Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
New
Page 2 home
OPDOn
rakko ini Oromiyya irrati fidee dabaluun salphina. Maal
habaasuuf dhama raasu,
Sagal elmamumus sagaltamni
elmamus kankoo qiraaciidha jette adurreen;
Roobus caamus ijii misiraa
lamuma,
Baballiin ofiif bishaan
ofjala yaaftee dhimmuu nama irraa kutti, Dhungannaa
alagaa mannaa ciniinnaa firaa wayya!!. Alagaa gaafa
kolfaa fira gaafa imimmaanii,
Dhaloonni waliif hingalle
harka diinaatti gala, Ooyiruun
abdatan sanyii nyaatee namni abdatan waadaa nyaate, Simbirri
qalbii hin qabne Oobdii hungulaallii hinqabne keessa qubatti,
Ija laafeettiin obboleessaaf
ulfoofti, Yaa marqaa
siin afuufuun siliqimsuufi, Alagaafi
marqaan keessi qooraadha. Kanneen
armaan olitti tarreeffaman kun mammaaksa jaarsoliin Oromoo oggaa
dubbiin isaan dhibdu kan akka Aarii, Gadda, Tuffii, Gammachuu,
Abdiifi k.K.K.f ittiin ergaa guutuu ittiin dabarfataniidha. Anaanis
dubbii warra keenyaa kanatu nadhibee jennaan aariin garaa kooti qabu
mammaaksa abbootii keenyaa kanaan ergaa dabarfachuuf jedheeti. Innis
dhaaboleen siyaasaa Oromoo tokko tokko saba Oromoof qabsoofna,
bilisummaa Oromoof qabsoofna jechaa, Utuu beekanii mataa isaanii
akka dhaaba siyaasaa Oromoo tokkotti of danda'aanii ijaaramuu
dhiisanii ykn immoo dhaaboolee siyaasaa Oromoo kanneen biroo kan
bilisummaafi walabummaa saba isaaniitiif kaayyoo qulqulluu qabatanii
qabsa'aa turaniifi qabsootti jiran waliin tokkummaa uumanii hawwii,
fedhii, dantaafi biliisummaa saba isaanii irratti dalaguu dhiisanii
ijoollee ilmaan nafxanyaa warra akaakileefi abbootiin isaanii waaroo
garbummaa Oromootti haguuganii waggaa 130 ilmaan Oromoo irratti wal
jijjiiranii lafarraa sanyii keenya duguugaa, qabeenya Oromoo, lafa
Oromoo saamaa, kabajaa dhorkaa, biyya isaa irraatti doorsifamaa,
ajjeeffamaafi baqachaa har'a gahee kanatti, ilmaan faashistoota
habashaa waliin tokkummaa uumanii, utuu saba guddaafi qabeenyaa
guddaa qabanii galtuu ofgodhanii nyaara haaddattootatti maxxanuun
kabajaafi ulfina qabsoo saba isaanii xureessuufi gara dabarsuun,
Oromoo saba guddaa galtuu fakkeessuun alagaatti maxxanuun saba
keenyaaf dhaabbanna, qabsoofna jedhanii ammas saba Oromoo sirna
garbummaa Ilmaan fashistoota nafxanyaaf kaadhimuuf walii gadi
wixifachaa jiran. Kun erga qabsoo Oromoo ganna 40 lakkoofsise galiin
gahuu dhiisanii, dhiibanii harka ijoollee nafxanyootaa warra
qabeenyaa Oromoo ganna dhibboota tokkoofi soddomaaf saamaa tureefi
ammas saamuuf wixxifachaa jiranitti kooluu galan ha'asoo maquma
immeetee itophiyan Oromon dararamaafi ukkamfamaa jiraa.
Kaayyoon jara gimbot 7 fi
fakkaattonni isaanii immoo Akkuma warra isaan duraa maqaa
itophiyawinete isaanin nu ukkaamsanii oromoo saba guddaa
garboomfachuuf malee waan biraaf akka hintaane immammataafi tarsimoo
ilmaan nafxanyaa baafatanii of harkaa qaban irraa baruufi dhaga'uu
dandeenyee jirra. Erga kana ta'ee dhaaboleen maqaa qabsoo Oromootin
daldalaa qabsoo kana ganda diina Oromootti galchitanifi alagaatti
harka kinnitan kun kan akka ADO jedhamu ofii goyyoomtani eenyuun
gowwoomsuuf? Ofi gurguramtani eenyuun gurguruuf? Ofiif firfaariifi
ambaa nafxanyaa nyaachaa eenyuun nyaachisuuf? Gatiittii keessan
irratti waanjoo sirna nafxanyaa baattanii gatiittii madaa gubbaatti
dabaltanii eenyuun baachisuuf? Qabsoo sababa godhattanii biyyatti
galuuf Oromoo gurguraa jirtu yoo ta'eef qabsoo Oromoo qulqulluu gara
hindabarsinaati akkasumatti korojoo keessan qabadhaati biyya
keessanitti galaa lammiifi firri isin komatu tokko hinjiruuti.
Dulloomtanittu waanta'eef qaaniifi saalfii hinqabu qabsoo Oromoo
qulqulluu harka diinaatti gatanii itti maxxananìi galu irra harka
raasaa galaa biyya keessanitti. Dhimma kana irratti ibsa guutuu
yeroo biraan itti dabala.Oromoon nibilisoma.
Oromiyaan ni walaboomti!!!. Gadaa Oromoo
Liban |
|
Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |