Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

WAREEGAMA HANQISUUF, “WAL-TUMSUUN” MURTEESSAADHA !!!!
SEENAA Y.G (2005)kutaa 2ffaa

Wareegama Qabsoon keenya nu gaafatu maaliin tilmaamu dandeenya ? ykn akkamiin beeku dandeenya ? Bilisummaan Wareegama malee hin argamtu. Kanaaf wareegama hanqisuu fi dhiisuu maaltu fide ? jedhee kan gaafatu hin dhabamu. Wareegama lubbuu qofaatti fudhatee, lubbuun miliyoona itti ba’ee Bilisomnaan rakkoon maalii ? ka jedhus jira. mee fakkeenya tokko haa kaafnu. Ega Oromoon gabrummaa jalatti kufee, ilamaan Oromoo diinaan lubbuun dabartee miliyoona 5n (kun xiqqaachuus guddachuus danda’a) haa tilmaamnu. Ega Gabroomnee ammoo waggaa 150tti haa fudhannu. Wareegamni kun kan lubbuu qofaadha. Kan Qabeenyaa, beekumsaa, Maallaqa kkf itti hin daballe. Addunyaa irraa lubbuu amma kana itti wareegee gabrummaa jalatti kan hafe jiraa laata ?wareegama haganaa, toftaa ittin Bilisoomuuf lafa keewwannee raawwachiisuu keessatti baafne jenna moo, diinumatu nu cabsuuf nu fixeedhaan bira tarra ? wareegama hanga har’aatti baasaa jirrutti milkaa’uu maaf dhabne ? maaliif wareegama qofaan hafne ? Gootoota keenya seenaan isaan yaadata jennee yeroo maraa kaafnuuf maaf gumaa ba’uu dadhabne ? wareegama Lammiilee keenyaa Boqonnaa namaaf hin laannee keessa ciifnee, kan warra kaanii maaliif dinqisiifachuu qofatti hafne ? har’as wareegama qaalii tarii kan hanga har’aa irra ulfaataa baasuuf teenya moo, sadarkaa amma irra jirruun, Injifannoo keenya goonfachuuf wareegama guddaa kana hanqisuuf, wal-tumsuun ala furmaata hin qabnu jennee irree waliif ta’uutti qajeella ?
Kana irraa kaanee gaaffiileen of gaafachu qabnu danuudha. Diinatti furga’uuf ka’umsi kee tolu qaba. waan keessa keetii si harkisu odoo jiru, diinatti tarkaanfachuun hin danda’amu. Yaadaa fi garaan odoo wal bira hin jiraatiin , diinatti bobba’uu miti , waliin deemuunu rakkoodha. Sagaleen keenya osoo wal hin tumsiin, iyya ofii addunyaa gurra ishee beekaa duchitee jirtu dhageesisuu yaaluun waan yaadamu miti. (sochii FDG 2014 Biyya keessaa fi alatti taasifame akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama) wal Tumsuu dhabuu keenya irraa diinni itti fayyadamaa hin jiru ? wal-tumsuu dhabuu keenya irraa, wareegamni keenya guyyuu dabalaa hin jiruu ? Tokkomnee yaadaa fi sochii keenya gara diinaatti luucceessuu dhabuu keenyaan, diinni fayyadamaa hin jiru? ? wareegama waa hundaa woo kafalaa hin jirru ? dhalli Oromoo sadarkaa dhuunfaa kaasee waan irraa eegamu raawwachuu dhabuu irraa, ykn tokko isa tokko taa’ee ilaaluu irraa, wareegama kafalaa hin jirruu ? rakkina keenya kana furachuuf yoo wal Tumsinee sochoonee, wareegama baafnu hanqisuu hin dandeenyu ? humna taanee diinatti ba’uu keenyaan, diinni miidhamee nu dura dhaabbachuu dadhabuu jechuun wareegama bara baraan kafallu of irraa dhaabuu jechuu mitii ? akeekni barreeffama kanaa kana hubachiisuudha. Hundumtuu kan hawwuu. Garuu hawwii qofaan kan hin argamne. Hawwii keenya kana dhugoomsuu fi waan garaa keessaa qabnu milkeessuuf, Hawwiin dhama’aa jiraachuu keessaa baanee, hojiin mul’achuuf yeroon nu gaafataa jiraachuu beeku qabna. Yeroon kun Dogoggoora kaleessaa irra deebinee yeroo kanatti yoo dantaa keenyaaf hin olchiin, tarii wareegamni nuuti baafnu dachaan dabalee, Oromoon hundi wareegamellee Bilisummaa dhabuu akka dandeenyudha. Kana hanqisuuf hojjannaan kan lubbuun hafu Bilisummaan akka jiraachuu danda’u itti amanuun barbaachisaadha.
“Wareegama hanqisuuf WAL-TUMSUUN murteessaadha” wayita jennu, wal tumsuu dhabuu irraa wareegama dabalataa baasaa jirra. Wal tumsinee diinatti bobba’uu hanqachuu keenya irraa, gabrummaa lubbuu dheeressaa jirra. Jireenya hiraarriin guutame carraa keenya taasifataa jirra. Lammii keenya harxee fi saraxeen akka barbaadde itti taphataa akka jiraattu hayyamaa jirra. Saamicha diinaan qabeenyaa keenya dhaloota itti aanullee dhabaa jirra. Walii galatti wareegama waa maraa dheeressaa fi dabalaa jiraachuu keenya beekuun dansaadha.
“WAL-TUMSUU” n, eenyun ilaallata ? Ummata Gabroome tokko adda baasee akka wal tumsan taasifamaa ?dhaabbilee siyaasaa Ummata Gabroomee qofaa ilaallataa ? beektootaa fi ogeessitoota Ummatichi qabu ni ilaallataa ? Qeerroo qofaa ilaallataa ? Hojjataa fi qaamni hawaasa biro , ijoollee gaaffii ummataaf dhumaa jirtu callisanii akka ilaalaniif kan hayyamuudhaa ? gaaffiilee kkf of- gaafachuun, wal-gaafachuun, hin hafu. Garuu, Ummata Gabrummaa jala jiruuf TUMSI Daangaa hin qabu. Tumsi yeroon nu gaafattu, Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi ala jiru sagalee tokkon akka waliif birmatu, dhimma Oromoo ajandaa addunyaa taasifachuuf bakka jirru hojjachuu fi iyyachuuf wal deeggaruu, humna waliif ta’uu, miidhaa Ummata keenya irra ga’aa jiru addunyaatti caalaatti dhageesisuu danda’uudha.
Qabsoo Ofii jiraachisuu keessaa ba’uu keenya jedhee kutaa 1ffaa keessatti kanan kaasee kana irraati. Hojiileen bara 2014 kana nu akeekan. Addatti Qabsoon Ummata kanaa, Ilmaan isaa akka sibiilaa waa hundaa dandamatanii asiin ga’anii jiru. Yeroo kanatti ammo, kan yeroo kamirrayyuu caalaa Tumsa Ummata isaanii dhugeessuuf hojjachaa jiraachuun haqa. Ilmaan Oromoo bakka jiran maraa dhimma Oromoo irratti waliin dhaabbachuun bu’aa argamsiisaa jiraachuun Ummataaf hamilee ta’aa dhufeera. Kanaaf, Tumsa walii galaa fardeessuun, wareegama hanqisuuf yeroo mijataa irra jiraachuu keenya hubachuun , halakanii fi guyyaa nuffii tokko malee akka irratti hojjachuu qabnu waan addunyaa irratti argaa jirru irraa barachuu qabna.
Namoonni hawwii qofaan jiraatan, Daandiin Qabsoo dheerachuu hadheeffatanii dubbatu. Namoonni yaada akkasii qaban deebisanii, dhaadannoo “Bilisummaan wareegama malee hin ragamtuu !jedhanii harka ol kaasu . yaadoonni kunneen hedduu wal irraa fagoo jiru. walii isaaniif illee gufuudha. Hawwiin hojiidhaan hin deeggaramiin, Hawwiin wareegamaan hin utubamiin , Midhaanuma habjuuti. Kaayyoo Saba tokko milkeessuu miti, jireenyi maatii ykn dhuufaayyuu, wareegama waa hundaa gaafata. Kana milkeessuuf lubbuu itti dhabuun ni jirti. Yoo tattaafatan, beekumsa qabaniin, dandeetti qabaniin, qabeenyaa qabaniin kkf yoo hundumtu bakka jiruu tattaafate, hawwiin walii galaa sun ni dhugoomti. Kan har’a gaafatamaa jirrus kanadha.
Sadarkaa har’a irra jirru irraa kaanee maal gochuu akka qabnu wal akeekuun rakkisaa hin ta’u. WAL-TUMSUUN keenya diina irratti kan hundaa’ee taasisuun garuu murteessaadha. Qaama Hawaasa Oromoo kamuu hammachuu waan danda’uuf. Sadarkaa amma irra jirru yoo hubannee ta’ee, yeroo Oromoon mana isaa cufatee, hojjachuu yeroo itti danda’uudha. Toftaalee diina karaa hundaan ittin miidhuuf gargaaran waloon hojjachuu, mari’achuu, sochii qindeeffachuu, qophii barbaadu taasifachuuf yaada walii hiruun yeroo itti danda’amuudha.sababaan waan keessa dabarree caalaa waan irraa barannu hin qabnu waan ta’eef.
ABOn abdii Ummata Oromooti. Kun qormaata keessa dabrameen mirkanaa’ee jira.ABOn rakkoo keessa isaatti umamu irraa hin harkifannee jechuu hin dandeenyu. Maqaa Gootootaan kakatee, karoora waggaa 5,10, isaa olii waliin baasee, ykn mari’atee ka’ee bakka Jaallan isaa jiran, eessaan ba’anii eessaan akka seenan, waan Jaallan isaa waliin mari’ate akka jirutti dhaqee diinatti kannu caalaaa kan duubatti nama harkisu hin jiru. hanqinoota akkasiiirraa of qabnee, wareegama hanqisuun ni danda’ama. wareegama Ummataa fi qabsaa’oota dheeressuu irraa dhaabbachuun, wareegama hanqisu keessatti hammatama. Wal tumsuuf waan tumsa laaffisan hojachuu irraa of qusachuun murteessaadha.
Akka siyaasaatti waan goonfannee jirru, amma Bilisummaan jiraachuttii waan hin fudhanneef malee, waan nu haftu harka keenya keessa akka jiraatuuf, ABO caalaa kan hojjate gonkumaa hin jiru. Qabsaa’oonni Oromoo , Qabsaa’oota Addunyaa irratti argaa jirru irraa gadi miti. hanqina Qabsaa’oonni addunyaa qabaachuu qaban isaanis qabaachuu malu. Qabsaa’oonni addunyaa irraa ykn Biyyoota adda addaa, Hanqinootaa fi waandabre irraa baratanii Injifannoo Ummata isaanii akkuma dhugeessan, Qabsaa’oonni Oromoos waan keessa dabran irraa baratani Injifannoo Ummata isaanii waan hin dhugeessineef hin jiru. Akkuma Ummatoonni addunyaa falmaa hadhaawaa gaggeessanii Bilisummaan jiraataa jiran, Ummati Oromoos sadarkaa kana irra ga’uuf kan isa dhorku waa tokko hin jiru. Qabsaa’oonni Addunyaa humna Ummata isaaniin akkuma injifatan , Qabsaa’oonni Oromoos humna Ummata isaaniin ni injifatu.
Wal-Tumsuun kallatti heedduu qabaachuu ni mala. Kallattii kana hundatti dhimma ba’uun barbaachisaadha. kana milkeessuf ammoo gurmaa’inni Ummataa barbaachisaadha. beekumsaan, dandeettidhaan, maallaqaan, qabeenyaadhaan waa hundaan wal tumsuuf , Oromoon kamuu kan isa dammaqisu hin barbaadu. Dubbii ijoon nu haftu haala kana ummachuuf hojjachuudha. Sochiilee adda addaa qindeeffachuuf , diina afuura kutuuf wal-tumsuun hundee ta’uu hubachuudha. ABOn hojii manaa ba’eef, keessattu sadarkaa Ummati irra ga’uu qabu xumureera jechuu dandeenya. Kan hafe harkaan ga’achuuf, Oromoon Biyya keessaa fi alatti wal tumsuu akka qabu ega dubbatee bubbuleera. Har’a Ummata dammaqaa fi of hubate qabna. Hundeen qabsoo saba tokko kanadha. Kanatti dhimma ba’uun murteedha. Biyyi Oromiyaa jedhamtu akka jirtu addunyaan fudhateera. Alaabaa Oromoon irratti walii galee wareegamaafii jiru qabna. Qooqa/Afaan Oromoo addunyaa irratti beekamee,kan hojii fi barnootaa ta’eera.Kun injifannoo bu’uraati. Kan nu hafu, Oromoo fi Oromiyaa walitti fiduu qofaadha. Kana dhugeessuuf yoo wal tumsine, wareegama hanqisna. Yoo wal tumsuu baannee wareegama qaalii jechaa jiraanna. Kanaaf miidhaa waggaa 100 olii boodallee Hawwiin jiraachuun nama qaanessa.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo ilaalchaan tokko ta’an tokkoomuu danda’an. Ilaalchaan kan adda ta’an wal tumsuu danda’an. Akka miseensa dhaabbaatti tokkomuun dirqama. Akka deeggaraatti dhaaba deeggaran, tumsuun ni danda’ama. Akka Kominiitiin wal tumsanii , kaayyoo Ummatichaa tumsuu irra dabree, dhaaboota tumsuun wal tumsuu danda’u. Dhimma Oromoo fi Oromiyaa qofa irrattillee wal tumsuun ni danda’ama. Lammiileen wal tumsanii Qabsoo Ummata isaanii tumsuu danda’an. Beektoonni gurmaa’anii dhimma Ummata isaanii addunyaa dhageesisuuf wal tumsuu danda’u, qabsoo isaanis tumsuu danda’u. amma yeroon kan wal tumsuuti. Kan waliif birmatanii, iyya waliif dhageesisaniiti. ! akkamiin wal tumsan ? yoo wal tumsuun jiraatee, sochii jiru hundaa qindeeffachuu, galii tokkotti tarkaafachuu, humna ta’uun dhugoomee wareegama adda durummaan hanqisuu danda’a. Qabsoon Oromoo walabummaa Oromiyaan boodallee maal ta’uu akka danda’uu , waan isaan mudachuu danda’uu dandamachuuf har’a bu’ura keewwachuun dansaadha. Gaaffiin Oromoo gaaffii Filitsixeemootaa caalaa wal xaxaa fi jabaa ta’uu haa hubannu. Boruu wareegama ulfaataa akka baafnuuf wayyaaneen waan nu irratti hojjachaa jirtu ni hubannaa ? kana yoomiif keenya ? yaada xumuraa kutaa 3ffaa keessatti qabadheen deebi’a. HORAA BULAA!
Burqaa430@gmail.com

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved