Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

WAREEGAMA HANQISUUF, “WAL-TUMSUUN” MURTEESSAADHA !!!!
SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo, bu’aa ba’ii hedduu keessa dabree har’a irra ga’ee jira. Qabsoon Oromoo har’arra ga’uuf wareegama ol aanaa nu kafalchisee jira. Wareegama Lubbuu , Qabeenyaa, beekumsaa , jireenyaa, waa maraa itti baafneerra. Wareegamni nuuti itti baasaa jirru bifa lama qabaachuu ni mala. Tokko, wareegama Qabsoo kana jiraachisuuf kafalameedha. Inni lammaffaa ammoo, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf Qabsoo gaggeeffamu keessatti wareegama baasaa jirrudha jechuu dandeenya. Qabxiileen kun lameen Qabsoo Ummata tokko keessatti kan mudachuu danda’an, garuu tokko isa tokkof rakkoo Umuullee kan danda’aniidha.
Qabxiin 1ffaa, Wareegama, Qabsoo jiraachiisuuf baafamu irra jireessi, dhimma rakkoo keessa ofiitti umamuun kan wal qabatuudha. Sababaa adda addaan gaaga’ama dhaaba tokko keessatti umamuun of baraaruuf sochiin taasifamu fi wareegamni kafalamu, kan Qabsoo jiraachisuu keessatti ibsama.Qabsoon Ummata Sanaa akka diigamee hin banneetti, Namoonni cichoomiina qaban ijibbaati taasisan wareegama gama kanaan kafalamu keessatti hammatama. Wareegamni kun kan kaleessa waliin kakatan asi deebi’ee wareegama nama kafalsiisuuf yaalii taasisuun kan Umamuus ta’uu mala. Walumaa galatti diina qawween falmituttidabalata , rakkoo keessa ofiitti diinaanis ta’uu kanneen dantaa dhuunfaa dursaniin balaa umamu irraa, Qabsoo saba kee jiraachisuuf wareegamni baaftu ni jira. Wareegamni kun hedduu ulfaataadha. inni 2ffaa, Diinuma Qabsoo Oromoo dura dhaabbatee jiru waliin falmaa bifa hundaa gaggeeffamu keessatti wareegama kafalamuudha. Wareegama bifa maraa kan hammatuudha. Qabxiilee kana gadi fageenyaan yoo ilaallee , waa lama nu akeekan. 1, Qabsoo jiraachisuuf yeroon fudhatu, diinaaf Umurii akka dabaluu,, 2, Diina isa innikkaa dura dhaabbachuuf, keessa ofii sirreeffachuun murteessaa ta’u.
Haaluma kanaan, keessa ofii odoo hin jabeeffatiin diina nu dura dhaabbatetti quba qabuun, injifannoo hawwinu akka nuf hin argamsiifne tilmaamuun nama hin dhibu. Diina nutti dhukaasee nu galaafachuu qofa barbaabaadu ofirraa ittisuuf, bakka dhaabbannee jirru ilaallachuun murteessaadha. Diina filannoo tokkicha qabatee nu dura dhaabbate kanaaf falli jiru maal ta’uu akka qabu odoo hin murteeffannee, ykn yoo xiqqaatee yaada jiru irratti quba odoo wal hin qabaannee, Yaadaa fi qalbiin bakka gara garaa dhaabbannee, sochiin taasifnu, Qabsoo jiraachiisuu keessaa nu baasee, diina irratti akka xiyyeeffannu nu hin gargaaru jechuudha. Diinni har’a nu dura dhaabbatee jiru, Dhiiga Oromoo kan qabu kamuu diina kootii jechaa jira malee, Maqaa Dhaabaan adda nu baasee nutti dhukaasaa hin jiru. Hiwaatoonni murteen xumuraa irra jiran Oromoo kan jedhamu kamuu diina keenya jedhanii murteeffatanii jiru. kun amantaa nurraa dhabuu irraa ta’uu mala. OPDO ijaaran illee gonkumaa amanaa hin jiran. Nuuti woo ? Oromoon hundi wayyaanee diina dhumaa godhateeraa ? tokko qawween malee furmaatii hin jiru wayita jedhu, tokko karaa nagaa jechaa hin jiru ? wayyaanoonni fi waa’eellan isaanii jiraachuuf Oromoo cabsuu qofaatti fudhatanii nu irratti hojjachaa jiru. kun isaaniif waan lubbuun jiraachuu fii dhabamuu irra ga’eera. Nuuti sadarkaa akkasii irratti walii galaa jirraa ? yoo sadarkaa akkasii irra geenyee ta’ee, qabsoo jiraachisuu qofa, keessaa baanee wareegama Mirga Oromoo deeffachuuf gaggeessamutti ceene jechuudha . garuu akkastti jirraa ? Qabsoo Biyyootaa fi Dhaabbilee Bilisummaa saba isaanii mirkaneessanii jiraataa jiran wayita ilaallu, dhimma keessa isaanii qulqulleefatanii qalbii fi Onnee tokkon diina falmanii Injifachuu isaanii argaa fi dhaga’aa jirra. Seenaa isaanii irra jireessa qorannee yennaa ilaallu, Iccittiin Injifannoo isaanii inni hangafaa, rakkoo keessa isaanii mariin ykn waliigalteen ykn humnaan ega tasgabbeessanii booda diina tokkichatti bobba’uu isaanii ta’uu hubanna. Murtee kana irra ga’uuf bu’urri walii galtee isaanii ammoo, wareegama hanqisanii Injifannoof murteeffachuu ta’uu mirkaneessu. Kanas milkeessuuf wareegama barbaachisu kafalaniiru.wareegama hin barbaachifne kafalaa jiraachuu irra ammoo, wareegama murteessaan rakkoo isaan mudate keessa ce’aniiru.
Qabsoo keessatti wareegama hanqisuuf , karaa qaxxaamuraa ykn gabaabaa filachuutti hin fudhatamu. Karaa dheeraas deemanii wareegama hanqisuun jiraachuus hin danda’u ta’a. garuu , maloota adeemsa siyaasaa hundaatti dhimma ba’uuf , walii galteen Qabsoo saba tokko kan isa ilaallatu hundaa barbaachisaa fi murteessaa ta’uu jala muru. Mata Dureen wareegama hanqisuu wayita ka’uu , yaadoonni ka’uu malan lakkoofsa hin qaban. Hedduudha. Garuu, Heddummaachuu yaadoota kanaa sodaachuun furmaata hin ta’u. waan hundaatti dhimma ba’anii diina laaffisuuf yaaliin taasifamu, yeroo hedduu bu’aa ol aanaa ykn galii barbaadamuuf riqicha jabaa yeroon itti ta’u jira. Kana hundaa irratti wal ta’uun illee barbaachisaadha. mariin ammoo dhaaboonni wal irraa fagaatan walitti deebi’uuf ykn kan ilaalchaan adda ta’an wal irraa fagaatanii hafuuf ykn kan Ilaalcha tokko qaban walitti deebi’uuf qofaa kan gaggeeffamuu miti. yaadaa fi adeemsa akkasumas, wal dura dhaabbachuu yk diina tumsuu dhiisuu irratti yaada waliif hiruun ni danda’ama.
Seenaan har’a keessa jirru ykn sadarkaan Qabsoon Oromoo har’a irra ga’ee jiru jabiina keenyaa fi laafina keenya ifatti kan nutti mul’isuudha. Kana waliin qalbiin Ummata keenyaa bakka jiru tilmaama keessa galchuun baroodha. Haala keessa dabarree irraa kaanee wal malee akka hin qabne illee nutti hima yeroon kun. hegaree keenyaaf wal tumsuun ala furmaata akka hin qabne nu akeeka jedheen yaada. Akka Nama dhuufaattis ta’ee akka murnaatti ykn akka dhaabaatti sochii taasifnee fi waan haasofne hundaa jalqabaa hanga har’aatti yoo ilaallee, hundi isaa hegaree Qabsoo OROMOOf waan nu akeeku qaba. waan akka irra hin deebinee fi waan itti fufu qabnu nu dhaama. addatti , yaada walii galaa fi bal’aa yk Suuraa dhimma Oromoo walii galaa fegeessinee ilaaluu hanqachuu irraa miidhaan of irraan ga’aa jirru lakkoofsa hin qabu. Rakkoon har’a keessa jirruu fi keessa dabraa jirru, hanqina tilmaama waggaa 20 fi 25 duraati. Waggaa 20 fi isaa ol booda kan nu mudatu har’a tilmaamnee bu’ura isaa yoo hin tolchiin, dhalooti yeroo Sanaa rakkoo nuuti keessa jirru caalaa rakkachuu danda’a. Bilisummaan booda rakkoo nu mudachuu danda’an illee tilmaama keessa galchinee ilaaluu hanqachuu irraa, dhaloota itti aanuuf wareegama Ulfaataa isaan gaafatu tolchaafii akka jirru beekun gaariidha. maree adda addaa hegaree keenyaaf tolu hojii har’aa keessatti hammachiisuun barbaachisaadha. har’a hundumtuu bakka jiru waan nu baasu kan hubate natti fakkaata. Yoo amala dhuunfaa hin ta’iin.
Qabsoon Oromoo waa hundaa argeera. Qoratemeera. Bagan kufes, bagan ka’ees …….argeera. kan dhuunfaatti waan yaadu yaaluu barbaadu yaaleera. Kan qarqara taa’ee ilaaluu barbaadu, kan ganu, kan foxxoqu kkf hundaa keessa ceenerra. Waan keessa ceene kana bu’aa inni argamsiisee waliin ilaalanii kan jabaachuu qabuu jabeessaa kan dhabamu qabu ammoo dhabamsiisaa deemuu yerootu nu gaafata. Hegaree ofii tilaamaammatanii deemuuf ammoo, waan hundaatti dhimma ba’uun, dhalli Oromoos ogummaa fi beekumsa qabuun dhimma Ummata isaa irratti hojjachuuf ammas yerootu ga’ee jira. Dhimmi Oromoo dhimma Qabsaa’ootaa qofaa odoo hin taanee, dhimma dhala Oromoo hundaa taa’aa dhufeera. Wareegamni qabsaa’ootaa gama hundaa kana milkeessuufi ture. Dadhabbii qabsaa’ootaa firii itti gochuuf, sochiin isaanii fi qabsoon isaan gaggeessan kan Ummatichaa ta’uu isaaf, deeggarsa taasifnuun bakka maraatti yeroon itti dhugaa baanu, miidhaa Ummata Oromoo irra ga’uu irraa dhaabbileen siyaasa Oromoo dhaabbachuu isaanii kan sagalee keenyaan addunyaatti beeksifnu dhufaa jiraachuu beekun dansaadha.kanaan dura hin beekanii miti. Wayyaaneen dhaabbiileen siyaasa Oromoo dantaa isaaniif malee ani gaaffii Ummata Oromoo deebiseera jettee OPDO bobbaaftee hojjachaa jirtu fashalsuuf hojjachuun dirqama keenya ta’uu hubachuun murteessaadha. Adeemsa diinaa har’aa fi hegaree hubatanii irratti hojjachuun injifannootti nama dhiheessa. Yaada hegaree diinaa wallaaluun balaa hamaaf nama saaxila.
Qabsoo jiraachiisuu keessaa baanee, diina tokkichatti qiyyaafachuuf bakka murteessaa irra geenye jirra. Sochiin Bara 2014 keessa Biyya keessaa fi alatti mul’achaa jiru , ce’umsa itti jirru nu dhugeessa. Dhimma Oromoo irratti Oromoon Ogummaa isaan, beekumsa isaan, dandeetti isaan kkf gumaacha irraa eegamu kan itti taasisu ifatti dhufaa jira.sochiin qabsaa’oota keenyaas kanuma nu akeeka.kan dabre irraa kan barate qabatanii diinatti fuulleeffachuun fala biraa akka hin qabne kallattiin argaa jirra. Kun hundi ammoo wareegama hanqisuuf ta’uu hubachuu qabna. Wareegama hanqisuuf baayyina keenyatti dhimma baanee, diinatti hojii heddummeessuu hin dandeenyu ? kallatti qabsoo itti heddummeessuu hin dandeenyu ? akka dhuunfaattis akka waloottis dhiphisuunii hin dandeenyuu ? waan inni Biyya keessaa fi alatti ittin mul’achuu danda’u hundaa itti cufuu hin dandeenyu ? ……….dhimmi oromoo ajandaa marii addunyaa taasifachuu itti fufsiisuu hin dandeenyu ? Wareegama hanqisuuf……
kutaa 2ffaatti itti deebina.
HORAA BULAA !!!!
Burqaa430@gmail.com

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved