Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
New
Page 2 home
Bareefamaa hin xumuramiin:-
Qabsoo
Hadhoftuu yoo dhadhaman malee Bilisummaa mi’ooftuun akka hin dhufeen
Oromoo waan hubatee natii hin fakkatuu. Waan na dhibuu harki bayeen
mana ta’ee bilisumma egataa hin kan amoo bilisummaaf akka qabsa’uuf
malaqa barbada. Bilisummaf nami beelayee, deebootee, fincaan
jaaloota isaa dhugee lubu isaa hambsee qabsa’aa jira.
Kan maatii isaa beelee of isaa beelee qabsa’oon Oromoo akka ija
goodhatuu caraqaa. Ogani Oromoo
Paltak Habasha irrati
bayee qabsoon bilisummaa waggatiin 4O ol gegessa ture haqa qabessa
akka hin taneen yeeroo nuti himan wareegami kafalamee qabsa’oon
diiree irrati kufan lafe fi dhiggi isaan jaala isaanin ganamuu isaa
nu argisisa. Kun amoo duranuu kufatiin qabsoo keenya essaa
irraa akka madee nu hubachisaa. Waan hundafuu Uumata Cimmatuu
Oggana cimmaa dhalacha, dabalee ofifuu waa hin beekneef ejjeennoo
haqa fi mulataa garii uumataa isheef hin qabnee saba ijaruu hin
dandeesuu. Oromoo siirti akka hin ijaramiin hidhannno siyyasa fii
Oromummaa saboonumman akka of hin cimmsiin adeemsaa Ogganoota qabsoo
Oromoo irra ka’uun madaluu ni danda’aama. Qabsoon Oromoo ilaalchaa
waaqummsaa cimmaa irrati kan of ijaree miti. Kanaafi Leefitoon
amantaa fi Leefitoon Ganda , ijarsaa wagga 40 guyya 40 keessati
diiguuf danda’aan.
Haali jiruu garaa garii utuu hin
tanee garbumaa Habashati waan nu deebsa jirutuu mulachaa jira.
Oromoon biyya isaa irra argi’atamee biyya Libiya keessati hidha
keessa jira, biyaa Egypt keessati mana jireenya dhorkatamee sanbusa
tokko fi bishan burciqoo tokko dabee kara Kayiroo irrati bayee
iyyataa jira. Somalia, Yemen, Sudan fi Kenya keessati dararama jira.
Kun jijiramuu kan danda’uu qabsoo haqa yoo egalee qoofa. Dargagoon
Oromoo dhugman bilisummaa barbadan atataman dogogra darbee of qeequu
fi of siireesuun uumataa isaan siireessan ijarani qabsoo haqa oganuu
qabuu qabu.
Itifufaa:-
Kayiro
irraa
Waxabajji 16 bara 2013
|
|
Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |