Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Finfinneen Kan Oromiyaati malee kan Federala miti. Adunya kessati Mootumman Federala lafa qabuu hin jiru. Kana irrati hunda'uudha bara 2005/1997 Paarlamaa Ethiopiati dhiyeesuf wixinee tokko qoophese Paarlamaan Saganta na dhorkatee jeenan bara 2007 yeeron buyya ba'ee wixinee kana Kitaaba koo " BU’AA BA’II QABSOO UUMMATA OROMOO SIRNA GABRUMMAA IRRAA GARA BILISUMMAATTI" keessati bakka keenfin fula 503-538 irrati bareefamee ture. Kitaabi kun wagoota 7 booda bara 2014 keessa gulaalamee Finfinnee keessati maxanfamee jira. Finfinnee, Deredawa fi Hararin Oromiya jalati buluu qabdi malee seera ittin Federala jalatii bulan hin jiru. Oromoon kana yoomi ilee mariiti dhiyeesuu hin qaban, Finfinneetuu Oromiyaa irra Fayida gaafachuu qaba ture.

Gutuu isaa "Bu'aa Ba'ii Qabsoo uumata Oromoo sirna Garbummaa irraa gara Bilisummatii " fula 503_538

8. Finfinneen, Dirre Dhawaan, fi Harariin kan Oromiyaa akka ta'u labsuu.

Finfinneen, Dirre Dhawaan fi Harariin itti waamamni ishee kan Oromiyaa ta’uu isaa labsii fooyya'insaa dhiyeessuu. Magaalonni kun afran lafa Oromiyaa giddugaleessa irratti argamu. kana irrayyuu darbee Finfinneen ganda qotee bulaa 30 ol of jalatti qabattee, Diree Dhawaan ganda qotatee bulaa 83 of jalatti qabattee, Harariin aanaa tokko hundumaa of jalatti qabattedha.

 

Gandooleen qotee bulaa kun lafa irraa fudhachuuf of jalatti qabataman malee deeggarsa tokko illee Magaalota kana irraa argachaa hinjiran. Abbaa dhabanii, abbaa irreen qabeenyi isaanii saamamee eenyummaan isaanii badaa jira. Waan nama dhibu keessaa waliigaltee Kumaa Dammaqsaa Perezedaantii Oromiyaafi Tafarraa Waaluwwaa, Kantiibaa Finfinnee gidduutti mallatteeffameen hojjetoonni Oromiyaa waggoota 15 guutuu gara Finfinnee jijjiiramuu dhorkamuu isaanii irra iyyuu dorgomaniillee akka hinqacaramne godhanii ture. Karaa biroo immoo hojjetoonni Oromiyaa Mootummaa Federaalaa keessaa guutummaan guututti ba’anii akka gara Oromiyaa deeman dirqisiifamaa turan. Oromiyaan Teessoo Mootummaa Federaalaa ta’uun isheefi abbaa lafa Finfinnee ta’uun ishee faayidaafi waan hunda dursaa argachuun utuu ishee maluu, garuu dhimma isaa faallaa ta’ee Oromiyaa Masara Mootummaa Feederaalaafi Bulchisaa Finfinnee keessaa hirmaannaa tokkollee akka hinqabane godhamuun isaa yakka. Dhimma kana akka qoratan itti gaafatamummaa kan fudhatan itti gaafatamaa waajjira Dargaggootaa tokko tokkoofi Dhaabaa Dabalee yeroo muraasa Laaptooppii dhimma kanaaf fudhatan ijoollee isaanii itti taphachiisuu eegalan. Ani yemmuu sana harka kootiin Oromiyaan mirgi isheen Finfinnee irraa qabaachuu maaltu maal akka ta’u barreessen jara kanaa kennaa ture. Kun fedhii ABO'ti jedhanii isaan yakkaa turan. Kanaaf, gaafa WFDO hojii eegalu miseensota keenyafi karaa Gaazexaa dhuunfaa dhimma kana bal'inaan barsiisuu eegale. Gara Paarlaamaatti geessinee miseensota OPDO dabalatee yaadni keenya kun sadarkaa olaanaatti yaada marii ta’e. Kun seenaafi qabeenyaan isaanii, eenyummaan isanii badaa jiru kana hatattamaan yoo qaqqabuufii baanne, balaa guddaatu isaan irra ga’aa jira.

i. Finfinnen ittiin waamamni ishee Oromiyaa ta’uun seeruma magaalota addunyaa baay'ee ta’uu isaa.

ii. Uummatni Oromoo waggaa 100 sababa Finfinneen miidhaa irra ga’aa ture.

-Uummata Finfinnee irraa buqqa’ee diinagdee isaa dhabuufi hiyyoomuu.

-Aadaa isaa dhabuufi tuffatamuu; lammiin Eenyummaa isaa dhabuu.

-Eenyummaan maqaa naannoofi laggeen maqaa Oromoo irraa gara maqaa birootti jijjiiramuu.

- Balfaa Finfinnee keessaa dhangala’uun dhukkubaan saaxilameef beenyaafi tajaajila dhabuu.

iii. Finfinneen ittiin waamamni ishee Oromiyaa ta’uu dhiisuun rakkoo hawaasummaafi diinagdee inni uummata Oromoo irratti fidaa jiru:

a. Galii Finfinnee irraa galu seeran qoodachuu dadhabuu.

b. Oromoon lafa isaa irraa buqqa’ee adeemu bulchiinsa keessaa ala ta’uu.

c. Lammiin Oromoo hojjetee jiraachuuf akka keessummaatti lakkaa'amuu isaa.

d. Lammiin Oromoo Qabeenya Magaalaattii keessaa ala ta’uu isaa.

e. Afaan isaanii Finfinnee keessatti barachuu dadhabuu; afaan isaa barachuuf mirga dhabuu.

f. Hojjettoonni Oromoo mana ijaarachuuf hundhura magaalaa irraa gara baadiyaatti darbatamuun, ammas qotatee bulaan Oromoo akka lafa isaa gadi dhiisu gochuufi Oromoo Magaalaa keessa hojjeetullee akka inni waajjira isaa irraa fagaatee akka rakkatu godhamuu isaa.

g. Galma aadaa isaa keessatti dagaagsu dhabee aadaa ormaa fudhachuuf dirqamuu isaa.

h. Aadaafi seenaa Oromoo babal'isuu dhabuu.

i. Kolleejjiin aadaa, seenaafi dinagdee Oromoo qoratu tokkollee Finfinnee keessaa dhibuu.

j. Uummanni Oromoo Finfinneefi naannoo ishee jiraatan tajaajila Raadiyoofi TV bulchiinsa Finfinnee irraa darbu afaan Amaaraa qixa argachuu dhabuu isaa.

Gaaffii uummatni abbummaa Finfinnee irratti kaasuun dararama qaqqabe.

- Waldaan Maccaafi Tuulamaa sababa Finfinneen seeran ala diigamuu isaa.

- Barattoonni Oromoo sababa kanaan hidhaman hiikamuu dhabuu.

- Sababa gaaffii Finfinneen wal qabateen amantaan Oromoo Waaqeffannaan cufamuun isaa Oromoon Waaqa isaallee akka Finfinnee keessatti hinwaaqeffanne godhamuu isaa.

- Oromoon Finfinnee irratti taayitaa dhabuu isaa irraan kan ka’e, gaaffiin Oromoo deebii dhabuu.

- Gaaffii Finfinneen wal qabatee hojjetoonni baay'een hanga ammaatti hojii irraa ari’amaniif mindaa isaa kafaluuf.

 

Finfinneen waan isheef barbaachisu hunda Oromiyaa irraa argachuu ishee.

- Lafa murtee Oromiyaa malee babal'ifachaa turuu ishee.

- Bishaan qulqulluu Oromiyaa irraa kafaltii malee argattu xurii isaa kafaltii malee Oromiyaatti dhangalaasuu ishee.

- Midhaan nyaataa, looniifi kuduraafi muduraa Oromiyaa irraa argachuu ishee.

- Boba'aaf kan oolu muka fayyadaman badii qilleensaa ykn faalama qilleensaa uumuu isaa.

- Tajaajila Oromiyaa irraa argattuuf Oromiyaatiif galii tokkollee kan hin laannef ta’uu isaa.

 

3. Finfinneen Kan Oromiyaa ta’uun seera qabeessa.

Finfinneen uumamaan lafa Oromooti. Lafti tokko kan eenyuti? jedhamu seenaan lafa sanaafi lammii irra jiraataa ture sana irratti hundeeffamee murtaa’a. Magaalli tokko kan eenyuti kan jedhamus kan lammii gaafa magaalichi hundeeffame irra jiraataniiti malee kan namoota har’a dhufanii keessa jiraatan ta’uu hinqabu. Sababiin isaa, lafa lammii tokkoo irra abbaan barbaade yoo dhufee keessa jiraata ta’e, gaafa baay’atu falmii abbummaatti kaasa yoo ta’e, magaalli hundi lammiin biroos akka isatti hin dhufne of irraa dhorkuuf dirqama jechuudha. lammii bakka biraatii dhufee har'a ka'ee lafti keenya yoo jedha ta’ee, kan kana dura Finfinneetti gale deemuu qaba. Gara fuula duraatis nama simachuun hafuu qaba ykn mirgi lammii dur irra jiraachaa turanii ykn (indjnius people) kabajamuu qaba.

Abbummaan lammii abbaa biyyummaa yoom iyyuu taanan kan dura dhalootan irra jiraataa tureeti. Lafa dhalootan irra jiraate irraa humnaan dhiibamee eenyummaa isaa, qabeenya isaa, mirga abbummaa isaa kan dhowwachiisu seerri addunyaa kana keessa hinjiru. Lammiin tokko lafa irra jiraate isa irraa fudhachuun mirga lammummaa isaa dhiibuu irra darbee, ga’ee Waaqni isaa kenneef waaqa caalaa murteessuu argisiisa.

 

Kanaafuu, lafa lammii hangafaa tokko irra lammiin jireenya isaa fooyyeeffachuuf dhufee qubate tokko yoo kan fudhatu ta’e, gara fuula duraatti namni tokko illee bakka biraa dhaqee jiraachuuf mirga dhaba jechuudha. Keessumatti magaala biyya yookan naannoo tokkoon marfamtee jiraattu fedha uummata naannichaa malee mirga eenyummaa, mirga diinagdeefi mirga hawaasummaa, mirga afaan isaa guddifachuu dhowwachuu jechuun humna waraanaatiin mirga lammichaa sarbanii weeraruu jechuudha. Kanaafuu, mootummoonni darban fedhiifi gaaffii Oromoo malee humna qawweettiin Oromoo ari’atanii lafa Oromoo irraa fudhatan. Mootummaan amma jiru immoo mirga sabichaa kabachiisuu dhiisee kan humnaan fudhatame seeraan mirkaneessaa jira.

Fknf:

i. Ibsaa, bishaan lafa Oromiyaa irraa argachuu ishee Mootummaan Minilik lafa Oromoo humnaan yeroo qabatu humna waraanaan waan ta’eef lammii laficha irra jiraatu gara jabinaan irraa ari’atee beenyaa tokko utuu hin kafaliniif, mana isaanii diigee, seenaa isaanii jijjiiree, afaan isaanii balleessee, maatii isaanii diiguun warra kaan biyyaa ari’ee, warra kaan mana keessa hojjechiifachuun lammiin kun akka baduufi akka eenyummaa isaa wallaalu godheera.

ii. Mootummaan Hayile Sillaasee gocha Minilik kana itti fufuun caalatti lammiin kun lammaffaa akka hin falmanne lafa naannichaa hunda firoota isaaf hiree lammiin kun isaan jalatti akka jiraatu gochuun eenyummaa isaanii balleessee jira. Naannoo irraa ari’atamuu isaaniin bara mootummaa Minilikiifi Hayila Sillaasee barumsa ammayyaa jiraattonni Finfinnee argatan Oromoon utuu hin argatiin hafeera.

iii. Mootummaan Dargii sirna sooshaalizimii sababeeffachuun gaaffii mirgaa lammii Oromoof deebii utuu hin laatiin darbee jira.

          Mootummaan ammaa wayyaanee mirga Oromoon Finfinnee irraa barbaadu mirga dinagdeefi hawaasummaa akka eegamuuf jechuudhaan seera biyyattii keessatti ka’uun isaa dhugaa ummatichaa hanga tokko amanee jira.

Haata’u malee, heera mootummaa kana waraqaa irra kaa’e malee hojii irra hinoolchine. Heerri mootummaa kun yeroo ba’us mirga lammichaa haqaan eegsisuu kan danda’uufi hirmaannaa lammichaan qoratamee kan dhiyaate ta’uu dhabuu isaa dhiibbaa lammicha irra ga’aa tureef deebii kan laate miti. Mirga lammichi Finfinnee irratti qabu guutummaan kan ka’e miti.

 

Fknf: Heera mootummaa federaalaa keewwata 49 irratti:

1. Keewwatni 49 lakkoofsa 3 irratti itti waamamni bulchiinsa magaalaa Finfinnee Mootummaa Federaalichaatiif ta’a jedha. Kun immoo mirga lammichaa karaa tokko eegameef karaa tokko dhiibuu ta’a. Keewwata kana jalatti lakk.3 kun sirra’ee Finfinneen akkuma magaalota mootummaa naannoo biroo mootummaa naannoo ishee kan ta’e Oromiyaatiif itti waamamtuu akka taatu gaaffii lammii Oromoo hundaa ta’uun isaa qabatamaa yoo ta’e illee, dhaabbileen siyaasaa Oromoo tokko illee gaaffii kana kaasuu dhiisuun uummata keenya muufachiiseera. Kanaafuu, itti waamamni Finfinnee Oromiyaatiif ta’uu qaba.

2. Keewwata 49 lakkoofsa 5 irratti ga’een Oromiyaan gama diinagdeefi hawaasummaan Finfinnee irraa argachuu qabdu, heera mootummaatiin murtaa’ee hojii irra akka oolu gochuu dhiisuun uummata Oromoo tuffaachuun mirga isaa dhiibuu argisiisa. Mootummaan Oromiyaas waggoota kudha afur guutuu mirgi lammichaa heerri biyyattii laateef hojii irra akka oolu hin godhiin turuun isaa uummatichi rakkoo biraa keessa akka galu godhee jira.

3. Bulchiinsi Finfinnee qotatee bulaa naannoo dhiibudhaan lafa isaa irraa fudhachuun mirga eenyummaa isaa dhabee, maatii isaa diigee, magaalaa keessatti bakkeetti faca’ee jira. Mootummaan Oromiyaa dhimma kana cal’isee ilaaluudhaan uummata kanaaf mirga isaa utuu hin kabachiisin argama.

4. Lammiin Oromoo Finfinnee keessa jiraatu biyya isaa keessatti mirga afaan isaan barachuu dhabuun isaa dhaaba si bulchaan jira jedhu Dh.D.U.O fi Mootummaa Oromiyaa akka inni isa jibbu godhee jira. Dh.D.U.O'n magaalaa gurguddaa Oromiyaa keessatti lammiin biroo afaan isaaniin akka baratan hayyaamuudhaan baajeta mootummaan ramadeefi akka baratan yemmuu taasisu mirga lammii Oromoo biyya isaa keessatti afaan isaan barachuu kabachiisuu dhabuun gaaffii Oromoo hundaa ta’ee jira.

Rakkoon Harariifi Dirree Dhawaa ammoo kan Finfinnee caaludha. Uummanni naannoo Hararii keessa jiraatu walumaagalatti 131,139 yemmuu ta’u kana keessaa harki 41% Oromoo, harki 27% Amaara, harki 8.6% Hararii, harki 4.3% Guraagee, harki 3.8% Somaalee, harki 1.5% Tigree, harki 1.2% Argobbaa. Afaan naannoo Harariitti dubbatamu 56% Oromoo, 27.53% Amaara, 7.33% Hararii, 3.70% Somaalee, 2.91% Argobbaadha. Garuu, bakka bu’ootni uummataa harki 90% bakka bu’oota Harariiti; aangoo nnaannichaa illee akkasuma Harariin dhuunfatame. Uummanni Oromoo waan hundaan harka caalaa utuu ta’ee jiruu bakka hinqabu; gaaffiin uummata Oromoo hinkeessummeeffamu. Hararii kan bulchan bakka bu’oota Harariifi Oromooti haa jedhamu malee, Oromoon bakka hinqabu. Yookaan ammoo lakkoofsa guutuuf ta’uu malee aangoo tokko illee hinqaban. Waajjiraaleen Hararii 90% bakka bu’oota Harariin guutame. OPDO'n maqaaf malee waan murteessu tokko illee hinjiru.

 

Uummanni Oromoo biyya isaa irratti mirga dhabee garba garbaan bitamaa jira. Pirezidaantiin, kantiibaan magaalaa, misoomni magaalaafi industirii,waajjirri bishaanii, abbaan taayitaa geejjibaa, ejensiin manaa, Komishinarri Poolisii, Waajjirri haqaafi Seeraa,Waajjirri aadaafi Ipoortii, Waajjirri Galiifi Faayinaansii, kkf hundi namoota Harariin qabamanii jiru. Erga kun ta’ee uummata Oromoo Hararii jala galchuun seera maaliin? Kun gaaffii uummataafi waan hatattamaan deebii argachuu qabu. Garuu, Oromoon waan abbaa hinqabneef callisanii Oromoo irratti roorrisaa jiru.

 

Mootummaan Oromiyaa fi Dhaabbileen Oromoo Hundi Tarkaanfii Fudhachuu Qabu.

Dhaabbileen Oromoo yeroo hunda waliin ta’anii carraa argame irratti waliin hojjechuu dhiisanii, wal mormuufi wal tuffachuun Oromoon mirga argachuu qabu akka hinarganne gochaa turuu isaa badii dhaabbileen Oromoo uummata Oromoo irra ga’aa turan amananii fudhachuu qabu. Badii darbetti wal komachuun murtee akka hintaane baranii gara fuula duraatti of sirreessanii saba ofiif falmachuun beekumsaafi Carraa argame akka ammas nu hindabarreef har’a tokko ta’anii uummataaf falmachuu qabu.

 

Mootummaan Naannoo Oromiyaafi dhaabbileen Oromoo hundi adda addummaa siyaasaa irratti qaban akkuma jirutti dhiisanii, Finfinneen kan Oromiyaa ta’uu irratti ogeessota, hayyootaafi jaarsolii Oromoo walitti qindeessudhaan mirga Oromoo kabachiisuuf murtee ariifachiisaa kennuu qabu. Gaaffiin Finfinnee amma dhiyaatu kun ta’uu kan qabu, gaaffii itti gaafatamummaa Finfinnee utuu hinta’iin abbummaan Finfinnee kan Oromoo ta’uun isaa mirkanaa’ee mirga lammii Oromoo duraan Finfinnee keessa jiran kan dhiibbame san qoratamee beenyaan waggaa 120 akka kaffalamu gochuudha.

Kanaaf immoo, duraan dursee dhiibbaa mirga lammii hangafa abbaa lafichaa irra ga’e tokko tokkoon qorachuun murteesssadha.

Isaanis:

1. Mirga lammummaafi mirga eenyummaa dhaabaa jiraachuun isaanii miidhaa irra ga’ee qoratanii tilmaamuu.

2. Lafa irraa fudhatameef hanga har’aatti mirga beenyaa argachuu kabachisuuf

3. Mirga hawwaasichi hanga har’aatti dhabeef beenyaa kaffaluu.

4. Seenaa uummatichaa kan badeefi saamame barbaadanii deebisuu.

5. Uummata afaan isaa dhabe kana afaan isaa deebisanii barsiisuu.

6. Heeraafi seera itti bulmaata lammichaa qorachuu.

7. Tajaajila Finfinnee jedhamee hanga har’aatti qabeenya uumamaa bade deebisanii ijaaruu.

8. Xuriifi dhiqaa Finfinnee keessaa seera malee dhangala’uun miidhaa uummata irra ga’e addaan baasanii qorachuun murtee hatattamaa dhiyeessuufi kafaltii cimaa irratti murteessuu.

9. Murtee uummata Oromoo ala Finfinneen fudhachuun dhiibbaa fideef beenyan kaffalamee daangaan Finfinnee karaa geengoo Finfinnee marsu ala akka hin dabarre murteessuu. Gandi qotatee bulaa 23 Oromiyaatti akka deebi'an taasisuudha.

10. Lafa tilmaama beenyaa gaarii malee qotee bulaa irraa fudhatame, namoota sababa kanaan hojii dhaban qoratanii deebisani ijaaruu.

 

5. Finfinneen itti waamamni ishee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif mirkaneessudhaan itti amanee tarkaanfii fudhachuu qaba.

Mootummaan Oromiyaa mana Finfinnee keessa jiranitti fayyadamuu mirga dhabee, Waajjira Caffee Oromiyaa dabalatee mana nama dhuunfaa kireeffatee keessatti hojjechuun baajatni Oromiyaa akka inni karaa malee badu gochuu caalaa tuffii saba Oromoo irra jiru argisiisa. Mirga magaalaa Finfinnee irra waajjira qoodachuu, mana barumsaa hundatti Afaan Oromoo akka barsiifamu gochuu, wiirtuu aadaa, afaaniifi artii Oromoo, xurii Finfinnee keessaa dhangala’ee uummata miidhaa jiruuf, tajaajila Finfinneef jedhamee qabeenya uumamaa badu karaa ittiin to’atan seeran qoratee murtee sirrii kennuun dirqama.

 

Hundumti Oromoo miidhamuu isaa ifa malee, miidhaa ga’eef yaada furmaataa qopheessuun boodatti hafu. kun immoo yaada sodaa irra maddu waan ta’eef, seenaa duratti nugafachiisuun isaa hinhafu. Kanaafuu, lammiin Oromoo hundi dandeettii isaan, dhaabbilee Oromoo fuula tokkoon, mootummaan Oromiyaa aangoofi caasaa isaa hunda hirmaachisuun gaaffii Oromoo kan deebisuu danda’uufi fedhii saba Oromoo guutuu kan danda’u murteessudhaan tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qaba.

1. Lammii lafa isaa irraa ari’amee qabeenya Finfinnee irraa beenyaa akka kaffalamuuf goosisuu qaba.

2. Maqaan magaalichaa Finfinnee akka ta’uufi kutaan magaalaa maqaa naannoo isaanii duraatti deebi'uu qaba.

3. Afaan Oromoo Finfinnee keessatti afaan barumsaa akka ta’u, mana barumsaa hundatti akka kennamu gochuu qaba.

4. Waajjira Bulchiinsa Naannoo Oromiyaatiifi Biiroowwan Naannichaa giddugaleessa Finfineetti baasii bulchiinsa Finfinneetiin akka ijaaramu gochuu.

5. Hojjettoonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa hundi giddugaleessa Finfinneetti lafa mana jireenyaa itti ijaarratan akka argatan haala mijeessuu.

6. Wiirtuu giddugaleessa aadaa, hambaaleefi aartii Oromoofi wiirtuu odeeffaanoo dhaabuu.

7. Akkaadaamii Seenaa, aadaa, afaanii, diinagdee qoratu yuunivarsiitii addaa tokko hatattamaan ijaarsisuu.

8. Karaa Finfinneetti ba’u irratti wiirtuu giddugaleessa daldalaa dhaabuu.

9. Finfinnee keessaa xuriifi dhiqaa dhangala’utti baasii seera qabeessa kafalchiisuu.

10. Bishaan dhugaatii Laga Daadhii, Gafarsaafi Qaallittiitti gibira kaffalchiisuu.

11. Jimaa, dhagaa, cirracha, biyyoo, muka ijaarsaa Finfinnee galutti gibira kafalchiisuu

          Cileefi qoraan boba’aa akka Finfinnee hingallee gochuu. Akkasumas, guutummaa Oromiyaatti akka cileefi qoraan hingurguramne seera baasudhaan adaba cimaa murteessuu. Kun ta’uu baannan Finfinnee sooruu jennee qabeenya uumamaa Oromiyaa balleessuu ta’uu isaa afaan qofaan utuu hinta’iin barreefamanis hoggantoota OPDO'f kenneen ture. Hojii irra oolchuu hinbarbaadne. Garuu, gaafa Qinijjit Finfinneetti mo’atee utuu goonee jiraannerra ta’ee jedhan. Ammas, kanumaan hafe.

 

 

 

 

Hayyootaafi Ogeessota Oromoo gurmeessuu.

1. Koree kafaltii beenyaa lammii lafa isaa irraa dhiibameef akka falmamu godhuu.

2. Koree seenaafi aadaa Finfinnee durii qoratee deebisan ijaaruu yaada jedhu dhiyeessuu.

3. Koree miidhaa xurii, dhiqaafi Finfinneetiin qabeenya uumamaa badeef beenyaa tilmaamame gaafachuu.

4. Koree ijaarsa giddugaleessa waajjiraalee Oromiyaatiif bakkaafi maallaqa Finfinneen kennuu qabdu qoratee dhiyeessuu.

5. Koree aadaa, Afaan Oromoo, aartiifi wiirtuu walitti qabaa hambaalee deebisee ijaaruu.

6. Koree barumsaa Afaan Oromoofi Yuunivarsiitii aadaa, seenaa, afaaniifi dinagdee Oromoo hojii irra oolchuufi ijaaruu.

Hayyootaafi Ogeessonni Oromoo karaa dhaaba Oromoo itti dhiyaatanii walitti dhufuun hundi isaani bilisaan akka waliigalan, namoota biroos ofitti dabalanii jaarsolii Oromoo muuxannoo qaban ofitti dabalanii yaada murteef ragaa ta’u tokko qopheesuun dirqama lammummaa ta’uu isaa beekanii fudhachuufi hojjechuu qabu.

 

Lammiin tokko mirga isaa har’aa gaafachuun dirqama. Dhaabni lammii tokkoof dhaabbates mirga lammii sanaa yeroo barbaachisuufi bara isaa keessatti gaafachuun dirqama. Kun ta’uu baannan mirgi lammii yeroo sarbamu dhaabbatanii ilaaluu mannaa uummaticha jala turuutu filatama. Keessumattuu yeroo ormi mirga lammii ofii irratti dhiibbaan murteessuu deeggaran raggaasisuun seenaan nama gaafachiisa. Kanaafuu, har’a tokko taanee mirga Oromootiif haa falmannu!

Mootummaan ilmaan Tigraay Oromoo bara Minilik, bara Hayila Sillaasee lafa Finfinnee irraa humnaan buqqa’ee deeme kun, haqni isaa deebi'uufii qaba utuu jennuu, wayyaaneen TPLF garuu:

- Gaaffii keenyaaf deebii kennuu dhiisee ga’ee isaanii saammachuuf lammii isaa biyya Tigraayiifi biyya alaatii waamuun Finfinneefi naannoo ishee irra qubachiisaa jiru.

- Investarra jedhanii deeggartoota isaaniif dura biyya Awurooppaafi Ameerikaa turan waamanii lafa Oromoo irraa buqqisanii kennuuf.

- Loltuu isaanii walakkaa magaalaa keessa, Boolee, Old airport, SMS, fi Garjii waan isaan ittiin ijaarratan waliin hiraniif.

- Lafa qotee bulaa irraa km tokko qarshii 1.50 – 3.00'n irraa fuudhanii qarshii kuma (5,000 – 7,000) waggaa dhiibbaatti liizii jedhanii gurguratan.

Yaadakoo kana barreeffamaan qopheessee utuun paarlaamaa hingaliin dura hoggantoota OPDO warra natti dhiyaatanitti kennuudhan akka isaan karaa isaanii hojii irra oolchan mari'achiiseen ture.

 

Kanaafuu, namni ilma Oromoo ta’e hundi shira wayyaaneen uummata keenya irratti hojjette kana beekee gumaa baasuun dirqama isaa waan ta’eef, dhimmicha akka hubattuufani. Sababni isaa, wayyaaneen kana akka hinraawwanne paarlaamaa keessatti akeekkachiisaan ture. Yaada keenya tuffattee uummata keenya buqqisaa turte. Lammiin keenya mirga isaa molqame, qabeenya isaa saamame, eenyummaan isaa dhiitame, deeffachuuf tarkaanfii barbaadu yoo fudhate mirga isaa ta’uu dursinee wayyaaneetti himnee jirra. Uummanni naannoo Finfinnee jiru ammoo xurii warshaafi xurii mana hunda keessaa calallii tokko malee laga Aqaaqitti namoonni daa'ima dabalatee ummanniifi horiin uummataa dhumachaa jira. Dhimma kana irratti bulchaa aanaa Aqaaqii bara sanaa waliin bara 2003 keessa marii adeemsiseen rakkoo kana irratti yammuun paarlaamaa seenu, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Finfinnee waliin marii gaggeessullee bu’aa hinarganne. Deebiin ani argadhe Mootummaan TPLF meeshaa sharafa alaa argisiisu oomishu warshaan kamiyyuu waan barbaadeefi akka barbaadetti yoo oomishe tarkaanfii tokko illee akka hinfudhanne naa deebisan. Lubbuun uummata Oromoo TPLF homaa akka hintaane ifatti natti himan. Biiroolee Oromiyaa illee fedhii Mallasaa dura dhaabbachuu akka hindandeenye naa himan. Rakkoon kun itti fufee babal'achaa waan dhufeef, oomisha abaaboo rakkoo fidaa jiraachuu isaa iyyatni nuyi Paarlaamaa keessatti dhiyeessine kun diinagdeen biyyattii akka hinguddanne gufuu itti ta’uudha jedhamnee balaaleffatamne.

Mootummaa Itoophiyaa Keewwata 49 lakkoofsa 5 irratti Finfinneen waan Oromiyaa keessa jirtuuf lafa Oromoo waan taateef Tajaajilafi dhiyeessa hunda Oromiyaa irraa waan argattuuf Oromiyaan Finfinnee irratti mirga qabduufi faayiidaa isheen argachuu qabdu kun ammoo bal'inaan seeran mirkana’aaf jedha. Kun heera biyyattii olanaafi waan seera irraan hi ijijjiramneedha. Uummattoota biyyattii qofatu heera kana jijjiiru danda’a.

 Oromiyaan mirgaafi faayiidaa Finfinnee irraa argachuu qabu Heera Feederaalan keeyyata 49 lakkoofsa 5 irratti kenname waggoota 23 guutuu utuu hojiirra hinooliin turuun isaa dadhabina OPDO fi tuffii TPLF OPDO irratti qabdu argisiisa. Oromoon mirga isaa Heera Federalaan mirkanaa’e kana falmachaa jira. Mootummaan Heera kana haala duree tokko malee hojii irra oolchuu qaba ture. Lamaffaan Heera Federaalaan Daangan Oromiyaa Sararamee Kabajamuu qaba. Feederalli lafa Naannolee fudhachuu hindanda’u, lafti kan Uummataafi mootummoota naannooti. Heera kana alaa mootummaa Nannoo irra lafa kurmana tokkollee fudhachuun weerara ykn Heera cabsuu dha. Oromoon lafa isaa akka barbaadetti yeroo barbaadetti misoomsuuf mirga qaba. Mirga Oromoo kana cabsuun Daangaafi heera federaala cabsuun Godina Addaa Oromiyaa gara Finfinneetti kutuun Heera Federaalaa Itoophiyaa diigudha. Kana malees, Mootummaan Federaalaa lafa hinqabu. Mootummaa Naannoleetu waliigalteen Federaala hundeessee buusii Mootummaa Naannoleen jiraachuu qaba. Federaalli lafa Naannoolee irratti mirga hinqabu. Lafa ykn Magaalaa Federaalaa kan jedhu addunyaa irra hinjiru.

 Finfinneen waggoota 130 hunda darban keessatti kan babal'ate Heektaara 54 qofa kan qabate yemmuu ta’u; Maaster Plaanii amma kana ammoo Godina Addaa Oromiyaa irraa Heektaara Miliyoona 1.1 (1, 100,000 Hektar) yeroo tokkoon fudhachuun lafa kana gurgurachuuf yaadameeti immoo Oromiyaa misommsuuf yaadameeti? Kaayyoon Maaster Plaanii kanaa Uummata Oromoo miliyoona 5.7 buqqisuun, Aanolee 17 Magaaloota 36 dhabamisiisuun lafa hektaara millyoona 1.1 giddugaleessa Oromiyaa dhuunfachuudha. Afaan Oromoofi Aadaa Oromoo naannoo sana irraa baleessanii akkuma Finfinnee amma kana gochuudha. Utuu dhuguma mirga Oromoo eegan ta'ee, 1ffaa Kuutaale Magaalota 10 fi Aanalee Finfinnee 116 keessatti Mana barumsa Afaan Oromoon banu turan. Faayidaa Oromiyaan Finfinnee irraa argatu mirkaneessu turan. Giddugalessa Aadaafi Afaan Oromoo Finfinneeti banuu turan. Afaan Oromoo Afaan hojii Finfinnee godhu turan. Hojjetaan naannoo Oromiyaa Finfinnee keessatti dursa akka argatu godhu turan. Waajjiraalee Oromiyaa Finfinnee keessaa Gamoo mootummaatti kafaltii tokko malee akka fayyadaman godhu turan. Kun hundi waggoota 23 kana keessatti hingodhamne. Oromiyaan Xuriifi Summii Finfinnee keessaa dhangala’uun badaa jirti.

 Oromoon hundi kana beekeefi xiinxalee falmachuu qaba. Miseensonni OPDO tokko tokko falmii isaan dhagessisaa jiran kan nama boonsu yemmuu ta’u. Karaa biraa ammoo yeroo Tigireen lafa Oromoo Godina Addaa Oromiyaa fudhachuuf dhaadatu, Oromoon akkamitti callisee galee mana rafaa? OPDOn (Abdulaziz Mohaammad, Abdulqadir Huseen, Dirribaa Kumaafi Dhaabaa Dabalee) kan beekuu qaban, Keeyyata 49 lak.5 irratti Oromiyaan Finfinnee irraa Faayiidaa argachuu qabdi kan jedhu Oromiyaaf erga heeraan mirkanaa'ee waggoota 23 Finfinnee irraa maal argatte? Oromiyaan maallaqa Finfinnee irraa argatte qabdii? Ijoolleen Oromoo Finfinnee keessatti afaan isaaniin barachaa jiruu? Finfinneen Oromiyaa irraa bishaan, Ibsaafi muka argatuuf maal kaffalaa jirti? Xuriin Finfinnee keessaa Oromiyaatti gadi yaa'ee Oromiyaa balleessaa jiruuf Finfinnen beenyaa hangam kafalte? OPDOn mirga Oromoo Kabachiisan jira jedhu Oromiyaan mirga isheen Finfinnee irratti qabdu maaliif hinkabachiifne?, Finfiinneen duguma Magaalota kana misoomsuuf yaaddeti moo Wayyaanetu lafa Naannoo kana saamee gurgurachuufi? Eeyyama uummataa Oromoo malee, marii Caffee Oromiyaa malee xalayaadhan lafa Oromoo fudhachuun uummaticha tuffachuu mitii? Faayidaan Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu waggoota 23 dhorkatamee utuu deebii hinargatin Godina addaa Oromiyaa waliin misoomsuu irraa Oromiyaan akkamiin faayidaa argatti? Maliif akkuma horii nama gowomsuu yaalu? Kun deebii argachuu qaba. 

Oromiyaan Faayidaa isheen Finfinnee irrAa argachuu qabdu maal ta’uu qaba gaaffii jedhu deebii gaggabaabaa yaada isaa ibsuu qabna, faayidaaleen kun fakkeenyaaf:

1. Xuriifi Summii waggoota 100 ol Oromiyaatti dhangla’aa tureef Oromiyaan beenyasa argachuu qabdi.

2. Oromiyaan galii Finfiineen waggaatti argattu keessaa harka 40% argachuu ykn qoodachuu qabdi.

3. Finfinneen Kutaalee magaalotaa 10fi aanaalee 116 keessatti mana barumsaa kutaa 1-12 Afaan Oromoo ijoolleen Oromoo itti baratan ijaartee barsiisaa itti qacaruun mirga Oromoon lafa isaa irratti afaan isaan barachuu akka argatu mirkaneessuu qabdi.

4. Waajjiraalee Oromiyaa Finfinnee keessa jiran manneen mootummaa Finfinnee keessa jirutti tola itti fayyadamuu qabu; yoo ijaarrachuu barbaadan ammoo giddu galeessa Finfinneetti bakka barbaadanii lafa tola fudhatanii akka ijaarratan mirga guutuufi dursaa argachuu qabu.

5. Waajjiraalee Finfinnee hunda keessattiifi mana murtii keessatti Afaan Oromoo afaan hojii isa 1ffaa akka ta’u gochuu.

6. Hojjettoonni Oromiyaa Finfinneetti qacaramuufi Oromiyaa irraa jijjiirratan gara Finfiinnee argachuuf seeran dursa akka argatan gochuu.

7. Radiyoon danbalii Gabaaban(FM) Finfinnee keessatti Afaan Oromoon akka tamsasu ta'uu qaba.

          Finfinneetti gamoo aadaa, afaan ,muuziyeemiifi bakka agarsiiisa aadaafi seenaa giiddu gala tokko Oromiyaaf ijaaruu qabdi.

          Daangaan Finfinnee bal'inni ishee sadarkaa gaafa heerri Federaalaan tumame jechuun karaa geengoo (Qubeelaa) Finfinnee marse kanaan akka daangeffamtu,

          10. Kanaan booda Xuriifi Summiin kami iyyuu laga Oromiyaa yoo dhangala’ee badii ga’uuf itti gaafatama fudhachuu.

11. Alaaban Oromiyaa Waajjiraalee Finfinnee hunda birattihidhamuubaqba.a ,
Finfiinnee irraa argachuu qabdu dhorkamtee jirti.Wixineen jiru garuu na fakkaata ture.

 Waggoota 100 ol Oromiyaan Finfinnee bishaan qulqulluu obaaftee, mukni Naannoo Finfinnee qoraan ta’e Finfinnee tajaajile dhumee, Ibsaa Finfinnee Oromiyaatu maddisiisa, biyyoofi dhagaan naannoo Oromiyaa Finfinnee fayyadaa jira. Oromiyaan bishaan qulqulluu Finfinnee obaasaa jirtu Finfinnee irraa kan argattu garuu summiifi xurii warshaafi Hospitaalotaa qofa. Wanti biraan hafnaan hojjettoonni mootummaa naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinneetti akka hinqacaramne ykn akka jijjiirraa hinarganne ajaja Tafarraa Waaluwwafi Kuma Damaksaan waggoota 23 ol dhorkamee jira. Waajjirleen Oromiyaa gamoo Finfinnee keessaa hunda baasii guddaa kaffaluuf, waajjira mootummaafi Ortodoksii Itoophiyaa keessaa dirqamaan ari’aman akka mana dhuunfaa kireeffatan godhamu. Baajata waajjiraalee hedduun kafaltii kiraa manaatti dhuma. Finfinnen farra Oromiyaa dalagaa jirti malee Oromiyaa misoomsuuf akka hinyaadne beekamuu qaba.

 Finfinneen akkuma magaalota addunyaa gamoo gurguddaa ijaruufi manneen dullooman diigun mana jireenyaa ammayyaa ijaarun gara samiitti ol guddachuu qabdi. Kana malee, uummata lafa irraa buqqisuun callisan babal'isuun balaa hedduu qaba. Dogoggora bara durbe itti dabalaa adeemudha. Finfinneen seeran ala babal'achaa jiru kun balaa guddaa geessisaa jira. uummanni naannoo seeran ala buqqa’ee qe’ee isaa dhabee dhaga baachaa jira. Uummanni kun mana jireenyaa dhabee, maatiin isaa diigamee, eenyummaa isaa, aadaa, afaan isaa dhabaa jira. Kan falmachaa jirru lafa qofaaf utuu hintaane uummata Shawaa Oromoo sirna dhufaa darbaan buqqa’aa jiru kana baraarudhaafi. Finfiinneefi Federaalli Oromiyaa irratti murteessuf mirga tokkollee hinqaban. Finfinneefi Federaala irratti mirga kan qabu Oromiyaa dha. Oromiyaan godina addaa Oromiyaan waggoota meeqa misoomsaa ba'ee Finfinneef kenina jechuun hangam Oromoo tuffachuudhaa? Dargaggoon Oromoofi uummanni Oromoo guutun dhimma kana irratti yoo caalliftan Oromoo dha ofiin hinjedhinaa.

 Kaleessa naannoo Finfinnee uummatni jiru harki 95% qonnaan bulaa ture, har'a harki 63% eegduu qabeenya Tigree Waardiyyaa (Guard) yemmuu ta'u, harki 30 ammoo Tigroota naannichatti mana ijaarrataniifi dhagaa akka baatu ragaan achi irraa arganne ni muul'isa. Haaluma kanaan Oromoon naannoo Laga Laaftoo /Laga Daadhii, Alemganaa-Sabbataa, Buraayyu-Ashawaa Meedaa, Labuu-Laaftofi Aqaaqii Basaqaa buqqa'an eenyummaa isaan dhaban jiru. Finfinneen kanaan dura gaafa Qaallittii humnaan Oromiyaa irraa fudhatu qabeenya Oromiyaan qabuufimisooma Oromiyaan achi irratti geggeessaa tureef beenyaa tokkollee utuu hinbaasin irraa fudhatee ammas akkas gochuuf deemu; kana Oromoon hundi dura dhaabbachuun falmachuu qaba.

 
1. Mirga Oromiyaan Fifinnee irratti qabdu qoratamee akka hojii irra oolu Oromiyaan bara 2003/1995 koree tokko hundeessee ture. Koree kana keessa warra jiran keessaa Dhaabaa Dabalee, Itti gaafatamaa waajjira dargaggootaa yeroo sanaafi Jamaal Abbaasoofi kkf koreen ijaarrame hojiin isaa hanga ammaatti maaliif hinxumuramne? Waggaa 5 dura seerri hangi tokko qophaa’ellee hojiirra hinoolle. Oromiyaan mirga ishee gaafattee deebii dhabdee? Kun uummata Oromoof maalif ifa hingodhamnee? Kun dura murtee hatattamaa barbaada. Fayidaan sun Kaffalamuu qaba.

 2. Finfinnee keessatti kutaa magaalotaa 10 keessattiifi aanaalee 116 hunda keessatti manni barumsaa Afaan Oromoo banamee akka ijoolleen Oromoo afaan isaanin baratan karoorrifi sagantaan ba’ee itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa yeroo sanaa obbo Daggafee Bulaa bu’uura isaa eebbaan bananii turan. Garuu, ijoollee Oromoof hanga ammaa manni barumsaa aanaalee Finfinnee tokko keessattillee hinbanamne maalifi? Ijoolleen Oromoo lafa isaanii Finfinnee irratti afaan isaaniin barachuu dhabuun maalifi? kana siirreessun dirqama OPDO mitii? Kun haalduree tokko malee hojiirra ooluu qaba.

 3. Mirga Oromiyaan Finfinnee irratti qabaachuu qabdu heera Federaalaa Ioophiyaan murtaa’e TPLF hojiirra oolchuu didee wagoota 23 ukkaamsee jira. Kun akka hojii irra ooluu miseensonni paarlaamaa OPDO maalif hingoone? Bakka mirgi Oromoo hineegaminitti, lafa Oromoo saamuufi Oromoo buqqisuu irratti mari’atamuu hinqabu. Finfinneen Karaa geengoo Finfinnee marsitu ala ba’uu hinqabdu.

4. Finfinnee keessaa xuriifi summiin laga Oromiyaatii gadi dhangala’ee ijoollee Oromoo fixaa jiru hatattamaan dhaabachuu qaba. Waggoota 100f xuriifi Summii Oromiyaatii dhangala’ee uummataafi qabeenya naannoo balleessef Finfinneen beenyaa biliyoona 100 kaffaluu qabdi.

 5. Waajjiraalee Oromiyaa Finfinne keessa jiran Waajjira Mootummaatti baasii tokko malee fayyadamuu qabu. bakka barbaadan giddugaleessa magaalaatti bakka waajjiraalee itti ijaaratan tola argachuu qabu.

 6. Waggoota 23'f mirgi Finfinnee irraa Oromiyaan qabaachuu qabdu seeran mirkanaa'ee utuu hojiirra hinooliin dabalataan lafa Oromoo Godina Addaa Oromiyaa Finfinnee jala akka oolu gaafachuun tuffii Tigreen Oromoof qabdu mitii? Kana Abdulaziz faan attamiin fudhatan seenaa hinsodaatanii? Miseensonni OPDO Miliyoona 4 yeroo Oromoon saammamu callisee ilaaluufi uummata isaa ukkaamsee taa’uun godina addaa Oromiyaa irratti Maaster Plaanii Mataa ishee fayyadamtee uummata ishee guddisuuf mirga guutuu qabdi.

 7. Uummannni Oromoofi dargaggoonni Oromoo yeroo Tigireen lafaa Oromoo humnaan fudhatu callisuun maalifi? Waggaa meeqa sodachaa jiraatuu? barattoonni Oromoo godina addaa kana keessa jiran Tigree achii ari’uu hindanda’anii? hanga yoomitti gadi gugguuftanii diina jala adeemtuu.? Kanaafuu, murteen eeyyama Oromoo malee murtaa’ee kun akka dhaabatu dargaggoon dura dhaabachuu qabu. wareegamaaf of qopheessuu qabu.

8. Diyaasporan ala jiru akka Bedellee Biiraa irratti 'Petition' mallateessee mormii isaa argisiisee kana irrattis waliigaltee mallateessun mormii isaa argisiisuu qaba. Yakka Wayyaanee kana biyya jiruufi Mootummoota adunyaa hunda biratti iyyachuu qabna.

 9. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo hundi dhimma kana irratti mormii isaan ibsa baasuun muul'isuu qabu. Dhaabbileen Oromoo callisuu hinqaban. Falmiifi lola uummanni lafa isaa irratti godhu cinaa dhaabachuu qabu.

 10. Oromiyaan godina addaa kana kan misoommsaa turte. Ashuura naannoo kana irra argatuun uummata naannoo kanaaf aadaafi afaan isaa ittiin guddisuuf malee misooma Tigireef laachuuf miti. Amma garuu Tigireen jaalattanis jibbitanis isin irraa fudhanna jedhee yeroo falmu argaafi dhaga'aa jirra. Oftuulumma Tigiree kana warri nu irraa ka'an OPDO'n of irra buqqisuu qabu.Ummanni Oromoo TPLF of irra darbachuu qaba.

11. Finfinneen qabiyyeen ishee duraanii Karaa geengoon marsu keessa qofa ammas achi ala ba'uu hin qabdu. Finfinneen guddachuu qabdi warri jedhan Finfinnee dalga guddachuu utuu hintaane ol guddachuu qabdi, gaamoo dhedheeraa ijaaruun Waajjiraalee walitti qabuun bakka gaamoo gurguddaatti galchuun rakkoon furama malee qonnaan bulaa buqqisuun ta'uu hinqabu. OPDO'nfi uummanni Oromoo kana falmachuu qaba.

 12. Maaster Plaanii baafatan lafa heektaara Miliyoona 1.1 lafa hangana guddatuu humnaan fudhachuun Heera Federaalaa Itoophiyaa diiguudha. Kanaafuu, sirna Wayyaanee TPLF waggoota darban lafa Oromoo kukkuttee naannolee biratati dabala ture fi lafa Oromiyyaa Investeroota biyaa alatiif laatte seera qabessa waan hintaaneef gara fuula duraatti uummata Oromoof akka deebi’u TPLF beekuu qaba.

 13. Oromoon Heera Federaalaan Faayidaa argachuu qabdu waggoota 23 erga dhoowwatamtee Finfinneen Oromiyaa jalatti buluu qabdi.

14. Waa’ee godina addaa Oromiyaa irratti Federaalli gaaffii tokkollee dhiyeessuun Oromoo irratti lola labsuu fi Heera waliin bulmaataa diiguu waan ta’eef Oromiyaan Hiree ofii ofiin murteffachuuf dirqamti.

 15. Finfinnee waliin guddisuuf kan jedhamu Sobaafi oduu siyaasaa bu’a hinqabne wayyaaneen odeessituudha. Isaan kanaan qabatanii lafa Oromoo fuudhani Tigireef hiruuf jedhaniiti.

Uummanni Oromoo biyya keessafi biyya alaa jiru dhimma kana irratti hiriira nagaa gochuun falmachuu qaba. Miidiyaa hunda irratti iyyata barreesun wal dadamaqiee iyyata mormii mallateessuun dura dhaabbachuu qaba. Konkolaataa Finfinnee dha ba’uufi galu yaabbachuu dhiisuu qaba. Konkolataa kan Oromoo ta’aniifi gabatee 'ORO' qaban qofa fayyadamuu qaba. Habashoota naannoo sana qubatan irraa bituufi itti gurguruu dhiisuu qaba, Hoteela, Mana Barumsaa, Suuqii, Taaksii Habashootaafi kkf hunda fayyadamuu dhiisuu qaba. Oromoon mormiifi uggura Habashoota irratti gochunu diinni akka naannoo Oromiyaa keessaa ba’u dirqisiisuu qaba. Namoonni lafti isaanii irraa fudhatame hundi wal gurmeessun hanga dhumaatti falmachuu qabu. Sababiin isaa gara fuula duraatti seerri gaafa dhufu qabeenyi kun hundi isaaniif ta’uu mala. Kanaaf, ammoo har'a falmachuu qabu. Kan har'aa hinfalmatiin bara Oromoon abbaa biyya ta’uu gaaffi dhiyeessuuf isaan rakkisa.

Mirgi Oromoo sodaafi dadhabina OPDO hubachuun lafti Oromoo Hararii Hundaanee, Diredawaa, Dasseefi Guutumma Walloo, Wando Gannat, Moyyaaleefi Wanbaraa Naannoo Oromiyaa yeroo yeroon yammuu Federaalli humnaan fudhatu uummanni Oromoo callisuu hinqabu ture. Uummanni Oromoo lafa isaa irraa yeroo heeran ala buqqa’u dhabbileen Oromoo, hayyuuleen Oromoofi Dargaggoonni Oromoo callisuu hinqaban. Oromoon biyya keessaafi biyya alaa jiru, miidiyaan Oromoo bakka jirutti mormii isaa dhageessisuun Oromoo lafa isaa irratti wareegama barbaachisuu kaffaluun salphina jalaa of baasuu qaba. Hawaasni Oromoo hundiiyyannaa Mallateessun mootummoota Gamtoomanitti dhiyeesusn gocha Wayyaanee mormuu qaba. Wayyaaneen hatattamaan gocha kana dhaabuu bannan Heerri Federaalaa waan ofumaa cabsitee Oromiyaan sirna Federaalaa Itoophiyaa keessaa of baasuuf OPDO dabalatee Oromoon hundi sagalee tokkoon bilisummaa labsachuu qabna. Walumaa galatti gaaffin godina adda Oromiyaa Finfinnee jala galchuufi Maaster Plaanii Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu Heera adunyaa kamiinuu fudhatama hinqabu.

Lakkoofsa Uumataa Oromoo Statiksii Itoophiyaan ibsame sirrii miti. Subsid uummanni Oromoo argachuu qabu xiqqeessuuf jecha kan himame malee bay'nni Oromoo Miliyoona 50 ol ta'uu isaa guyya tokko ifa basna. Mootumman itoophiyaa waan inni dhugaa dubbatu tokkollee hinjiru. TV, Radiyoon, Statetiksiin, waa'een Diinagdee, Barumsaafi fayyaa uummatatti himamu hundi isaa soba ta'uu hundi beekuu qabu.

Finfinneen Lafa dabalataan Oromiyaa irraa fudhachuun hafeeyyuu Oromiaya jalatti deebitee buluu qabdi.

Sirni garboonfataan wayyaanee Maaster Plaanii Finfinnee haaraan qophessa jechuun sirna federaalaa Itoophiyaa diiguun daangaa Oromiyaa cabsee lafa Oromiyaa muree Finfineetti dabaluu yaaluu isaanii jeequmsa ka’e hundaaf itti gaafatama fudhachuu qaba. Sirni kun Heera Federaalaa itoophiyaa Keeyyata 49 lakoofsa 5 Oromiyaan faayidaa isheen Finfiinee irraa argachuu qabdu Heeran kan tumame yamuu ta’u seera kana qopheessun hojii irra oolchuu qabu turan. Garuu TPLF Seera Federaalaa cabsuun Fayiydafi mirga Oromiyaa qabu waggaa 23 guutuu ukkamsee dhorkachuu isaaniti duraan dursee itti gafatamuu qaba. Uumatni kun mirga gaafachuu qabu gaafachuu dhiisee callifnaan, mirga Oromoon lafa Finfinnee Heektaara 54,000 irraa qabu utuu hinmarkanessiin, lafa Hektaara 1, 100, 000 dabalee fudhachuuf plaanii qophefachuun Heera biyyichaa diiguu qofa utuu hintane Mootummaa Oromiya diigudha.

Magaalaa Finfinnee harka 80 dulloomee diigamuu qabu diiguun Finfnnee ol guddisuu male dalga ballisuun hinta’uu jedhamee gorsa mootummaa kanaaf kenamee jira. Mootummaanfi ogeessonni plaanii kana baasan Finfinnee gandoota dullooman keessatti mana jireenyaa amayya gamoo gurguddaa ijaaruu utuu danda’anii Finfinnee dalga baballifanna kan jedhu baasuun Oromoo lafa isaa irraa buqqisuuf yaada uummataan jibbamuu dhiyeessun isaanii jeequmsa kanaaf sababa ta’ee jitra. Namoonni Maaster Palaani kana duuba jiran hundi lubbuu bade, Qamaa hir'ateefi miidhama saba Oromoo irra ga’eef itti gaafatamuu qabu.

Mootummaan kun rakkoo dhalate hundaaf, lubbuu nama 100 ol bade, namoota 3000 oli seeran ala hidhaman, qabeenya barbadaye, Namoota mada’aniifi qaamaa hir'atan 1000 ol ta’a. Barattoota 1200 ol barumsa isaanii irraa ari’aman ykn barumsa irraa kufan, Namoota 1700 ta’an kan bakka buuten isaanii dhabameef yakkaan itti gaafatamee beenyaafi gumaa lubbuu baasuu qaba. Yakkamtoonni yakka kana dalagan mana murtii addunyaafi murtii uummatatti gaafatamuun dirqama ta’a. Ajjeechan raawwatame suukaneessaa ta’uu isaa qofa utuu hintaane, gamoo yuunivarsitii mana Ciisaa barattootaa cabsanii seenan ajjeesuu, bakka isaan baqatanttii adamsanii ajjeesun, barattoota madaa’an akka tajaajila fayyaa hinarganne gochuun yakki addaa isa godhame.

Mootummaan kun gaaffii mirga dhiyaateef deebii karaa nagaa laachuu hinbarbaadne, jeequmsa dhalate karaa hoogganoota naannoofi Poolisii naannoo Oromiyaa furmaata barabadee qabbaneessuu dhiisee, Waraana ittisaa biyya, Agazii humna Waraanaa addaafi Poolisii Federaalaa gamoo yuuniversitiifi magaalaa keessa bobbaasun ijoolle Oromoo yuuniversitii bakka isaan ciisan foddaafi balbala cabsuun ajjeesaa ture. Warra mana isaaniifi fira isaanitti baqatan mana isaanii adeemun ajjeessaa ture. Kun ragaa qabatamaadha. Mootumman kun mirga uummataafi fedhii uummataa ukkaamasuu qofa utuu hintaane Heera biyyattii ofii tumate cabsuun tarkaanfi hintaane fudhachaa ture fakeenyaf:

1.Mormii miseensonni OPDO dhiyeessaniif itti aanaan Magaalaa Finfinnee (Sixotawu Ababaw) galma walga’ii keessatti godina addaa Oromiyaa “jaalattanis jibbitanis Finfinnetti ni daballa “jechuun mirgaafi fedhii uummata Oromoo qofaa isaa murteessun isaa bu’uura jeequmsa kanaati. Obbo Abayi Tsahayye Gorsaan PM Itoophiyaa illee yaada wal fakkaatufi tuffii uummatichaaf qaban ibsuun isaanii jeequmsa kana hundaaf sababa olaanaa ta’ee jira.

2.Lafa Oromoo seera Federaalaa itoophiyaa daangeffame cabsuun TPLF Daangaa Oromiyaa keessa seentee lafa hektaara 1.100, 000 fudhachuun lafa saamanii gurgurachuuf malee godinni addaa Oromiyaa of danda’ee Maaster Plaanii mataa isaa qabaachuu ni danda’a. Finfinneen ofii isheefu bishaan, ibsaa, muka, dhagaafi biyyoo waan hunda Oromiyaa irraa argattu godina kana waan gargaartu hinqabdu. Kanaafuu, Uumanniifi Ogganoonni Oromoo Plaaniin kun Plaani misoomaa utuu hintanee Plaanii saamichaati jedhan kan mormaniif, kun yakka dhoksaan TPLF geggeeffamaa jiruudha. Heerri kun yoomillee hojii irra hinoolu. Sababiin isaa uumanni Oromoo hindeeggarre, kana irra darbee mormii isaa dhageesifachuun lubbuu hedduu itti wareegee qamni hedduun itti hir'ate jira. TPLF kana hojii irra oolchuu yaadun mootummaa qoofaf utuu hintanee namoota seera kanaan fayyaduu barbadan illee balaa irraa buusa, bulee oola malee Finfinnee hundi Oromiyaatti jalatti buluun fagoo miti.

3.Godiinni addaa Oromiyaa akkuma Magaalota Naannoo addunyaa Plaani mataa isaa qopheeffachuu dandeettiifi ga’umsa qaba. Finfinnee caalaa humna nama utuu qabuu, Finfinee jalatti galchuun maliif barbadamee? Finfinnee ofii isheetu bulchiinsa gaarii dhabiinsa, Malaammaltuummaafi rakkoo adda addaan xaxamtee jirtutti lafa hangasii itti dabaluun saamichaaf malee misoomaaf yaadamee waan hintaaneef plaanii kana duuba kan jiran hundi itti gafatamuu qabu.

4.Oromoo biyya keessaafi biyya alaa jiru Maaster plaani kana mormee dhiiga isaa dhangalasaa utuu jiruu Mootummaan uummata kana dhiifama gaafatee Plaanii ba’e kana hambisuu utuu qabuu, gaaffii mirgaa Oromoon kaase kana gara waldhabdii biraatti jijjiiruu yaaduun isaanii yakkaafi tuffii qaban muul'isa. Mootummaan Jeequmsa kana keessa gugachuun Daballoota isaa bobbaasee Amaaraa akka reebanii fi mana isaanii guban gochuun gaaffii mirgaa Oromoon gaafate gara wal dhabdee Oromoofi Amaaraatti jijjiiruu yaalun isaa maalummaa Mootummaa kana argisiisa.

5.TPLF ajeja isheen dabarsite yuuniversitii Haromayaa keessatti bakka bu'aan TPLF ijoollee Oromoo Gumii Afaan Oromoo gaggeessan akka qabaman hidhaman Abdulaziiz Mohamaditti dirqama TPLF kenneef Radiyoo Seife Nebelbal may 23 bara 2014 dabarse ragaadha, dabballeen TPLF tokko Uummata Oromoo irratti murteessuf mirga inni qabu muullisa. Kun tuffiifi jibbiinsa Oromoof qaban argisiisa. Uummanni Oromoofi dhaabbileen Oromoo of bulchuuf mirga tokkollee akka hinqabne ragaa guddaadha.

6.Mootummaan Itoophiyaa sirna Federaalaa ofuma isaatii qopheesse ofuma isaatii diigaa waan jiruuf bakka Heerri mootummaa hineegamneetti Oromoon mirga isaa eegsifachuuf gaaffii gaafateef Waraana ittisa biyaa, Agazii humna addaafi Poolisii Federaalaan Nannoo Oromiyaa keessatit bobbaasan dhiiga hangasii warri dhangalaasisanfi sirni mootummaa kana mana murtii addunyafi biyya keessatti yoomillee taanan gaafatamuu qabu.

7.Ijoolleen Oromoo Afaan Oromoo gudisuuf Gumii Afaan Oromoo dhabbatan afaan isaan guddisuuf, barreesuu irratti karaa nagaa hojjetan yakka tokko malee yuuniversitii Oromiyaa keessa qabamanii akka hidhaman namichi yuuniverstii Haromiyaatti ajaja dabarseefi yuuniversitin Ijoollee Oromoo ajaja namicha kanaa qabanii hiisisuufi mana barumsaa irraa ari'aa jiran seeratti dhiyachuu qabu, Maqaan namoota kanaa galmaayee duguuggaa sanyii balleessun Mana Murtii Addunyaatti akka himataman godhamuu qaba.

8.Gaaffi karaa nagaa dhiyeeffatan barattootaafi uummanni Oromoo miidhaman maqaa isaaniii, midhamni irra ga'eef mootummaan ammallee dhiifamaaf qophi kan hintaane, fedhii uummata fi mirga uummataa kan hinkabajne, karaa hundaanuu Heerafi Seera biyyattii cabsee waan hojjechaa turefi jiruuf waan mootummaan kun murteesse hundi fudhatama kan hinqabneefi lafti uummataa Oromoo irraa seeran ala humnaan fuudhamee “TPLF fi ergamtoota isaaniif” kenname hundi qabeenya irra jiru waliin uummatichaaf akka deebi'uuf ammumaa kaasee galmaa’uu qaba.

9.Uummanni Oromoofi Dhaabbileen Oromoo hundi gaaffii mirga Oromoo gaafate hanga deebi'utti Mootummaa itoophiyaa waliin hariiroo qabu hunda irraa dhaabuu qabu. Mootummaan kun akka seeratti dhiyaatu gochuu qabu.

10.Miseensonni OPDO Oromoo ta'an yakka TPLF Oromoo irratti dalagaa jiru kana hubatanii Icciitii saba isaanii diinaaf kennuu irraa of eeggachuu qabu. Kun ta’uu baannan akkuma warra mirga saba Oromoo sarbaa jiruu kana akkakayyuu torbaan yakka dalagametti akka gaafatamtan beekuu qabdu. Waan Miseensota Dargii irra ga’e kan caalutu isaan eeggachaa jira.

11.Uumanni Oromoo naannoo Finfinnee jiru gaaffiifi marii Mootummaan isaanii dhiyeessu hunda mormuu qabu, uummanni Oromoo bakka hundatti ka'ee yeroo isaan irratti falmatu isaan ammoo abbaa dhimmumma waan ta’aniif wareegama dhufu hunda fudhatanii mootummaa dura dhaabachuu qabu. Misoomni godina addaa Oromoo gaggeesuu hindandeenye jiraachuu hinqabu. Oromiyya Plaan Mataa ishee qabachuu qabdi.

Murtiin Maaster Plaani murtii Oromiyaa diiguuf qophaayedha.Gochaa kana duuba kan jiran hooggantoota TPLF fi OPDO keessa ammoo Oromoo kan hintaane Afaan Oromoo warra dubbatan ta’uu miseensonni OPDO ibsaa jiru. Sagantaan kun lafa Oromoo fudhachuu qofa utuu hintaane Oromummaafi Oromiyaa balleessuuf Kora giddugaleessa TPLF kan murtaa’eefi Oromoo diiguuf kan saganteeffatan nafxanyoonni duraanii kan akka Maatiwos Asfaw, ergamtoonni TPLF Afaan Oromoo dubbachuu isaanii qofaan Oromiyaa bulchaa jirantu yakka kanaaf gaafatama.

Gaaffin uummataa kun gaaffii haqaati kan nu eechisiisuufi nu amansiese qabxiilee kana olitti eeraman qofa utuu hintaane karaa fedhii uummata Oromoo ilaalchisee qabxiilee gurguddaa baay'ee dhiyeessuu ni dandeenya isaan keessatti:

1. Baratoonni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaan kan eegalamee, yuunivarsitii Amboo, Wallaggaa, Maddawalaabuu, Haromayaa, Adaamaa, Dirredawaa, Finfinnee, Mattuu, Gimbiifi kkf walumaagalatti yuunivarsiitiwwan 11 fi Barattoota Sadarkaa 2faa dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti mormii guddaan akkasii yeroo jalqabaaf geggeefamuun gaaffiin mirgaa dhiyaate kun haqa qabeessa ta’uu isaa mirkanessa.

2.Uummanni Oromoofi hoogganoota OPDO hedduu dabalatee gaaffiin kun deeggarsa uummata hundaa argachuun isaa fedhii uummata Oromoo hundaa ta’uu muul'isa.

3.Oromoon biyya alaa jiru amantaa, gandaafi ilaalcha Siyaasan utuu wal hinqoodiin Magaalaa Addunyaa Oromoon keessa jiraatu hundatti hiriira nagaa ba’uun deeggaruun gaaffiin mrigaa kun kan hunda Oromoo ilaallatu ta’uu isaa mootummoota addunyaaf ifa gochuun murteen murtaa’e kun heerafi seera kan cabse waan ta’eef Mootummaan wayyaanee murtee inni murteesse hunda seera qabeessa akka hintaane qaama ilaallauu hundatti ibsatanii jiru.

4.Jaarsoliin Oromoo dargaggoota Oromoo dura bu'uun sodaafi dadhabina tokko malee sa'a 2 fi 3 guutuu miilan deemun hoogganoonni OFC Hiriira dura bu'an uummata kumaatama hiriirsuu danda’uun isaani fedhiifi gaaffii mirga uummatichaa argisiisa.

5.Dargagoon Oromoo seenaa haaraa dalagan sodaa hunda cabsuun humna waraana TPLF hunda dura hrka qullaa dhaabachuun mormatee seera haqa qabeessa hintaane kana diigee jira. Qabsoon barattoota Oromoo uummata Oromoo hundaan deeggaramee jira.

6.Yakka barattootafi Dargaggoota Oromoo irratti raawwataa jiruuf mootummaan Itoophiyaa akka adabamu gochuuf Oromoo hundi hanga dhumaatti irratti akka hojjennu kabajaanisin gaafanna.

7.Barattoota Oromoo yuunivarstii 11 keessaa qabamanii hidhaman 'Tourch' ykn reebicha hamaa irratti geggeeffamuun Ijoollee durbaa gadameessa, ijoollee dhiiraa qaama hormaataa isaanii irra kopheedhan deemuun hanga isaan fincaan finicaa’uu dadhabanitti reebun qaama isaanii hir'isuun yakka mootummaa kanaaf dhiifama hingodhamneedha.

8.Uummata Shawaa Sirna Minilikiin, Hayile Sillaasee, Dargiin hayyama isaa malee lafa isaa irraa buqqa’aa ture kana bara TPLF ammoo cirumaa biyya isaa irraa akka buqqa'u yemmuu godhamu Oromoon hundi ka’ee irratti falmachaa jira, uummanni naannoo Finfinneellee kana ilaaluun Onnatee lafa isaa irratti falmatee diina of irraa dhorkuu qaba.

9.Oromoon Dhaabbilee nafxanyoota habashaa jala deemaa turtan dhiiga ijoollee Oromoo harka habashaa keessatti dhangala’u kana ilaalun habashoota dhiigni Oromoo harka isaanii keessa jiru hunda irra akka of qusatan barsiisun barbachisaadha.

10. Artistoonni Oromoo godiina addaa Oromoo irratti falmachuu kan eegalan keessaa seenaa guddaa dalagan jiru. Keessumaa, Jaafar Yusuuf Waa'ee Finfinnee falmachuun reebicha hamaafi hidhaa adabamee jira. Torban tokko keessatti gochaa kana falmuun Sirba baasuun Oromoo onnachuu egalan. Kanaaf, Waa'een Finfinnee kun mormii Seenaa guddaa qabu ta’ee galmaa'ee jira.

Sirna garboonfataa dhiiga Oromoo akkasitti dhangalasuu kana hanga buqqifnutti Oromoon rafee buluu hinqabu. Sababiin isaa diina ofirraa fonqolchinee malee dhiigni Oromoo dhangala'uun isaa hinoolu. Du'a hinoolleef sodaachuu hinqabnu, Ijoolleen Oromoo sodaa ofirraa balleessuu keessaniif galatomaa.

Mootummaan TPLF Afaan Oromoo afaan hojii biyyoolessaa akka ta’u gochuu diduu irra darbee, Ijoollee Afaan Oromoo guddisuuf carraaqan iyyuu qabee hidhuufi dararuun isaa jibba sirni kun Oromoof qabu muul'isa. Afaan Oromoo afaan hojii biyyoolessa akka ta’u kan mormu yoo jiraate Itoophiyaan akka caccabdu kan barbaadu qofa. Finfinnee Magaalaa gudittii Afrikaa waan taaneef Heektaara 1.100, 000 ta’uu qabdi jechuun warruma kana jedhuuf gaarii miti.

Biraasils magaalaa Gudiitti Awurooppaa, Beeljiyeemifi Filaandiren taate umurii ishee guutuu bal'inni ishee 32,61 km² (3261ha) qofa. Yeroo guddisuu barbaadan gamoo moofaa ta’e diiganii Ol guddisan ijaaru Ykn ammoo Waajjirri gamoo guddaa ijaarrachuu barbaadu Magaalaa dhiyeenya ishee jiru 'Antwerpen ykn Mechelen ykn Louven' deemee ijaarrata malee lafa 'Vlaanderen' irraa gara 'Brussels'tti kutannna gaaffin jedhu hinjiru. Magaaloonni naannoo 'Washington DC' jiran illee ofuma isaanii of dnda’anii Maaster Plaani mataa isaanin jiraatu malee DC jala hinjiraatan. Walumaa galatti godina addaa Oromiyaa Pilaanii mataa ishee qopheeffattee gara barbadetti babal'achuun mirga waan Finfinne waliin walitti xaxuuf deeman kun siriri miti. Bulchiinsa gaarii uummanni akka argatu yoo barbaadame bulchiinsi gara giddugalessatti gurmuu utuu hintaane, bulchiinsafi tajaajila gara uummatni jirutti gadi diriirsudha. Kanaafuu Maaster Pilaaniin kun haqa qabeessa waan hintaaneef yoomillee taanan seera fudhatama hinqabneedha. Kana malees, fidhii uummataan ala utuu uummatni dhimma kana falmatee dhiiga isaa dhangalaasaa jiruu waan kana uummata irratti humnaan murteessun har'as ta’ee boru akka isheen diigamtuuf boombii guddaa lafa jala awwaaluudha. Mirga Oromoo dhiibanii Oromoo buqqisanii lammii tokko qofa guddisuun Itoophiyaa gargar facaasa

BU’AA BA’II QABSOO UUMMATA OROMOO

SIRNA GABRUMMAA IRRAA GARA BILISUMMAATTI

 GEETACHOO JIGII DAMMAQSAA (Ph.D)

CAAMSAA, 2014, BEELJIYEEM

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved