Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

BIDDEENA NAMA QUUBSU, EELEE IRRATTI BEEKU !!!!
SEENAA Y.G (2005)
Bara 2014 Seenaa Qabsoo Ummata OROMOO keessatti bakka ol aanaa qaba jedheen amana. Bara 2014 kana keessa Mooraa Qabsoo Oromoo tasgabbeessuu keessatti hojii nama jajjabeessuutu hojjatame.Ummata Biyya keessaaf birmachuudhaan , hojiin boonsaan hojjatameera. Ilmaan Oromoo irra jireessi, maal gochuu qabna? ? jedhanii akka of gaafatanii fi furmaata isaaf, wal Tumsee Biyya keessaa fi alatti yeroo itti waliif dhaabbateedha. Fedhiin Ummata OROMOO maal akka ta’e ifatti ,Addunyaafis, diinaafis, firaafis, kan karaa irraa maqee Ummatichaaf humnaan murteessuu barbaadufis, hubannoo ga’a akka horatu taasiseera. Sochii Bara 2015f Barri 2014 bu’uradha. Waan bara kana keessa irra geenye gonkumaa duubatti akka hin deebifneef, hundumtuu of kennee hanga Bilisummaatti qooda dhuunfaa hanga Ummataatti irraa eegamu gumaachuuf akka socha’uu abdiin qaba. falli qabnus kanuma .
Bara 2014 xumuraa jirru kana keessa, akka lammii tokkotti waliif dhaamun numa jirti.Gabrummaa keessatti hiraaraa, Baga bara haaraa geesseen kun anaaf…….warri Bilisummaan jiran bara haaraa waan haaraa waliin waliif dhaaman. Nuuti woo ? jedheen yaada. Saba gabrummaa keessa jiruuf bara haaraan hiikkaa qabaa laata ? Umurii haaraaf yoo ta’ee hayyee . Bara Qabsoo keenya itti finiinsinu yoo jenne ni ta’a. kana yeroo biraa itti deebina. Qabsoo keenya jabeessuuf murteeffannee yoo ta’ee waa sadii irratti waadaa ofii fi waliif seenuun tarkaanfi jalaqabaati. 1ffaa-, keessa keenyatti rakkoo uumuu danda’an hundaa irraa fagaachuu fi Qabsoo ofii tikisuu, kunis, waan kaleessa nu diife, gargar nu baasuu wal afoo ykn wal dura nu hdaabe,shira diinaa fi fira fakkaattootaa irraa of fi qabsoo tikifachuudha. 2ffaa- Wareegama waa maraa kafallee Bilisummaa Ummata keenyaa dhugoomsuuf hojjachuudha. Humnaa fi dandeettiin akkasumas Beekumsaan qabsoo kana tinnisuu, deeggaruu, kan danda’u qaamaan keessatti argamee, kan hin taaneef waan qabsoo kana jabaeessuuf gargaaruun wal Tumsuudha. 3ffaan- Ilaalchaan, Amantiin kkf adda baanuus, Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti waliin dhaabbachuu fi falmachuuf yoo murteeffannee diina qofa irratti xiyyeeffannee milkoofna.
Har’a dhala Oromoo Gabrummaa hadheeffatee waregamuuf qophaa’ee jirutti waan dhaaman yoo jiraate, cichoomiinaan Qabsoofne malee hiraarrii har’aa keessaa ba’uu akka hin dandeenyedha.Qabsoo gama hundaa , kan wal irraa hin cinnee, abshaalummaa diinaan kan hin dhaabbannee Finiinsuuf hojjachuu akka qabuudha. Qabsoo nuuti gama barbaannuun gaggeessinuuf garuu keessa of tikifachuu, holola hamilee wal cabsuu irraa of qusachuu, wal tuffachuu fi wal abaaruu dhiisuu kkf hanqisuun murteessaa ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Qaawwaa rakkoo keenya bal’isan irraa of eeguu, maal na dhibeen waa katabuu fi dubbachuu dhiisuu kkf irraa of qusannee, wal dhaggeeffannee tarkaanfannaan, sochii bara 2015, Gootummaa Oromoo dhugeessuu dandeenya. Anis Barruu kiyya Bara 2014 kan xumuraa fi seenasa bara 2015 kanaan, qabxiilee keessa keenya jabeessuu danda’an kaa’uun barbaada.
Midiyaalee qabnu ilaalchisee :- Teekinoolojii hammayyaa kanaan wal qabatee Ilmaan Oromoo dhimma Ummataa fi qabsoo Ummata isaanii irratti qooda mataa isaanii gumaachuuf akka dhuunfaattis, akka waloottis hojiin hojjataa jiran , qabsoo keenyaaf bu’ura ta’uu irra ga’aniiru jedheen fudhadha. Midiyaa jabaa fi humna qabu, waa hundaan Ummata kana bakka bu’u qabaannee odoo hin taanee, kan jiru mataan isaa bu’aan argamsiisaa jiru guddaadha. Kana caalaa akka guddachuu danda’an hin shakku. Bu’aa miidiyaalee kanaa hubachaa gaafa deemnuu fi Oromoonni bu’aa isaatti amanaa dhufan, walitti dhufanii waan Ummata Oromoon wal gitu akka gadi dhaaban mamii hin qabu. Midiyaalee hundaa ta’uu baatuus, muraasnii akkaataa yaadoota Namootaa itti keessummeessaa jiran qabsoo kanaaf bu’aa buusa jedhee hin yaadu. har’a kan qooqa keenya baratee qixxee keenya katabuu fi dubbisu hedduudha. Waan nuuti hojjannu fashalsuuf kan irra oolee bulu lakkoofsa hin qabu. Kanaaf Dimokiraasii tasumaa addunyaa keessa hin jirreen, Namooonni akka barbaadan Qabsicha, Hogganoota, Beektoota, kkf salphisan keessummeessuun gawwummaa natti fakkaata. Yaadi hin laatamiin jechaa hin jiru. yaada Ummataan ala eessayyuu hin ga’amu. Garuu,Kan deebi’ee mataa keenya salphisuf bakka laachuun sirri natti hin faakkaatu. Qabsoo keenya keessatti tasgabbiin akka jiraatu yoo barbaadamee, arrabsoo eessaanuu nu hin geenyef bakka laachuu haa dhiifnuu. Kun eessaanu nu hin ga’u. kan qabsoo ummatichaa jabeessu, jajjabeessaa , deemuun, kan ta’ee jedhee waa busheessuuf irriiba dhabu ammoo dantaa qabsoo kanaaf jennee dhaabunii qabna.waan keessa keenyatti dhumachuu qabu keessa keenyatti akka fixannuu fi itti baha isaa qofa Ummatatti himuun akka danda’amu odoo taasifamee.
Qabsoo Tumsuu ilaalchisee :- Qabsoo Abbaa Biyyummaa Ummata tokko milkeessuuf, qabsoon Ummatichaa wal utubee akka tarkaanfatu taasisuun dirqama. Kanaaf Hawaasi Oromoo Biyyoota hambaa jiraatan, akka dhaabaatti , akka waldaatti, akka komoniititti, akka Afooshaatti, akka Hawaasaatti kkf gurmaa’anii kan jiraanii fi gurmaa’uuf yaadaa jiran, sochii isaanii isa kaan walii qindeeffachuu barbaachisaa ta’uu beeku qaban. Waldaaleen, Kominiitiin kkf Qabsoo Ummata tokko keessatti qooda ol aanaa gumaachan. Dhaabni siyaasaa tokko Ummata isaa bifa kanaan gurmeessee akka sochoosu beekamaadha. kanneen caasaa akkasii keessatti hin hammatamiin, qabsoo keessatti hiriirsuu fi qooda isaanii akka gumaachan taasisuun murteessaadha. Kanaaf waliin dubbachuun gaariidha.Qabsicha tumsuuf sochii isaanii dhaaboota siyaasaan qindeeffachuun barbaachisaadha. kanaaf Qabsoo Ummata Oromoo walii galaa mirkaneessuuf ykn milkeessuuf, qaamni Hawaasi Oromoo eessayyuu jiru, sagantaa kana keessatti hammatamee sochii Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamu bifa qindaa’een akka tarkaanfatuuf qooda isaa gumaachuun barbaachisaadha.
Xalayaa ABOn, UNtti erguu ilaalchisee: Dhimma Ummata Oromoon wal qabateen, ABO Xalayaa UNf katabuu beeksiseera. Dhimma kana irratti yaadootni Intarneeta irratti dhihaatan hedduu. Kana keessatti , yaadi diinaa , yaadi warra hojii dhabee, yaadi warra abdii kutatee, yaadi warra Bilisummaa siree irratti eeggatuu, yaadi warra qeequmaaf jiraatanii, yaadi deeggarsaas inuma jira. Kan caalaatti na dhibe garuu , diinni ifatti katabee dhimmicha busheessuu wayita barbaadu, warri qeequmaaf jarjaran guuza ykn daboo ba’uu isaaniiti. ABOn qaama kamiifu dhimma Ummata isaa irratti iyyachuuf mirga qaba. kun ammoo, kaayyoo isaa keessaa tokko. Boruu Biyya ta’uuf deemna ega ta’ee, Mataa Biyyootaaf Iyyachuun mudaa maalii qaba ? tarii dukkana keessa ykn abdii kutannaa keessa teenyee jirraaf yoo ta’ee malee, Alaabaa Oromoo Oromiyaa keessatti dhaabuutti aanee, Alaabaa keenya lammaffaa Mooraa Dhaabbata Mootummoota Gmatoomanii keessa dhaabuuf Ummati Oromoo itti dhumaa jiraa mitii ? beekumtii isaanii malee wanni ta’u jiraa ? humna qofaa ega jennee, Filitsxeemoota caalaa kan diina hiraarse jiraa ? Warri Sudaan kibbaa humnaan fudhatanii ? gama Biraan, yoo kaasuun barbaachisees, wayyaanee kan nu irratti goobsaa jiruu fi maallaqa liqeessaafii jiru, dhaabbilee misoomaa fi Baankilee dhaabbaticha jalatti bulaa jiranii miti ? maarree isaaniin kana beeksiisuun Ummata miidhaa jiraachuu isaanii itti himuu mitii ? Qawween falamannee Oromiyaa dhuunfannaan waan jajjabeeffamuu qabuudha. Qawwee kana garuu inni kaan baatee wareegamee, Bilisummaa akka manatti nu fiduuf odoo hin taanee, nuuti keessatti kan hirmaannu faarsuu qabna. Waan ofii hojjannus ni tuffanna. Waan addunyaan jala bultus ni tuffanna. Kun eessaan nu ga’a ??? wayyaaneen ABO Gooleessaa jettee Galmee addunyaa irratti galmeesisuuf eenyutti iyyachaa jirti. Humni Goolessummaa addunyaa irraa falmaa jiru eenyu jalatti gaggeeffamaa jira ? Biyyoonni wayyaanee gargaaraa jiranii fi Ummata keenya fixaa akka jiraatu taasisaa jiran, kanneen akka chaayinaa, Ameerikaa, Raashiyaa, Ingilizii, Faransaa kkf gaaffii Ummati Oromoo qabu akka ukkaamsaniif sochi isaan taasisan irra jireessa dhaabbatuma kana jalatti mitii ? waa hedduu kaasuun danda’ama. Filitsixeemoonni Bilisummaan isaanii akka harkifatu kan taasisees, har’a ammoo ariifachiisaa kan jirus, dhaabbatuma kanadha. Kan keenya irra wayita ga’u tuffatamun tarii ilaalcha diinaa ta’uu danda’a. kanaaf waan jajjabeeffamu qabu jajjabeessuun wallaalaa nama hin jachisiisu. Wallaalummaan waan ifatti beekamu haaluudha. Ija ashaboon dhiqatanii hololuudha.wayyaaneen har’a koree tokko Biyya alaatti ijaartee, waan intarneetaa hundaa akka hordofanii fi bifa amma argaa jirruun akka busheessan taasisaa jiraachuu hubadhaa. Kanaaf waa hundaa irratti ilaallachaa sirbaan dhaamsa kiyya.
OMN ilaalchisee :- Ilmaan Oromoo OMN ijaarree Ummata keenyaaf bu’aa tokko argamsiifna jedhanii ka’uun yaaduma gaariidha. Kan deeggaramu qabudhas. Yeroo hedduu Ilmaan Oromoo qabsoo Ummata kanaaf gumaacha goonaa jedhanii wanni ijaaran , irra jireessa rakkooma keessa isaanii madduun deebi’anii dhaamu. Kun maaliif jedhee qoratee deebii quubsaa argatee hundee isaa tolfatu hin agarre. Hundumtu karaama tokko irra ka’anii deebi’anii taa’aan. Waan ijaarru tokko bu’ura qabaachuu qaba. maaliif akka ijaaramu, adeemsa akkamii akka qabaatu, galiin isaa maal akka ta’e, sagantaa yeroo gabaabaa fi dheeraa, gufuulee nu mudachuu danda’u jedhanii fi kkf dursee yeroo fudhatee irratti hojjachuu barbaachisa. OMN irratti rakkoo dhalatee jiruuf maddi isaa iftummaadha. Adeemsa hojjii , hojii yennaa eegallu haala akkasiin of beeksifna, yeroo kana keessatti kana gadhiifna, kana kan gaggeessuu fi sochii kana Ummatatti beeksisu koree akkasiidhaa, kkf jedhamee tartiiba dhabuutu , waan Ummataaf dhaabbate jedhame kan nama dhuunfaa fakkeesse.Ummati Oromoo qaamni kamu maqaa isaan yennaa gurmaa’uu fi of beeksiisu hanga dhumaatti deemee qorachuu akka hin dhiifne beeku barbaachisa. kanaaf gaaffiilee haala kanaan ka’uu danda’an gamanumaa of gaafatanii deebii qopheeffachuutu gaariidha. Sirbaa eegallee bo’aa gadi taa’uun maddi isaa fageessanii yaadu dhabuudha. Mana ijaarru hundaa , fedhii fi Ilaacha akkasumas, aadaa ummatichaa irratti bu’ureffannee yoo hin taanee rakkoo dhalchuun isaa hin hafu. Rakkoon dhalate jedhamee ka’ee jabaa ta’ee mul’ate garuu hin jiru. komeen Ummataa gaariis ta’uu badaa, waan gaarii fi badaa kana kan uume OMN mataa isaatii . waan hangana bal’ifamee irratti hololamu tokkollee keessa hin jiru. ofumaa dubbiin daangaa dabree, Oromoonni wal fixan akka jedhamee nutti kolfamu taasisee malee, bu’aan argamsiise hin jiru. silaa muuxannoo waggaa 100 oliin kana hiikkachuun salphaadha. Bakka lama dhaabbachuutu dubbii hammeesse. Nuuti Dimokiraatawaadhaas ni jenna, isa addunyaa ittiin wal nyaattunis ni tarkaafanna. Kanatu wal dhahe malee, dubbiin jiru Maanguddoo Oromoo tokkon ka hiikamtuudha.ammas OMN rakkoo isaa miidiyaama isaa irratti of salphisuu odoo hin taanee, wayyaanee salphisuu fi dhimma Oromoo irratti hojjachuu fi kanas cichoomiinaan itti fufutu komee Ummataa keessaa isa baasa. Miidiyaa Ummata kanaaf jedhamee banamee fi Ummati maalan irraa argaa ? jedhee guyyuu jala taa’aa ooluuf, rakkoo keessa ofiin wal unkuraa jiraachuu mul’isaa ooluun Dimokiraasii isa akkamii akka ta’ee naaf hin galu. Of tumachaa ooluu keessaa haa baanuun jedha.
Maddi yaadoota ani kaasee, sochii bara 2014 dha.bara 2014 ammoo Biddeen nama quubsuu, eelee irratti beekunin itti mammaake. Na qabuubsinaan. qabxiilee hafan BARA 2015 keessan qabadhee dhihaadha. Barri 2015 Bara OROMOON humna ta’ee itti ba’uu nuuf haa ta’u. bara 2014 keessa kanneen yaada ijaaraa naaf kennitan guddoo Galatoomaa.

Bara 2015, 1ffaa-,waan keessa keenyatti rakkoo uumuu danda’an hunda irraa fagaachuu fi Qabsoo ofii tikisuun, waan kaleessa nu diigee yk wal-afoo ykn wal-dura nu dhaabe, shira diinaa fi fira fakkaattootaa irraa ofi fi qabsoo tikifachuun, 2ffaa- dhukkuba taa’aanii Hawwuu keessaa baanee, Wareegama waa maraa kafallee, Bilisummaa Ummata keenyaa dhugoomsuuf, Humnaa fi dandeettiin akkasumas, Beekumsaan qabsoo kana tinnisuu, deeggaruu, kan danda’u qaamaan keessatti argamee, kan hin taaneef waan qabsoo kana jabaeessuun utubee yoo wal Tumsee, 3ffaa- Ilaalchaan, Amantiin kkf adda baanuus, Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti waliin dhaabbachuu fi falmachuuf yoo murteeffannee diina qofa irratti xiyyeeffannee yoo hojjanne, humna jabaa taanee, wayyaanee har’aa falminuu qofaa odoo hin taanee,Godinichatti humna murteessaa ta’uu fi dhageetti Addunyaa irraa qabnuus akka ol kaafnu Amantaan kiyya. Bilisoomuuf qofa odoo hin taanee, waan Bilisummaa boodaaf illee, bu’ura kaa’aa deemuun mul’ata kiyya.
Mata duree barruu kiyya kutaa 1ffaa jalatti, Midiyaalee qabnu ilaalchisee,Qabsoo Tumsuu irratti, Xalayaa ABOn, UNtti erguu fi OMN ilaalchisee , waan fooyaaa’uu qabu irratti yaada mataa kiyyaa kaaseen jira. Kutaa 2ffaan isaa itti fufa.
5. Aadaa, Seenaa Qooqa/Afaani fi Artii ilaachisee :- sochiin gama kanaan gaggeeffamu qabu, Gamtaa barbaada. Tumsa waa maraa gaafata. Ijaaramuu barbaada. Sochiin gama kanaan taasifamu kan siyaasaa caalaa, bilchina barbaada, obsa barbaada, toftaa barbaada. Bilisummaan booda yoo jennes, dhabama isaa labsaa deemna malee, furmaata hin argamsiifnu. Akka kiyyatti sochiin gama kanaan taasifamu yaada gabaabaan yoon ibsee, Dhalli Oromoo Qabeenyaa Umamaan isaaf kenname kanatti deebi’uuf fedhii walii gala qaba. maaltu akka isaaf tolu hubateera. Hanqinni jiru, akkamiin waan kana jabiinaan Ummata keessatti deebisnee gadi dhaabnaa ? kan jedhuudha. kun Gamtaa fi Ijaaramuu gaafata. Ijaaramuun kun walliftoota qofaa miti. ogeessitoonni hundi waan kana irratti ijaaramnii humna diinni dura hin dhaabbannee ta’uu qaban. Gamataa abbaan fedhe keessa hin burraaqinee fi akka sibiilaa jabaatu dhaabbachuu barbaachisa.
Humni bifa kanaan ijaarame jira natti hin fakkaatu. Yoo jiraate , hundumtuu qooda mataa isaa gumaachuuf bakka hundatti kan waliin dhaabbatee jiruudha. Kana mataa isaa gama tokkotti fiduuf hojjachuu barbaachisa. OMN irratti Artistoonni gameessi lama Aartiin Oromoo Abbaa dhabee jechuun daawwadhe. Keessa kiyyatti nan gadde. Akkamiin Abbaa dhaba ? Abbaan isaa Ummata Oromooti. Itti aansee, isa kun Ogummaa kiyya jedhee qabatee jiruutu abbaadha. Abbaa ta’uuf labsii eeggachuu qabnaa ? abbaa jechuun Waladaa dhabuutti yoo fudhatamees, dogoggorri warruma waan kana ibsu bira yoo jiraatewoo ? komee kaasuun, waan nutti mul’ate kaasuun dansaadha. Garuu waggaa amma kana Ogummaa kana keessa ega jiraannee, gaaffiin har’aa kun akkamiin nutti hin mul’anne ? Abbaa dhabneen kun gama aadaa, seenaa kkf deemuuf jira. Hundumtuu laafatee waan jiruuf. Dhaloota kaleessaa bira abbaa dhabuu qofa dubbachaa jiraachuu irra, kan har’a keessa jirruf, maaliif furmaata harka keenya keessa jiruuttii dhimma ba’uu dadhabnee dhaloota itti aanu yaaddeessina ? maaf Abbaa itti taanee dhalootaaf bu’ura hin taanu ? Abbummaan Artii kan nutti dhaga’amu Artistoonni keenya kabajamoon yeroo dhukkufatanitti qofaa odoo hin taanee, eenyummaa Ummata keenyaa dhabama irraa oolchuuf akka barbaachisu yaaduu barbaachisa.hanga har’aa Waldaa Artistootaa Biyya alaatti dhibuun isaa qaaniidha. Ilaachi barbaade yoo jiraate, Artistoonni Waldaa dhabuun dogoggora. Waan Ummata ofiif weellisan ta’anii argamuun dirqama isaaniiti. Odoo waan sirban hin ta’iin weellisuunu sirri nattti hin fakkaatu. Kanaaf Aartiis, aadaas, seenaas jennuu waggaa 100 boodallee hin gurmoofne jennee dubbachuun anaaf naaf hin liqifamuu. bara kanatti kana sirreeffannu. Ijoollee Biyya keessaa Istudiyoo tokko dhabdee halgaan saamamaa fi humna dhabanii taa’aniif galii walitti qabuun inuma danda’ama. Kun waldaa hin barbaadu. Hanga cufatanitti ni danqaratu jedha Oromoon. Waan maraafuu kana irra hin tarkaanfadhuu hojiin haa mul’annu.
6. Beektoota Ilaalchisee:- beektoonni Keenya Biyya keessaa fi ala jiran maalitti jiru ? gaaffiin kun Namni tokko gaafachuu kan danda’uudha. Irra jireessa qabsoo keessa jiraachuu fi beektoota saboota qabsoon Bilisoomanii yennaa ilaallu, hinaaffaan kaafnuudha jechuu dandenya. Beektoota qabnutti dhimma baaneerraa ? beektoonni keenya gama kanaan qophiidhaa ? qabsoo ummata isaanii akka dhuunfaattis , akka waloottis hirmaachuuf qophiidhaa ? kkf yoo kaafnee waan taajjabnu hedduudha. Gama kanaan sochii taasifamu keessatti kanneen umurii guutuu of laatanii hojjachaa jiran ni jiru. kanneen Ogummaa qabanitti hirkifatanii dhimma Ummata isaanii addunyaatti beeksisan ni jiru. garuu beektoota qabnu keessaa hangamii ? yoo jenne, itti qaanfanna malee itti hin boonnu. Kun guutummaatti geeddaramu qaba. beektoonni keenya Biyya alaa jiran, beekumsaa fi dandeetti qaban hammatanii taa’aa jiru. beektoonni adda Ummata tokko ti. Beektoonni saboota biroo falmii Mirga Ummata ofiif taasiisan, keenya irra ga’ee waan dhaabbatuuf hin qabu. Diinni sadarkaa tokkoffaatti beektootaa fi Ummata adda baasee jiraachisuu barbaada. Ummata gabroomsuu barbaadan beektoota irraa ari’anii wallaalaan Bulchan. Toftaa diinaa kanaaf mijataa taanee argamuun balleessaa lammaffaadha. Kanaaf beektoonni keenya dhimma Ummata isaani irratti bakka jiranitti addunyaatti dubbachuu eegaluu qaban. Hin eegallee odoo hin taanee, amma ga’uu qabnu hin geenye. Komees ta’uu quuqamni of keessaa qaban yoo jiraatee dhiiga ijoollee Biyya keessaa dhangala’aa jiruun ol gonkumaa ta’uu hin danda’u. marannee teenyee gabrummaaf gumacha taasisuun qaaniidha.har’a addunyaan amma barru harka namaa taatetti. Ummati keessan beektoonni addunyaa irraa Ummata isaaniif maal akka hojjataa jiran guyyu daawwatan.keessattu dhalooti har’aa. Beektoonni wayyaanee, Hiwaatiin duuba taa’anii maal hojjachaa akka jiran ni beekan. Siyaasa addunyaa keessatti qooda qabaniin maal hojjachaa akka jiran ni hubatan. Nu cabsuuf keessa keenya qoratanii mala akka dhahan ni qalbifatan.beektoonni isaanii, dhaabbilee addunyaa adda addaa keessa hojjatan, Ummata isaaniif akkamiin akka falman ni beekan . kana irraa ka’anii beektoonni keenya…. Jedhanii gubaa halgaatti dabalata keessa isaanitti akka gubatan beekamaa . maarree gubaa kana kan qabbaneessuuf eenyu ? beektoonni keenya addunyaa irra jiran , beekumsaa fi dandeetti isaaniin Ummata isaanii Bilisummaa gonfachiisuu qofa odoo hin taanee, Falmii Bilisummaan booda nu mudatuuf illee of qopheessuu isaan barbaachisa. Biyya tokko akka haaraatti gadi dhaabuuf maal akka barbaachisu gamanumaa wixinee baasuu irratti yoo hin hojjatiin boruu waan nu mudatu hedduu ta’uu ni hubatuu laata? Gama kanaan marii gaggeeffatan jiraa laata ? gama barnootaan, fayyaan, qonnaan, kkf Oromiyaa hegaree keessatti maala akka barbaachisu, daftee addunyaatti makamuuf maal hordofuu akka qabdu ni mari’atuu laata ? yoo xiqqaatee dhaloota itti aanu kanatu tolaaf jedhanii yaada walii hiruu laata ?
Qabxiileen tarrifne kun , gama hundaan akka of gaafannu nu taasisa jedheen yaada. Kana irra kaasuu hin barbaadu. Waan hojjannuu fi sochii taasifnu hundaa, qabsaa’oota obbolaa keenya Bosona keessatti wareegamaa fi dhaloota har’aa diinaan jigaa jiran, kanneen mana hidhaa keessatti hiraaraa jiraniif dursa kennun haa ta’u. warri lubbuun jirru, rakkoon keessa jirru hangamuu jabaatu rakkoo isaan keessa jiran hin caalu . inni Biyya keessa jiru, Biyya ofii irratti garba ta’uu hadheeffachuu qaba. Inni Biyya alaa jiruu du’a ijoolleef qofa doo hin taanee, Umurii kiyya guutuu Biyya alaa keessatti dabarsuu hin qabu jedhee gumaacha danda’u taasisuu qaba.
Walumaa gala Dhaabni siyaasaa jabiina Ummata ofiin alatti eessallee hin ga’u. dhaabni siyaasaa Ummata dursuun dirqama. Ummatis dhaabaan durfamuuf, sochii jiru wal hubachiisuu fi qindeeffachuu murteessaadha. Bara 2015 tti keessa keenya caalaatti jabeeffannee humna ta’uu irratti hojjachuun fardiidha.keessa keenya jabeessuuf, keessa keenya tikifachuu, humna keessa keenyaa diinatti baasuuf wal dhaggeeffachuu, diina ofiinuu raafamaa jiruu fi Biyyattii sana keessatti furtuu rakkoo taanee asi ba’uuf jabaannee haa sochoonu.
GALATOOMAA ! HORAA BULAA !!!!!!
Burqaa430@gmail.com

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved