Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

 Warraaqsa bilisummaa Oromoo deemaa jiru kun injifannoon xumuruu babinan gaga'ama guda qaba.

Tulluu Caalii Irraa 31/10/2016

 
Hubachiisa(Note):- Adaraa Seenaa kana dubbisaa. Seenaan kun dhumi isaa tragedy dha. Warraaqsa bilisummaa Oromoo deemaa jiru injifannoon xumuruuf jabinaa fi laafina fincilooti darban qabaachaa turan, akkasumas Imammata giti bittoota Habashaa darbanii fi har’a jiran Oromoo irratti qaban tokkuma ta’uu keessatti agarra. Warraaqsi Oromoo bilisummaa amma deemaa jiru injifatamnaan balaa fi gaaga’ama inni uummata Oromoo irraan gahuuf deemu guddaa fi haalaan suukanneessaa akka ta’u seenaan kun waan nutti agarsiisu qaba. Jette jettee fi arrabsoo namni wal arrabsu jala adeemuu dhiifnee dhimmoota jajjaboo irratti yoo fuulleffanne injifannootti nu geessa jedheen amana. 

Diddaa Gabrummaa Oromoota Raayyaa fi Waajiraat: Tarkaanfii Gara Jabinaaa Mootummaa Haayila Sillaaseen fudhatame: 

Kutaa lammaffaa

Kutaa tokkoffaa barreeffama kanaa keessatti fincila diddaa gabrummaa Oromoota Raayyaa bara 1928-1929 fi tarkaanfii waraanaa sirni gabroofataa Haayila Sillaasee irratti fudhataa ture yaadachiisuu yaale. Kutaa kana keessatti immoo fincila diddaa gabrummaa Oromoota Raayaa fi Waajiraat bara 1942-1943 sirna gabrooftaa irratti adeemsifamee fi yakka waraanaa(war crime) mootummaan Haayila Sillaasee uummta kana irratti raawate wal yaadachiifna. As irratti akeeki barreffama kanaa gocha faashistummaa giti bittoota Habashaa duraanii Oromoota irratti raawwatan kan mootummaan Tigrootaa, faashistiin, yeroo ammaa uummata Oromoo irratti raawwataa jiru, kan ijaan argaa fi dhaga’aa jirru wajjin baayyee akka wal fakkaatu agarsiisuuf akka ta’e dubbiftoota kiyya hubachiisuun barbaada.

 Ka’umsi duula waraanaa Haayila Sillaasee inni guddaan Oromooti Raayyaa Misilanoota alagaa mootummaan nu irratti muudu, Warro- ballaadhaan (saamtotaan) hin bullu, akka aadaa keenyaa, sirna Gadaatti, ofiin of bulchuu barbaadna jedhanii gaaffii haqaa waan gaafataniif. Kanatti dabalee akkuma uummatooti dimokraasiin bulan “No Taxation without representation” jedhan Oromooti Raayyaa mootummaa keessaa bakka bu’oota hin qabnu waan ta’eef gibra mootummaa hin baafnu jedhanii diddaa agarsiisan. Akkasumas gaafa Xaaliyanaiin gargaarsa Engliziin mo’amtee baate waraanni Haayila Sillaasee ummata Rayyaa naannoo Roobit, Qobboo, Waajii fi bakkoota birootti gara jabinaan waan fixeef Raayyaan quuqqaa garaatii qaba. Haaloo bahuuf qophii gochaa ture jechuu dha. Kana biratti immoo mootummaa gabroofataan Oromoota Raayyaa meeshaa lolaa hiikkachiisuuf tattaafate. Gaafa lola Xaaliyaanii wajjinii Haayila Sillaaseen Maayicawu irratti injifatamee wayta baqate waraanni isaa baayyeen Raayyaa keessatti meeshaa lolaa hedduu gatee akka bahes seenaan ni yaadata. Akkaumas Xaaliyaaniin gaafa biyyaa baate qawwee 35,000 ol ta’u Raayyaa keessatti dhiiftee akka baate ni dubbatama. Meeshaan waraanaa kun hundi harka Oromoota Raayyaa gale. Giti bittoota Habashaa duri irraa qabanii Oromoo waan sodaataniif matumaa qawwee uummata kana harkatti arguu hin barbaadan. Haa ta’uu Oromooti Raayyaa durumaa qabanii qawwee wajjin wal beeku, uummata gootaa fi aadaa lolaan beekamu dha.

Haayila Sillaaseen bara 1941 wayta biyya alaa irraa deebi’e Oromoota Raayyaa meeshaa hiikkachiisuu yaalu iyyuu Raayyaan abadan hin hiikkannu jedhe. Sirna cunqursa alagaa fi roorrisaatti hin bullu; ofiin of bulchina jedhee didee fincile. Akka kanaan Raayyaan aadaa tapha faccee (tapha lolaa) Raayyaa keessatti “Wayyaanee” jedhamee beekamutti gargaramanii humna waraana Haayila Sillaasee itti duulchifame of irraa faccisuu jalqaban. 
As irratti waan tokko wal yaadachiifnee darbuun barbaachisaa dha. Innis seenaa Tigrooti har’a “Qaddaamaayi Wayyaanee” jedhanii akka seenaa Tigraayitti himatan seenaa finicila diddaa gabrummaa Raayyaa fi Waajiraat bara 1942-1943 ture dha. Namooti muraasi kaaba Tigraayi irraa aangoo bubuutuu barbaacha sirna Haayila Sillaasee irratti dallansuu xixiqaa qaban gara finicila kanaatti kan makaman fincilichi jalqabee lola barbadeessaa hedduu keessa erga darbee turanii ti. Inumaahuu namooti maatii gita bittuu Tigraayi keessaa booda irra dhufanii Fincila Raayyaa fi waajiraatitti makaman sochicha nuti hooggannu malee jedhanii adeemsa qabsooo Oromoota Raayyaa fi Waajiraatitti gufuu ta’an. Dhuma irratti akka sochiin sun injifatamuuf sababa kan ta’e keessaa tokko nam-tokkee kaaba Tigraay irraa dhufan, bolola aangoo qaban, kana ta’uu seena barreessitooti ifatti ka’anii jiru.

Keessa keessa sirna Haayila Sillaasee wajjin wal ta’uu dhaan fincila uummataa irratti shira dalagaa turan. Walumaa gala uummati Tigraayi finicla Wayyaanee Duraanii kana keessaa qooda hin qabu jechuutu danda’ama. Inumaahuu Fincila Wayyanee Raayyaa kana dhaamsuuf duula guddaa kan bahe Tigroota. Naannoo Adwaa qofa irraa Tigroota hidhannoo guutuu qaban 30,000tu fincila Wayyaane Raayyaa dhaamsuuf itti duulchifame. Fincila Oromoota Raayyaa bara 1928-1929 deemaa ture ukkaamsuufis humni guddaan kan duulchifame humna kaaba Tigraayi fi kaaba dhiha Tigraayi Waagshum Kebbadee fi Dajjaach Gugsaa Ara’yaan durfaman akka turan barreeffama kana kutaa tokkoffaa darbe keessatti ilaallee jirra. 
Egaa Fincilli Raayyaatti jalqabee gara Waajiraatitti wayta babal’ate mootummaan Haayila Sillaasee baarragee “ Tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhanna” jedhee daadhadachuun humna addaa “Qillib Wattaaddar” jedhamu gurmeessee bobbaasuun Amajji 11, 1942 Oromoota kaabaa irratti lola bane. Bakka lolli kun itti jalqabes naannoo Qaalim haa ta’u malee inni guddaan naannoo magaalaa Qobboo laga Hormaat jedhamu irratti ture. Walitti bu’iinsa laga Hormaatitti ta’e kana irratti loltooti mootummaa irraa ajjeefaman 9 oggaa ta’an kana keessaa loltooti sadii(3) Engilizoota. Aarii kana irraa xayyaara Englizii gargaarsifatanii magaalaa Qobboo fi naannoo ishee boombiin tumanii uummata nagaa hedduu fixan. Finicla Raayyaa gaafa duraa keessatts Dajjaach Mashashaan sababa nama koo tokko ajjeeesan jedhuun naannoo magaalaa Qobbootti ijoollee, jaarsa, dubartii dhiira utuu hin jedhin Oromoota 1200 fixuun isaa ni yaadatama.

 Mootummaan Haayila Sillaasee diddaa gabrummaa Oromoota Raayyaa fi Waajiraati akka hojii shiftoomaatti dhiheessuuf yaaluunis ni ture. Sochii uummatoota Ollaa irratti xiyyeeffate dha ittiin jechuun uummatoota biro keessaahuu Afaarota Raayyaa fi Waajiraati irratti kakaasuuf baayyee tattaafate. Har’as Wayyaaneen tooftaa qoqqoodanii bituu kana gargaaramaa akka jirtu ifaa dha. 

Mootummaan Haayila Sillaasee fincila Raayyaa fi Waajiraati ukkaamsuuf humna namaa 30,000 ta’an Tigraay irraa, loltoota 5000 ta’an immoo Finfinnee irraa dabalataan ammas naannoo Qobootti bobbaase. Uummata kana jilbeenfachiisee galaa waraanaaf loon 50,000, meeshaa waraanaa 50,000 fi qarshii Xagaraa(Maria Theresa) 40,000 irraa sassaabuufis karoorfatee haleellaa waraanaa bal’aa irratti bane. Dhiifama waan jedhamu tokko illee akka hin jirre tarkaanfii hammeenyaa fudhatama ature irraa hubatamaa ture. Haa ta’u malee Oromooti Raaayya fi Waajiraati bookkisaa fi daadhuu mootummichaa tokko illee qemqem hin googne. Caamsaa 22, 1942 Mahonii, naannoo Ambaalaageetti dhihoo bakka Baagunaa jedhamutti lola sa’aatii dheeraaf ta’e irratti loltoota mootummaa hedduu ajjeesanii baayyee madeessan. Waraanni Tigrticha Abbaayi Kaahisaayi jedhamuun durfamus lola ittisaa Raayyaa fi Waajiraati taaisaniin akka malee haleelamee injifatame. Dajjaazmaach Abbaayi Kaahisaayi dabalatee qondaaloti mootummaa baayyeetu booji’ame.

 Fincilli Qaaliim fi laga Hormaat irratti jalqabe akka ibidda saafaa boba’ee hanga Qobboo, Dayyu, Ibbo, Machaaraa, Mahonii, Carcar, Waajiraat, Boora Saalwaa, Saamire, Hinxaalloo-Waajiraat fi kkf dhaqqabe. Karaan Waldiyaa irraa jalqabee hanga Kuyyuutti jirus finciltoota Raayyaa fi Waajiraatiin dhuunfatame. Oromooti Raayyaa fi Waajiraati akkuma ol aantummaa waraanaa mootummaa irratti argachaa dhufaniin caasaa bulchiinsaa kan ofii isaanii diriirfachuu eegalan. Jaarsolii biyyaan kan durfamu bulchiinsa uummataa naannoo naannootti ijaarrachuu isaanii labsatan.

 Mootummaan Haayila Sillaasee lola marsaa biraa Raayyaa fi Waajiraati irratti banuuf ammas Hagayya 26, 1943 waraana ministeera Ittisaa yeroosiin durfamu itti bobbaase. Waraana kana kan dursan qondaalota Englizii 34 fi qondaalota mootummaa muuyxannoo gahaa qabu jedhaman hedduutu keessatti argama. Akka kanaan lafooti Maayicawuu fi Wuqiroo gidduu jiran dirree lolaa ta’an. Oromooti Raayyaa humna mootummaa guddaa itti bobba’e kana cabsanii hanga Maqaleetti guggatan. Naannoo Maqalee bakka Indaayasuus jedhamu to’atan. Qondaaloti mootummaa Maqalee turan wayta baqatan Oromooti Rayyaa fi Waajiraati magaalaa Maqalee guutummaatti to’atan. Achi irraa Ambaalaage to’achuuf gara kibbaatti socho’an. Yeroo kana ture kan Tigrooti muraasi kaaba Tigraayi irraa fincila Raayyaatti makaman. Lola Amabalaagee kana irratti waraanni Englizii cibraa tokkotu mootummaa bira dhabbatee lole. Ajajaan cibraa Engilizii kana hoogganu Leetnal Koloneeel Black jedhamu dabalatee loltooti mootummaa fi Engilizii hedduutu ajjeefame. Booda humni dabalataa waraana Inglizii cibraan 6 qondaala waraanaa Leetnaal Koloneel Gaaring Johanson jedhamuun hoogganamu Fulbaana 20, 1943 Ambaalaagaatti duulchifame.

Haa ta’u malee Raayyaa fi Waajiraati, osoo diinaaf hin jilbeenfatin humna guddaa madaafaa fi moortaraan lolu dura dhaabbatanii hanga dhumaatti lolan. Lola guyyaa sadiif ture kana irratti loltoota Inglizii fi mootummaa Haayila Sillaasee irraa 84 ajjeesanii 62 madeessan. Ajajaan waraana Inglizii L. Koloneel Gaaring Johanson warra madaa’e keessaa tokko dha. Ammas namni Jeneraal Abbabee Daamxoo jedhamu mootummaan humna dabalataa akka erguuf gaafate.

 Haayila Sillaaseen fincila uummataa humnaa ol itti ta’e dhaamsuu wayta dadhabetti uummaticha qoqqooduun akka dabarsanii wal kennan gochuuf baayyee tattaafate. Phaaphaasin amantii Ortodoksii yeroosiis mootummaa bira goree finciltoota abaaruun waraqaa facaase. Hordoftooti amantii Ortodokii finciltoota dabarsanii akka kennan dhaamsa dabarse. Har’as mootummaan Tigrootaa matootii amantii keessaahuu matootii amantii Ortodoksiitti gargaaramuu akka yaalu ifa gala dha. Haa ta’u malee yeroo sanatti Oromooti Raayyaa fi Waajiratati olola, doorsisaa fi sodachisa mootummaa waiyttuu hin lakkoofne. Lolli hanga Fulbaana 30, 1943tti itti fufe. Onkoloolessa 6, 1943 lola saatii 8iif deeme irratti xayyaarri Ingilizii boombii tokkoon tokkoo isaa paawundii 40 miijanu 116 loltoota Raayyaa fi Waajiraati irratti harcaase. 

Oromooti Raayyaa fi Waajiraati akka mootummaa sanatti gargaarsa biyya alaa hin qaban ture. Meeshaa isaan ittiin lolaa turanis boodatti hafaa ta’uu caalaa rasaasa bakka irraa guuttatan hin qaban. Galaa fi wal’aansas akka loltoota mootummaatti hin argatan. Kanaaf deemee deemee injifatamuun isaanii waan hin oolle ta’uun beekamaa ture. Kanaaf diina qawwee qabatee nu lolaa jiru dura dhaabbachuuf dhiheessii meeshaa waraanaa fi wannen lolaaf barbaachisan guuttachuun barbaachisaa akka ta’e seenaa fi muuyxannoo darbe irraa barbachuun barbaachisaa dha. Har’a dhimma cimaa Oromoon dursa kenneefii irratti marihachuu fi irratti xiyyeeffachuu qabu karaa itti ijaaramee humna waraanaa fi meeshaa lolaa madaala humnaa amma jiru jijjiiruu danda’u itti horatu irratti yoo ta’e dhuma irratti injifannoon kan keenya. Kun ta’uu baatee Warraaqsi bilisummaa Oromoo amma deemaa jiru injifatamnaan balaan uummata Oromoo irra gahuuf deemu guddaa fi haalaan suukanneessaa akka ta’u asumaa achi tilmaamuun nama hin rakkisu. Erga injifatamnii booda balaa , gaaga’amaa fi adaba Oromoota Raayyaa fi Waajiraat irra gahe kutaa sadaffaa fi isa xumuraa barrefefama kanaa keessatti itti deebi’a. 


Injifannoo Uummata Oromoof


Tulluu Caalii

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved