Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

WAREEGAMA HANQISUUF, “WAL-TUMSUUN” MURTEESSAADHA !!!!
SEENAA Y.G (2005) kutaa 3ffaa
Bilisummaan Dhiigaan malee hin argamtuun haqadha. Dhiigaan malee akka hin argamne itti amananii seenanii hojjachuun ammoo waa biraati. Dhaadannoo isaa ykn jecha isaa qofa beekuun ga’a miti jechuu kiyya. Bilisummaan dhiigaan malee hin argamtu jechuun, wareegama Lubbuu hanga gumaacha nam-tokketti baafnu malee, Bilisummaan gonkumaa hin jiru jechuudha. maarree,Ummati Oromoo , Bilisummaan dhiigaan malee akka hin argamne beeku dhabee ykn itti amanuu dhabee moo, waan Bilisummaan barbaaddu sana guutuu hanqachuu irraa Bilisummaan irraa fagaatte ? Bilisummaa keenya gonfachuuf wareegamni kafalaa jirru salphaa miti. wareegama barbaachisu kafallee Bilisummaa keenya goonfachuu qabnaan, murtee Ummata Qabsoo gaggeeffatuu ykn dhaaba Qabsootti jiruuti. Wareegamni hin jiru jedhee qabsootti kan seenu, ykn wareegama baqachaa Bilisummaa kan hawwuu yoo jiraatee, waan wareegama gaafatutti seenee laaquu dhiisuu wayyaaf. Namoonni akkasii irra jireessa karaa gabaabaa filannaatti of-salphisanii Ummata isaanis salphisu.
Sadarkaan Qabsoon Ummata Oromoo irra jiru yoo ilaallee , irra jireessi, addatti Biyya keessaa wareegama barbaachisu baasuun gootummaatti fudhatamuu argaa jirra. Wareegama barbaachisu kafalanii, wareegama hanqisuun ni danda’ama. Wareegama hanqisuuf jedhamee, sirna guyyaa irraa gara guyyaatti Ummata keenya dhiiga jigisaa jiru waliin karaa Nagaa hojjanna jechuun, diina jabeessee , wareegama addunyaa irratti hin mul’annee nu baasisuu akka danda’u hubachuunis dansaadha. Wareegama hanqisuuf haalaa fi adeemsa diinaa akka dansaatti qorachuu fi irratti walii galuu barbaachisa. addunyaa irratti Ummatoonni cunqursaa of irraa darbachuuf qabsaa’an , karaa wareegama itti hanqisanii Bilisummaa isaanii goonfatan ni filatan. Fincilli Ummataa wareegama waa maraa hanqisuuf filatamaa ta’aa dhufeera. Warri qawween wareegama hanqisuuf socha’anis ni jiru. sochii amma keessa jirruun ykn bakka waliif tumsuun hin jirreetti , sirna nama nyaataa wayyaanee kaasuuf yeroo nu gaafatuu danda’u, yeroo kana keessa ammoo, wareegama Qabeenyaa, Maallaqaa , jireenyaa, Lubbuu baafnuu fi wayyaaneen jiraachuuf miidhaa waa maraa {saamicha daboo kadahttee }nu irratti gaggeessitutu wareegama nu hanqisa moo, Tumsa godhannee sochii keenya qindeeffannee Fincila Diddaa Gabrummaa wal irraa hin cinnee fi waraana jabaa ijaarree finiinsuutu wareegama nu hanqisa ? jennee Filachuun murteessaadha.
Dhaaboonni siyaasaa Oromoo karaa diina of irraa kaasuun danda’amu ilaalchisee , sadarkaa dhaabaatti ejjannoo qabachuun ni jira. fakkeenyaf, Wayyaanee kuuffisuuf, qawwee malee falli biraa hin jiru kan jedhu jira. Lakkii karaa nagaa ajjeefamaa fi hidhamaa haa yaalluu kan jedhu jira. Fonqolchaan kaasuuf kan yaadu jiraachuu danda’u jira ta’a.karaa Fincila Ummataa hojjannee kaasuu dandeenya kan jedhus jiraachuu mala. Lakkii gama hundaan irratti haa hojjannu kan jedhu jira. Karaan itti qabsaa’uuf yaadan, tarii dhaabbilee siyaasaa Oromoo kan biroon wal hin simu ta’a. kanaaf wal gufachiisuun dhalachuuf deema jechuudha. kana irratti gadi taa’aanii , filanno walii kabajanii mari’achuun hedduu barbaachisaadha. kun Tumsa nu barbaachisuuf karaa gaarii saaquu fi Ummati bakka jirutti abdiin hamilee odoo wal hin buufnee hojjachuuf gargaara. Marii kana irratti, yoo xiqqaate gama hundaan wal gufachiisuun akka hin dhufneef, wal dadhabsuu fi wal diiguun akka hin jiraanneef karaan wal ta’uu umamuu ni mala. Qaawwaa diinni ittin nama seentullee cufachuu ta’a. Dhaaboota gidduutti kun jiraannaan, Ummata isaan cinaa fi duuba jiru keessatti haalli wal fakkaataa umamuu akka danda’u hubachuun nama hin rakkisu.
WAL-TUMSUUN barbaachisaadha. kana irratti ega walii gallee waan Tumsa keenyaaf gufu ta’aan of jalaa kaafachaa deemuun itti aanee kan dhufuudha. Tumsa gama hundaa Ummata keenya keessatti barbaachisuuf dhallii Oromoo hundi qooda mataa isaa gumaachuu akka danda’u hubachuu feesisa.Jabinni Ummata Tokkoo Nama dhuunfaa irraa eegala. Jabinni nama dhuunfaa keessa hin jirre, Hawaasa sana keessa jiraachuu hin danda’u. Akka yaada kiyyatti, Tumsa Ummata keenyaa Biyya keessaa fi alaatti akka jiraatu taasisuuf, adeemsa ture fi dabe sirreeffachuu fi adeemsa haaraa baafachuun akka barbaachisu tilmaamuun nama hin dhibu.hundumtuu kan naaf hubachuu qabu, WAREEGAMA HANQISUUF WAL- TUMSUUN MURTEEDHAA jedhee yaada ani kennaa jiru kun, Maqaa Tumsaan dhaabni biraa akka dhalatu , ykn humni Tumsa kana qindeessuu Dhaaboonni walitti dhufanii akka haaraatti haa ijaaran jedhee habjoochaa akka hin jirreedha.kun yeroodheeraa nu gaafachuu mitii, gonkumaa wareegama nu hanqisa jedhee hin yaadu.
Akka ejjannaa kiyyaatti dhaabbileen Siyaasaa Oromoo Biyya keessaa fi alatti argaman 12 ol ta’uun isaanii, kasaaraa siyaasa keenya mirkaneessa jedheen yaada. Dhaabbileen Siyaasaa kamuu Ilaalcha yk kaayyoo irratti hundeeffaman qabu. Maqaa irratti hin hundaa’an. Kasaaraa kanan jedheef , Dhaabbileen siyaasaa Oromoo Biyya keessaa fi alatti argaman Maqaan 12 ta’an malee , Kaayyoodhaan lama akka hin caallee galii keewwatan irraa hubachuun waan danda’amuufi. Humni bakka lamattu ta’ee jabaachuu malu, bakka 12 tti wal irraa fagaachuun gama kamiinu , Wareegama nu hanqisuu hin danda’u jedheen amana. wareegama walii keenya gidduu illee nutti ida’a. Qabsoo Oromoo kana boodaaf dhaaba siyaasaa haaraa ijaaruuf yaaluun, of dhamaasuuf qofaa yoo ta’ee malee, waan haaraa qabatee kan asi ba’u hin ta’u. Addatti Ummati maala akka barbaadu ifatti himachaa waan jiruuf, humna keenya itichuuf murteeffannee, Tumsa gama hundaa waliif taanee, Qabsoo Finiinsuun ala furmaata biraa hin qabnu. Dhaabbilee siyaasaa, waldaaleen gara garaa, Kominiitiin adda addaa kkf. Nama dhuunfaan, gareen, hiriyyummaan, wal beekumsaan, irri isaa kaayyoodhaan, Amatiidhaan ….bifoota adda addaan , Qabsoo kanaaf furmaata argamsiifna ykn waan dandeenyun furgaafna, baatii ja’atti jijjiirama buqqaasaa argamsiifna, kkf jedhamee, hanga dhaaba maatii fakkaatutti adda faca’amee yaalameera. Salphina Ulfaataa keessa dabarree jirra.waan addunyaan dhadhamtee furmaata itti argattee keessa dabarree jirra. Bakka addunyaan biraa jiru bira ga’uuf , muuxannoo addunyaa kanaa hordofuun abshaalummaadha.waan dabre irraa barachuu. Bakka turretti akka hin deebine of eeggachaa,waan nu hanqatee gabrummaa keessatti nu hanbise guuttachaa ,humna tokkoon diina falmuuf socha’uu qofatu furmaata. Kun murtee warra Bilisummaan har’a jiraataa jiraniitii. Dhumni tattaaffii qofa qofaa, maal akka ta’ee, eenyu bakka isaa akka jiruu fi eenyu akka dubbatee hafe Ummata Gabrummaan isa waxalaa jirtu caalaa kan beeku jira natti hin fakkaatu. kun nuuf muuxannoo eenyuun olitti nu goonfachiiseedha. Kanaaf, waliif tumsanii ykn wal tumsutti callaaffatanii hojjachuun ala furmaati biraa akka hin jirree ejjannoo godhannee irratti hojjachuu yerootu nu gaafataa jira.
Wal tumsuu hanqachuu keenyaaf halgaa maqaa hin dhoofnu. Dadhabiina guddaa ,guddaa, guddaa sirreeffachuu qabnu ta’uu hubachuu nu barbaachisa.addatti, Dimokiraasiin nuuf aadaadhaa jennee addunyaa barsiisaa, boonnee dubbachaa, waan keessa jirruu mil’annee yennaa ilaallu, bakka of keenye akka hin jirre hubanna. Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti nuuti wayyaba. Gama hundaan waan fedhe gochuuf carraa bal’aa qabna. Mootootiin hundi kan nu gabroomsanii dabranii fi jiran, humna isaan cabsu fi beekumsa isaan of irraa kaasuu dhabnee odoo hin taanee, isaanitti bobba’uuykn duuluuf keessa keenyatu ititaa waan hin taaneefi. humna qabnutti fayyadamuu dhabuu irraa, humnuma Oromoon qabu bitatanii ittiin nu cabsuu danda’uu isaaniiti. Ofiif odoo hin ta’iin halgaaf ta’uu keenyatu caaluu irraati. Diinni hangamuu nu diiguuf, Tumsa akka hin qabaannee nu irratti hojjatuus, kan inni nu irratti hojjatu caalaa , nuutu shira isaaf mijataa ta’uu keenyatu nu miidhe jechuu dandeenya.Kun ammoo har’a dhala Oromoo halagaa caalsifatu, WAL Tumsuu sodaatu, beekaa miidhama Ummata isaa callisee ilaalu, Gabrummaa Biyya isaa irratti argu isa hanqannaan alatti garba lammaffaa ta’uu miliyoonaan horannee jirra. Kun ammallee nuuf qormaatadha.
wayyaanoonni marsaa jalqabaa, waggaa 50f nu gabroomsuuf rakkoo qaban hundaa qadaadanii humna qabaniin saganteeffatanii nu irratti hojjachaa jiru. kanatti milkofnaan waggaa 50 lammaffaaf hojjachuu itti fufu. Kun dhabbachuu kan danda’u , kan beekumsa qabu beekumsa isaan, kan dandeetti qabu dandeetti isaan, kan maallaqa qabu maallaqa isaan, kan ogummaa waraanaa fi kkf ogummaa isaan, Wellisaan, Artistoonni …., kkf wal tumsinee sochii keenya yoo hin qindeeffatiini fi nuutis humna qabnuun dura yoo hin dhaabbatiin, waan nuuti yaannu akka warra Ayir-laand waggaa 200 kana booda Bilisummaan nutti urgaa’aa hafti.
Filitsixeemoonni Abbaa Biyyaa ta’uuf wareegama kafalaa jiran ilaalaa . Bilisummaa isaanii Addunyaa fudhachiisuuf halkanii fi guyyaa hojjachaa jiran . beektoonni isaanii miseensa ebaluu taanee malee jechaa hin jiran. Ogeessi isaanii dubbiin kun na hin ilaallatuu jedhanii manatti galanii hin teeny.nuuti yoo qabsoo kana gaggeessinee malee jedhanii boolla waliif hin qonne. Lammiilee isaanii Addunyaa irra jiran garaa duwwaa guyyu hiriira ba’aanii iyyachaa jiran. Kun eenyullee jalaa dhokataa miti. Tumsa lammiilee isaanii gama hundaan humna duubatti hin deebine ta’anii addunyaaf iyyatan. Gaazexessittoonni, Dokitaroonni, isporteessitoonni, hundumtuu Biyya isaa irratti ejjannoon qabu tokko. Addunyaa irratti Angoo qabatanii jiranitti dhimma ba’anii hojii Dippilomaasii akka dirqama lammummaatti gaggeessaa jiran. Dhaabni yoo na ajajee malee jedhanii hin teenye. Lammiin isaanii Biyya keessatti yeroo ajjeefamu qofaa odoo hin taanee, nuuti Biyya keenya irraa ari’amnee Ashikarii ta’uun sirnaa miti, Biyya keenyatti deebinee jiraachuu qabnaa, kanaaf addunyaan nu dhga’uu qabaa jechaa jiran. Humna Nama keenyaa raksaan itti fayyadamuuf, Israa’eeliin nutti duulchiftuu jedhanii Biyyoota hundaa boqonnaa dhorkanii , qalbii addunyaa harkisaa jiru. Waan nyaatu fi dhugu keessaa fedhii isaan, umurii isaa guutuu osoo wal irraa hin cinnee gargaarsa qabsoo isaaf taasisaa jira. amma humna isaa kennaa jira. Kun beekumsa qabuun gargaarsa godhuun ala. Dhimma Filitsxeemiin ilaalu yoo ka’ee eenyullee miseensa dhaabummaan wal hin eegu. Inni misensa ta’ees Dirqamaa fi kakuu seenee Ummata isaaf dhugeessuuf halkanii fi guyyaa fiigaa jiraata. Maqaaf jiraachuu hin fedhu.
Adeemsa kana hunda booda har’a , akka fakkeenyaatti turban kana SANEETIIN FARANSAAY Filitsxeemiin akka Biyyaattti fudhachuuf murteesseef. Kun bu’aa walooti. Dargaggeessi gaafa hidhamu, lammiin hundi ba’ee iyya. Namni yoo du’ee lammilee hundaatu magaalaa guutuu miila tokkon dhaaba. Dhiirri yoo hidhame dubartiitu mana hidhaa weerara. Dubartiin yoo hidhamte Biyyatu ba’ee sirna miidhaa irraan ga’ee irriiba dhawwa. Kun hundi walitti qindaa’ee Bilisummaa isaanii odoo hin jaallannee diinni akka fudattu taasisuuf fiixee irra Akka ga’an taasise.
Iccittiin bu’aa Kanaa egaa, WAL-TUMSUUDHA, WALIIF-BIRMACHUUDHA,WALIIF-DHAABBACHUUDHA,DHIMMA BIYYAA IRRATTI WAL UTUBUUDHA. SIYAASAAN BILCHAACHUUDHA. OFITTUMMAAF JILBEEFFACHUU DHIISUUDHA. AMMA IJI ILAALTE YAADUU IRRAA FAGAACHUUDHA.BU’AA BEEKUMSAA MIRKANEESSUUDHA. TOKKUMMAA DHIIGAAN MIRKANEESSUUDHA. BIYYAAN BOODA WAA TOKKO ILLEE AKKA HIN JIRRE DHUGEESSUUF MURATANII HOJJACHUUDHA. KARAA WAA HUNDAA ADDUNYAAN GADI AKKA HIN TAANE MIRKANEESSUUDHA. XIIQII NAMA TA’UU DHUGEFFACHUUDHA.DABEESSUMMAAF AKKA HIN MO’AMNE MIRKANEESSUUDUHA. Kana of keessaa dhabnee guuttachuu qabnaaf wal gorfanna. Sochii Bara 2014 kana akkamiin Tumsa walii galaatti fi sochii wal irraa hin cinneetti geeddaruu dandeenya. Akka waldaaleetti, akka kominiitiitti, akka dhaabaatti, akka Ogummaa fi beekumsaatti kkf akkamiin wal tumsina ? kutaa 4ffaa fi xumuraa keessattin dhiheessa. Kutaalee lameen dabraniif akka dhuufaa fi walootti yaada kanneen naa laattaniif Galatoomaa !
HORAA BULAA !!!!!
Burqaa430@gmail.com

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved