Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
New
Page 2 home
Lakkii nahubadhaa ani biyyaaf albuudaa
A B J U U B A A Y'E E J I R A !!!! An nagaadha se'ee manaa gadi ba'ee
Hojiinkee jallaadhaa sirrii miti lakkii
Kanaan itti fufnaan akka duutu beekii
Kan ati hojjettuu hojiin aartii sunii Kanaafuu callisii dhiisi wanta kanaa Baay'ee siif obsinee waggaa lama guutuu Afaan jaarraa tokkoof ukkaamfamee turee Jedhanii yaaddoo qaban hundaa naaf himanii Isan uummatakoof oonnadhee hojjedhuu Jedhanii achiif asii natti bilbilanii Meeqa bilbilanii meeqa nadoorsiisaa Yeroo isaan jedhanii xiinsammuukoo cabsaa Lakkii nahubadhaa ani biyyaaf albuudaa Dhaloonni ammaa kuni kan olburqaa jiruu Yoo kudhan ajjeeste kumaatama burqaa Kana booda sobni hinmo'uu nurratti Gochakee babbaadaa seenaaadhaafan dhiisa Hayyuun dugdaa gogee gadi ciisee barreessaa Gola seenaa keessa gadi kan baafamte Buddeen cabduu tokkoof haadhookee kan nyaattu Siif Waaqni gatiikee ifatti siif laataa Hubadhaa Oromoo sabnikoo guddichi Afaan Oromookoo egaa kana booda Kan ukkaamsuuf yaaluu eenyumma ganamaa Baay'een itti yaade wantoota gurguddaa Kan darbe xiinxalee kan har'aas yoon qeequu Kitaabota senaas waa gaggaragalchee Qotee sakatta'ee qorachuus yaaleeraa Nama tokkon dhabe nama qalbiin addaa Garaa lafaa keessaa kan qotee waa baasuu Nama yeroo hundaa haqaf guggubatee Gaara gadi qabee kan tulluurraa ibsuu Hammeenya nageenyaan nama bakka buusuu Qaroo oladeemoo kunuunse guddisee Hayyuu roorroo jibbee biyyarraa godaanuu Barataa wallaalaatti dhukaasa banuurra Daa'ima xobbeetti cabsanii utuu hinkutiin Warra maqaa isaanii addunyaan faarsitu Warra uummatichaaf halkan guyyaa yaadu Imaanaa abbootii kutannoon baatanii Namoota dhalasaaniif kawoo olkaa'aanii Nama akkasii kana biyyakoo barbaadaa Namoonni akka kanaa biyyaaf bakkalchadha Namoonni akkasii kun sabaaf qabeenyaadha anaan garuu.... Amallisaa burree keessisaas waraabuu Iyyadhee wawwaadhee dirmannaa yoon dhabu Fageessee akka hindemne miilla takkaalame Anaaf jiraachuumoo du'atu faladha laftis galagalee samiin cacabuyyuu Nadhiphisaam jamaa boqonnaa nadhowwaa Imaanaa goototaatu boqonnaa naan laatu Anoo nanbarreessa yerookoo itti kennee Dilbii ukkaamamee jaarraa hedduu duraa ////****yaadannoo guyyaa doorsisaaf****//// Beekan Gulumma Irrana Mudee 2014 |
|
Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |