Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

WAREEGAMA HANQISUUF, “WAL-TUMSUUN” MURTEESSAADHA !!!!
SEENAA Y.G (2005) kutaa 4ffaa fi xumuraa.
Mata Duree “WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA”! jedhu jalatti, yaada bal’aa kutaa 3n kaasuu yaaleera. Yaadoonni kun irra jireessa, waan haaraa osoo hin taanee, qalbii Dhala Oromoo hundaa keessa kan jiruudha. Tumsi ani baanuus, kan hundi keenya keessa keenyatti hawwiinu, garuu , Hawwuu qofti furmaata akka hin taaneellee hubannu, har’a borii odoo jennuu wareegama Ummata keenyaa akka ida’aa deemuuf, odoo beeknuu carraa kennaa jiraachuu keenya yaadachiisuufi. Rakkoo keessa keenyatti arginu hundaaf Qorichi isaa, harkuma keenya keessa jira. Qorichi Tokkummaa ykn Wal-Tumsuu deebifnee of gaafaachaa fi wal gaafachaa jirru kanaaf kan ta’u, Ulaagaa WAL-TUMSUU YKN TOKKOOMUUN barbaaddu guutanii argamuudha. Inni lammaffaa Ulaagaa kana dhugeessuuf “HAWWII” keessaa ba’anii hojiin mul’achuuf murteeffachuudha.
Waanuma Umamaan Ummati keenya qabu , warri abshaalli totolchanii deebisanii nu barsiisanii akka ittiin eebbifamnee hafnu ykn waanuma akka dhuunfaatti qabnu fakkeessanii ofittummaan nu gaadi’an malee, TUMSA kabajaa qabu fi hiikkaa quubsaa qabu, Aadaa Umama Oromoo keessaa qabna. Waan Waliin umamne deebisnee barbaadaa akka jirru hubachuu dhabuu keenyatu, habjuu hawwii keessa nu gangalchaa jiraata. Nuutis sababaa ofittummaa irraa maddaniin, Tumsa Umamaa qabnu qorannaadhaan achi fageessaa jirra.warra wal Tumsee Bilisoome ilaallee ykn warra waliif dhaabbatee sagalee isaanii addunyaatti dhageesifatan TVn ilaallee “Oromoon akkas odoo godhee” jennee, hawwiin of dhukkubsina. Garaagarummaan isaan waliin qabnu garuu , hojiin mul’isuu ykn argisiisuu irratti qofaadha. Waan amma har’aatti gaggeeffame fi gaggeeffamaa jiru bishaan itti naquu miti. sadarkaa irra jirru irraa dachaan hojjachuutu Wareegama keenya hanqisuu danda’aatti amanu irraati.
Tokkummaa ykn Tumsa har’a hawwiinu kana Umamaa qabaachuu keenya ragaalee gaggabaabaan dhiyeessa. Bara durii waan ture, Moggaasa Gadaa irraa haa kaanu. Gadaan 5n. Shanan Gadaas, Gadaa Birmajii, Gadaa Roobalee, Gadaa michillee, Gadaa ………..dhaan Moggaafame. Oromiyaa guutuun kanaan ala waan natti toleef jedhee kan biraa moggaafachuu hin danda’u. sababaan waan har’a ittiin rakkannu akka hin umamneef. ODAA shanan Ilaalaa, Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Bulluq, Odaa Roobaan Moggaafaman. Kana keessattis dhibee keenya har’aa hin arginu. Kan bara fagoo ture dhiifnee , kanuma waggaa 50 asi akka ragaatti haa kaafnu. Ani yeroo hedduu, yaadootin waggoota 50,40, 30,… turanillee, bu’ura nuuf ta’u jedhamanii kaa’aman, har’a maaliif sharafamanii rakkoo nuuf ta’uu ? jedheen of gaafadha. Yaadoota turan hin kaasu . Bara qabsoon hidhannoo hundeeffame akka dhaaabaatti wal ijaaruun eegalamu, Tokkummaan ykn Tumsi Aadaa Umamaa keenyaan wal qabachuu fi itti fufuu, akksumas, Bilchina Gootoota keenya yeroosi fi har’allee lubbuun jiranii keessa aadaan sun jiraachuu mirkaneeffachuu dandeenye.
Gama biroon shakkiin isaanii yeroos nu mudatee akka jiru illee ragaa haa baanuuf. “ADDA BILISUMMAA OROMOO”, “SAGALEE BILISUMMAA OROMOO”, “WARAANA BILISUMMAA OROMOO”, “WALDAA WAL GARGAARSA OROMOO” ! (kan biraas jiraachuu mala) Moggaasa maqaalee kana keessatti , madda Gandummaa kan ta’ee, Ofittummaa hin arginu. Hanqina keenya har’aaf sababaa kan ta’uus hin mul’atu. Har’allee odoo ejjannoon akkasii jiraatee, Tokkummaa qofaa waliif dhaamna turre. Ilaalchi biroo dhufuu fi Kan maqaa Ummataan waldaa dhaabbatees, ani eenyun gadi ! jedhee karaa eegalu irraa, kaan aadaan habashaa keessatti dagaagee wal fonqolchuuf arreeduun heddummaachuu irraa, rakkoon nu qabee jiru, waan ofii qabaachaa turree, har’a of keessaa dhabne kanaaf, of duuba mil’annee , waan ganamaa sanaaf Oromoon deebii qabaa jedheen WAL-TUMSUUN Qorichaa jechaan jira.


Wal Tumsuuf keessa ofii qulqulleeffatanii waliin dubbachuun isa hangafaati. Waan irratti wal Tumsuu danda’an waliif akeekanii wal tikisuun filatamaadha. haala amma keessa jirruun, Wal-Tumsuu dhugeessuuf, maal irratti akka wal tumsinu akeeku irra, gufuulee Wal-Tumsuu tarrisanii of keessaa buqqisuutu furmaata nuuf ta’a. Oromoon Tokko ta’ee ykn wal tumsee akka waliin hin dhaabbanneef, halagaan waan qabu hundaan kan nu irratti hojjatu caalaa , ofittummaan, of-tuulummaan, na argaa na argaaf arreeduun, xiiqiin, hammeenya waliif yaaduun, Obsa dhabuu fi maal na dhibeetu gargar fagaachuu keenyaaf sababaadha jechuu dandeenya. Kun hundi garuu aadaa Umamaa keenya keessa hin jiran. Gabrummaan waan nutti fidee yeroo keessa nuutis keessatti kufneedha. kana of keessaa buqqisanii Tumsa dubbachaa jirruuf akka dhuunfaattillee balabala gidduu keenyatti heddummaatee diigu qabna. Balballi kun , kan nu fakkaateef ni banna. Kan nuuf hin taaneetti ni cufanna. Yerootu hubannoo nu dhorke malee, Oromootatti balbala cufachaa jirra.
kana dhugeessuuf waanuma dhiheenyatti keessa dabarre ilaaluun ga’aadha. Haala akkasiin balbala mannii tokko qabaachuu qabu caalaa baayyifnee, keessa keenyatti qaawwaa heddummeessine. Qaawwaan heddummaachuu akka jirutti ta’ee, balbala tokkof bannun isa kaaniitti qilleenssa galchinee wal miidhu irra dabree, diina nu keessa seeneef karaa inni miliquu danda’uu fi keessa lo’ee walitti nu diruuf haala mijeessuu keenya gonkumaa hin hubannu. Har’as dantaa ofii dursina taanaan Wal-Tumsuun hafee hawwii qofaan, dhukkuba jiraachuu keenyaaf sodaachisuun wal faallee laamshoofnee hafna.


Wal-Tumsuuf Biyya keessattis ta’uu, Biyya alaatti dabalataan Aadaa jireenyaa, Umama keenyaan wal hin fudhannee keessaa ba’uun dirqama. Aadaa keessa keenyaa sirbee fira nu jibbisiisuu, diinaan Gaashee jedhee, dhiiga ofii arrabsuuf lafa ciruu, of keessaa odoo hin baafnee, waa’ee wal tumsuu haasa’uun hin danda’amu. Wal-tumsuun waan faallaa Oromummaa ta’an irraa fagaachuu gaafata. Warra kana hunda irraa fagaateetu Biyya keessaa fi alatti waliif birmachaa jira. Warra gufuu wal Tumsuu of keessaa buqqiseetu, kan kaleessaa irraa barannee jedhanii bakka hundaa wal waamaa jiran. Wal-tumsuun Oromoo ta’uu qofaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo irratti amanuu qofaan Ummachuun ni danda’ama. Dhimma Oromoo irratti eessattillee waliin dhaabbachuun Wal-tumsuun ni danda’ama. Tokkoomuun waan hundaan tokko ta’uu kan jedhu of keessaa qaba. waa xiqqoon tokkummaa kana faalleessuu dandeessi.Wal-Tumsuun garuu, waan Ummata isaaniif yaadan galmaan ga’uuf waan waliin hojjachuu danda’an ifatti keewwatanii waliin akka tarkaanfataniif carraa bal’aa qaba.

Ilaalchaan adda ta’anii dhimma Ummata ofii irratti wal tumsuun ni danda’ama. Kaayyoo barruu kanaa kana qabsiisuufi. kun yoo xiqqaate diinaaf karaa saaquu fi diinatti wal kennuu dhaabu ni danda’a.yaada bal’aa qabaannee akka wal dhageenyuf nu gargaara. Adeemsa kanatti takkaa seennaan, waa hedduun walitti hidhachuu , waliif birmachuu, waliif iyyuu , waliin dhukaasuun ni danda’ama. Akkamiin wal tumsinaa ? kan jedhu dirree kana irratti tarrisuun rakkisaadha. Akkamiin ummachuu dandeenyaa ? kaa jedhus akkasuma. Dirree dhorkaa hin qabne waan ta’eef.
Kanaan dura akkuman katabee, warra Kaayyoon tokko ta’e gidduu Wal-tumsaa jechuun qoosuudha. Waliin dhaabbadhaa jechuutu salphata. Warra Ilaalchaan adda ta’an garuu , dhimma Ummata isaanii irratti wal Tumsuu danda’an. Kanatti amananii Nageenya buusanii tarkaanfachuun, Oromoota giddutti mararfannoo Umuudha. Wal Mararfachuun jiraannaan, waliif nahuun ni dhufa. Waliif nahuun dhufnaan, waliif dhaabbachuutu dhufa, waliif dhaabbannaan, waliif wareegamuutu dhufa. Waliif wareegamuun dhufnaan , Wareegama hanqisuutu mirkanaa’a. herreegin nu barbaachisu isa kana. Kana Ummachuuf egaa Habjuu Hawwii keessaa baanee fi gufuulee Wal-Tumsuu of keessaa baasuutti ce’uuf, har’a bori jechuu hin qabnu. Biyya keessaa dhiigatu dhangala’aa jira. Dhiiga dhangala’u gumaa ba’uuf arreeduu qabna.kana eegaluuf karoora baayyisuu irra, Waanuma Bara 2014 itti milkoofne caalaatti bal’isuu irraa eegaluu dandeenya.


Ilmaan Oromoo hundi Qabsoo Oromoo waliin dhaabbachuun , Tumsuun dirqama. Galati qabsaa’oota cichanii hojjatanii dhaloota har’aa fi borii odoo hin hafnee dammaqisaniif haa ga’u. Haasaa akkasii keessaa baaneerra. Oromoon waan of harkaa qabu qindeeffachuu qofatu isa hafe. Kana har’a irra dhaabbannee dubbanna malee, boruu keessa hin deebinu. Amma akkamiin humna taanaa ? wal gaafachaa jirra. Kanas, tokko jennee eegalaa hin jirru. Walakkaa ga’uu keenyaaf ragaan Qeerroodha. Waan miilaa eegalu, mataa hin ga’iin hin hafuun , mammaaksa Oromoo ganamaati. Kana hojiin mul’isuuf waan hundi harka keenya keessa jira. Yeroo kanatti wanni diina irraa eeggannu tokkollee hin jiru. waan harka keenya keessa jiru Oromiyaa irratti facaasuuf, diina dhiibuu qofaa nu gaafata. Kanaaf qorichi isaa wal tumsinee, waliif dhaabbachuu fi birmachuudhaan human ta’uudha !!!
Sochii Biyya keessaa kana gama hundaan Utubuun hedduu barbaaachisaadha. gama kanaan wareegama gama hundaa baasuuf of amansiisuun ga’aadha. Sochii gama Qeerroo , dargaggootaa fi Barattootaan jabaataa jiru kun xiyyffannaa diinaa keessa seenee duulli itti heddummaachuu danda’a. kana irraa qolachuuf Angafoonni isaanii fi Ummati isaani sochii gama isaanii finiinsuu fi isaan tinnisanii waliin dhaabbachuun diina xiyyffannaa dhabsiisuu dandeenya jedheen yaada. Qeerroo, Gaazexessitoota, Artistoota …….jechaa Ummata keenya Qabsoo walii galaatti ceesisuud dirqama.


Qabsoo fi sochii Ummata keenyaa kolaasuuf Sochiin diinaa kallattii hedduun kan gaggeeffamuudha.duula gama hundaan nu irratti gaggeeffamaa jiru kana dhaabuuf , beekumsaan, dandeettiin waan of harkaa qabnuun dura dhaabbachuun abshaalummaadha. aadaa , Qooqa/Afaan, Seenaa kkf dhabamsiisuuf sochiin addaa Oromoo irratti gaggeeffamu argaa jirra.kana of irraa dhaabuuf sochii nu irraa eegamu gumaachuun, qaama qabsoo ta’uu hubachuu nu barbaachisa. kun waanuma Finfinnee keessatti qofaa gaggeeffamu miti. nu laaffisuuf Akkuma isaan nu irratti hojjatan , waan isaan nu irratti fe’uuf hojjatan fashalsuun filmaata adda duraa ta’uu beekuun dansaadha. Afaan keenya balleessanii kan biraa nu irratti dagaagsuu barbaadu taanaan, waan kana mormii qofaan odoo hin taanee, waan sun nu keessatti akka hojii irra hin oollee taasisuun fashalsuu qabna.
Artiin keenya akka hin guddanneef, Istudiyoo fi Industirii Aartii fi aadaa akka hin dhaabbannee nu irratti hojjatu yoo ta’ee, kan isaan nu irratti fe’uuf yaadan akka hin milkoofneef taasisuu, diduun, isa isaan Oromiyaa keessa raabsan warra raabsanillee of irraa dhaabuun tarii wareegama hanqisuu keessaa tokko ta’u danda’a. kana hundaaf gama hundaan wal tumsuun akka barbaachisu hubachuun wal nu hin gaafachiisu. Diddaa ofii mul’isuuf, karaa ykn caasaa diinni waa nu keessa tamsaasuu fi waan meeshaa hololaa taasifatu irratti hojjachuun , dhabamsiisuun tarii wareegama hanqisuu ta’a jedheen yaada.Ilaalcha diinaa facaasuufis ni gargaara.Biyya keessatti dhalli Oromoo sochii gama hundaan iccittii isaa eeggatee socha’aa jiru kana caalaatti jabeessuu, golgaa waliif ta’uu, Ijoollee gorsuu, waan isaan barbaachisu hundaa guutuu kkf caalaatti wal utubuun, diina abdii kutachiisuu qabna.
Wal Tumsuu Biyyoota alaa keessatti Ummachuun haalaan barbaachisaadha. humni ala jiru kun Qabsoo Ummata isaa keessatti qoodi qabaachuu danda’u lakkoofsa hin qabu. Wal Tumsuuf ykn scohii Bara 2014 caalaatti jabeessuuf, gufuulee Wal Tumsuu of keessaa qulqulleeffachuun achitti dubbii ijoodha. waan kaleessa bifa kamiinu haa ta’uu dhimma Ummata keenyaa jennee hojjannee , adeemsaa fi haala har’a keessa jirruu waliin ilaalamee , waan dhaabbachuu qabu dhaabuu, waan dhiisuu qabnuu dhiisuu , waan itti fufu qabnu itti fufuu, waan sirreessuu qabnu sirreessuun bu’ura.


Beektoota irraa eegalla. Ummati Oromoo Qabsoo mirga abbaa Biyyummaa gaggeessaa jira. Qabsoo kana keessatti qoodi beektoota keenyaa maal ta’uu akka danda’u tilmaamuun rakkisaa miti. Tilmaamuuf ammoo, Beektoota Biyyoota ykn saboota biroo qooda maalii gumaachanii Ummata isaanii akka bilisoomsan ilaallee, Beektootin keenya odoo akkas ta’anii jechuun hin hafu. Beektoonni keenya qoodi isaan qabsoo keessatti qaban akka beekumsaa fi baayyina isaanitii? Jennee yoo ilaallee waan wal gaafachuu dandeenyu danuudha. beektoonni keenya heddumiinaan, waan irraa eeggamu gumaachaa hin jiran . beekumsa isaaniin gargaaramanii tattaaffii mataa isaanii kan taasisan muraasadha. Kan qabsoo keessattis qulqullummaan hojjatan hedduu xiqqaadha.


Beektoonni fakkeenya Ummata isaanii ta’anii argamuutu irraa eegama. Beektoonni Filitsixeem, beektoonni Ertiraa, Beektoonni Afriikaa Kibbaa, beektoonni Kaataaloniyaa kkf ijaaramanis ta’uu , beekumsa isaanii fi dandeetti isaanii maal hojjachaa jiran ?qabsoo Ummata isaaniif wareegama maalii kafalaa jiru ? wareegama Ummata isaanii hanqisuuf maal gumaachanii itti milkaa’aan? Gaaffiilee Ummati keenya ifatti gaafatu ta’uun ifaadha. Keenyawoo ? jechuun waan hin hafneef. Akka walii galaatti, sohiin isaan itti jiran geeddaramuu qaba.Qabsoon Oromoo Tumsa beektoota keenyaa gama hundaa barbaadaa jira. Dokitaronni, Abbootiin seeraa, ogeessitoonni adda addaa dandeettii fi beekumsa isaaniin qofaa yeroon Qabsoo Ummataa kana Addunyaatti ibsan irra ga’uu hubachuu qaban.
J.Taaddasaa Birruun kan dubbate, dhaloota hundaa keessa kan jiruudha. Nama barateetu mirga saba isaa gaafata. Nama barateetu Bilisummaa Ummata isaaf dubbata jedhee dhaamee qalbii lammii isaa keessa waan jiruuf, Ummati keenya beektoota keenya irraa kan eegu hedduudha. har’a garuu beektoota keenyatti boonaa moo, quuqamaa jirra ? maaliif ? inumaa beektoonni keenya waan Ummata isaanii ceephaasisu hojjachuu isaanitti qaanfachuu dhiisuu irra geenye jirra. Beekumsi qoricha Ummata tokko ta’uun hafee, rakkoo ta’aa dhufeera kan jedhan hedduudha. Kana jechuun beektoonni dhimma Ummata isaaniif hadoodan , socha’an, qabsaa’a hin jiran jechuu miti. beektoonni qabnuu fi bu’aan beektoota keenya irraa argachaa jirru wal hin simuudha.beektoonni silaa rakkoo Ummata isaaniif furmaata kan ta’u qoratanii fi tottolchanii Qabsoo gaggeeffamu akeekuutu irraa eegama ture. kan argaa jirru garuu kanaa miti. kanaaf , Ijoolleen Barnootaanuu hin fagaannee qabsoo keessatti lubbuu laachuu irra ga’anii jiranii , yoo xiqqaate miidhama ijoollee kanaa addunyaatti dhageesisuu irratti qooda beekumsaa fi dandeettii isaanii irratti hirmaatanii , Ummati keenya beektoota keenya irra jireessa irratti ilaalcha abdii kutannaa horachaa dhufe of irraa haquun dirqama.


Wal-Tumsuuf sochii fafaca’aa Biyya alaa keessatti arginu kana bakka tokkotti ykn akeeka tokkof wal gorfachuun barbaachisaadha. kanneen keessaa Miidiyaalee Teekinoolojii hammayyaan Lammiileen Oromoo akka dhuunfaattis ta’ee akka walootti , qabsoo Ummata isaanii tinnisuun gaggeessaa jiran hedduudha. Akka kiyyatti heddummaachuun isaanii dansaadha. Harki 85 ol Tumsa qabsoo keessatti qooda gootummaa raawwachaa jiru. muraasini ammoo dantaa ofii Ummata keessa facaasuuf dhama’aa jiru. gama kanaan waan taajjabaa jirru hedduudha. Kana irratti dabalee miidiyaa irratti wal arrabsuu fi wal salphisuun kun irra jireessa, Ilmaan oromoo sadarkaa siyaasaa keessa jiran kan ibsan ta’anii taajjabbii guddaa keessa nu galchaa jira. Waggaa 150 gabrummaa keessa kan jiraate waan irraa baratuu fi irraa of tikisu wallaaluun qaaniidha.nuuti har’a Nama siila’ee waa hedduu hubateedha. Kun garuu miidiyaa tokko tokko irratti hin mul’atu. Kun tarii yaada bal’ifachuu dadhabuu irraa madduu danda’a. Oromoon sa’a kanatti na argaa na argaaf hojjatu kan maraateedha. walii gala miidiyaaleen jiran, Tumsa isaanii caalaatti jabeessanii , odeeffannoo fi waan Ummataaf dubbatan ykn kataban tokko akka ta’uu irratti hojjachuu qabu.
Mee Dimokiraasii warra gawwaa kan nu fakkeessu haa kaasu. Miidiyaa dhiigaa fi wareegama nama dhuunfaa sanaan argame irratti abbaan fedhee qabsoo keenya, qabsaa’oota keenyaa fi sochii Ummata keenyaa tuffatu keessummeessuu, ulaagaa isa kamiin Dimokiraatawaa nu jechisiisa ? warri Abbaa Dimokiraasii jedhanii of waaman kan akka Ameerikaa faa’aa dantaa isaaniif yoo ta’ee malee waan akkasii of irratti hojjatuu ? nuuti ammoo eessa jirraa kana of irratti raawwanna. Dubbiin haa dhokatuu jechuu miti. miidiyaa abbaan fedhe akka barbaadee irratti katabuu fi dubbatu irratti mirga akkasii hayyamuun of ajjeesuudha. Waan keessa ofitti fixachuun danda’amu maaliif keessa ofiitti hin fixanne.? Eenyuuf carraa laachaa jirra? Kana sirreeffachuu nu barbaachisa. keessattu wanni Ingiliffaan katabamee , diinaaf karaa gaarii uumaa jiru irratti itti yaadu barbaachisa. wayyaaneen har’a koree tokko Biyya alaatti ijaartee, qixxee keenya Afaan Barbaadaniin katabuu fi dubbachuu danda’an bobbaaftee, miidiyaa fi hojiilee Intarneeta irratti hojjataman dura akka dhaabbatan taasisaa jiraachuu quba qabnaa laata ?


Kana irraa kan hafe, kanneen qabsoo Ummata isaanii qulqullummaan utubaa jiran, gurmaa’anii kana caalaa miidiyaa jabaa Ummachutti akka ce’anis hin shakku. Sochii fi beekumsa isaaniin miidiyaalee addunyaa gurguddaatti hidhatanii dhimma Oromoo achi keessaan fiduuf firummaa ammumaa tolchuu fi isaan keesssattillee miseensomanii sagalee Ummata keenyaa ol guddisuu irratti hojjachuu akka qaban warri muuxannoo qaban ni gorsu.
Waldaaleen Amantii , Waldaaleen Dubartootaa, Dargaggootaa, Abbootii Seeraa , Afooshaaleen adda addaa, Kominiitiin adda addaa, kkf, Hawaasa Oromoo Biyya alaan babal’achaa jiran. Sochiileen kanneen kan madaalamuu qaban, Qabsoo Ummata kanaa keessatti gumaacha maalii taasisaa jiruu ? bu’aan isaanii maalii? ? kan jedhu irratti deebii quubsaa argamsisuun ta’a. Afoodhaalees ta’uu, Waldaalee yennaa ijaarru fooliin Tumsa keenya jabeessu keessa jiraa ?Gama kanaan hanqinoota qabsoo ofii tinnisuu keessatti qaban tarrisuu irra, waan ta’uu qabu itti himuutu salphaadha. Sadarkaa irra jirruun waan akkasii irratti wal gorfachuun of gadi qabuudha. Kanaaf wanni ijaarru hundumtuu qabsoo Ummata keenya keessatti qooda gumaachuu qabuu yoo hin madaalamnee fi har’aa fi kaleessa giddutti geeddarumsa argamsiisuu yoo dadhabee, Walitti dhufanii rakkoo jiru irratti mari’atanii , kaleessa kan wal irraa baqanne ni ga’a jedhanii Wal Tumsuun murteessaadha.
Artistoonni Biyya keessaa soda tokko malee sirna Ummata isaanii lafa irraa dhabamsiisuuf deemu dura murannoon dura dhaabbachaa jiraachuu isaanii gidduu kana ifatti argaa jirra. Wareegama barbaachisu kafaluuf qophii ta’aa jiraachuu ibsaa jiran. Artistoonni Biyya alaa haala mijaa’aa keessa jiranoo ? Biyya alaatti Artistoonni akkamiin waldaa jabaa isaanifis, Ummataa fi Artistoota Biyya keessaaf irree ta’uu danda’an akkamiin ummachuu dadhaban ? Seenaa Ummataa fi Biyyoota biroo Bilisoomanii yennaa ilaally qoodi artistootaa Ummata dammaqisuu kaasee Qabsoo Gama Dinagdeen utubuun adda durummaan dirqama isaanii akka ba’an argina , keenyawoo ? Artistoonni Oromoo akka Ummata qabsoo gaggeeffatu tokkotti, isaantu Ummata dursuu qaba ture. keenya garuu Ummatatu isaan dursaa jira. Kanaaf dhimma Ummataa dursanii, argamuuf isaan rakkisa. Dhimma Ummataa dursinaan Waldaa Akka sibiilaa jabaatu dhaabuun isaan hin rakkisu ture. haalla Biyy aalaatti mul’ataa jiru kun geeddaramu qaba. Artistoota Biyya keessaaf gama hundaan irree ta’anii argamuun Odoo danda’amuu , bakka amma jiran irratti argamuun isaanii dhugumatti nama qaanessa. Kanaaf Tums agama hundaan Ummati irraa eegutti fulleeffatuu qabu.


Wal Tumsuuf kana caalaa dirree kana irratti haasa’uun hin tolu. Garuu waan maraan wal tumsinee Qabsoo keenya Finiinsuuf bakka irra jirru gilgaaluun heddduu murteessaadha. Waan nu barbaachisu ifatti argaa kan jirruudha. Qabsoo Oromoo bifa kamiinu gaggeeffamaa jiru, Dinagdeenis, beekumsaanis, Ogummaanis kkf utubuuf hojii qabatamaatti haa ceenu. Qabsoo maallaqaan , beekumsaan , waan danda’aniin hanga Bilisummaatti deeggaruuf murteeffachuu qabna. Deeggarsi wal irraa ciccitu qabsoo hin itichu.Qabsoo keenyaaf galii argamsiifnee waa maraan jabeessuuf dirqama sabummaa qofaan irratti haa bobbaanu. yoo aduun jiraattee deeggarree, yeroo Roobaa kan dheessinu yoo taate , wareegama hanqisaa akka hin jirre haa hubannu.


Wareegama Hanqisuuf, WAL-TUMSUU yerootu nu gaafataa jechuun haalli addunyaan itti jirtu illee tilmaama keessa galchuu irraa ta’uu haa qalbifannu. Biyyoonni dhihaa Qabsoo keenyaaf ilaalchi qaban beekamaadha. Ajandaan Bilisummaa jedhu kun Biyya diigutti fudhatamee wayyaaneef umurii dheeraffanaa ta’eera. Har’a garuu addunyaan achi hin jirtu. Hamaazuu Galmee Teerarstii keessaa ba’aa jira. Kanaaf ammoo sochiin ISIS qooda qaba. warri dhihaa Abbaa Biyyuummaa warra Filitsixeem fudhachaa jiru. warri dhihaa adeemsa isaanii keessa deebi’anii of ilaalu irratti hojjachaa jiraachuus dhaga’amaa jira. Kanaaf kan Tokkoomuuf murteeffate Tokkoomee, Ilaalcha qabuun wal kabajee dhimma Ummata isaa irratti kan wal Tumsu wal tumsee Sagalee keenya yeroo mijataa kanatti haa dhageesifnu. !! hammeenya wayyaanee haa saaxillu. Kan hafe akka itti guuttanii, sochii Bara 2014 dachaan guddatee, Bara 2015 tti hanqinoota keenya akka furannu abdiin qaba. Wareegama keenya hanqisuuf dhalli OROMOO Qabsoo Ummati isaa gaggeessaa jiruuf waardiyyaa haa dhaabbatu. Humna tokko walii galatti dadhabsuuf, Nama dhuunfaa tokko dadhabsuun eegala. Humna Gubbaa irraa ajaju gadi buusuuf, humna inni irra taa’ee jalaa dhabamsiisuun fala. Kanaaf Daa’imma wayyaanee, illee bira hin dabriinaa, Abbaa kee nu irraa gorsii jedhaanii . Dacheen Oromiyaa miila wayyaanee of irra dhaabuu akka dadhabde haa dubbattu.Hawwuu keessaa baanee, sochii qabsoo Addunyaan Bilisummaa itti goonfatee jiraatutti haa tarkaanfannu!! HORAA BULAA !!!!!
Burqaa430@gmail.com

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved