Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

“ HOGGANOOTA  QABSOO OROMOO,,,, ”

SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  1ffaa

 

Qabxii kana barreeffamaan wal amansiisuuf yaaluun, amma ciqilee ofii dhungachuu Ulfaachuu ni mala. Mata duree kana irratti yeroo fudhatanii, mari’achuu, wal amansiisuu fi wal dhaggeeffachuun barbaachisa.   Kanaaf yaadoota bu’uraa kaa’een, kan waa hubatees ta’ee , osoo hin hubatiin Umurii isaa guutuu quba namatti qabuu qofaan furmaati tan argamu  itti fakkaate, yaada isaa sirreeffatee, waan hiri’atee qajeelechee, waliin tarkaanfachuuf murteeffachuun ala furmaati biraa akka hin jirre akeekuun yaala .

Hubannoo waliigalaaf:- mata dureen kun, sadarkaa dhuunfaa kaafnee amma sabummaatti waan qindoofnee hojjachuu dandeenyu tokko hololaa fi gumgummii , akkasumas, amma iji keenya ilaaltu qofaa yaadun, qabsoon lafa irra harkifatee isa jedhuuf illee, sababaa ta’uu akka danda’uu hubannee, yaada bu’uraa qaabsiisuu danda’a.  Nama dhuunfaa kaasee hanga sabaatti hubannoo ga’aa akka qabaatu taasisuun, gama biraan, Mooraa qabsoo tokkomsuu irratti hojii hojjatamaa jiruuf bu’uura jabaa ta’aa jedheen amana. Sababaa hololaa fi ofittummaatiin,ykn jette jettee  Namaa fi aariidhaan,  Qabsoo kanaaf kan bu’aa ol aanaa buusuu danda’an meeqatu mana keessatti cufatee taa’aa jira ? Holola qofaan sabummaa isaa jibbee kan halgaaf daboo ba’aa jira meeqa argine ? jibba nama dhuunfaa dhaga’uu qofaan keessi isaa Ummata isaaf  osoo quuqamuu, waan gochuu danda’uu hundaa dhiisee kan taa’ee meeqatu jira ? waan ta’uu wallaaluu irraa, callisee hojii irraa hin tollee kan hojjatu meeqa taajjabaa oolla ? rakkoodha jedhamee kan halkanii fi guyyaa itti himamee fi waan itti himamee adda osoo hin baafannee, abdii kutatee dhihuu fi bari’uu kan lakkaa’uu, isa booda qabsoo boodatti kan harkifatee sababaan kanadha jedhee duuchaatti kan dubbatee dhaloota kasaarsuuf yaalu meeqatu nu quunname ? hundumtuu tokkummaa jechuun ala Tokkummaa hojiin eegaluuf kan isa takaalee jiru, holola akka malee afarfamee jiru ta’uu osoo hin hubatiin, Oromoon gatii hin qabduu jedhee kan abdii kutatee of jibbee meeqa ? har’a walitti deemuuf ija shakkiin kan wal ilaalu, waan hojjatamuu qabu tokko milkaa’uu fi dhiisuu isaa gamanumaa kan shakku meeqatu jira ? odoo hin tattaafannee, hin dhamaanee, aarsaa hin kafallee, hololaa fi ilaalcha hamaa isa keessa jiruun, isa kaan kan gufachiisuu hojii koo jedhee qabatee jiru meeqatu jira ? mee kun hin dhugoomaa ? jedhee kan of shakkaa jiraatu meeqa ? waan siyaasaa mitii, waan wal gargaarsaa keessattillee hirmaachuuf shakkiin kan guutamee garaa duuba miila harkifataa itti deemu meeqatu jira ? barruun kiyya kanaaf furmaata soquu irratti xiyyeeffatti.

Maddi shakkii kanaa furamuu qaba. kana furuuf ammoo, gumgummii fi holola jiru jedhaman walitti qabanii Ummataaf kaasanii mariin balleessuu, miidiyaan barnoota ga’aa laatanii Mooraa qabsoo keessatti tasgabbii uumuuf sochii taasifamu qixaan, Ummata keessatti hojjachuu akka barbaachisu karaa saaquufii. keessa keenyaatti qaama kamiinu haa ta’uu dogoggora yaadaa fi ejjannoo sirreeffannee , Utubaa Qabsoo dhaloota itti aanutti dabarsuu san jabeessuu fi bu’ura isaa hojjachuun akka barbaachisu waan itti amanuuf, mata duree kana kaase. Bara 2016 caalaatti jabaannee human ta’uuf, gufuulee Hawaasa keessa jiran maqisuun hojii keenya hangafaa ta’uu qabaa jedheen yaada. Aadaa Qabnaa ega jedhamee, Aadaa keenya keessaa tokko safuudha. Safuu ofii eeguun hedduu barbaachisaadha. wal dhaggeeffachuu har’a argaa jirru caalaatti jabeessuuf, hegaree keenya cimsachuuf, akkasumas, sochiin amma jiru boodattii akka hin deebinee fi diinni deebitee akka nu hin seenneef, waan walitti deemu nu dhawwan of keessaa baasuuf hundumtuu qooda isaa gumaachuuf waamicha biraa akka hin eeggannee akeekuun kaayyoo barruu kanaa adda duraati.

Jalqaba,,, ejjannoo koo ragaalee hedduu yeroo biraa irratti dhiheessuu danda’uu lama haa dhiheeffadhu.

·         Hogganoonni qabsoo Bilisummaa Oromoo hundeessuu hanga har’aatti waliin jiran geeddaraman malee ykn dhaloota itti aanutti dabarsan malee, Qabsoon kun furmaata hin argatu  yaadi jedhu,  Galma ga’iinsa qabsoo kanaaf furmaata jedhee hin fudhadhu. Sababaan kiyya jalqabaa, kana gochuuf qabsoon Oromoo mataan isaa waan guuttachuu qabu fi sababaan rakkoo qabsoo kanaa ifatti ijaan osoo arginuu, golgaa biraa barbaachuun gonkumaa furmaata akka hin taanee fi tarii Qabsoo Oromoo kana irraa soda guddaa kanneen qaban, bifoota adda addaan Hogganoota Qabsoo kana cichanii qaban kaasanii, kan ofii akka barbaadan dabsachuu danda’an kaa’uuf shiroota gaggeeffaman qalbifachuu dhabuu irraa, dibbee du’aa ofii rukkuchuun, qabsoo kana irratti balaa Ulfaataa Uumuu akka malutu natti mul’ata. Dhalooti itti aanee qabsoo kana dhaaluu hin qabu jechuu kiyyaa miti. haala amma keessa jirruun, Qabsichi mataan isaa, Dhaloota itti aanuutti dabarfamuuf haalli mijachuu qaba..kana mijeessuuf ammoo, yeroo fi sadarkaan qabsoo OROMOO irra jiru mijataa natti hin fakkaatu. Kana jechuun ammas, Qabsoo kana dhalootatti dabarsuuf, dhalooti duraa jalqaba Qabsoo Oromoo keessi isaa akka malee jiru kana tasgabbeessanii, ABO bakkatti deebisanii, kan dhaaluu fi dhaalsiisu giddutti hubannoo ga’aan jiraatee, inni kannus ta’ee inni fudhatu waan guutuu kennuu fi fudhachuu kan xumuramu ta’uu qabaan jedha. Yoo ta’uu baate, narraa haa ba’uun ykn daddaffiin wanni gaggeeffamtu balaa Ulfaataa uumuu akka danda’u.

·         Qabsoo Oromoo waggoota 40 oliif lafa irra harkifachuuf sababaan tarrifamu, hubannoo gadi fageenyaa dhabuu irraa madda malee, sababaa quubsaa ta’uu akka hin dandeenyettan amana. Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti  , Qabsoon kun waan keessa dabree gadi fageenyaan yoo qorannee sababaa dhugaa adda baafachuun akka danda’amu, Ummatis yaada dhugaa kana irratti yoo amanee, abdii kutachuu fi rakkoo keessa ofii furachuuf fala ta’uu irra dabree ilaa fi ilaameef karaa saaqa jedheen waan itti amanuuf , komeen kunis quubsaa mitii jedheen fudhadha. (qabxiilee lameen kana irratti yaada bal’aa ani qabu, gara fuula duraatti dhiheessun hin hafu)

Hubachiisa:-  mata dureen ani dhiheessu kun, yaada adda addaa kaasisuun hin hafu. Kanan isin kadhadhu garuu, qulqullummaan dubbiftanii, ani waa’ee koo fi eenyummaa kiyya osoo hin ibsiin , inni akkasiidhaa jettanii odoo na hin ramadiin, bitaa fi mirgaa ilaaltanii yaada dhuunfaa ykn waloo akka kennitaniidha. Yaada dhugaa irratti walii gallaan , qabsoo OROMOO har’a hundee jabaachaa jiru, dameen isaas akka jabaatu taasifnee GAADDISA DHUGAA kan  Umamaa tolfanna. Aarii fi komee dhuunfaatti nu keessaa danfuun, kan Oromoo hundaati jennee of laaffifna taanaan, Dibaabee Faranjii fi chaayinaan bitannee jirruun Gaaddisa jennee jooraa jiraanna. Kanaaf miira Oromummaa qofaan dubbisaa. Hundeen Tokkummaan yaadaa fi hubannoo tokko qabaachuu irraa madda. Yaadaa fi hubannoo tokko yoo dhaban ammoo , amma irratti walii galaniin waliin tarkaanfachuun akka danda’amu amananii waliin hojjachuu dhaabuu irraa of qusachuun hedduu murteessaadha. Mooraa Qabsoo kan tasgabbeessuu, Mooraa  qaama Siyaasa gaggeessu qofa tasgabbeessuun odoo hin taanee, Ummatichi mataan isaa, hololaa fi yaada afaanfaajjii diinaa fi bitamtootaan facaafame jiru waliif ibsee, hamii fi gumgummii dhabamsiisuun , adeemsa tasgabbaa’aa Ummachuu akka danda’uu akeekuuf ta’uu naa hubadhaa.

Seensa :-

Hogganoota Qabsoo Oromoo yennaa jennu, yeroo hedduu Hogganootuma ABO duraanii fi ammaa qofaan ibsuu yaalla. Qeeqaa fi jabiina yoo dubbannees, isaanuma qofa irratti xiyyeeffannee, qeeqa amma lubbuu nama baasuu dubbanna ykn katabna. Garuu ta’uu hin qabu. Komee qabsoo Oromoo irratti dhiheessinuuf, sababaa nama dhuunfaa eegalee hanga dhaabaa fi sabaatti ka’uu danda’an jiraachuu hubachuu qabna. kanaaf ilaalchi Kun, sirraa’uu qabaa jechuu barbaada. ABOn alatti qabsoo OROMOO kan hogganu akka hin jirreetti ibsachuun dansaadha. Garuu dhaaboonni Siyaasaa kan biraa ykn namoonni dhuunfaa kan biraa daba qabsoo kana irratti raawwatan, Seenaaf keenya yoo ta’ee, Qabsoo keenya akka Hogganuuf kan filanne ABOtti maxxansinee kaa’uu hin dandeenyu. Amantaa irraa qabnu irraa kaanee, Hoggana Qabsoo Oromoo jennee isaan qofaan kan ibsinu yoo ta’eellee, Hogganoonni dhaaba siyaasaa Oromoo tan  biroo,  kanneen gaarii  hojjatanii fi balleessaniif, isaanumatu daafaa isaanii  fudhata jechuu akka hin taanee qalbifacuu qabna.  ABOn dhaaboota Siyaasa Oromoo akka ija midhaanii Biyya keessaa fi alatti heddummaachaa jiran Hogganee hin beeku, Hogganuus hin danda’u . hundumtuu akka dhaabaatti Hoggana Mataa isaa qaba. Qabsoon Oromoo xaliila’ee humna Qabsoo Oromoo waliigalaa sochoosuu danda’u biras hin geenye.

ABO fi Hoggansi isaa, Qabsoo Oromoo Hogganuuf ga’umsa ni qaban. Dhaaboota Siyaasaa Oromoo jalqabaa kaasanii of danda’anii socha’aa jiran yk turan hammatee, Akka qabsoo walii galaatti yeroon itti gaggeesse hin dhaga’amne. kun kan ifaajjii hedduu booda bira geenyudha. Kanaaf hubannoo gama kanaan jiru bal’ifachuun barbaachisaadha. Kana kaasuun kiyya sababaa malee miti. Hogganni ABO Yoo jijjiiramee malee furmaati hin jiru yaadi jedhuu fi Qabsoon OROMOO lafa irra harkifatee jedhamee komee tarrifamuuf, warrumti qaama qabsoo kanaa ABOn ala ta’anii, booda irra qabsichatti gufuu ta’an akkasumas, dhaaboonni osoo beekanis ta’ee odoo hin beekiin qabsicha miidhan waan jiraniif, kana jechuun ammoo, Qabsooma ABO iyyuu gufachiisaa waan turaniif ,  Komeen ka’uu, abbuma ilaallatuuf galchuun murteessaa ta’uu hubachiisuufidha. Hoggana ABO duraanii fi ammaa duuchaamatti, Qabsoon kun harkifachuu fi rakkoolee biroof sababaa taasisuun kun, Gabatee irratti nyaatan cabsuu  fi dadhabbii Namaa irratti illee bishaan naquu waan ta’uuf ilaallachaa sirbuu wayyaa jechuufi. sababummaaf isaan muuduun dura, waan itti galateeffannuu fi kabajaa isaaniif kenninu dursaa, waan dabee yoo jiraate qajeelchuun akka danda’amuu dhaamuun barbaada.

Qabxiin biraa, gama kanaan diinni keenya inni hangafaa Hoggana Qabsoo kana jibbisiisuu fi deeggarsa Ummataa dhabsiisuuf hololli fi shirri gaggeessuu hanga har’atanaatti bajata ol aanaadhaan gaggeeffamaa waan jiruuf, yoo xiqqaate, komee nuuti qulqullummaan dhiheessinuu fi diinni dhiheessu gidduu garaagarummaan jabaa akka jiraachuu qabu hubachuun dasaadha. Diinni dhaabaa fi Hoggana isaa sadarkaa addunyaattu yakkamaa taasisee dabarsee kennee bara baraan Ummata keenya cabsee fi kan dubbatuuf dhabsiisee jiraachuu barbaada. Komee fi ilaalchi nuuti kaafnu qixuma kanaatti kan ilaalamu yoo ta’ee, of balleessaa jirraa jedheen amana. Diina irraas waan adda itti taanu hin jiraatu . kanaaf meeshaa shira diinaa akka hin taaneef, of  eeggachuun illee barbaachisaa ta’uu hubachuun gaariidha. Diinni keenya shira shiruun eenyuun olitti dandeetti qabna. Shira isaa kana milkeessuuf karaan nutti fayyadamuuf yaadu , karaa gonkumaa nuuti shakkuu hin dandeenye ta’uu ni mala. Kanaaf quuqamu sabummaa keenya irraa kaanee waan goonu hundaa irratti of eeggannaa dabalachuu nu feesisa. Hoggana keenya nuutu karaa barbaachisu qeequu fi sirreeffachuu danda’a malee, karaa diinni nu tolche irraan yoo deemne gonkumaa of utubuu fi of ijaaruu hin taatu. Of dhabamsiisuu qofaa taatii malee.

=Hogganoonni Qabsoo Oromoo , Hogganoota qabsoo addunyaa kana irraa addummaa hin qabaatan. Kan addunyaa mudate isaanini mudachuu danda’a. Dogoggorri Addunyaa kana keessatti arginu isaanis quunnamuu danda’a. badii fi hojiin isaanii addunyaa kana irraa adda ta’ee badhaasa ykn arrabsoo addaa qopheessinuuf hin qabnu. Biyyoonni Bilisummaa isaanii goonfatan waan keessa dabran keenyas keessa dabraa jiru.  Hogganummaa bara baraaf barbaadu osoo ta’anii Ijoollee fi maatii godhachuun irra hin jiru ture. Angoo kanaaf jireenya isaanii dabrsanii kennan odoo ta’ee, dhaloota har’aa diina guggubaa jiru miliyoonaan hin ga’an turan.

=yeroo baayyee Namaan gaashee jechuu jaallannaaf malee, Hogganoota nuuti akka Uffata keenyaa yeroo nutti tolu isaan faarsinee, yeroo nutti tolu of irraa baafnuu kana, wayyaaneen waggaa 25 Angoo irra jirtu kana adda durummaan kan balaaleffattuu fi Angoo isheef yaaddooftu ABO fi Hoggana isaatii . maalii ? nuuti Qabsoon lafa irra harkifamuutti nutti mul’atu kun , Wayyaanee fi diinoota keenya seenaa galmeessetti maaltu mul’annaan , guyyaa tokkof illee maqaa isaa lafa kaa’uu dadhaban ????? Hoggana nuuti irraa ka’an malee jennee golgaa hanqina keenyaa taasifannu kana, Warri dhihaa fi biyyoonni adda addaa maaliif wal ga’ii fi bakka laachuufif hayyamuuf ? wayyaaneen waggaa Angoo irra jirtu kana Ashabbaarii jechisiisuuf Dolaara Biliyoonaan dhangalaasaa odoo jirtuu , Addunyaan lakki dhaabni kun akkas mitii, garuu Kaayyoon isaa dantaa keenya Gaanfa Afriikaa hin guutu malee jedhanii maa deebisu ????mee of gaadhaati irratti mari’adhaa. Ani ammoo kutaa 2ffaa keessatti itti deebi’aa . GALATOOMAA !!!

HORAA BULAA !!!!

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved