Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

HOGGAANOOTA QABSOO……..HUMNA TA’UUF,  QABSOON WALOO DAWAADHA !!!!!

SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  4ffaa

Barruu kiyya har’aa , yaada maanguddoo Oromoo bara chaartaraa dubbatanii fi xumura barruu kiyyaaa kutaa 3ffaa irratti itti fayyadameen haa eegalu. Dhaamsi isaanii kun waggaa 23 lakkoofsiseera. Har’arra dhaaabbannee yennaa ilaalluus, dhugummaa isaatu mul’ataa jira.

“Bilsiummaan Oromoo kan mirkanaa’uu, Tokkummaan yoo dhugoome qofaadha. Tokkomuun ammoo kan dhugoomu, Dantaa Ummataa dursuun qofaadha. Eenyullee qophaa isaa Oromiyaa fi Oromoo Bilisoomsuu hin danda’u. Bilisummaan keenya , Tokkummaa ykn humna ta’uu keenyaan mirkanaa’a.  Humna ta’uuf Tokkummaan hojjachuun hojii nu eeggatuudha. Gaafa sana qofa diina keenya Oromiyaa irraa dhiibnee kan baafnuu. Kun odoo hin dhugoomiin Bilisummaan gonkumaa hin jirtu .” jedhan. Asi irratti wanni isin hubachiisuu barbaadu, Maanguddoon kun , Oromoota Gadaa keessa dabranii fi Gadaa argaa dhageettiin dhalootatti dabarsuuf hojjatan akka ta’aniidha.

Ani ammoo dhaamsa isaanii kanatti hirkifadheen gaaffii tokko kaasuu berbaada. Deebiin gaaffii kanaa Ummata , Qabsaa’ootaa fi beektoota ykn deeggaraa jedhee kan adda baafatuu miti. hundaafan dhiheessuu barbaada.

Maanguddoonni Oromoo beekumsaa, ogummaa fi barnoota hammayyaa adda addaa addunyaa fure jedhamu tokkollee osoo hin qabaannee, Sirna Gadaa Utubuu fi jireenya Hawaasummaa Oromoon ittiin beekamu, Afoola isaa, Aadaa isaa, mammaakisaa kkf hanga har’aatti dhalooti kumaatamaan wareegamaafii nu kaa’aanii dabranii jiran. Lubbun ka dheeratanii har’allee gorsa adda addaa dhaaman ni jiru. Oromummaa jechuun maal akka taate waan makaa hin qabne nu kaa’anii dabraniiru. Seenaan Oromoo Har’a dubbifnee ykn dhageenyee dinqisiifannuu hundi isaa , sammuu isaanitti qabatanii,  argaa dhageettiin kan waliif dabarsaniidha. Aaadaa fi Seenaa kan ahar’aan ga’uuf toftaan itti fayyadaman kan nama raajuudha. Jabiina Maanguddoota Oromoo akkamiin akka ibsanu nama rakkisa. Maarree, beektoonni har’aa waan isaan utuban katabanii kaa’uu irra dabranii , waan maanguddoonni dabarsan sana ta’anii ykn dhaloota har’aatti dabarsuuf qabatamaatti yeroo hojjatan kan hin agarree maaliif?? ?????? Maanguddoonni kun beekumsaa fi barnoota malee bu’aa Tokkummaa kan hubatan , dhalooti har’aa fi kaleessaa barnoota hammayyaan samuun isaa akka malee guddatee jiru jedhamu Tokkoomuu maa dadhabe ? Ilaa fi Ilaamee Abbootii keenyaan kabajaan guddaa kannamuuf, beektoonnis ta’an qaamoonni adda addaa Oromoon waan jabaa akkasii qaba jechuun ala, maaliif ittiin jiraachuu dadhaban ? furmaata ta’uu isaa nuttii himaa ofii ta’anii argamuu maa dadhaban ? Ilaa fi Ilaameen,maaliif namoota hammayyaa har’aaf liqifamuu dide ? Oromoon Maanguddummaa irra ga’ee, maaliif hojii maanguddummaa dhiisee karaa dhalootaaf hin tolle irra raafama  ? beekumsaa fi hammayyummaan rakkoof osoo hin taanee, furmaataaf ta’uu addunyaan nutti himtu kun, yoom ilmaan Oromoo bira ga’aa ? wal dhaga’uu fi waloon hojjachuu abbootii keenya aadaadha jechaa , warra baratee fi qaroome bira yennaa ga’uu maaliif cabaa ? walumaa gala waan Oromoon qabu kun afaanumaan kan dubbatamu malee hojiin kan eegalu dhibuun isaa rakkoo keenya har’aaf sababaa adda duraa hin ta’uu ?? gaaffiilee kana irra tarrisuu nan danda’a. garuu ni ga’a. gaaffiilee wal fakkaatoo kaasanii mari’achuu fi furmaata waliif soquun aadaa keenya abbootii keenya biratti hafeedha. gaaffiilee kana kanan kaaseef, rakkoon Waloon hojjachuu ykn murannoon qabsaa’uu kun, Oromoo bara abbootii keenyaa jennuu fi isa amma Oromoo jennuu gidduu garaagarummaa ol aanaa waan jiruuf, rakkoo keessa keenyaa har’aaf akka sababaatti kaa’uufidha. Qabxii kanatti yeroo biraan deebi’a.garuu hubadhaa, akka abbootii keenyaa ta’uu dadhabuun keenya, waan Oromoon qabu odeessuun osoo hin taanee, taanee argamuu dhabuun keenya, Umurii Gabrummaa keenyaaf sababaa adda duraa ta’uu akka danda’uu qalbifadhaa.

Qabsoo Waloo jechuun maal akka ta’ee , kutaa 3ffaa keessatti ibsuu yaaleera. Qabsoo Waloo yennaa jennu , waan galiinsaa tokko ta’eef karaa namaa danda’amee hundaan dhimma ba’anii , diina ofii irratti injifannoo galmeesisuuf toftaa nama gargaaruudha. Eenyufaatu Qabsoo Waloo keessatti hammatama ? Qabsoo waloo kana eenyutu gaggeessa ? gaaffiilee kkf kaafnee mari’achuun ni danda’ama. Garuu guutummaa isaa katabuuf haalatu nu dhorka. Hubannoof kan ta’u qofaa waliif ibsina. Haala har’a keessa jirru waliin haa ilaallu.

AKKA UMMATAATTI :-

Gabrummaan dhala Oromoo hundaaf wal qixa. Gabrummaan saba tokko irra jiru tokkof cooma ta’ee isa kaaniif moora ta’uu hin jiraatu. Tarii kan gabroonfataa waliin dhaabbatee fi yeroo jirutti fayyadamee jireenya qananii kan jiraate, gabrummaa lama keessa jiraachuu hin qalbifatiin malee, qaamaanis, qalbiinis gabrummaama jala jira. isa wayyaanee waliin hiriire dabalatee, dhalli Oromoo hundi Bilisummaa Umamaa waan hin qabaanneef, Gabrummaa jala jiraachuun isaa haqa. Abbaan sun amanuu fi dhiisu isaa ilaaluun ga’aa hin ta’u. humna kamiyyuu jala jiraatu, waan inni Ummata isaaf yaadu suduudaan hojjachuu hanga hin dandeenyetti, Gabrummaa keessa jira. Kanaaf akka Ummataatti waloon akkamiin qabsoofna ? kan jedhu ilaaluun barbaachiisaadha kan jedhamuuf.

Bilisummaan kan Umamaati. Eenyullee safaree kan namaa kennu, ykn eebbisee kan nama irraa hanqisuu danda’uu miti. kennaa waaqaati. sabummaa kaasee hanga nama tokkotti humna namaatu Bilisummaa namaaf uumaa miti. kanaaf Bilisummaan Umamaan namaa kennamte kun kan walooti. Bilisummaa Umamaa Ummati Oromoo qabu kana kan tikifatu qabus, isuma mataa isaati. Waloon Bilisummaaf hojjachuun filannoo osoo hin taanee , yeroo dirqama ta’uu irra geenyee jirra. waloo kana keessatti , waan dhimma Oromoo ilaallatu hundaa irratti beekumsaa fi dandeetti ofiin gumaacha barbaachisu taasisuun , Qabsoo waloof hundeedha. Ummati Oromoo hundi hidhatee haa hiriiruun kun waggaa 40 kan biraa dabalachuu ta’a. waan qawwee qabatanii ykn hidhatanii hiriiran caalaa sochiiwwan Ummata kanaaf bu’aa dacha buusu danda’an hedduu harkaa qabna. Ijoollee ofii mana keessatti eenyummaa barsiisuu, safuu dhaalssiisuu, waan aadaa fi duudhaa OROMOO balleessan of irraa ittisu, halgaa dingadeen gabbisuu irraa of qusachuu, Aartii Oromoo gama hundaan akka guddatu taasisuu, isa hidhame gaafachuu fi akka hiikamu taasisuu, wal faana hiriiraa fi mormii adda addaa gaggeessuu, adeemsa diinaa fashalsuu, sagantaa diinaa gufachiisuu, kkf, nam-tokkee kaasee hanga sabaatti , waan diina dhiphisuu fi hamilee cabsuu, humna dhabsiisuu hundumaa walii galteen irratti gaggeessuun, Qabsoo waloof furmaata adda duraati. Waan qabsoo waloof gufu ta’uu fakkeenyuma har’a arginuun yoo dhiheessuu yaale, Dargaggoonni har’a gaaffii mirgaa gaafatanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne yennaa Ummata isaaniif dabrsanii kennaan hangafoonni isaanii , Hojii lammii miti isaaniifuu hin taanee filatanii callisanii ilaaluun, daldalaan galii isaa qofaa ilaallatee gocha diinaa kana ilaalee callisee ialaalee bira dabruun , Bilisummaa waloon dhabaniif Umurii kan dheeressu, lubbuu gabroonfataa kan dheeressuudha.

Adeemsi qabsoo waloo kun, ifatti ykn dhoksaatti waan gaggeeffamuudha. Gara laafessummaa fi Oromoon garaan isaa qulqulluudhaa , dubbii dhoksaa hin beeku jedhamaa halagaa keessa ofii sooruun gonkumaa nurraa fagaachuu qaba. guyyaa fi halkan mariin diina irratti bakka maratti gaggeeffamu qaba. kun miseensaa , kun deeggaraadhaa, kun paartii ebaluu deeggaraa , kkf fakkaatan of keessaa baafnee, bakka jirruutti akkaataa dhimma keenya fardeessuu dandeenyu irratti hojjachuu nu barbaachisa. ogummaa fi dandeetti ofitti dhimma ba’anii waan ummataaf tolu uumanii ummata barsiisuu, qabsoo walii galaaf sochoosuu, akka wal dhaggeffatanii fi keessa ofii eeggatan taasisuun , Bilisummaa keenya asi buta. Akka walii galaatti , Ummati Oromoo bakka jirutti, guddaan isa xiqqoof birmatee, dargaggeessii maanguddoof ajajamee, Shamarran dhiiraa fi dhiirrii shamarran dhaggeeffatee , hundumtuu sochii galii Ummati miidhamaafii jiru kana milkeessuuf hojjachuun Qabsoo waloo mirkaneessuf meeshaa adda duraati. Kana hojjachuuf, osoo akkas taanee, atu akkas hojjannee , kan jedhu dhiifnee kan walitti dhufe sochii kana eegalee akka babal’isuu fi qabsoo kana sadarkaa Ummataatti ol guddisanii diina keenyatti xumura gochuuf haa hojjannu. Adeemsi qabsoo dhaloota har’aa kanuma. Wayyaanee walii akka Ummataatti yeroon morma wal huunu ni dhufa. Kana OROMOOn hundi yoo ofiif jedhe haa hubatu.wayyaaneen, ijoollee keenya guyyuu dhiiga jigisaa, barnoota irraa ari’aa fi jireenya tabjaa’aa dhaalsiisaa, kan ishee qaroomsaa deemuun ishee yeroon itti raawwachuuf taa’u dhihaateera. Nuu fi isaan gidduu wal dhabdeen jiru guyyuu bifa isaa geeddarataa jiraa , waan ta’uu hundaaf of qopheessuun fardiidha hubadhaa !!!!!!

AKKA DHAABA SIYAASAATTI :-

Dhaabbileen Siyaasaa maqaa OROMOOn socha’an har’a lakkofsaan meeqa akka ta’an Ummataafan dhiisa. Biyyoota alaa fi Biyya keessa kan jiru. heddummaachuun isaanii , Tokkummaa dhabnee warra jedhanii dubbataniif ragaa ta’aniiru. Akka kiyyatti ykn barreefamoota kiyya addaa addaa keessatti akkuman dhiheessaa ture, baayyachuun isaanii na hin yaaddeessu ture. maaliif jennaan, Sammuu Ummataa osoo hin taanee, Sammuuma isaaniitu isaan Uume waan ta’eef. Waan sammuun muraasni hojjatu fagoo hin deemu. Yoo deemees Umurii lakkaawwachuuf yoo ta’ee malee, waan yaadame ykn waan Ummati barbaadu, bakkaan hin ga’uu. Akka har’aatti yoo ilaallee, galiin isaan yaadan bakka lama jira. Biyya keessattis alattis. kun bu’aa qabamoo hin qabu ? kan jedhuf yeroo biraa bal’inaan itti deebinaa, ammaaf mata duree kiyya waliin qofaa haa ilaalu.

Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo Ilaalchaan wal fakkaataniis haa ta’uu , kanneen wal hin fakkaannee,  Biyya keessas ta’uu ala kanneen jiran , hubannoo dhabuu irraa haa ta’uu malee, yaadi wal isaan fakkeessu yk tokko taasisu tokko ni jira. Kana hangam huabtanii akka jiran hin beeku. Dhaabbileen Siyaasaa OROMOO, OPDO dabalatee, wayyaanee biratti jibbamoodha. Hegaree keenyaaf diina adda duraatii jedhamanii Ajandaa wayyaanee yeroo dheeraa fi gabaabaa keessa jiraachuu ykn  ija shakkiin ilaalamu isaanii, Ykn Ashabbaarii seerri irratti ba’ee fi seeraan eegamaniidha yk tu’atamaniidha. Waggoota wayyaaneen angoo irra jirtu kan argine kanuma. Inni Biyya keessaa karaa nagaa jedhus ni hidhama ni ajjeefama. Inni alaas ni hidhama, ni ajjeefama. Lakkoofsaan wal caaluun ykn Biyya keessaa fi ala ta’uun amma tokko garaagarummaan kan jiru nutti fakkaata malee, diinni keenya ilaalchi nuuf qabu tokkumaadha. Wanni waggaa amma kana irraa baratamuu dadhabee, Ilaalcha diinaa kana irratti mari’atanii maal goonu ? kan jedhuf deebii quubsaa waliif kennuu dadhabuudha. Kun gonkumaa maqifamee Qabsoo walootti ce’uutu nurraa eegama. Dhaabbilee siyaasaa walbaan dhaabbatanii Ummatichaaf hojjanna jedhan wal tumsuu dadhabuun diina gargaaree jira. Kana bal’inaan kaasuu hin barbaadu. Sochiin amma tokko kaasee kun hin yaalamnee osoo hin taanee, jaallannus jibbinus falli qabnu kana qofaa waan ta’eef jedhanii daandii diina saaxiluu fi cabsuu danda’an, karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa baafatanii waan buqqaasaa ta’ee hojjachuuf , beekumsaa fi dandeetti qaban hundaa walitti fidanii hojjachuu barbaachisa.dubbiin baayyateef……………jedhama.

AKKA QABSAA’AA SABAATTI:-

Amallii qabsaa’ummaa amala nama jireenya hawaasummaa jiraatu irraa adda.? amallii qabsaa’ummaa seeraa fi naamuusa qabsichaa irratti hundaa’a. Amalli qabsaa’ummaa gonkumaa sammuu nama dhuunfaan kan oofamu miti. qabsaa’ummaatti of hiriirsinaan, akka dhuunfaatti yaadu dhaabuun fardiidha. waan qabsaa’aniifan taliigama. Kaayyoof jiraatan. Jireenyi Qabsaa’ummaa, jireenya Hawaasummaa irraa hedduu fagoodha. Amallii Qabsaa’ummaa yeroo tokko tokko ummata keessatti, fakkeenya ta’uuf nama gargaara. Jireenyi hawaasummaa garuu, jireenya Qabsaa’ummaa keessatti gonkumaa fakkeenyummaa nama hin goonfachiisu. Qabsaa’aan Hawaasa ykn Ummatichaaf buluun dirqama isaatii. Hawaasi garuu Qabsaa’aaf buluu fi dhiisuun hubannoo isaa irratti hundaa’a. kanaaf Qabsaa’aan tokko Qabsoo Waloof hundee ta’uu ni danda’a. Qabsoon kun hunda hirmaachisee, beekumsaa fi dandeetti hawaasichaatti fayyadamee bakka yaadameen ga’uuf, ga’ee ol aanaa gumaacha jechuudha. Yeroo hundaa yaadaa fi adeemsi isaa waan milkii Ummataaf tolu  yaaduudha. Waan dhuunfaa fi namoota dhuunfaan mo’amee , dhimma ummataa isa hangafaatti gufuu ta’uu, gonkumaa jiraachuu hin qabu.Qabsaa’ummaan maqaa qofaa miti. ykn miseensa ABO ykn dhaaboota biraa ta’uun Ummata irraa adda ta’uu miti. kan gadi fageessanii beekuun barbaachisu isa kanadha. yeroon hojiidhaan Ummati kun qabsaa’oota gilgaaluuf jedhu dhihaateera. Kan Ummata kanaaf wabii ta’uus , gootummaa fi bu’aa ummataaf buusuun madaalamuuf jedhu kunoo dhihaatee jira.

Kaleessa qabsaa’aa ta’uun jaalala Ummataaf nama afeera ta’a. har’a garuu qabsaa’aa Ummata isaaf bu’aa buusee , goota ta’ee, Wareegama dhaloota har’aa Biyya keessaa wayyaanee hudhaa jiraniin madaalamuuf jira. Kanaaf Qabsoo waloof yennaa sochoonu kanatti, obboleessi ofii diinaaf humna ta’uu isaa irra, jibba bu’aa hin qabne of keessaa baafnee, obboleessa keenya karaatti deebisuu fi humna ummataatti makuun hojii keenya hangafaa ta’uu qaba. Ilmaan Oromoo hundaa wal qixa ilaalanii , qabsoon kun deeggarsa ummata walii galaan akka utubamu taasisuu, ummati amalaa fi gocha qabsaa’aa tokko ilaaluudhaan dhaaba tokko jabeessuu fi dhiisuu akka danda’u hubannee, karaa Ummati akka taanuuf barbaadu irra buunee tarkaanfachuu , Miseensoota dhaaboota siyaasaa Oromoo kan biraaf ilaalchi qabnu ilaalchi dhaabi qabu irratti waan hundaa’uuf, waan yaadamee fi hin yaadamnee ala wal irratti bobba’uun bu’aa isaa irra balaan isaa akka hammaatu baratanii, Ummata ofiif fakkeenya ta’uu, nama Ummati irraa baratu ykn fakkeenya taasifatu ta’uuf yaaluu, Obsa guddaa fi kabajaa ol aanaan xiqqaas, guddaas dhaggeeffachuu, barsiisuu, kabajuu, yaada walootti geessuu, badiif akka deemu atu hin taanee, yoo xiqqaate gadi taa’ee jireenya isaa akka gaggeeffatu taasisuun mooraa qabsoo ofii jabeessanii kan diinaa haphisuun hojii Qabsaa’aa isa jalqabaa ta’uu hubachuu qaba. walumaa galatti, Qabsaa’ummaan amalaa fi adeemsa mataa isaa waan qabuuf, Qabsaa’ummaanis Ummataaf malee ofiif akka hin taanee hubachuun, Dogoggora dabre waliin wal ajjeessuuf wal eegu irra, humna dogoggore sana asii deeffatanii hojii hojjachuu irratti xiyyeeffchuu, walumaa galtti Qabsaa’aan tokko Qabsoo waloo eessattu umuuf dhagaa bu’uraati waan ta’ee fi  kanaaf abboomamuun murteessaa ta’a. yaada, qalbii , adeemsa, tarkaanfii haaraan qabsoo kana sadarkaa Ummataatti ol guddisuuf karaa haa saaqinu. Kan dabre irraa waan argannee hin qabnu. Wal hiinee ykn takaallee diina gargaarre, miidhaa ummata keenyaa jabeessine. Hojiin dacha Qabsaa’aa sabaa irraa eegamu dachaan dabalaa deemuun waan hin hafne. Qalbii bal’achuu fi hubannoo gabbifatanii deemuun hedduu barbaachisaa ta’aa dhufeera. Har’a miseensummaa qofti , aandtummaa Ummataa hin mul’isu. Ijoolleen ol adeemtuun maqaa miseensummaa hin beekne iyyuu hojii boonsaa hojjachuun, hojiin qabsaa’ootaa dachaan dabaluu akka qabu nu akeekaa qalbeeffadhaa hojjadhaa !!!

Hanga har’aatti qabsoo kana cichoomiinaan gaggeessuuf Miseensoonni dhaabaa aarsaan isaan baasan salphaa miti. cichoominni isaanii qabsoon kun haa jabaatus haa laafatuus har’aan ga’aniiru. Har’aan ga’uun isaanii qophaa isaa jabiina. Amma wanni itti aanuu qabsoo kana jiraachiisuu keessaa baanee, Qabsoon kun akkaataa Injifannootti ce’uu irratti hojjachuudha. Miseensi dhaabaa kamuu hoggana qabsoo isaa akkuma qabu, miseensoonni dhaabaas Hoggana hawaasichaa ta’uu baranii, hojii muudama isaanii kanaan wal gitu galmeessisuuf qophaa’uun, hojjachuu yerootu irraa eegaa jira. Kana hubachuun humna ofii jabeeffachuu fi humna ta’anii asi ba’uuf , yaada bal’aa fi jabaa qabatanii , waan yaadamu milkeessuuf wabii Ummataa ta’uu mirkaneessuun hojii qabsaa’aa Oromoo bifa kamiin jiru hundaati.

-AKKA ABBOOTII AMANTII FI AMANTOOTAATTI :-

-AKKA ARTISTOOTAATTI :-

-AKKA MAANGUDDOOTAATTI :-

-AKKA KOMINIITITTII :-

Kutaa 5ffaa keessatti ilaalla .

Qotan malee hin facaasan. Facaasan malee hin aramatan. Armatan malee hin haammatan. Hammatan malee midhaan hin tuman. Tuman malee firii hin argatan. Adeemsi bilisummaas kanuma.

BARRI 2016,

YEROO HUMNA TA’UUF WALOON HOJJANNU NUUF HA TA’U !!!

GALATOOMAA !!!!     HORAA  BULAA !!!!!

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved