Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Dr. Getachew Jigi Demekssa’s OSA confirence 2009. Keynote Speech. Atlanta

Mootuumaa Oromiyya Ijaaruun Dirqama

OSAn Oromoo beektotaa gosa hunda of keessati amatee waan jiruuf rakko Oromoo hunda furuuf dandeeti waan qabuuf rakko kana keessa akka nu basuu dhamacha beektoon Oromoo hund ilee akka OSA cimnaa dhabatan ni gaafaadha

Kabajamaa Dura ta’aa OSA DR Ababa Adunya

Kabajamtoota Miseensoota OSA

Kurmattoota,

Kabajamtoota eessmmoota HiGuyyaa Har’aa kana barreeffama Tokkummaan Mootuummaa Oromomiyyaa Bilisommtee Ijaaruun dirqama jedhu waltajjii kana irratti dhiheessuu fi rakkoo uummata Oromoo isin waliin mari’achuuf carraa naa kennameef maqaa uummata Oromoo fi GPOn qaama kaanaf galata

dhiyeesuu barbaada. Rakkoo Oromoo hundaa ni beektu, waggaa 20 ol qoorannoo fi xiinxala bala’a fi dheeraan dhihaachaa turuu anis nan dhagaa’a. Kanaafuu ani dhaamsaa fi furmaata maal goonu waan jedhu firemwork xiqqaa waliin dhiheessee yaada namoonni dhiheessan hundaa akka irratti mari’anun

barbaada. Uummatni Oromoo Gaanfa Afriikaa keessatti bilisummaa dhabee rakkoo dhala namaaf hin malle keessatti dararamaa jiru kun beektoota Oromoo irraa abdii guddaa Eegata. Oromoon bilisummaa aragtee biyya isaa irratti abbaa ta’ee beektoota isaa walin guddina biyyaa kara hunda fiduuf of

amantan hojjetee jireenya isaa jijjiiruuf hawwii gudaan nu Eegachaa jira. Fedhii uummta kana

fashalesuf diin waan hunda gochaa jira. Ergaan koo inni guddan Wayyaaneen Qabsoo Bilisummaa fi Qabsoo siyaasaa hunda dabalatee fulaa isaa jijjiree gara waldhaabbdi Amanta, fi Gandatti akka jijjiramu gochuuf karoora ol’anatti qoophesun yeroo dheeraaf hojjeecha turan. Karoora isaan kana salphatti kan hojii irraa olchuu kan danda’aan Qabsoo Oromoo kessatti ta’ee jira. Uummani biyyati hundi qabsoo bilisumaa fi qabsoo mootuummaa jijjiru dhisaan wal dhaabdee amanta fi Gandan hunda’ee irratti akka xiyefatan godhame. Biyya keessatti saba fi sablamiin hundi lamumman utuu hin tanee, Amantan ykn Naannoon akka wal qoodan, akka wal loolan gocha jiru. Fknf wal dhaabdee amanta Iluabba Boraa, Arsi, Wallaga, Harargee kessatti deemsifame. Naannoon ammo Gujii fi Boorana, Somale fi Oromoo, Gumuzii fi Oromoo, Afari fi Oromoo, Amhara fi Oromoo kkf adeemsifama jira. Biyya ala fi dhaabbilee qabsa’oota keessatti ammo Nannoo fi Amanta akka baballatuu gochuun Di’aspora ala hundi fi dhaabbileen siyaasa huda gidutti digumsa geesisa jiru. Ijoolee Oromoo heddun immo erga diina kana utuu hin hubatiin rawwacha jiru. Waan kun asi irratti qoofa dubanee waan xumuruu

mitti garu bakka geenye hundatti gocha kana hubachisun barbaachisadha. Diinni Oromoo soba dhugaa fakkeessee odeessuun aanga’oota addunyaatti michoomee gargaarsaa fi deggersa argatee ittiin waggoota hedduuf nu garboonfate. Oromoon ammoo haqa qabu wal hubachiisee wal tumsuun rakkoo isaa Addunyaatti ibsachuu dadhabuun isaa nama gaddisiisa. Rakkoon kun kan irraa maddu wal tumsuu dhabuu, odeefannoo wal jijjiiruu dhabuu, caasaa adda addaa diriirfachuu ahanqachuu, miidiyaa fi qunnamtii cicciimaa uummachuu dhabuu, qunnamtii kanuma jirutti iyyuu fayyadamnee yakka diinaa saaxiluu irra olola wal irratti oofuun wal dhadhabsiisuu ta’e. Kottaa haa mari’annuu diina irratti ololuu moo of irratti ololuutu furmata? Yaada furmaataa maddisiisuu fi hojii qabatamaa hojjechuu dhiifnee waan nu diigu odeessuun hojii guddaa taatee jirti, rakkoon kan dubbatamuuf furmata barbaaduuf malee rakkoo odeessuu

qofaan furmata ta’uu hin danda’u. Paltookiin qabsoo akka gargaruuf yaadamee baname utuu dhaaba waggaa 40 diinni ittfayyadamee utuu diiguu fi uummata Oromoo facaasuu argaa jirra. Paaltoki keessaan diinni gugatee ilmaan abbaa tokkoo Oromoo kan wal nyaachisaa jiru, yamuu ta’uu miidiyaan kun faayidaa guddaa akkuma qabu ergaa diinaa dabarsuun illee balaa guddaa qabaachuu isaa hubannee hin jirru. Raadiyoo, TV, fi website dhaan kan odeessu rakkoo, hama, diiggaa, olola, yoo foyyee qabate wareegama qabsa’ootaa dhageenya. Oduun baqattootaa biyya keessaa fi biyya alaa, kan dhaabaa fi kan uummtaa rakkoo qoofa ta’ee jira. Beekaan keenya kan odeessu rakkoo, hogganni kan odeessu rakkoo! Gabaasa fi ergaan emailiin argannu hundaa rakkoo hima. Mariin godhamu waa’ee rakkoo, xumurri isaa rakkoo dabalataa fi diigumsaa ta’ee jira. Namni walga’ii deemu qoophaa’ee kan dhaqu diguu ykn hooggana balaleefachuuf malee yaada furmataa kan maddisiisu nama murasa ta’aa jira. Nama yaada furmataa haaraa maddisiisu illee inaaffaan yaada isaa dhaga’uu diduun rakkoo uummata hameessa jiru. Ummtaa keenyaaf fi hegeree Oromiyaaf yaadi dhiyataa turan hundi lafatti gatamanii rakkoon uummatichaa akka itti dheeratu taasifame. Dantaa sabaa fi uummataaf hojjechuun hafee dantaa murnaaf fedhii nam‐tokkeef gugachuutu babala’te. Kanaaf adeemsa akkanaa asi irrati dhaabnee Dhaabbilee Oromoo hundi tokkummaan gara yaada furmataa fi hojii qabatama Tokkummaan Ummaanee Mootuummaa Oromomiyyaa Ijaaruun dirqama qabna jedha. Dhaamsi koo iini jalqabba kana, muranoo fi murtee keessantuu Oromoo hunda irraa barbadama. Wagga dhufuu utuu hin tanee deebi atatama barbaadna.

Waan ani dubadhu kana hin beektan jechuu koo miti garuu, gaaffii, haawwii fi feedhi bilisummaa uummatichi qabu fi hangan irraa quba qabu isiinti dhaamachun fedha. Kanaaf rakkoo uummata kanaa irratti xiyyefannoo gochuun akka irratti mari’annee furmaata barbadnuuf waanan gudunfadhee keessaa xiiqqoo dhiheessuu barbaada:‐

1. Rakkoo waliigala fi yaakaa uummata keenyaa irra gahaa jiru. Uummatni Oromoo Miliyoona 40n lakkaawamuu abba biyyuumaa isaa fi mirga hundaa molqamee, seera ittin bulmaataa qabu dhorkamee, qabeenya isaa irratti ormii abbaa itti ta’ee, misooma fi guddina biyyaa keessatti akka hin hirmanne taasifamee jira. Afaan fi aadaan Oromoo akka dhokatu taasifame, tokkummaan isaa diigamee, mirga uumamaan inni qabu irra molqame jira. Oromoo hidhun guyya hara’aa kana ilee daran haamata jira.

A. Mirga uummata Oromoo sarbamee fi dararama irra gahaa jiru; Dhalli namaa mirga dhalootaa fi seeraan egamuufii qabu qaba. Uummatni Oromoo garuuu biyya isaa keessatti lammii lammafaa ta’uu gadi ta’ee seera addunyaa mirga bineensaa kunuunsuuf labsame illee dhabee jira. Jaarsa jaarti, dhalaa fi dhiraa, beekaa fi wallaalaa barataa fi qootatee bulaan hundi Oromoo ta’ee waan dhalate qoofaf cubbuu fi yakki biyya lafaa hundi irratti

raawwatamaa jira. Waan na namadeese keessaa tokko filannoo wayyaanee darbe irratti nammoota Qinjjit deggeran Finfinnee keessatti ajjeefaman 193 midiyaa fi uummata Addunyaa biratti yammuu iyyaatamuuf

Oromiyaa keessatti wayta lubbuun Oromotaa 400 ol ta’u bade addunyaa jalaa dhokachuu isaa ti. Mootummaan Ameerikaa goolessitoota/Terriorists/ ittiin lolla jeedhee meeshaa ammayaa fi Konkolaatota ammayaa inni waayyaneef kenne meeshaa ittiin uummata Oromoo fi uummatoota Gaanfa Afriikaa biroo ittiin fixan taasifame. Sirna dimookraasii ittiin ijaarra jechuun gargaarsa

wayyaaneen mootummoota dhihaa irraa guurtu sochii dimookraasii ittiin hukkaamsuuf oolfame. Bulchiinsi pirezidanti Buush diktaatora Ityoophiyyaan walii galee yakka barattootaa fi uummata Oromoo irratti raawwatamee ukkaamsee hambse. Ameeriikaan deggersa Diktaatora lubbuu

kumatamaa fixaa jiru kanaaf gootu amma illee itti fuftee jirti. Fixiinsi lubbuu geggefamee:‐ 1. Fincila Diiddaa Garbumaan wal qabatee lubbuun barattootaa fi uummta nagaa dhume guyyaa

tokko ifa ba’a, 2. Finfinnee Magaalaa guddittii Oromiyaa jijjiramuu mormachuun lubbuu bade, hiidhaa fi hojii irra

ari’amuun; 3. Deggertoota ABO jedhamuun Godina Oromiyya hunda keessatti Oromootni dhoksaa fi ifatti dhuman Hararg

ee (Gaara Sufi)tti kan dhuman dabalatee dhokatee hafe; 4. Filannoon wal qabatee Miseensoon WFDO fi OBK Oromiyya keessatti dhoksaadhan halkan guuramanii ajjeefaman fi guyyaa saafaa kan ajjeefaman manatu beeka;

5. Seena biyyati keessati Miseensoon Paarlaama 12 lammi Oromoo irra yeroo tokko dhibamani

biyya ba’uun fi uumman kumoota heedun lakka’amu biyya ari’atamu ; 6. Uummtaa fi Uummata Amantaa fi Gosaan walitti naaquudhan walitti buu’iinsa dhalateen kan dhume kuma heduutti lakkaaw

ama; 7. Seeran ala murte malee Oromo 40,000 mana hidhat darbtamu fi murte siyyassan Oromooti ee mal akka isaan

du’ii murta’uun isaa bor wayyaaneguu waan beekanf. Mootummaan TPLF diimokiraasiin biyya Itoophiyaa keessatti akka hin hojjenne sababa inni

ittisuuf hanga tokko isnii himuun barbaada:‐ a. Mallas Zeenaawwii ‘Silent Killer’ fixiinsa sanyii hiriyaa hin qabne waan raawwatee jiruuf yoo t

ayitaa irra bu’e waan addunyaan kanaan dura hin beeknetu ifa ba’aa; b. Mallas qabeenya biyyaattii harka 80% ol deggertoota isaa waliin dhuunfatee waan jiruuf gaafas kunis saaxilamee harkaa bahuuf deema. Waan ta’eef aangoo gadi dhiisuu hin barbaadu; Kynmy

ubania TPLF 1600 ol ta’uu alaqa biya basa jiru ; c. Sabaa fi sab‐lamoota walitti buusuun lubbuu hedduu waan balleesseef gocha duguuginsa sanyiin gaafatamuun isaas waan hin oolle ta’uu waan beekuuf; Lammi biyyati keessa Oromoo qoofaa irr

a meshaa waraana hikachisun Oromoo ficisisan ; d. Deggersa uummataa waan hin qabneef sirna diimokiraasiin filaannoon dhuggaa yoom illee

akka jiraatu hin barbaadu; e. Lammiiwwan ollaa keenyaa Somaalota sababa tokko malee daangaa ce’ee fixiinsa dhala namaa

dalageef akka hin gaafatamneef taayitaa irraa bu’uu hin barbaadu; Mallas Zeenaawwii fi TPLF filannoo bara 2005 irratti injifatamanii garuu humnaan aangoo irra turan. Uummatni akka isaan hin barbaanne filannoo kana irratti sirriitti itti agarsiise. Aanga’ooti addunyaa keessattuu USA fi UK murtii uummataa kana irra tarkaanfachuun deggersa isaan diktaatora kanaaf godhan nama gaddisiisa. Yakka dugguugaa sanyii dhala namaa irratti Itoophiyaa fi biyya ollaa keessatti raawwatame hundatti kan itti gaafatamu Mallas Zeenaawwii ti. Sababi isaas tarkaanfiin kami iyyuu biyyattii keessatti rawwatamu murtee Mallas malee waan hin rawwatamneef. Kana yammuu jennu namootni gochaan kun yakka ta’uu isaa utuu beekanii murtee kana raawwatan hundi gaafatama jalaa hin bahan.

B. Oromoon Misooma Dinagdee fi Hawaasummaa irraa ala ta’uu isaa; Qabeenya Oromoo mootummaa Federaalaan guuramee galu keessaa illee Bajata deggersa Naannoo Oromiyaaf kennamu madaala kamiin iyyuu xiqqaa dha. Bajata waggaatti federaala irra Gargaarsa (subside) lammii Tigiraay tokkoof qarshiin 500 yeroo ramadamu lammii Oromoo tokkoof garuu waggaatti qarshii 70 hin guutu. Kana keessaa immoo Yeroon bajata gadi dhiusuu daangessuun erga yeroon darbee gadi dhisu, booda immoo hanqina humna raawwachiisu

dhabiinsaan hojii irra oluu dadhabe jechuun Miliyoona hedduu bajata gubate jedhanii naannoo

Tigraayitti ergu. Bu’uura misoomaaf kan oolan karaan, ibsaan, telekomunikeshiniin, bishaan qulquluun, jaal’isiin, diirreen xiyyaaraa, Oromiyaa keessatti oduun malee qabatamaan hojjetame hin jiru. Qonnaan Oromiyaa keessaa Xaa’oo utuu biyyoon hin qoorataminii fi xaa’oo sadarkaa isaa hin egane dhaabbata daldalaa TPLFn gurguramu qotee bulaa Oromootti diriqiin itti gurguruun lafa Oromiyaya summii biyyoo balleessuuuf (Soil Acidity) akka saaxilamu godhanii jiru. Misooma qonnaa Oromiyyaa keessaa akka kanaan badee qootatee bulaan Oromoo seenaa isaa keessatti

beela hin beekne belaaf saaxilamee jira. Tigiraay keessatti karoorri Barnootaa, fayyaa, bishaan dhugatii uummata waliin ga’uuf midhaan nyaataan of danda’uu sagantaa addunyaa Miliyeniyeem bara 2015 xumuramuuf karoorfame mootummaan naannoo Tigraayiif waan hundaa guuteefii ammuma iyyuu xumramee jira. Kan Oromiyaa garuu hin egalamne yoon jedhe hin dogogorre, Miidiyaatti dubachuu fi waan NGO tokko tokko hojjetan jiraachuu ni mala garuu, Godina 17, Aanaalee 200 Gandoota 6200 ol ta’an keessatti manni barumsaa fi Kellaan fayyaa ganda hundaa wal ga’ee jedhame yoo gaafatame nami mirkaneesu hin jiru. Uummati 25,000 Buufata fayyaa tokko uummati 75,000 Hospitaala ammayyaa tokko argachuu qaba kan jedhuu karoorri kun Tigraayi keessatti malee Oromiyaa keessatti hin hojjenne. Jal’isiin Tigraay ganda hundaa keessatti humna mootora xixiqqaan qotee bulaan fayyadamuu Oromoof maaliif hin yaadamne. Horsiisee bulaan Oromoo bishaan dhabee horii isaa walin dhumaa jiru lammii sablammoota biraa hidhachiisanii itti bobbaasuun fixuun

maaliif ?. Akasiin Oromoo baleessan Oromiyya dhufachuu yaalaa jiru. Seera barnootaa fi kitaaba barnootaa jijjiruun barataan Oromoo seenaa naannoo isaa barachuu dhorkamee ol aantummaa Tigraayi fi waa’ee seenaa Aksuumii fi tokkummaa empaayera Itiyoophiyaa ijaaruu akka barataniif godhama jira. Kitaaba dabbalootna TPLF oogummanin barreessamanii fi Mana maxansaa wayyaanee Meegaatti maxansiifameetu qarshii milyoonaan lakkaawamu itti gurguratanii ol antummaa Tigray faarsuun ijoollee keenya ittiin sammuu

doomsaa jiru. Oromummaa baleessan Ityoophiyyumma ijaraa jiru. Lakkobsa Ummataa Oromoo dhoksudhan lakkobsaa dura turee irra ilee gadii hanqisan ka’uudha

baajetaa haqa fi bu’uura misoomaa akka hin arganee goodhani jiru ; Finfinneen irraa Oromiyyan Galii argachuu qabu seeran murta’ee waggoota 18 akka hin arganee

TPLF dhorkamee jira OPDOn Oromoof qabsa’uuf dandeeti hin qabdu ; Afaan Oromoo Afaan Biyyoleessa akka ta’uu falmaa WFDOn gegesa jiru TPLF harkati cufee jira. WFDO filaannoo bara 2010 ti lammi isaa bakka bu’ee wayyanee kan gafatuuf deemu Afaan Oromoo Afaan Biyyolessa ni ta’aa moo hin ta’uudha ? Deebiin TPLF fi OPDOn deebisan jireenya

isaan murtessuf deema yoo dhuggan jirteef ? Sagantaa TV afaan Oromoo qabsoo meeqaan argame hanguma ta’eefuu TV federaalaa irraa biyya alaatti tamsafamu STVO jedhanii guutummaatti sagantaa dhaaba maxxannee wayyaanee OPDO qofa dabarsutti jijjiiruun sana iyyuu biyya keessatti daanggeessan. Miseenstni Paarlaamaa illee uummta keenyaaf akka hin falmneef dhiibamnee biyyaa akka baanu taasifamne. Yeroo ammaa

kana ammoo TPLF sagantaa hunda jijjiiree Sabaa fi Sab‐lammii biyya sana keessaa balleesse Impaayeraa jaaruuf fiigaa jira. Labsii dhihoo kana baase keessatti Kitaaba Herregaa ala warri kaan akka jijjiiraman gochaa jiru, kana keessaa barreefami kan dura waa’ee mirga sabaa fi sablammii ibsan, seenaa uummataa fi aadaa fi afaan uummataa calaqqisan hunda jijjiruuf murteefatanii jiru. Yeroo ammaa kana Oromootni ala jirru seenaa Oromoo, qabeenya, fayyaa fi barnoota kan ilaaluun fuula hundaan barreessinee biyya akka galu taasisuu bannan dhalooti dhufu seenaa Tigraay qofa barachuuf dirqisiifamaa akka jiru hubachuu qabna.

C. Oromoon Qabeenya isaa guutumaatti TPLFn dhunfatamuu fi saamamuu ilaalchisee; Oromoon maqaaa investimentiin lafa isaa saamame, uummati lafa isaa irra buqqa’e beenyaa madalawaa hin taaneen ari’amuu isaa caalaa abba qabeenyaa lafa isaa fudhatu biratti illee dursi keennameefii akka qacaramu hin taasifamne. Investeroonni lafa fudhatan, ashuura mootummaa naannoof galuu malu miliyoona hedduu hin kafalle, uummati keenya carraa mana barumsaa, buufata fayyaa kkf ykn investera irraa ykn mootummaa naannoo irraa argachuu qaban hin arganne. Waan jedhaa jiru kanaaf Kaaba Oromiyaa hanga Kibbaatti, Baha Oromiyaa hanga Dhihaatti fakeenya hedduu fi kubaaniyaa hedduu maqaa isaanii isnii dhiheessuu ni danda’ama.

Maqaa abbaa qabeenyaa (investerii) jajjabeessuu jedhuun ilmaan Tigraayi l Oromiyaa lafa qonnaa fi albudaa erga qoodatanii booda isa hafe froottan isaanii ykn hiryoota isaanii biyya alaa keessattuu biyyoota Arabbaatti gurgurachaa jiru. Namoota lammii biyyaa ta’an muraasa biyya alaa irraa kottaa lafa fudhaa jechuun lafuma Oromoo Oromootti gurgurachaa jiru. Tooftaa kanaanis siyaasaa isaanii akka deggeran hawwachaa jiru. Akka kanaan nammooti horii fi garaa isaanii jaallatan (money lovers) tokko tokko biyyatti galanii Wayyanneetti harka kennachaa jiru. Inveestimentii Ityoophiyaa dugda duuba dirqama hedduutu jira. Keessaahuu abbootii qabeenyaa Oromoo dirqama dachaatu irra jira. Maallaqa Ityoophiaya keessa galchee irratti abba ta’uu yoo barbade waan wayyanneen jettu fi dirqama isheen laattu hunda raawwachuu qaba. Kanaafuu Inveesteriin ykn abbaan qabeenyaa Oromoo biyya keessa jirus ta’e ala irraa Ityoophiyaatti galu hundi OPDO ta’uuf dirqama. Yeroo ammaa immoo qondaalota Mootummoota biyya adda addaa dabalatee maallaqa seeraa ala horatan lafti kennameefii Ityoophiyaa keessaatti investi gochaa jiru, warra kana keessaa Pirezidantii Djibutii, Pirezidaantii Sudaan, Keniyaa, Saudi Arabiya, biyyoota arabaa fi kan biroo hedduutu lafti Oromoiyaa akka badhaasaatti kennamaafii jira. Wayyaanoti lafa Oromootiin fira bitachaa jiru. Qabeenyan Oromoo TPLF hirachaa jiru fi maqa Investmentiin gurguraachaa jiru kun seera kamin iyuu haqa qabeesa waan hin tanef bor uummataa Oromoof waan deebi’uuf namoon fi dhaabbileen daldaalaa maqa inveestimentin qabeenya Oromoo samaama jiru kana keessati akka hin hirmane Gummin Paarlaamaa Oromoo balinan akeekachisa cima

dabarse jira. Yakki eenyummaa Oromoo balleessuuuf dalagamaa jiru saamichaa fi lafa isaa irraa buqqisuu kan caale ammoo xuriin waarshaa qilleensaa fi bishaan summeesu, xaa’oo qonnaa biyyoo summeesuu fi kan qonnaa abaaboo ykn daraaraa keessaa lafa Oromiyaa mancaasaa jiru lubbuu lammiiwwan keenyaa hedduu galafachuu irra dabree, hegere Oromoo fi biyya Oromoo balleessuuf ta’e jedhamee hojjetamaa jira. Kun ammuma dhaabbachuu baayyee yaaddessaa dha. Kan dhaabsisuun qaama qabsoo bilisummaa deemsisaa jirruu ti. Fakkeenyaaf lixa Wallgaa gutuumaa keessatti biyyoon xaa’oon summaa’ee uummati qonnaan bulu rakkoo guddaa keessa jira. Uummata lafti qonnaa isaa manca’e lubbuu isaa baraaruuf qonnaa naannoo bifa isaa jijjiiruun homisha midhaanii irraa gara bunaa, Urgooftuu horsiisa kannisaa fi kkf‐tti jijjiruun dirqama. Eeenyu kana haa godhu?

Yeroo bifaa qonnaa jijjiramuu kana keessa uummati akka hin beelofneef sagantaa gargarsaa (Safty Net) jedhamuu jalatti gurmeessuun jireenyi uummatichaa karaa mootummaa akka wabii argatu Paarlaamaan gaafatamaa turu gurri dhaga’u hin argane.Waan jennu kana hundaaf furmaati Walumaa gala mootummaa kana achi kaafnee uummati Oromoo aangoo politikaa harka isaa galfatee ofiin of bulchu malee saamicha, cunqursaa, gidiraa fi dhiphiin uummata keenya irraa hin

dhaabbatu. Sagantaa qabeenya uumamaa fi uummata Oromoo Oromiyaa keessaa balleessuu kana keessatti Bosonni Oromiyaa guutumaatti fkn. bosonni Baallee, Arsii, Gujii, Harargee, Iluu Abbabooraa, Wallagaa fi bakkoota biroo akka badu taasifamaa jira.Bineensotaa fi qabeenyi uumamaa biroos kana keessa dhabamaa jiru. Gocha lammiiwwan Oromoo fi qabeenya uumaa Oromiyaa mancaasuu kana saaxiiluun dhaabbilee miti‐ mootuummaa qabeenya kana baraaruuf hojjetan waliin sochii cimaan hatattamaan godhamuu qaba. Wayyaneen Hoji fi Ta’iitan biyyati ifaati Tigroota qoofan akka Oganamuu godhamee jira. Haaluma kana sochii biyyati Malas jaalati Minsterootan hojeetama ture bakka 5ti qoodani hundu Malas jala erga galanni booda malas jalati namoota lammi Tigiray tananti guyya guyyan akka gabbasan godhaman jiri. Yaaka Fixiinsaa Sanyi wayyanen Geesisuf deemtuuf of qopheesu. Sababi isaa Humni waraana biyyati ilmaan Tigiree qoofa ta’ee jira. Ajaajooti Waraana Ol’anannon biyyat hundi Tigree ta’ee jira, kanaafu furmata hatatamaaf qoophee addaa goochuu qabna. Gocha kana of irra facisuuf Oromoo qoopha’aa hin jiru. Kanaaf atataman jeequmsa dhaabbilee Oromoo giduu jiru kana dhaabnee, qabsoo gara diinati deebsu qabna.

m

2. Dhaabbillee siyaasaa Oromoogiddutti rakkoo ulatu Dhaabbileen siyaasaa Oromoo walaba ta’an baay’achuu fi ijaramuun uummata Oromoof sodaa miti, caaraa dha malee, biyya keessaa fi biyya alaa dhaabbilee Oromoo jirachuun karaa hundaa bu’aa qaba, Garuu dhaabbilee heedumeesuun qoofa isaati bu’aa hin qabu. Dhaabbilee bayyachuun matan isaa malatoo wal shakuuti. Hawaasi biyya hin ijaarratin jiruu fi qabsootti jiruu fi diina tokkoo waliin qabu jaarmayaa siyaasaa baayyifate ilaalchaan yoo qoodame rakkoo qaba. Ammoo dhaabbileen Oromoo jiran baayyeen isaanii gandaa fi gosa irratti ijaaraman yoo ta’eef adeemsi akkanaa tokkummaa sabichaaf balaa qabaata. Hawaasi ilaalchaan qoqqoodame tokkummaan bilisummaa isaaf lolachuu irratti dhibdee qabaata. Inni biyya keessa jiruu rakkoo uummata keenya irra ga’uu iyyaachuun, eenyu uummata keenya irratti yaaka hojjetaa akka jiruu galmeesuun, saamiicha qabeenya Oromoo irratti geggeefamaa jiru eenyu akka hojjetuu fi kkf yaakoota uummata keenya irratti raawwatamaa jiran addunyaaaf kan gabaasan jiraachuun,

galmee seenaa booriif ni gargara. Waldaan Maccaa ‐ Tullama fi Waqeefanaan dhorkamee qabeenyi isaa saamamee maqaa Oromoon qaami socho’u tokko illee dhabamee jeennaan maal goonu jechuun waggaa lama guutuu Jaarsoolii Oromoo fi Hayyuu Oromoo walitti waamuun marii’achisuu egalle. Lammii Oromoo ABO jedhamanii mana hiidhaa jiraniif biyya keessatti nami iyyatuuf, barattoota Oromoo eenyumaa Oromoof yunivarsiitii hundaa keessatti fincilaa jiraniif, kan akka dhaabbatti Oromoof iyyatuuf hin turre. Obbo Bulchaa Dammaqsaa dabalatee jaarsoolii duraan siyaassa keessa hin seennu jeedhanii turan rakkoo kana erga hubatanii booda dulluma keessa humna isaanii fi qabeenya isaanii hundaa utuu wal irra hin kutin falmii mirgaa irratti gummaachaa jiru. WFDOn Qabsoo egalee ja’aa lama keessati yaaka Mootuummaa TPLF ummataa fi hawassa adunyati biiratti saxiludhan wayyaneeti yaadoo ta’ee, Paarlamaa keessati mirga saba keenyaf falmachuu fi mootumma morormuunkana

ummani keenya mootummaa diiduu fi irratti finciluu akka danda’uu barsifne jira. Guyya gaafa ijaramee kassee waregama lubu bayee bassa jira. WFDOn akka dhaabbile biirroo Degersa Di’aspora biyya ala irra dhabun isaa humna fi degerssa ummataa gutuu qabu akka itti hin

fayadamne goodhe jira. Dhaabbillee ala jiran immoo fuulaa tokkoon qabeenya xiqqoo jirtu itti gargaaramee humna jiru qabsoo irra akka oolfatutu barbaadama. Qabsoo bilisummaaf godhamuu keessatti dhaabbillee adda addaa jirachuun bu’aa isaa irra balaa isaatu heddumata. Qabsoo bilisummaa biyyootni gaggeessan Palastiin, Afganstan, Zmbabuwe, Angola, Somalee kkf akka ragaati dhiheesuun ni danda’ama. Tokkumaa Oromoo fi bilisummaan Oromoo kan hin hafnee ta’uu isaa qabsa’oon uni tokko jeedhan qabsoo irratti wareegaman seena tokkumaa Oromoo Diggan iaanin barreesan darban dhaaloon hara’aa harkan haquu yaala jiran. Ani waanan dubachuu fedhu waan gochuu qabnu irratti. Biyya tokko keessaatti dhaabbilleen siyaasaa yaada addaa addaa qabaatan jiraachuun diimokraasii dagaagsuuf, dorgommi babal’isuu fi hojii saffisiisuuf barbaachisaa dha. Qabsoo bilisummaa keesatti garuu humna namaa fi qabeenya muraasa jirtu tamsaasuu irra iyyuu

gufuu walitti ta’uu fi iccitii baasuun diinaaf wal saaxiluu kkf balaa hedduu qaba. Biyya Itiyoopiyaa keessatti filannoo bara 2005 irratti WFDO, KUO, OPDOn fi Oromoon dhunfaan dorgoman akka dhaabbilee Oromootti sagalee Oromoo gargar qoodanii bakka mursati kan injifataan horma turan. Fakkenyaaf Bushooftuu keessatti WFDO, KUO, OPDO fi Oromota dhuunfaa 9 ta’an fi Qinijjitit. Waligalatti namooti 13 dhihaatanii Oromoo harki 90 guddaan ol Oromoo filatee garuu sagaleen bakka 12 qoqqoodamaa waan tureef Oromooti dorgoman injifachuu hin dandeenye. Dhaabotiin Oromoo kana irraa barumsa argatanii hanga bilisummaa Oromoo dhugoomutti humna isaanii tokko taasisuun dirqama. Warri dhuguma bilisummaa Oromoo barbaadan tarree tokko irra dhaabbachuun barbaachisaa dha. Uummati kenyas kana barbaada. Dhaabbilee Oromoo lama biyya keessaa haal duree tokko malee akka isaan wal ta’an kan dirqisise uummata. Kanaafuu dhabbileen Mirga hiree of ofiin murteefachuu, feedhii Oromoo a’uu qaban.

hunda fi dantaa uummatichaa irratti wal tDhaabbileen Oromoo Dadhaabina qaban siirfachu qabu insi, Humna ta’uu dadhabuu, Miseensa namusa fi hubanoo qabu horachuu fi to’aachuu dhabu, of gamagamu dhaabbu, seera dhablumaa fi namusaa dhabuun babalachuu, ecitiin egamu dhaabuun, hawwasaa ofi duka hirirsu dadhabuu, media isaan to’aachu dhabuu, hawwasaa akka qoodamu kara banu, rakko dhunfaa dhaabban wali qabsisu‐ rakko dhaabba hawwasan waliti hidhu, kana darbee rakkon kun hanga ini biyya galuti caalisan ilaaluu. Uummataa abbaa qabsoo ijoolee gootaa dhaalchee qabsooti irra wareegee wal dura dhaabuun dhaabba ni baleessa malee hin cimmisuu. Goochaan kun atataman siirachuu qaba. Dhaabbillee yaada ummataa kana hin fudhane, tokkummaa saba keenya tiksun qabsoo ilisummaa irrati kan hin xiyyefanee lammi Oromoo hundan balalefatamu qabu.

b

3. Rakko Diaspora (Hawwassa biyya ala) Keessaa jiru. Hawaasaa ykn Diasporan biyya nagaa fi biyya demokraataawwa keessa jiratu Uummataa keessa ba’ee kan nagaa fi mirga dhaabee garbuma jalati jiratuu sana harka qabee rakkoo keessa basun dirqama lammummaati jeena. Garuu haali mullacha jiru kara hunda faalaa ta’ee jira. Waan hunda caalaa dursa kan argachuu qabu rakkoo Uummataa Oromoo fi Ormiyya walgalati. Miseensoon dhaabba kami iyuu waan hunda duraa rakkoo Uummataa isaanf dursa keenu qabu. Itti ansee

dhimmaa dhaabba isaa isaan itti dabaluun dhimmaa Oogana ykn Miseensoota isaani irratti hojeechuu qabu. Sababi isaa Ogaani ni jijirama, dhaabbilee sadarka tokko irratti baduu ni mala, kan hin jijiramnee fi kan itti fufu lammii Oromootti inni iyuu tanan yoo xiyyeefannoo keenuuf banee balaa guddan mudaachuu mala. Kanaaf Diasporan ala jiru waan hunda caalaa Uummata irra dhaalatee biyya jiruu fi tokkummaa Oromoof dursa keenuu dhaabbilee Oromoo ilee tokkummaa isaan cimmsani bilisummaa Uummataa isaanf akka qabsa’aan dhibba gochuu qaba. Diasporan Oromoo rakkoo Uummataa isaa utuu beeku rakkoo xixiqoo dhaabbilee keessa jirtu afarsuun lammi isaa biyya keessa diinan du’aa jiru irratti falimachuu irra of qusachuun seena birratti akka nu gaafachisu beeku qaba. Lammin Birroo hagami akka isaan dhaabbilee isaan biyya keessa fi biyya ala irrati qabsa’aa jiranf tumsa, deggersa fi kabaja isaan wali qaban ijaan arga jira. Oromoo ilee of jalaa hirirsuf waan hunda goocha jira. Hawaassi ala jiru dhaabbile hidhanoon lola jiran akka deeggersi guddan barbaachisu beekee, dhaabbile biyya keessa kan kara nagaa qabsa’an ilee deggerssa isaan barbaachisu hunda goochuun dirqama. Biyya keessatis ta’ee boosoonatti qabsoon godhamuu deeggersa diaspora barbaachisa. Lammin Oromoo ala jiruu 200,000 socho’ee qabsoo bilisummaa yoo waan hunda deggeree bilisummaan keenya hin faagatuu. Deeggersa tokko ilee utuu hin godhin yoo namoota mursa irra bilisummaa egna tatee bilisummaan hawwii qoofa ta’uu malti. Diina irrati akka hiirira hin banee qaami nu dhorkuu yoo jiratee ergama diina qoofa. Qabsa’oota Oromoo kalleessa laga fi amantan utuu wal hin qoodiin wal birra dhabbatan, wal dukka beela’aan, waliin diina dura dhaabatani Oromuummaa isaaniif wareegaman kayyoo isaan bakkan ga’uun nu irra egama.

4. Fedhi, gaaffi fi dhammsi uummata Oromoo keessaa Uummatni Oromoo erga garbofamee kaasee qabsoo irraa of qusatee hin beeku. Addunyaa kana irratti lammiin akka Oromoo bilisummaa isaaf hanga danda’ee qabsa’aa jira. Carraa isaa ta’ee baroota qabsoo bilisummaa geggeese hundaa keessa diinni isaa gargaarsa meeshaa fi tumsa biyya alaa yammuu argatan Oromoon argachuuf hin milkoofne malee loluu dhadhabee ykn sodaatee miti. Uummati Oromoo uummta goota. ABO illee rakkootu quunnamaa jira, yoo haqaan ilaallee rakkoo uummata Oromoo waggoota dheeraaf mudatant isas mudachaa jira malee loltuun Oromoo ykn qabsa’ootni Oromoo qabsoo laaffisanii miti. Lola ABOn geggese keessatti warri lubbuun jiran dubbachuu danda’u, Oromoon sodaa tokko malee wareegama hedduu akka kafale shakkii tokko malee dubachuu dandeenya. Qabsoon kun waggoota dheeraaf itti fufee kan jiru illee qabsoo haqaa fiin uu

fi wareegama qaqqaalii waan baaseef, fedhii fi gaafmmata Oromoo waan hin deebi’in jiruuf. Fedhi fi gaaffin uummata Oromoo gabaabaa fi ifaa dha, Bilisummaa fi Abba Biyyumaa isaa mirkaneesuu qofa. Ofiin of bulchuu barbaada. Sababi isaa immo mootumoota Itiyoophiyaa dhufaa darba itti wal jijjiiran waan garboofatanf. Mirga isaa irra ejjetan, Qabeenya isaa saaman. Abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa keenya kan taanu, mirgi keenya eegamuu kan danda’u, afaanii fi aadaan keenya kan kabajamu yoo bilisoomnee ofiin of bulchuu dandeenye qofa dha. Kana mirkaneefachuuf immoo qabsoo ABO waggaa dheeraaf geggeessaa jira. Kaayyoon Adda bilisummaa Oromoo utuu gaaffii taayitaa ta’ee gaafa mootuummaan Dargii kufee mootumaa keessaa qooda fudhate taayitaa qooddatee sirna jiru keessatti hojjeta ture. Ykn immoo deggersa uummataa dhabee akkuma dhaabbilee biroo dhabama ture. Uummati kun dhaaba kana irraa utuu abdii hin kutatin kan duukaa cichee jiruuf kaayyoo haqaa waan inni hordofuu fi gaafiin uummata Oromoo deebii argachuu dhabuu irraa ti. Dhaabbilee Oromoo Bilisummaa Oromoo hin deggere

kam iyyuu umuriin isaanii gabaabaa fi deggersa Uummataa kan hin qabne ta’uu isaanii mirka’a

qabatamaannaaee jir. Uummatni Oromoo abba biyyaa akka ta’uuf Dhaabbilee Oromoo fi qabsa’oota Oromoo gumaachuun murteessaadha. Sababi isaa waan jaallannuuf ykn jibbinuuf utuu hin taane Oromoon ijjoollee isaa kan itti dhabee fi Qabsoo kana jiraachisuuf waan hundaan waan itti dhadhabeef. Qabsoo kana asiin ga’uuf fi addunyaatti beeksisuuf wareegama qaqqaalii hedduutu itti bahe. Kanaaf Qabsoon lubun heedun itti waregamee kana bakka ga’uun dirqama. Keesumati Madda qabsa’oota Oromoo hunda kan ta’ee ABO dhabota siyaasaa biro irraa adda kan godhu nam‐tokkeen ykn namooti muraasi qofti dhunfatanii akka barbaadanitti oofuu kan hin danda’amne ta’uu isaa ti. Eenyuumaa keenyaa iyyuu kan nu barsise ABO ta’uu haaluu hin dandeenyu. ABO fi dhaabbilee Oromoo walaba mirgaa fi haqa saba isaaniif dhaabbatan wajjin marii gochuun, tokkummaan hojjatanii tokkummaa sabaa keenyaa eeguun gaafatama seenaa fi dirqama hamileetu irra jira. Tokkummaan hojjechuuf akka walii galus abdii guddaa qabna. Kanatu mootummaa Oromiyyaa ijaaruu nu dandeesisa. Qabsoon Oromoo Kaayyoo bala’aa fi Ummataa bala’aa irratti kan ijaarame waan ta’eef Oromoo hundi abdi utuu hin kutatin waggoota 40 qabsoo itti fufe jira. Biyya Oromoo fi Mootuummaa Oromiyya ijaru ala furmata birra hin jiree isiinti

dhamatu. ummataa kana Diasporan, Hayyuun, walistoon, abbotii qabeenya Oromoo hundaan nu

qaqaba nu diirmadha jecha jiru. Dhaabbilee Oromoo ergaa Wayyaanee of duubaa hin qabne tokkummaan qabsoo geggessuu qabu, garuu farreen tokkummaa, loote seentota(infiltraters) wayyanee irraa of eeggachuu barbaachisa. Oromoon yeroo ammaa kana waan inni qabuu fi itti obsu tokkummaa isaa waan ta’eef dhaabbilee Oromoo tokkummaa uummatichaa eguun hunda irra murteesaa ta’uu isiin dhamatu. Diinni Oromoo qoodee biituuf karooraan waan hojjetuuf akka utuu hin beekin diinaaf karaa hin banne of eegannoo guddaa gochuun barbaachisaa dha. Fedhiin uummataa bilisummaa ta’uu isaa erga amannee bilisummaa dura wal qooduun bilisummaa barbaadamu hanqisuu akka danda’u hubachuun nama hin dhibu. Kanaa ala diina dhiisanii wal dura dhaabbachuun ajeechaa, reebicha fi samiicha fi wareeegama guumaa hin qabne baasuun Oromootti yeroo dararaa dheeresuu ta’uu

isaa dhamatuu. Humnaa fi qabeenya Oromoo diinni itti faayyadamaa jiru dantaa Oromoo fi bilisummaa keenyaaf itti fayyadamuu qabna. Amantaan mana Waqqaatti lubbuu keenyaa fayyisuuf lafa irratti illee lubbuu keenya salphattee rakkachaa jirtuuf nu qaqabuu qaba. Oromoon Musiliama, Kiristaana, Waqeeffataa hundi Oromummaa isaatti qixxee ajeefamaa jira. Kanaafuu amantaa fi lagan utuu wal hin qoodin wal bira dhaabbatee tokkumman bilisummaa uummata isaaf lolachuu qaba. Uummani bilisummaa hin qabne amantin isaa akka hin kabajamne kan waaqeeffatan yammuu bakka itti waaqeeffatan humnan irraa ari’amanii fi dhorkaman agarree mirkaneeffannee jirra. Walumagalati Oromoo biyya keessa kan barbaduu Tokkumma Oromoo, Bilisummaa Oromoo, Tokkummaa dhaabbilee siyyassa Oromoo hirmana lammi Oromoo hundan Abba Biyumma isaa deefachudha.

5. Maal gochuu akka qabnu fi yaada furmaataa

Bilisummaa ni barbana? Tokkummaa Oromoo cimmisu ni barbana? Erga kana ta’ee dhaabbileen Oromoo tokkummaa Uummaani Mootummaa Oromiyya ijaaruf rakkoon guddan hin jiru. Rakkoo kanaa olitti dubbane seenaaf ol kaa’uuf utuu hin taanee maal goonu jennee furmaata akka itti barbanuuf. Waan as dhufneefis fedhii uummata keenyaa ija itti gochuuf yaada wal jijiruu erga ta’ee hunda keenya wal irrati utuu hin tanee diina irrati qabsa’uuf hamurteefanuu. Rakkoo odeessuu qofa utuu hin taane gara hojiitti haa deemnu jennee wali gallaa taanaan fulaa hundaa humna Uummachuu, dirree lolaan, dirree siyaasaan, ijaarsaa fi hawaasaa hiriirsuun, quunnamtin, diplomaasii fi jaarmiyota mirga dhala namaaf falman ijaaruun, madda dinagdee uummachuu fi karaa hawaasummaanis, kara hunda socho’uu qabna. Walumaagalatti tokkummaa dhaabbilee Oromoo fi fedhi Uummataa Oromoo hunda kan ta’ee Mootummaa Oromiyaa hundeesuf jaarmiyaa fi dirree nu hojjechisuu danda’uu ijaaruun amma. Kun waan yeroon itti kennamu miti. Har’aa ykn bori ganama Oromiyyan yoo bilisoomtee Tarsiimo fi saganta kami irratti hojjena?. Kun dirqamaa Hayyuu Oromooti malee, Qabsa’aa dirree irraa jiru ykn Uummata siirna garbuma jala ture kana irra egun siir miti. Hundi keessan akka na hubaachaa jirtan abdiin qaba. Waan hin olle har’a itti yaaduun barbaachisaadha, hawaas Aaddunyaas taanan adeemsa keenyaaf qophi keenya ilaalee nu bira dhaabbata.Yoo nuti waan bu’aa fi hiika qabu hojjetaa hin jiru ta’e, ofii keenyaan dhimma keenya geggeeffachuu fi ofiin of bulchuuf dandeettii hin qabnu ta’e garuu waan nu bira dhaabbatuuf jiran natti hin fakkaatu. Buddeen nama quubsu Eelee irraatti beeku jedha mitii ree Oromoon. Biyya Oromoo fi mootummaa Oromiyaa ijaarra eenaa jennu mootummaa akkamii ijaaruuf demna. Sirna mootummaa akkamiitu seenaa, aadaa fi egeree Oromoof tolaa dha jennee bilchinaan yoo irraatti hin mari’atin, akkuma mootummoota Itiyoophiyaa heerota mootummoota biroo akka jirutti garagalchinee ittiin deemna yoo jenne dhibdee akka qabaatu asuma irraa beekuun gaarii dha. Mootummaan Oromiyaa ijaaramuu qaba jennee dubbannu mootummaa walaba ta’ee fi sirna dimokrasii irratti hundaa’e akka ta’u wal nu hin falamisiisu. Haa ta’u malee sirna dimokraasii amayya fi sirna ittiin bulmaataa Oromoo (sirna Gadaa) akkamiin wl simsiisuu

dandeenya isaa jedhu irratti hayuun Oromoo balinan irrati hojeechuu qabu. Uummati Oromoo bilisummaa barbaada kanaaf wayyaanee dura dhaabbatee wareegama kafalaa jira erga jennee fedhiin Oromoo bilisummaa ta’uu irratti walii gallee xumuraachuu qabna. Kana hunda gochuuf qabsoo wal irra hin cinee goone bilisumma keenya dhugomsudha. Kana booda akkuman bara 2006 TV Eritrea irrati dubadhe Oromiyyan akka biyyati Oolaa ishee kan barbadee waliin Federeshin ykn Konfederation Uummatootaa Gaanfa Afrika waliin hundeefachu ni dandesi jeedheen ture. Onga’oon Wayyaneen fi Eritrea immo kanuma xiinoo jaalisan isaan jalati federeshnin akka buulu nu barsiisu yalaa jiru. Namoon Oromoo fi Oromiyya maliif akka barbaadan t

waan beeknuuf, nama nu waliin jirachuu feedhu dura mirga keenya kabaju qabida itin jenna. Kanuma waliin mootummaan Oromiyaa ijaaramuu qaba ennaa jennu yaadi Mootummaan Oromiyaa ijaaramee jira jedhu (OPDOn) Uummtaa sobu yaalaa jira. Kanaaf mootummaan maqaa Oromoon Oromiyaan bulchaa jira jedhu mootummaa kittallayyoo wayyaanee ta’uu isaa iffati ibsuun barbaachisaa dha. Mootummaan suni ofiifuu mootummaa bilisa akka hin ta’in kan koloneeffataan achi kaawwate collaborator/kittillayyoo/ ta’uu isaa ragaan saba Oromoo caalee hin jiru. Mootummaa Oromiyya ijaarun nu hin barbaachisuu wari jeedhan yoo jiratan immo waara qabsoo hin egalin ykn waara qabsoo gurguratee qoofaa. Malee Uummani Oromoo Bilisummaa fi Mootummaa Oromiyya feedha.

Qabsoo kana furgaasuuf furmaati biraa dhaabbilee Oromoo tokko ta’uu qabu. Dhaabbileen Oromoo biyya keessaa wal ta’uun Uummata biyya keessaa gammachisee jira, kan biyya alaas wal ta’uu wan isaan dhorku hin jiru. Dhaabbilee siyaasaa kaayyoo adda addaa qaban silas tokko ta’uun hin salphatu. Kanneen kaayyoon isaanii wal fakkaatuu fi walitti dhihoo sababa isaan adda addaa deemaniif hin jiru. Fedhii murnaa fi ilaalcha siyaasaa xixiqqaan addaan qoodamuun kaayyoo

bilisummaa isaa guddichaaf bakka kennuu dhabuu irraa adda miti. Lubbuun Oromoo rasaasa wayyaanneen, wal dhabbii Uummtooa naannoon, xurii warshaa fi abaaboon dhumaa jiru, barattoota barumsa irraa ittifamaa jiran, ajeefamuu, ari’amuu, Oromummaa isaatiin yakkanii hojii dhorkachuu fi hojii irra ari’uu kun dhaabbachuu qaba. Rakkoon nutti heddumatu illee fedhii bilisummaa Uummatni keenya qabu guutuuf falmachuun dirqama. Biyyi keenya tokkoo, hireen keenya tokkoo, diinni keenya tokkoo waan ta’eef waan walii galuu nu dhorku hin jiru. Teenyee qabsaa’oota komachuu dhiifnee, lammii irratti wal irratti duuluu dhiifnee diina irratti duuluu Eegaluu qabna. Wal irratti barreessuu dhiifnee diina irratti barreesuu, lammii irrattii ololuu dhiifnee diina irrattii ololuu, wal irratti guufuu ta’uu dhiifnee i

diinatti guufuu haa taanu. Wal iyyaachuu dhiifnee waliif drmaachuu murteefachuu qabna. Kana gochuuf immoo furmaati maali ? Oromoo karaa hundaa fi dandeettii isaa hundaan wal gurmeessee waan tokko hojjechuu qaba. Bilisummaa fi biyya Oromoo ni barbaanna erga ta’ee humna tanee bilisummaaf lolu qabna. Warri waraanaa of duuba yaadu dhiisee gara fulaa duraatti akka bobba’uuf fi of duuba millaachuu, yaada’uu dhiisee murannoon fi abdiin lolaaf bobba’uu qaba. OSAn Giddugaleessa beektoota fi Hayuulle Oromoo hundati Jarmiyyan kun Oromoon rakko inni keessa jiru kana keessa basuuf humna isaa hundan tokkummaa fi bilisummaa isaa akka mirkana’uu hojeechuu qaba. OSG, ORA kkf irraas Oromoon abdii guddaa qaba, dhaabbileen mirga

dhala namaaf falman biyya alaa fi biyya keessatti Oromoof falmachuu qabu. Eegaa maaliif akka qabsoofnuu fi bilisomnee maal akka hojennu dursinee beekuu fi bu’uura kawachuun barbaachisaa qofa utuu hin taane dirqama. Addunyaan rakkoo Uummataa keenyaa kana hubannoo ga’aa hin qabu. Seenaa keenya sirna Habaasha jalatti awwalamee waan tureef seenaa keenya dukkana keessaa ifatti baasuun yakka nu irratti dalagame kana saaxiluu fi of ijaaruu qabna. Innis yeroon isaa amma. Humna taanee yoo ol baane malee bakka amma jirru kanatti ormi dhimma keenya hordofuuf waan rakkatu miti. Waraanaan, Siyaasaa, qabeenya hundaa horachuun, humna namaa fi qabeenya Oromiyaa hundaa fayyadamuun bilisummaa barbaannu argachuu qabna. Fedhii fi hawwii qofa utuu hin taane yammuu hojiin argsiifnu addunyaan ofuma isaatii nu gaafachuu egala. Kun ta’uu baannaan utuu miidhamuu keenya arganii cal’isu. Kanaaf furmati isaa kan nu ajeesaa nu samaa jiru of irra kaafnee angoo politikaa harka

keenya galfachuu dha. Walga’iin Oromoo bakka itti wal morminee addan baanu utuu hin tane bakka itti rakkoo Uummata keenyaa hubannee wal hubachiifnee, yaada furmaataa qabatamaa irratti mari’annee murtee dabarsiinee kaanu ta’uu qaba. Dhaabbilee, koreelee fi jaarmiyoti Miti‐Mootumma Oromoo adda

addaa yaada murtee kana akka hojii qabatamaatti hiikan karaa itti argsisutuu nu irraa eegama. Dhaabotiin Oromoo gara garaa hojii qabatamaatti akka seenan fi warri miidiyaan wal irratti ololan akka dhaaban nuti illee olola dhaabbillee Oromoo diiguuf adeemsifamu dura dhabbachuuf qophii ta’uu keenya waadaa waliif haa galu. Yeroo Wayyaanneen Oromuumaa cabsaa jirtu kana keessatti

ilmaan Oromoo immoo tokkummaa Oromoo tiksuuf dhaabbilee Oromoo wal dura dhabbatan walitti fiduudhaan seeraa fi heera Oromiyaa qopheesuudhaan fedhii Uummataa Oromoo irratti

kan hundaa’e mootummaa Oromiyaa gadi dhabbuuf bu’uura kaa’uun dirqama. Oromoon nama taa’ee namaa qequu fi komatuu utuu hin tanee ilmaa qabsa’ee waregma basee bilisomsuu barbada. Jarsaa hanga ijoleetti, Proffesara hanga walalatti Oromoon bilisumaaf haabobanu, Ogani Qabsoo cimman diree qabsoo irra argama malee Magaala Adunya keessa miti. Kanafuu diree qabsootti haasosonu, Oromiyya haa ijaruu. Kanaaf imoo tokkummaa fi wal amantaa cimmaa marii fi wal galtee irrati hunda’een har’aa Hayuuleen samuu Oromooti jedhamnuu

miseensoon OSA waan Oromoo dandamachisuu danda’uu tokko murteefane deemuu qabna. Dhaabbileen siyyassa Oromoo, Hayuuleen Oromoo fi bakka bu’oon haawwasa Oromoo Rakko biyya Oromiyya jiru fi haala Oromoo keessa jiru xiyyefannoo keessa galchuun haala dure tokko

malee murtee atataman murteefachuu qaba, 1. Dhaabbilee siyyaassa Oromoo, hayuuleen Oromoo fi bakka bu’oon Oromoo argaman Tokkummaa tiksuu fi Bilisummaa Oromoo bakkan ga’uuf, Oromiyya Bilisoomtee ijaaruuf wal galuu qabn

a. 2. Dhaabbilee Siyyaasaa Oromoo fi maqaa Oromoon kan ijaaramee qami kami iyuu Olola biffa kami iyuu wal irrati akka hin deemsifne wal galuun, media qabsoo Oromoo, Dhaabbilee Oromoo fi qabsa’oota Oromoo irrati olola adeemsisu waliin akka hin dhaabanee fi wal tanee dura dhabachuuf wal g

aluu qabna. 3. Dhaabbilee Oromoo Tokkummaa Uummata keenya tiksun Oromiyya Bilisoomtee ijaaru wal galee dhaabbilee hunda mariiachifnee atataman wal galtee Ol’anaa goochuu fedha keenya fi

qoophi ta’uu wali galuu qabna. 4. Mootummaa Oromiyyaa Ijaaruuf feedhi Uummataa Oromoo ta’uu hubanee dhaabbile Oromoo feedh

i fi hawwii saba keenya bakkan ga’uuf diina irrati akka hojeetan jajabeesu qabna. 5. Dhaabbi maqaa Oromoon deemu kami iyuu qabsoo dhaabbile Oromooti guufu ta’uu fi olola kami iyuu irrati demsisu badi ta’uu hubatee, qabsoo fi olola diina Oromoo qoofa irrati akka

adeemsisu hubachisuu danda’uu qabna. 6. Dhaabbile biyya keessa kara nagaa mootumma Ityoophiyya waliin waan hojeetanf hariroo yoo hin qabanu tanee ilee lammi keenya diinan ajeefama jiru dura kan birra ga’aan isaan waan ta’aanf haawwasi Oromoo ala fi biyya keessa jiru tumsa fi deggersa barbaachisu akka isaan

godhu deggersa ni gona. 7. Haawasii Oromoo biyya keessa fi biyya ala jiran hojii haawasuma fi walgargarsa tokkumman akka hojeetan, rakko Oromoo irrati hirira ykn gargarsa gaafataman akka wal qoodumsa tokko malee akka hirmatan ta’ee, dhaabba Oromoo miseensaa ta’aanf immoo akkata dhaabbichaaf kakuu galani hoji dabalatan gargaruu mirga fi dirqama dhunfa nama sana egamuu qaba.

8. Dhaabbilee Oromoo Hariroo Oromoon biyya hoola fi Uummatoota Oromoo waliin jirachuuf

deeman irrati imammataa ifaa ta’ee qabachuu qabu. 9. Dhaabbilee Oromoo Tarsimoo walo tokko hanga humatanti dhimma kana hordoof Dhaabbile siyyassa, Hayuuleen fi Hawassa Oromoo bakka hundati hirmana isaan akka godhan gochuun

murtee tokko irra ga’uu qabna. Weerarrii fi jeequmsi Malas Zenawi Uummata Oromoo, biyya Ityoophiyaa fi gutuumaa Gaanfaa Afrika irratti deemsisa jiru kun xumura kan argatuu Uummani Oromoo biyya Ityoophiyaa keessati abba biyya ta’ee nageenyaa amansisa fi tasgabbi yoo gadi dhaabbe qofaa. Uumman Gaanfa Afrika keessatti heedumnan beekamuu kun rakko isaa dhoksinee rakko biraf furmaata barbaduun of gowoomsudha. Ilmaan Tigraay immo humna waraanaa isaan Meeshaa amayaa fi nama isaani qoofaa ijaaran lammi keenya fixuuf qoophi xumuratan jiru. Amaa ilee namoon hedduun gaafi Oromoo ukamsaan diimokraasiidhan rakkon Ityoophiyaa furmaata argata jechuun guyyaa safaa nu sobu yaalu. Eritrean ilee rakko keessaa dabaretee utuu beektuu rakkoon Oromoo biyya Ityoophiyya keessatti hikamuu qaba gara jeedhuutti deema jirti. Guyyaa hara’a kan kana kaafneef weerara wayyanee balla Oromoo irratti godhamuf deemu kana of irra qoolachuu tokkon tokkon Oromoo waregama lubu dabalatee lammii isaa irratti gumachuuf akka of qoopheesun isin gaafachuu feedha. Rakkon keenyaa unumaa inis tokkummaa dhabuu, wal caabsuu keenyaa. Wayyaaneen kan sodatu tokkumma keenyaa malee qawee miti. Kanaaf immo haruma dhaabbilee Oromoo tokko ta’uu keenyaa yoo labsane waayyaanee akka moonu shaakii tokko hin qabu. Diimokraasiin Ityoophiyaa Oromof furmaata hin ta’uu jene Wareegama hunda kafalee Uummata keenyaa Bilisoomsuun Mootummaa Oromiyya ijaruu qoofa.

ahina.

6. OSAn Rakkoo Uummtaa Oromoo Kana Hiikkun Oromoo Salp Irra Olchuu Qaba Uummati Oromoo OSA atamti ilaala? Oromoon hara’aa yamuu bakka bu’aa dhabbee harka Uummataa murasa keessa jiru kanati ani qaba kan jeedhu keessa OSAn isaa tokko. Dhaabbilee Oromoo waan isaan hojjechuu malan ilee kan barreesuf, wara Paarlamaa jiranf ilee seera Oromoof faayaduu kan qooratee qopheesuf OSA dha jedhen amana Uummani Oromoo. Gummin Paarlamaa Oromoo ilee OSAn furtuu rakko Oromootti jedha. Diinii ilee OSAn waan Oromoof malu hunda keessati Oromo Stratgisti Group jedhani amanu. OSAn hoo mali irra jira? Wal‐dhabbdeen dhaabbilee Oromoo facaasaa jiru kun isin hayuu kana birrati ilee caalaqisee siyaasaa isiin sodaachisee Siyaasaa fi Koreenti fagooti jeetani mana cufatani moo? Oromoo salphina keessa basuuf caaraqaa jirtu?. Kan biyyaati adeema jiru isin ibsuu yaalen jira. Yamuu biyyaat kun hundii nama keenyaara gaa jiru asiti Diasporat amoo mal hojetaa jira? OSAnis maal hojeechuuf karoorfatee ture? Maal hojechuufis qopha'ee jira?, OSAns immo dhaabba siyaasaa miti garuu siyaasaa ala immo miti. Siyaasaan ala yoomi iyuu ta’uu hindanda’uu. Keessatu immo maqaa kana qabatee, Oromoo Uummataa biyya isaa fi mirga isaa molqamee qabsa’aa jiru irra kana dhaalatee jarmiyan OSA ani siyaasii Oromoo yoo na hin ilaalu jedhe dogogora. Wal dhaabdee dhaabbilee siyaasaa Oromoo siireesu danda’uu qaba. Wal dhabdee qooratee rakko hiikuun (Conflict resolution) hojii Ogeesootaf fi dirqama namoota beekumsa amayyaa qabaniti. Saayinsin Conflict hin qoorane, mirga fi haqa Uummataaf hin falmanee addunya irra hin jiru. Beekumsi fi hojjin qoorannoo hayyuu Oromoo yeroo kami iyuu caalaa hara’aa nu barbaachisaa. Gababatti OSAn Uummata isaaf waan hojjechuu qaba jeene yaanuu:‐

1. Dhaabbilee Oromoo waggoota sagal (9) wal hirani diina dhisan wal irrati dula jiru. Bara darbee kassee amoo gara hawaasaatti ilee ce’ee nu facaasaa yamuu jiru kana furmaata mali itti yaane jira? Baruma barana wa’ee rakko tokkumma Oromoo odeesuu qoofa utuu hin tanee itti hojjene furmaata irra ga’uu qabna. Hawaasni fi haayyuu kan rakkina saba issa hin qoranee, hikufiis hin tatafane gati hin qabu jechuun barbaachisa nati fakkata. Qooranno geggesun hojii OSA yoo ta’ee ilee Faca’iinsa dhabbilee Oromoo giddituu dhalateen waldhaabdii gara Uummtati ce’aa jiru kana dhaabbuf furmaata barbaadun dirqama OSA ta’uu qaba akka miseensaa tokkotis akka jarmiyya tokkotis. Kanaaf Gummin Paarlamaa kan jenuu OSAan rakkina jarmiolee Oromoo keessa jiru kana hikuuf qormata tokko godhe, namas jarmoolees waliti waame waan kun akka br

alinan mai'atame hikkamuf hojii kana fudhatee akka itti fufu gaafadha. 2. Oromoon maal barbaada? Akkuman gararaati caaqaasu yaale Oromoo bilisummaa qoofaa akka barbaadu isinif mirkaneesun barbaada. Gaafiin nu fulldura jirus akkamiti bilisummaa kenya argana waan jedhu akka ta'e hubane Tarsimmo fi karoora Bilisummaa tartiba hojii qoorannoo irratti hunda’e Uummata keenya fi dhaabbilee keenyaf lafa ka’uun dirqama lammumatti. OSAn Uummataa isaa diinii meeqa irratti wal nyachaa jiru kana beekumsa fi dandeeti missensoota isaa hunda fayyadamee Oromoo abba biyya gochuun seena hara’aa

bareesuu qaba. 3. Waan qoorannu hundi kan hojii irra oluu yoo Eenyumman Oromoo jiratee fi biyya Oromoo yoo ijaramee qofaa. Kun ta’uu banan ija qooranno keenya bakka itti hojii irra olchinu hin qabnu. Ga’een hayyuu Oromoo OSA jalatti gurma’aan irraa Eegamu hedduu dha. Ogeesotnii fi Hayyuun Oromoo hundi waan baraten wal gurmeesee Tarsiimoo (manefesto) Oromiyaa qopheesee dhiyeesuu qaba. Kun amma iyyuu wixinnen (framework) isaa lafa jira. Oromiyaan biyya akkamii ijara? Seeraa fi Heera attamiin haa bultu?; Paarlaamma akkamii haa qabattu? Sirna dinagdee/imaammata dinagdee/ akkamii haa qabattu? Saba fi sablami Oromoo waliin jirachuu malan irratti imammataa Oromiyya ifaa ta’ee lafaa qabachuu kan jedhu fi kkf: lafa qabaachuu qabna. Maqa Gummii Paarlaamaa Oromoo wixinne Tarsimoo Oromiyya barreefama fulla 200_300 ta’uu qopha’ee jira. Wixinne kan Ogeesi Oromoo hundi ogumma isaan jechun Ogeesi Seera, Barnootaa, Fayyaa, Qoonaa, Dinagidee, Hoora, Hawwasummaa, Seena, Aadda, Waraana, Bulchinsaa, Kunnunsa naannoo fi kkf OSA jalatti damee dameen gurma’ee dandeetti isaa

muxannoo biyya hunda irra waliti fidee akka Oromiyyaf ta’uuti qoophefachuun amma. Walumagalat Gumiin Paarlaamaa Oromoo Imanaa inni OSAti keenu, OSA fi dhaabbilee Oromoo hunda waliin hojjeechuun, Tokkummaa Oromoo tiksuun wal dukka hirirsu, Dhaabbilee Oromoo walti fiduun diina irratti akka xiyyeefatan gochuu, Tarsimoo Bilisummaa Oromoo bakkan ga’uu danda’uu qoopheefachuu, Manafeestoo Oromiyyan bilisoomtee itti hojjeetuu qoopheefachuun Motuummaa Oromiyaa ijaaruun dhimmota bodeeti hafan yoo ta’ee ilee bor utuu hin tanee har’aa murteefanee hojii irra olchuu qabna. Oromoon hara’aa dhaabba cimma fi tokkummaa Oromoo tikisuu ni danda’aa jeedhu keessaa OSAn isaa hangaafa. OSAn Oromoo beektotaa gosa hunda of keessati amatee waan jiruuf rakko Oromoo hunda furuuf dandeeti waan qabuuf rakko kana keessa

akka nu basuu dhamacha beektoon Oromoo hund ilee akka OSA cimnaa dhabatan ni gaafaadha. Hayyuun Oromoo kanneen qaanqee qabsoo bilisummaa qabsiisanii fi qabsoo bilisummaa Oromoof warri wareegama baasan, akkasumas nutis of barree akka mirga keenyaaf falmannu warri nu taasisan hundi maqaa Uummata Oromoon galatni keessan bilisummaa haa ta’uun jedha.

Injjifaannoon Uummataa Oromootiif

Getachew Jigi Demekssa

http://www.oromostudies.org/OSA%20Newsletter%20Nov%202009.pdf

 Atlanta Georia (USA)

August 1-3/2009

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved