaati dubbisaa . Akkas jedhee, ABO chaartara dura Bosona Odoo jiruu beekna. Yeroo sana waraana 3000-6000 qaba ture. bara 1991 fi 1992 keessatti odoo nuuti hin beeknee 20,000n ga’ee. Kun balaadha. Kana akkamiin callifnee ilaalla ? jedhe gabaabaatti. egaa waraanni sun eessa ga’e ? dubbii hin dheeressuu, kun Qabsoon deebi’ee lubbuu godhachuuf baroota hin gaafatu ? akkuma Hoggana har’aa kaasisuuf dubbatamaa ture har’as akkasuma . komee sana waliin garuu har’allee badii sanatu waliin ka’a. kan miidhama kanaaf sababa jedhamu,, har’as waa biraaf qophaa’aa jira. Kun akka kiyyatti . Biyyatti deebi’uun kun tarii qabsoo kana irratti waan gaaddiseessu jiraaf. Kanatti aanee, bara 1992 kaasee ykn ABOn chaartaraa ega ba’ee kaasee hanga Hogganni Asmaraatti waajjira banatutti, Qabsoon kun akkamiin akka gaggeeffamaa ture Hogganootaa fi Qabsaa’oota hadhaa meeqa dhadhamataniif haa dhiifnu. Garuu haala mijataa keessatti akka hin taanee ifaadha. Kun hundi Qabsoo kana bakka jirutti dhaabuyyuu danda’a ture. haalli turee fi jiru gadi fageenyaan ilaalamee irratti haa dubbatamu kan jedheef kanaafi.
  2. Bara 2000 booda kan jiru yoo ilaallee ammoo, Seenaa biraatu jira. Bara 2000 shanee fi QC jedhamee adda ba’ame. (na ofkalchaa shanee fi qaacaa jechuu kiyyaaf. Akka hubattaniif qofaadha) Adda ba’uu waliin kan ilaalamu, gareen achi ba’uu maal fudhatee akka deemuu fi dirqama isaa dhiisee deemuun, miidhaa dhaqabsiisuudha. Bara sanas humna walakkaatu achi ba’ee. Kana waliinis caasaan diriirfamee , Biyya alaa hanga Biyya keessaatti maal akka ta’uu ilaalaa. Caasaa tokko diriirsuuf humna namaa, Dingadee kkf ol aanaa gaafata. Kanatu wal qabatee bada. Yeroo sana miseensoonni shanee Gumii meeqaa fi Gumii sabaa meeqa akka hafan seenaaf haa dhiisu. Kana booda bara 2005 Koratu ta’ee waan guutamu guutame. Karoorris ba’ee. Kakuunis raawwatame. Hundumtuu qajeelfama fudhate ka’ee. Bara 2008 rakkoon biraa dhalate. Humni micciirama jedhamu buqqaafatee ba’ee. Waraanaa fi qabsaa’oota hedduu sossobanii ba’anii, baatii 6tti waa hundaa tasgabeessina jedhan. Isaaanuu baatii ja’a hin turree, wayyaaneetti galuu dhageenye. Humni waraanaa fi iccittiin dhaabaa Liichoo faa’aan fudhatamee deemame, Umurii qabsoo kana gabaabsuu odoo hin taanee, dhaloota itti aanuufu rakkoo kan awwaaluudha. Kana qofaa miti. humna Dinagdee dhaabaa irratti shirri hojjatamee kan dubbatamuu miti. Sagaleen Bilisummaa Oromoo torbanitti lama ta’uuf sababaan maalii ? Dingdeedha. Dhaabuma kana laamshessinee harkaa fuuna jedhamee dhaluma Oromoo lafee jaallaniin kakataniin kan raawwatame. badii akkasiif akkamiin Hogganootaa fi Qabsaa’oota muratoo irratti maxxansinee, Holola Hogganummaa irraa isaan kaasuu taasifanna.? Aadaa fi safuu hin qabnuu ? har’a Namoonni Biyya keessaa yennaa funaanaman , ajjeefaman, hidhaman , Biyyaa ari’aman sababaan eenyu ? warruma dhaqee harka laateetu kana raawwata. Kun qabsoo hin dheeressuu ? yaadooti kun waan turee fi jiru wal yaadachiisuuf malee, rakkoon yeroo Sanaa har’allee jira jechuu miti. kan karaatti deebi’ee sirraa’ee fi mooraa Qabsoo Oromoo jabeessaa jiru hedduu ta’uun shakkii hin qabu hubadhaa. Garuu yeroo sanatti wanni umamee lafa irra harkifachuu……qooda qabaa jechuufi .
  3. Yeroo QC fi Micciiramni  dhaaba keessaa foxxoqan, ABOn Hoggana meeqaa fi Gumii Sabaa meeqa qaba ture ? bara 2005 booda Korri sabaa waamamu qaba ture. Kora sabaa jechuun ammoo , Miseensoota Koree hojii raawwachiiftuu fi Miseensoota Gumii Sabaa akkasumas Namoota sagalee qaban, Maanguddoota ture. kana gochuuf haalli tolaan gonkumaa walitti araarsuun hin danda’amne keessa ture. Hoggana sagalee guutuu fi harka sadii keessaa lama jedhu hin guunneen kora miti , wal ga’ii saglii taa’uun hin taatu. Hogganni kun garuu haala nama gaddisiisuun duulli ganamuu irratti raawwatamuus, harka hin laanne. Hin laafanne. Nama shanuu haa ta’anii cichoomiinaan har’a ga’anii dhaaba kana miila lamaan dhaabuuf, mana isaa jalqabaatti galchuuf karaa hedduu deemanii itti milkaa’aa jiran. Araarrii bifa bal’aan gaggeeffamaa jiruu fi Ilaalcha tokko kan qabnuu walitti dhufnee of haa jabeessinuu kan jedhanii mana cufatanii hojjachaa jiranis kanumaafi. Gaaga’ama kana keessatti raawwatamee qabsoo dhabamsiisuu iyyuu hin danda’uuree ? akka danda’uu wal nama hin gaafachiisu . garuu humna kakuu dhugaa qabuutu dandamatee keessa dabre. maarree kan komeen irra dhaabbachuu qabu, warra daandii badii keessa seenee malee, kan cichee waliin hafe ta’uu qabaa ? har’a waan sirraa’ee jiruuf kabajaa qabaachuu , yeroo hiri’atus , yeroo guutuus qeeqa ykn komachuun kaayyoo biraa qabaachuu mul’isa malee, haqummaa komee kanaa hin ibsu .  
  4. Baroota dheeraaf Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Ilaalchi lama waliin jiraataa turaniiru. Ilaalchi lameen kun waliif faallaadha. Akka har’atti yoo dubbannee, Ilaalcha ABO fi ADO dha. Kun wal keessa jiraachuun murtiilee adda addaaf gufu ol aanaa ture. humni adeemsa irratti walii hin gallee , galii irrattis waliif galuu hin danda’amu. Waluma irratti wal ijaaraa jiraatan. Ilaalchi Itoophiyaa keessatti Bilisummaa Ummata Oromoo kabaciifnee jiraachuun ni danda’ama jedhu , karaa nagaa socha’uu kan barbaadu, waraana kana hin barbaanneedha. Bara sana waraana mooraatti akka naqamu kan taasifame kanaafi laata ?  inni walbummaa Oromiyaa jedhu ammoo, hundeen isaa waraana . kanaaf wal qabuun hin hafu. Kunis,qabsoon harkifachuuf ragaa qabu, dudda baasuu abbaa qabu ifatti kaa’uu danda’a.
  5. Humnoota alaa :-Humnoota alaa wayitan jedhu, Biyyota dhihaa fi Ameerikaa, Biyyota Afriikaa , Biyyota olla keenyaa, Biyyoota Oromiyaa marsanii jiran ni dabalata. Humnoonni alaa waan nama irratti dalagan lakkaa’anii hin fixan. Gaaffiin keenya ammoo isaanii maal akka ta’ee hunduu beeka. Mootootii Itoophiyaa fulmuu irra , fedhii warra dhihaa guutuutu karaa qabsoo gabaabsa. Garu fedhiin isaanii daangaa hin qabu. Biyyooti olla keenyaa ammoo akka nuuti isaan keessatti qubsuma hin dhaabbanneef wayyaanee waliin maal akka raawwatan garaatu nu beeka. Kunis qabsoon dheerachuuf sababaadha. Kana hundaa walitti qabaati , dhimma keenya tasgabbiin ilaalaa.

Har’aa Qabsoon Oromoo tasgabbaa’anii fi,  ialaa fi ialaameen waan ilaallachuu qaban hedduu qaba. Hoggana karaa qajeelchuuf tattaafatu gama hundaan gargaaruun akka barbaachisu yerootu dhiibee ol baasaa jira. Waan jiru caalaatti tasgabbeessanii diinatti irree guutuun ka’uuf maal gochuu qabna ? Hogganni har’a jiru osoo hin jaallannee dhaloota qopheessuun barbaachisaa ta’uu kan dagatanis hin fakkaatan. Karaa eegalan irratti yaada laachaa waan yaadan dhaga’uun dansaadha. Bara 1996 kaasee yaadoota Ummataa walitti qabadhee fi waan hegaree keenyaaf tolu kutaa 3ffaa keessatti qabadheen dhihaadhaa,, GALATOOMAA !!!!!!!

HORAA  BULAA   !!!!!!

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved