Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Haala siyaasa Itophiyaa fi QBO

Har`a haallii siyaasa Impaayera Itophiyaa hedduu walxaxaa dha.Walxaxaa kan isa taasise keesaa tokko humnoota gara garaatu walii isaanii, ofii isaanii fi humna taayitaa qabatee jiru gidduuti falammii deemsisaanii dha. Humnoota kana keessaa humni TPLF, humnooti isa morman waldura dhaabbannoo isaan walii isaanii giduutti geggeesaniif haala aanjawaa uumaaf, ni afarsaafilee dha.Toftaan kunis akka isaan cimanii isa dura hindhaabaneef aanjaa uumaaf. Haga humnooti siyaasaa isa morman kun humna isaanii waL-irratti fixanitti inni umrii bullchiinsa isaa taakkuu tokko achi butata. Rakkoo ofii isaa keessatti qabullee ammasitti qabaneessee toftaa fuula dura isa butuuf ofqopheessa. Haaluma kanaan yeroo meeqa erga sirni isaa laafatee du`e, dhumeef, jedhamee „akkuma Bofi Biyyoo nyaatee kahuu „kunoo deebi`ee humna tahee kahaa jira. Akka kanatti balaa ummata irratti fe`ee jiru kana baachisee gara fuula duraatti haga yeroo hinbeekamneetti deemuu barnbaada. Impaayera Itophiyaa keessatti hunda caalaa kan balaan kun irratti fe`amee jiruu fi gara fuula duraatillee yoo jabaatanii irratti hojjechuu baatan bifa biraan irratti fe`amuuf malu saba oromooti.

Humni TPLF ogaa humnoota siyaasaa meeshaan isa morman kabiroo maqaa „shororkeesituu“ itti maxxansu maaliif humna Tigrootaa isa morman TPDM balaalefachuu fi maqaa „shororkeesaa“ itti maxxansuu dhisse jennee ofgaafachuun hinbadu. Kun tarii „walqusannoo, Tokkummaa fi waltumsa“ Tigrootaa agarsiisa tahinaa?.

Humni kabiraan ilmaan Oromoo fi saboota cunqurfamoo yaadessu humna boodessaa maqaa „Tokkumaa Itophiyaa“ qabatee sosohaa jiruu dha. Humni kun biyyattii bara bittaa H/Silasie tti dugda duuba deebisuuf foolata. Mirgoota eenyummaa kan akka afaan, aadaa, naannoo ofii bulcuu fi maqaa ofiin of-waamuu haga tokkollee yaa tahuu ilmaan cunqurfamoo wareegama guddaan galmeefatan balleesuuf taataafachaa jiru. Humnooti kun akka mormitootaatti biyya keesaa fi biyya alaatillee sagalee tokko dubatu, wal-quba qabu, wal-hubanootu irraa calaqisa. As irratti kan nama ajaa`ibu paartiin EPRDF waliin hojetu ( BIADEN) otuu inni arabsamuu fi itti duulamuu hinagarru. As irrattis „Tokkummaa Itophiyaa“ isaan fedhan ilaalchisee walhubanoon akka gidduu isaanii jirutti hubachuunn nama hindhibu. Humnooti kun ofii isaanirra darbanii saboota biraallee ofjala hiriirsuu fi meeshaa taasifachuuf ogaa isaan tataafatan agara. Hundaa caalaa ammoo kan asirraa hubachuu qabnu humnooti kun walii isaanii dhabamsiisuuf otuu isaan carraaqanii argaa hinjiru. Kana jechuun garaa garumaan gidduu isaanii hinjiru jechuu miti. Dhaaba baayee taahuun isaayuu malatoo garaa garumaa isaanii ti. Garuu ajandaa walfakaataa ummatoota cunqurfamoo irratti isaan qabantu akka wal dandahanii fi walii obsan isaan taasisa. Kana oromoonillee irraa barachuutu irra ture.

Humni kabiraan as irratti kaasuu barbaadu humnoota Oromooti. Humnooti kun dhimma Oromoo ilaalchisee toftaa fi tarsimoo gara garaa qabu. Kanatu humna gara garaa akka sosohaan isaan taasise. Garuu humnoota warra maqaa "Tokkmmaa Itophiyaan“ sosohan caalaa hundee cimaa walitti isaan hidhu qabu. Innis Oromummaa dha. Ummata „Homogeneous“ tahuu isaati. Dhaabolee oromoos akkuma kan warra kaanii bifa mormitootaatin biyya keesaa fi biyaa alaa jiru. Kan TPLF waliin hojetuus akkasuma.Haa tahu malee toftaa qabsoo isaan adeemsisaa jiran irratti yoo kann warra Tigrootaa fi „“Leellistoota Tokkummaa Itophiyaa“ waliin wal cina qabnee ilaalle hir`inna gudaatu mal`ata.Isaan keesaa haga tokko xuquuf:

1.Tarsimoon ilaalchisee: Dhaabi siyaasaa Oromoo hunduu akaataa itti qabsoo Oromoo ibsu “subjective and objective conditions” qabaata. Karaa inni tokko arge inni biraan arguu dhiisuu dandaha.Isa inni tokko fagooti dursee arge inni kaan amoo dhihootuu arguu dadhaba taha. Kana waan taheef daandii inni tokko filate isa kabiraa irratti gufuu taha jedhee hin ilaalu.Tarii tataaffii isa kabiraayuu yoo sirnaan dhimma itti bahaniif ni tumsa malee. Waan hundaafuu murtii xumuraa saba Oromoof dhiisuutu irra wayya . Haala garaa garumaa gidduu keenya jiruu fi qabsoo nuti walirratti geggeessaa jirru kana xiinxaluun taha kan diinoti keenyallee nurratti duula jabeessaa jiraniif. Kanaaf qabsoo akka walooti hojjichuun dandahamu irratti yoo walii tumsine irra fuula duratti hunda keenyayyuu tarkaanfachiisa.

2.Toftaa qabsoo: Toftaa qabsoo inni tokko itti amanee muratee kahe isa kabiraa amansiisuu dhiisuu dandaha. Kun ammo sababa akkuma armaan olitti eere “objective and Subjective conditions” abbaan itti xiinxaleeti waan taheef cubuu miti. Abaan toftaa itti amaneetti jabaatee haa qabsaawu. Inni gudaan sabichaaf qabsaawuu haga tahetti . Karaa koo qofaatu siriidha isa jedhu afarsuu irraa yoo dhiifnee hunduu karaa isaa afaaniin otuu hintaane hojaan qabsaawe wal nu hinlolchiisu jedheen amana. Yoo toftaan inni tokko ittiin qabsaawu firii fide , firrin dhufe sun kan ummatichaati waan taheef hundumaa gamachiisa jedheen fudha. Kanaaf asiraattis wal haa qusannun jedha.

3.Mediyaalee Oromoo ilaachisee: Qabsoo keessatti midiyaan meeshaa gudaa dha.Ummata damaqsa, barsiisa akka isaan ijaaramaniif karaa itti hima. Akkasuma yoo sirnaan itti fayadamuu baatanis ummata afaan faajjesa,ni diiga, abdii kutachissa. Kanaaf meediyaaleen Oromoo dhimma Oromoo gidduu ilaalchisee dhugaa jiru ummata oromootti himuu irratti xiyyeefatanii irra umriis dheeratu, dhageetii guddaas argatu, jabaatu,mediyaa dhugaas tahu..Mediyaan madda ololaa duwwaa yoo taha gaafa tokko ni kufa, kan isa dhageefatu dhaba, ofii isaati haasawee, ofii isaa dhageefata.

Kanaaf mediyaaleen oromoo keesumatti yeroo amma humnooti hundumtuu Oromoo irratti duulaa jiran garaa garummaa dhaabolee Oromoo giduu jiru afarsuun, dhaaba tokko kaabanii kabiraamoo diiguun,Oromoo tokko afuufanii guddisuun isa kaanimmoo xuuxanii huqisuun qabsoo keenya ni laaffisa malee hin jabeesu. Kanaafis akkumka ilmaan warra amma nu bitaa jiranii fi warra dur nubitaa turanii ammas deebi`anii nu bituuf nutti foolachaa jiranii yaadaan waltumsinee akka deemnuuf meediyaaleen Oromoo qooda gudaatu irraa eegama.

Kana malees meediyaan Oromoo kan Oromoo qofaati haaswu tahuu hinqabu. Diinattis haaswuu qabu.Afaan diinaan akka isaan dhagahaniif itti dubbachuu qabu.Mediyaa isaan dhageefatanitti baahanii dubachuu ykns akka isaan dhagahanitti deebii kennuu dandahu qabu. Yoo kanaan achii ofiidhuma keenyatti dubbannee ofiidhuma keenyaaf dhasgeefatnee yoo kan of-gamachiifne ykns of-dallansiisnu tahe hirina gudaatu jira jedheen yaada.

4.Beektota Oromoo : Oromoon namoota baratan hedduu qaba.Isaanis dandeetii isaaniin, beekumsa isaanii yoo kan ofitti amanan tahe “confident” tahan akkuma warra kaanii mediyaa hunduu dhagahu dhiibbatanii seenanii dhugaa jiru namaa ibsuu qabun jedha. Yoo kanaan achii oromoo dhuma gidduuti haasofnee achumatti xumuranna yoo tahe buàan isaa hamma eegamu hingahu.

5.Qabsaawota Oromoo: Ololi jaarmota oromoo fi hayyota Oromoo irratti adeemu nu diiga malee nun ijaaru, nu kuffisa malee nun moosisu, wal nu dhabsiisa malee nun tokkoomsu, yeroo injifannoo keenyaa dheeressa malee hingabaabsu, diinaaf aanjaa kenna malee oromoof miti. Yoo calluma jennee wal irratti duulle takkaa wal mohuu hindandeenyu, garaa garummaa gidduu keenya jirullee dhiphisuuf hindeemnu. Kanaaf warri dhaabolee oromoo eenyumalee haa tahuu irratti duuluu akka qabsootti fudhatan yoo jiraatan hedduu dogogortaniitu of-ilaaluun gaariidhan jedha.

Boruu Beekaa

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved