Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Tokkummaan Dhaabbilee Oromoo yoom Dhugoomaa?

Tafese Nega

 Dhaaboleen siyasa Oromoo karaa kamiinuu yaadanii maaliif tokkummaa uumuu dadhabanii? Yaada jedhu kaastee mariif dhiyeessuu keef ulfaadhu. Duraan dursee na Oofkalchaa!
Dhaaboleen maqaa Oromoon ijaarama hundi rakkina uummata oromoo hiikuuf ijaaraman moo, rakkina matasaanii hikkachhuuf? Dantaa saba keenyaaf moo, saba kaanii guutuuf ijaaraman? Kun ifa ta’uutu irra jira. Biyyoota biraa keessatti waan biraaf ijaaramee, yeroo isaa eggatee, saba isaa kan bilsomse ni jira. Fkn Jeneral Dudayve waraana humna qillensaa Russia ture, boodarra checheniyaa bilsoomse. Inni biyyaa keenyaa garuu sadarkaa kanarraa akka hin geenye kichuutti ambisu. Yaaduufillee ni dhorku. Sammuu adoochu. Xiinsammuu cabsu.

Dhaaboleen maqaa Oromoon ijaaraman, dhuguma mataa isaanii ka’anii, ta’anii, gaaffiin quuqamaaa itti dhagahamee yoo ijaaraman, maaliif dhimma uummata Oromoorraatti tokkummaa dhaban? Kunis deebii argachuu qaba. Ka’uumsi isaanii mirga uummata Oromoo eegsisuu/kabachiisuuf/ yoo ta’aate, waanni tokkummaan gurmaayuu isaan dhorku hin jiru. Keessa isaaniitu dhibee qaba. Manafestoo isaanirratti qofaa barreessanii nu joonjessuu barbaadu. “ Gubataa Marqaa Hubataatu …” jedhu mitii?


Duraan dursee dhaabni siyaasaa kamiyyuu mirga ofiin of gaggeessu qabaachuu qaba. Fedhiifi dantaa uummata dhaabbateef waliin deemuu qaba. Yoo walabummaa hin qabnee gara itti ajajanitti nanna’a. Gara itti garagalchanitti garagala. “Qixxaa eelee sibiilaa guubbaa…” Waanta jedhi jedhaniin jedha. Tokkummaan jaarmiyaa Oromoo akka dhufu taasisuurraatti ni danqa.
Dhaabni maqaa uummatachaan ijaraman, dhaloota dhiiga sabchaa qabaachuun dirqama. Addunyaa qaroomte keessatti dhimmi kun fudhatama dhabuu danda’a. Fakkeenyaaf:-dhugaa/haqa/ saba tokkoo yoo conqoladhuu namoonni argan irratti hirmaachu waan dandaa’aniif. Idolojiidhaan tokko ta’uu qofaan kan qabsaa’aan ni jiru. Fkn:- cheegoveera fa’aa fudhachuu ni dandeenya. Garuu akka qabatama biyyaa keessa jirruutti sadarkaa kanaarraa hin geenye. Yeroodhaaf maqaa sabchaa golga godhatanii qabsaa’anillee, turanii bulanii garagaluun harka lafa jalaan sabcharraatti shira hojjau. Dantaa saba keenya eegsisuuf osoo hin ta’iin doomsisuurratti bobba’anii argamu. Akka dhaaboleen siyaasa Oromoo waliif hin galle qotanii warri awwaalan isaan kana.


Dhaabni Kaayyoofi mul’ata dhugaa ta’e qabatee, miseensa kaayyoofi mul’ata qofaan ijaaruu dhiisuun, mala summii habashoonni nuuf moggaasaniin, wal ijaaruutu baayyata. Fkn:-Laga. Miseensoonni dhimma akkanaan ijaaraman kaayyoofi mul’atarratti cichanii dhaabbachuu hin danda’an. Gaafa dantaan dhuunfaa jala tuqame irraa baqachuufi garee isaa qabatee diigutti fiiga. Jarreen akkaanaaf tokkummaan isaaniif hin galu.
Dhaabni Kaayyoofi mul’ata dhugaa ta’e qabatee yoo laga qofaan waan amanu taa’aate galama gahuu hin dandaa’u. Dhaaboleen Oromoo akkaa tokkuummaan walitti dhufanii rakkoo oromoo maqsuurraatti gufuu ta’a. Maaliifuu dandeettiisaan ala waan isaa hin malle argateef yoo tokkummaan walitti dhufan dantaa dhuunfaa koon dhaba jedhanii yaadda’u. Ofii jaamanii tokkummaa jaamsuuf roora’uu.


Waanti guddaa tokko, uummata Oromoo ilaalchisee ilaalamuu qabu keessaa: sabalammiin biyyaa ityoophiyaa jiran hedduu uummata Oromoo sababa hin fakkaanneen sodaatu. Sodaan ammoo diinummaatti isaan geese. Dantaan isaanii guddaan lafa Oromoorraatti hundaa’ee waan jiruuf ilaalcha faallaa Oromooti hojjachaa jiru. Fkn:- Oromoo 150,000 lafa bal’aa waliin saba 30,000 lafa hin qabneef kennamee jiruuf soda egeree keessatti kufanii jiru. Halkaniifi guyyaa tokkummaa sabchaa booressuu, diiguurratti aarsaa barbaachise hundaa kaffaalaa jiru.
Bal’achuufi waggaa dheeraaf qoodamee bitamuun uummata Oromoo barsiifata badaa hedduu of keessatti magarseera. Amantiin kanaaf shoora guddaa gumaachaa hjira. Oromoo haadhoo foon isaa dhiisee alagaa waliin shimaanuun jaalatu. Akkasumas, waliif ajajamuurraa, alagaaf ajajamuu, goota ofii faarsuurraa ajeesisee, kan alagaa faarsuu, wal gorsanii karaa walitti agarsiisuurra, wali goomachuun alagaafi hayyallaatti wal kennuutu ni mul’ata. Hangi tokko hanqina beekumsaa waliin wal qabata. Kunis tokkummaa fiduurraatti alagaaf bobaa qobsee qilleensa waanta naquuf rakkoo tokko.


Rakkina yeroof harka laachuunis bal’inaan mul’ata. Kaayyoo ijaarameef itti amanee gaggeessuufi aarsaa qabsich gaafatu kaffaluuf of qopheessuu irraatti hanqina guddaatu jira. Ilmaan habashaa kan qaroomaniis ta’ee, kan hin qaroomiin dhimma kanatti fayyadamuu waan baraniif haadhanii barbaadu. Rakkoo yerootiin karaarraa dabsu. Kunis balaa’a tokkummaa fiduurraatti.

Dammaqiinsi saba keenyaallee hanga tokko rakkoo qabaachuusaa ilaalamuu qaba. Maqaa amantiin Oromiyaa keessa faca’ee durirraa kaasee sammuu uummataa fajachee, jaanjessee, qoodee qoochisee, bitiinsa gad aantummaaf karoorsee kaa’eera.


Karaa biroon rakkooleen armaan olitti eere Oromoo, Orommummaafi Oromiyaa bakka yaadan hin geessisu yaada jedhu hin qabu. Rakkinaa, salphina, dararrii, ajjeechaa, hayyoonniifi dhaabileen siyaasa waliigaluu dhabuun mirgaafi dantaa uummata oromoo ni quucarsa malee doomsee hin hambisu! Kan Oromoo ol garboome, biyyoota meeshaa xiqqaa hanga nuclear hidhattee rakkoolee akka keenyaa armaan olitti, eeraman baatanii bakka garaa isaanii gahan hedduu caqasuu ni danda’ama. Fkn: Chechnya yoo fudhanne Russia waliin, Vietnam- America waliin, Sudaan kibbaa vs Sudaan kaabaa waliin….

Walumaa galatti, Rakkoofi sababotaan armaan olitti ibsi ilaalcha dhuunfaa/haqina beekumsa /koo ta’uu danda’a. Namoonni hubannoo, muuxannoo, bekumsaafi qo’annoo dhimma kanarraatti qaban yoo yaada dhiyeessan of ilaaluu nan danda’a. Kanaaf dhiifatama durseen gaafadha.
yi~��

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved