Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Oromoon Keesumma Simatee Jirachisuun isaa Abba Biyyuma isaa dhabsisuu hin qabu.

19/7/2016

Siyaasaa Dhoksaa irra gara siyaasaa Iftomina geggesuti ce’uu qabna.

Biyya iftominaa keessa jirracha soba fi malamalltumma biyaa keenyatti babalisuu hin qabnu. Iftoomi fi mara’iin kan jirachu qabu Oromoo giduti.

Abbootiin Amanta, Ogannoon siyaasaa, Aktivstoon Oromoo, Median Oromoo waan beeku qabdantu jira. Hormi yeeroo Oromoo ajeessa jiruu fi ajeesuuf qoopha’uu jiruu kanati basasa Oromoo tatani hojeechuu qabduu malee Oromoo basasuu hin qabdan. Amharii fi Tigiren  akkuma Abootii isaan waggaa 150 durati yaaduu malee demokrasii inni isaan jeedhan soba, demekiras fi jijjirama fiduuf qoophi miti. Kanaafuu isiin jara amantani saba keessan irra achii gala hin galiina. Amharsi Tigirensi Finfinne kan keessan miti nun jeecha jiru, utuu ijooleen Oromoo akkasi falmatee du’aa jirtu. Amhari lafa Oromoo irratti dadalatee jirati, soromtee har’a meeshaa bitate Oromoo lafa isaa irratti ajjeesuf qoophii irra jirti Tigirensi akkasuma.  Kun maliif isin Oromoof hin galuu kanaaf walti himuu qabna. Habasha waliin hariroo hanga qabatanti isiin qeequu hin dhifnuu habasha lagada.

Siyaasii iftomina hin qabne ni bada. Siyaasaa baranee fi siyaasii hojjeetama jiru tokko miti, ykn jijjiruu qabna ykn wara seera siyaasaa seera mata isaaniti jijjiranif dhifnee keessa ba’uu qabna. Addunyaa kana irratti siyaasii hojjeetama jiru siyaasaa sobaa male isaa dhugaa miti.  Biyyoolen Akka Iraqi, Libya, Syria, Yeman kan diigama jiran siyaasaa sobatin. Namatuu sodaa dhisee dhugaaf falmachuu dadhabe, dhugaaf dhabatee gatii fi warreegama isaa kafachisuu fudhachuu sodaate jira. Mee enyuu namni keessi kee sodaa hin qabnee, Oggani Ango isaan gadii dhisa jeedhe sodaata, Miseensi ammo Ogannatu na dhekama jeedhe sodaata. Maliif sodaatuu? sababin isaa waan seeran ala argachuu barbadan dhabuu maluu. Waan hunda shakuu irra waan shakkani fi waan of egatan beekuu dha malee muka fi bala shakani waan umatati dubatamuu qabsuusi dubachuu sodatan siyyasa adeemsisun hin dandamuu, siyyasi dhisii daldali iyuu risk qaba, iiciti egun waan birrati iftoomini waan birrati kun lamaan wal dhituu hin qabu. wayee iftomina yeeroo birra bareefama of dandayee dhiyeesuu yaala.

Barreesa siyaasaa Bahailu Girma siyaasii dargi iftomina hin qabuu iftomina qabachuu qaba jeedhe. “ Garaan Tigire fi karan Mistiwaa tokko” jeedhe iftominii hin jiruu waan hundi dhoksaadha kun siirefamuu qaba jeedhe warreegama kaffale.  Abdi Fiixe ammo torban darbe እንታገልላሃለን በሚሉት ህዝብ ጀርባ ላይ ተንጠልጥለዉ ተዝቆ ወደማያልቀዉ ሀብት ለመሸጋገር የሚታገሉ ታጋዮችን አፍርተናል:: … ' ተቃዉሞ ያለዉ የሚታገሉለት አላማ በሀብታቸዉ ልክ ወይንም መጠን መሆኑ ነዉ:: የግል ጥቅማቸዉ ላይ ተመርኩዘዉ መንቀሳቀሳቸዉ ነዉ:: ይህ ደግሞ ዛሬ ባይመስለንም ነገ እንደ ህዝብ ትልቅ ዋጋ ያስከፍለናል:: ከመንግስት ባለስልጣናት ጋር በጀርባ በር እየነገዱ ከፊትለፊት የሚቃወሙ ፖሎቲከኞችን ሳይ ከደሞኞቹ ባለስልጣናት ይልቅ እነዝህ ሰዎች ናቸዉ የልብ ህሜምን የሚቀሰቅሱት:: jeedhe barreese kun waan gudadha. Namni sodaan qabamee waa barreesuu fi waa qeequu dhiseera, ykn ammoo inni bareesuu danda’uu fi beekuu iyuu malamalltuman qabamee yakka dalagamu barreesuu dhiseera. Namni Wa’ee Oganoota keesumatti wa’ee Abbooti Amanta fi waan amantan walqabatee bareesun akka waaqayyo balaleefataniti ilaalani sodaataa jiru.  Mika’el Gorbachoof Mootummoon USSR iftomina hin qaban iftomini dhufuu qaba yeroo inni jeedhe warii kan immoo iftomini ati jeetu kun yoo dhufee USSR ni diigamti jeedhan USSR haadigamtuu malee iftomini dhufuu qaba jeedhe, akkuma jeedhe Iftomini Gorbachf USSR diige biyya 15 goodhe. Kara caaben hayyatuu malee sodaa of irra molqani  dhuga dubatan (barreesan) warreegama kaffalu wayya.

Dhaabbilee impayera Ethiopia keessati hundefaman tokko ilee iftomina of keessa hin qaban, miseensa isaanfi saba isaanfi deggertoota isaanf iftomina hin qaban, waan dabatan fi waan hojeetan adda addaa, waan oganii olanan beekuu inni itti anuu hin beekuu, siyaasaa geggesa jiran  dhaloota itti anee dhufu of jalati barrsisa fi leenjisa gudisun hin jiru, yoo inni gudachuuf caaraqee iyuu mata keessa gadii rukutuu ykn tabela sobaa itti maxansan siyaasaa ala goodhu. Barumsa siyaasaa fi Mulata dhaabbaa ilee siiriti hin barrsisan. Erga gaafa barreeffametti deebisee namni ol fudhee ilaaluu hin jiru. Baqatoota qoofatuu kees isaaf jeecha Europa erga ga’aan booda kayyoo dhaabba isaan biyyati bilbilan gaafachu egalu. Ogannichuu kayyoo fi tarsimoo dhaabba bareefame sana siirti hin beekuu. Dabbalootii bayeen falaa kayyoo dhaabba isaan kan hojeetan kanaaf.

Dhaabilee Ethiopia keessa fi alati dhalatan hundi demokrasi geggesina jeedhu, kan Oromoo ammoo siirna gadaa deebifna Oromoo uummaman demokratawadha jeedhu. Waan isaan hojeetan ammoo falaa demokrasi fi falaa  siirna gadaati. Gaafa Paarlamaa Ethiopia Seenuu bara 2005 waggoota 8 ykn Paarlamaa yeroo lama caalaa filatamu hin qabnu siirna gadaa egsisuu qabna jeene wadaa waliif galee jira, bareengada yeroo  paarlamaan yeroo lamaffaaf bara 2015 filatamu unni ilee dukka ittigaafatamuma keenya gadii dhisu akka qabnu Gummi Paarlamaa Oromoo keesa ka’ee ture, hagudatuu haaxinatuu angoo fi ittigaafatamuma qabnu dhaloota dhufuti dabarsu qabna jeedhe kan yaada dhiyeese Abiyot Kebede Shifraw jeedhama. Mootumman, Paarlamaan, Oganni kamiyuu term ykn yeroo lama caalaa filatamuu dhisuun fi humna haraa jijjiruun garidha. Waanin barreeffama kana egaleefu inni gudan lammiilen Ethiopia Oromoo dabalatee keesumatti kan biyya ala jiru of isaati biyya Iftoma, biyya malamalltuman hin jiree ta’ee iftomina fi haqaa biyya isaati geesuu dhisee sobaa fi malamalltuma ergamtuuma biyyaati galcha jira.

Namni kan waaqayyon sodatuuf Ganata galuuf jeedhe sodaata, cubuu hojeecha olee  walda amanta deemee lafa dhahee gangalatee kadhata. Ganati dhugama jira? jeedhe yaaduu fi gaafachuu hin feedhu, erga jira ta’ee ammoo maliif durma cubuu hojeechu irra of hin qusadhu jeedhe hin yaaduu, sababin isaa Qeesootatu soba, Oganootatuu amantatuu yakkaa hojeeta, uummata saama, saamsisa fi ajjeesisa turan gaafaa angoo irra bu’an walda amanta dhaquu, Ogannoon ESPA dargi turan harki caalaan isaani haraa sheeka fi luba ta’aan, warii kun duri waaqayyoo hin jiru jeedhan sabaa barrsisa turan maqaa isaan waliin ibsuun ni danda’ama. Ogannoon TPLF akka Tamirat Layine fi Zelalem Jemanhe faa ilee gaafa Angoo irra darbaman ganamuma isaa waaqa fudhachu isaan labsan, dursan yeroo saama fi saamsisa ajjeesisa turan malif hin fidhanee maliif cubuu irra dursan of hinegne? isaanumatu deebisuu qaba. Yakka kana hunda erga hojeetan booda mana waaqayyoo galuu yaadun ammoo achii iyuu malamalltuman jiramoo atamtti yakkaman ganataa gala nama jeechisisa kun amanta xiiqeesuu dha

Oganoota siyaasaa mormitota caalaa saba keenya burjajeesa fi diinaf jilbenfachisa warii jiran abbooti amantatti. Wa’ee amanta yoo dubate ykn barreesite inni dhimmi isaa ilaalatuu ykn fira isaa ilaalatuu hundatu funyan dhita’aa, yoo barbade funyan kessan haacitu malee wara siiyaasaa qoofa qeeqaa abooti ammanta haatu fi ergamtuu hin qeeqina kan jeedhu seeri hin jiru, Waaqayoo haqaaf hin dhabatiina hin jeene, waaqayoo wara dhiiga daimanif dubartoota dhangalasu waliin dhiichisa hin jeene. Dura qeeqamuu fi balalefatamuu kan qaban utuu barumsa fi gorsa waaqayoo beekani, badhadhina fi bashanana lafa irran hawwataman mootoota nama ajjeesanti warii harka ladhatan abbooti amanti. Namoota biyyaa Europa fi USA deeman wa’ee amanta barrsisan sheekoota fi luboota keessa harkii hedduun ergamtoota wayyane ta’uu isaan maqaa isaan waliin ifaa goochuu dandeenya, akkuma isaain qabsoo saba burjajjeesuuf namni isaan ergee jiru, nu ilee nama isaan erge keessa nama qabna. Luboon akka Gudina Tumsa, Dezmoon Tutu kkf mirga sabootaf kan falmatan akkuma jiran maqa amantan qabsoo fi mirga saboota dhamsuuf kan boobafaman bayeedha, fakeenya kana gadiin ibsuu ni dandama.

Amanta biyyaa Ethiopia hojii waaqayyoo hojeecha jiru murasa ta’aa jira, wayyanen amanta hunda akka isheef mija’uti ijracha jirti, basastoota wayyanen boobaftuu keessa harki caalan abbooti amantatti.

  1. Musilima Alhabashi   Melese Zenawi Musilima mata isaa biyyaa Libannosti gurmessun Musilima isaaf tajajjilu ijaree biyyaa glchuu isaa dursee odeefama ture  garuu dhimma kana kan ibsuu documentiin ‘Tigre's secret document on Islam and nations” jeedhu fulii 42 kan na ga’ee 04/06/12 at 8:15 ture. Namni yeroo caalisuu inni kana immoo waan hin beekne nama godha. Yeroodhuma sana Amanta isalama Melese Zenawi diiguuf deema jeene yeroo iyyachu egalu ati ammoo mana malii maltuu amanta musilima keessa sii galchee kkf nu irraatti boba’an dursani kan egalan ergamtoota wayyaneti kan, warii goowan isaanuma ilaalani nuti dulan. Bulee Olee garuu dhugan mulatee Sagaleen keenya haadhaga’amuu jeechuun uummani musilima faalmachuu egalee hanga amma falmata jira. ALhabashi yeroo amma kana TPLF (Hiwahat) ta’ee jira.

2.     Ortodoksi TPLF daabbaloota isaa  USA fi Isreal keessati biyyaa alati duloman takisii Ofan fi kan hin dulomin ilee Areeda gudiifachisee hunda biyyaati galchuun Ortodoksi Amhara diigee Ortdoksi Tigire fi Mootummaa Tigire qoofaf hojeetu  tolchatee. Kessumati filannnoo bara 2005 Ortodokisin dhaabbaa Qinijtin gargaruu isheeti ergasii booda Ortodoksi keessa Oganoota Amhara basan guutuman Guututti Tigiren bakka busan jiru.

3.     Katolikiin Ethiopia duran waan Orotodokisiin jeedhe hojjeeta amasi tanan TPLF amanama ta’ee waraa ijoole Oromoo irratti du’aa murtese kessa jira.

4.     Protestanti wagoota 50 darban sabaa Oromoof ijaa fi gura ta’ee golga ta’ee ilee kara sadi lola ittibanan jiru. Walda Mekane Yesusi Hayyuule Oromoo fi Abbooti Amanta beekamoon utubamee kana laafisuuf Mulu Wangel Jeedhan kan Afaan Oromoo fi Oromoo jibuu itti gudisa jiru, Mulu wangel bakka hundati Afaan Oromoo fi Wara Afaan Oromoon waqeefatan irratti boba’ee, Misooma Waldan Mekane Yesusi Oromiyaa kessati geggesa ture, Mana Barumsa, Hosptaloota fi Kila Fayya akka dadhabuu fi diigamuu irratti hojeechuu egalan, of isaanti maallaqaa Oromoo irra gurani Finfinneti Gamoo gudaa fi ergama diigumsa TPLF geggesuu egalan. Ergamtoon Wayyane kun Mekane Yesusin kufisuu dadhabnan Gadiisa gudaa kana keessa lixan damee isaa ciiruu, summii itti goochun kara 3 itti bobo’an jiru, uummani Oromoo irratti hin damaqini jira, waan Tigiren hojjeecha jirutuu hin hubane. Kan nama dhibbu ammoo Dhaabbileen siyaasaa Oromoo kana utuu beekan bara 2004 irra kasse utuu itti himamuu kun kan keenya ilmaa abaluti abaluu keenya jeechun yakka hojjeetamuu caalisa turan. Nama diinaaf hojjeetuu Firoma fi Antenuma dhisuufn bobaa jala dhokfachun cuubuu dha yakkas. Oromoo Milioona 10 oltuu walda kana waqeefachaa jira uummatichis waaqayyoos ayyanii Gudiina Tumsa ilee Mekane Yesusin TPLF jalati hin kufsuu.  

5.     Waaqeefata bara Maca Fi Tullama Diigamee yeerodhuma sana hojii Mecha fi Tulamaa fudhachuun Oromoo nuu jeedhan namoon mursi Walda Waaqeefata kiloo 4 jiruti halkan fi guyyaa hojjeeta turan, Barratoota Oromoo University Irra qullaa isaan ariataman bakki itti siimataman waayyaa fi nyati mursi keenamaf ture achiti ture, waan ani yaadadhuu Nyatii dhufe hiramuuf waan wal hin geenyef Afaan ka’aa ture ijjoole barratoota Baqale Nedhi, Bulcha Demekssa kkf wara Biden Bituu keessa turan Ani ijoole bakka adda addaati facatee barbade qubachisu irratti hojeechan ture, Waaqeefatati Ansee Ijoole Oromoo kan nu siimate Walda Mekane Yesusu Gulale jiru ture, Luba Dr. Tesgara Hirpho Keesumua dhufe Achi utuu jiru Bilbila ani Bilbile Kasse ani Keesumadha yoo keesumma na caalaa rakkate Waldati baqatee waldan akka keesumesutun kadhadha ergi jeedhe. Na hin beekuu anis isaa hin beekuu Waaqayyootu wal nu qunamsise, Waldan Waaqeefana seeran akka diigamuu kan goodhameef barratoota Oromoo garggaraman gargaruu isheetif qoofa ABO dha jeedhame samame diigame. Rakkon kun dhalachuun isaa ammoo Ijjarama WFDO arifachisee sababin isaa Oromoon bakka itti walga’ee rakkoo isaa dubatuu waan dhabeef.

Kana hunda utuu beekan yeroo amma kana ammoo Diasporan tokko tokko siirna Ethiopiyuama sana deebisuuf Ethiopia deemokrateesuu Oromoon Amhara waliin mariatee malee hin jiratuu jeedhan qabxii marii fi yaada xinxala Habashota gogogoo mediate gura nuu dubacha jiru. Dhaalooti kun gorsa diaspora fi mediatin miti utuu Yesus Kirstosi iyuu Ethiopia demokratesa jeedhe Qubee Generationin hin fudhatuu. Afaan Maliin Ethiopiaf hojjeechuf Ethiopia ta’uu erga Tokkicha Afaan biyyati Amaharnya hin beekne, TPLF Oromoon midha jeete ijoolee Oromoo Ethiopia keessa ala baftee jirti kan hafee lbasachuu qoofa.

Utuu beektuu sodaf jeecha waan siirreefamuu qabuu qeequu dhisuu yakka ykn xiifumaa waan sana dhisuu qabna. Gaafa wa’ee Oganoota siyaasaa qeequu hundatuu gadii ba’aa gaafa abooti Amanta ykn ammoo daladala mootummati hirkatee saba lafa irra buqisuu yoo xiqatee hundatu siiti ka’aa “hin qabnusi hin hadanuusi jeete qaqeen” jeedhan waan itti of sodane yakka sabaa keenya irratti daldalamuu qeequu dhifnuuf tokko ilee hin jiru.  Samiin hacabduu malee dhuga dubachuu sodaachuu hin qabnu keesumatii abba feedhe maliif hin tane nama TPLF waliin dhabatee saba keenyati quba qabuu waaqaa nama ummee yoo ta’ee ilee irra dhesuun hin jiru. Garbuma lafa irratti dabarsa jiru kana caalaa waan nuti dhufuu hin jiru, kara hundan waan hundan falmanee garbuma kana jala saba keenya basuu qabna. Oromoon Bilisoomee malee Oromiyaan walaboomtee malee Oromoon mata ol qabachuu hin danda’uu. Sababin isaa biyyaa isaa keessati lamii lamaffaa ta’ee afaan biyoolessa hin beektuu jeedhamee akka lammii biyya hormatii mootummaa biyyati keessati akka hin hojjeeneef wayyanen Qubee Generation ugurteete jirti siirna kana diigne ijooleen qubee jenereshen kun afaan isaanin biyyaatti bulchuu qabu.

Habasha waliin yoo ta’ee malee waari jeetan, gorsa fi yaada Oromoo irra Habasha gaafi fi deebin media Oromoo irratti dhiyeesitan irra waan gurii Oromoo hin fudhanen nu hin rakisina, Waan habashan isiinti himtee bareesitan xinxala siyaasaa jeetan nuti hin fidiina, Oromootu siyaasaa Habasha dura barate rakkotu akka baranuu nu goodhe ittin sormuuf miti. Kana boode dhabadha isiinin jeena abba feete yoo tatee. Ijoolee Oromootu du’aa jira Finfinne irrati. Amhari isiin fira keenya jeetan ammoo Finfinne kan Oromoo miti, Walqati ilee kan Tigire miti jeedhe dhadanoo bate dhadachaa jira. Nafxanyootni naannoo Cirio, Asallaa waan naannoo Gonderitti ta’een onnatanii of ijaaruuf fiffiiguun irra jiru. Dhaadannoon  Finfiinnen kan Oromiyaa miti jeedhu kun Amhara gatii guda kafallchisa. Siyaasii Amhara fi Qunammmti isaan Oromoo waliin qabatan asii irrati du'aa. Habashan (Amharsi ta'ee Tigiren) Oromoof kabaja hin qaban. Oromoon ammoo isaan waliin mari’achuu qabna, waliin hojeechuu qabna, waliin TPLF buqisuu qabna kkf odeefama jiru, gorsii fi burjajjeesuun akkasi kun Oromoo irra dhabachuu qaba.

Finfinneen kan Oromoo miti erga jeedhan bori Gimbi fi Jimma ilee kan Oromoo miti jeedhu. Jarii siyaasaa hin beekan TPLF lolu dhisan Oromoo irratti dhadachuun isaan kun siyaasaa Amhara keessa TPLF harka naqachuu ishee argisisa. Amhari gaafi haqaa Tigiray irra qabu wa’ee Walkaiti falmachuu dhisan wa’ee Finfinnee waliin walti hidhun isaan siyaasaa Amhara, siyaasaa PG7 hunda balessa, kun siyaasaa miti, ykn TPLFtu Amhara fakkatee kana qoophesee ta'aa Amari fi Dhaabilee Amhara kana irratti ifaa ba'ani Oromoo dhiifama gaafachu banaan sabi Amhara Oromoo fi Tigire giduuti rukutama. Yoo kana hin goone ta’ee Tigiretuu qoophese ta’ee kana enyuma jara saxilan isaan akka hin tanee ibsuu qabu. Lammiin kami iyuu hanga yoonati Oromiyaa keessa qubatee naggaan jiracha jira, naggaan isaan jirachisuun keenya ammoo abba biyyuma nu dhabsisu hin qabu. Kanaafuu Finfinne kan Oromoo miti warii jeedhani fi warii ilaalcha akkasi qaban gutuumaa Oromiyaa  kessa  ba’uu qabu sababin isaa nama yakka raawwatuuf deemuu caalisan ilaalun bala qaba Qeerron Oromoo Polisin Oromiya kana hordofuu qabu.

Amhari Finfinne kan Oromoo miti, Walqati ilee kan Tigire miti jeedhe dhadanoo bate dhadacha jira. Nafxanyootni naannoo Cirio, Asallaa waan naannoo Gondaritti taheen onnatanii of ijaaruuf fiffiiguun jira. Dhaadannoon Finfinneen kan Oromiyaa miti jeedhu kun Amhara gatii guda kafalchisa. Siyyasi Amhara fi Qunammmti isaan Oromoo waliin qabatan asii irrati du'aa. Habashan (Amharsi ta'ee Tigire) Oromoof kabaja hin qaban. Oromoon amoo isaan waliin mariachuu qabna, waliin hojeechuu qabna, waliin TPLF buqisuu qabna kkf odeefama jiru gorsii fi burjajeesuun akkasi kun Oromoo irra dhabachuu qaba.

Oromiyaa keessa hundi qubatee jira Oromoon garuu lafa enyuu irra iyuu qubatee hin jiru, kun heeddu garii dha. Yakka Oromoo irratti geggefama jiru kana gumma ba’uuf salphadha. Daldaltoon TPLF lafa Oromoo irratti daldalacha Oromoo basasan Oromoon caalisee ilaaluu hin qabu. Utuu Tigiren lafa keenya irra warqee fi Boqoloo fi Kudura fi Mudura guratuu Oromoo maallaqa fi Nyata dhabee rakkchu hin qabu, Kitaaba qulquluu Tigiren siiti rabsaa jirtu lafa ka’iiti diina qabeenya kee samee adeema jiru.

Kun isaanti utuu hin xinatiin, Naannoo Oromiyaatti Finfinnee, Magaalota Gugurddoo Godinaalee 18 fi Magaalota armaan gadii dabalatee kan birootii Hojii basaastummaaf kan ramadamaan dhalattoonni Tigiree fi namoonni amanamoon sirnichaa hojii garagaraa jiddugaleessa godhachuun Oromiyaa keessatti rabsamuu beekme jira. Namoonni kunnniin kan ramadaman qajeelloon dhaaba siyaasaa dhoksaan dhiiga Oromootaa dhugaa ture 'Federal Dehininnat & Mereb Agalgilot' kan jedhamuun. Irra caalaan isaanii Baajajii fi Taaksii konkolaachisuu, hojjatoota hoteelotaa, Daldaltoota qinxaaboo, kanneen meeshaa baadhatanii ganda keessa iyyaa deeman, kadhattoota daandii irraa, Maraattuu kanneen fakkaatanii daandii irra deeman,manneen amantaa, manneen barnootaa, afooshaalee garagaraa, IMX, waajjiraalee Mootummaa fi bakkeewwan namni itti baay'atu hundatti kan ramadamanii fi yeroo yeroon kan jijjiramaniidha. Dubbiin tun akkaan yaaddessaa ta'uu bartanii waan naannawa keessanitti hojjatama jiru ija gariitiin ilaaluun tarkaanffii qaamni biraa isaan irratti fudhatu tokkooyyuu osoo hin eegin dursuun yeroo barbaachisu keessatti tarkaanffii laalessaa irraatti fudhachuun wereegama akka kafalchiiftan isiinf dhama jiru. 

Oromoo waraa isaa samme irra samee nyadhu, maliif biyyaa baqate bishan mederteraniya keessatti dhumta, diina lafa kee irra arii’iti nyadhu, Gondoren guyyaa tokkotti qabeenya TPLF hunda mancaftee Oromoo ammoo Maallaqa ilee keessa fudhatee nyachu sodata Warqee isaan samani guratii naqatan Paarlamaa keessati raafan irra fudhachu dadhabee wa’ee hiyuuma bo’aa kun ta’uu hin qabu. Qabeenyii diini Oromiyaa irra horatee fudhatame ittin meesha bitamuu qaba.

Waluma galati Qeeqa kana hunda yeroo barreesinu wal balalleefachuuf miti dogoggra jiru dhoksuu irra siiriti dubatan wal amansisan tokkuman, walamantan qama tokko ta’aan hojjeechuu wayya. Walhamachuu fi wal shakuu irra dogoggra jiru walti himani wal gorfata fi wal barrsisa deemuu wayya. Dhaabbileen Oromoo ibsa basuu irra meesha qeerroon ittin hidhannoo TPLF irra fudhachuuf itti egaltu meesha bituu qabu, warii feedhi qabdan yoo nu garggartan meesha nu bitaan dargaggoon loluf qoopha’a jira sababin isaa furmatii biran hin jiru. Oromoo keessatu Qeerroon caara argateen meesha harka isaa galcachuu qaba. Abootin Qabeenya Oromoo meesha bitadha fira keessanfsi bita, Ijoolee Qeeroofsi Meesha bita hidhachisa guyyaa tokko isiinf kafallama. Qeerroo atiisi  diina sammii meesha bitadhuu harka qula hin du'iin.

Ittii fufa

Oromoon Keesumma Simatee Jirachisuun isaa Abba Biyyuma isaa dhabsisuu hin qabu.

Injifannoon uumataa Oromoof

Getachew Jigi

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved