Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa ta’uu qaba

AFAAN OROMOO AFAAN HOJII FEDERAALAA TA'UUN AMMA YEROOSAA TURE...GARUU MAALIIF?



Finfinneen magaalaa guddittii Oromiyaafi handhuura biyya Oromiyaa akka taate eenyumaafuu ifaadha. Wiirtuu kana keessa akkuma sabni kan biroon keessa jiraatu Oromoonis keessa jiraata. Oromoon kansaati kanaaf keessa jiraata; inni kaan garuu orma keessaa nyaachuuf keessa jiraata. Egaa Oromoon Finfinnee keessatti dhalatee hore kun mana barnootaa Afaan Oromoo tokko sababii dhabeef daa'immansaa afaan warreen Abisiniyaa jaallattee utuu hintaane dirqamee barachaa jira. Manni barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessaa dhabamuusaatiif qaamni Oromoofan dhaabbadha jedhu Dh. D. U. O seenaa Oromoo keessatti itti gaafatamaadha.

Egaa daa'imman Oromoo utuu ta'anii jiranii lafa akaakileefi abaabilee isaaniirra utuu taa'anii afaan isaanii hagarboomfaman kunneen gaaf tokko ooggantoota Oromoo seenaa dabse kana fuula abbaa murtii haqaa kan ta'e seenaa duratti dhiyeessuudhaaf jiru. Dogoggorri seenaa kun ammoo ammas taanaan dhimmoota afaan keenya miidhaafi hacuucaa jiran ta'uun waan ifa jirudha. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa ta'uunsaa biyya keessa jiraannu kanaaf guddina malee xiqqeenya itti hinfidu. Afaan kun ammoo kanaaf ga'aa kan inni ta'uuf, Baay'ina dubbattootaatiin Xoophiyaatti tokkoffaafi Afriikaarratti 3ffaa ta'uunsaa, Naannoolee xoophiyaa keessatti dubbatamuusaa, Biyyoottan alaa (ardiilee) torban keessatti afaan dubbatamaa jiru ta'uusaa, Afaan damee Kuush ta'uunsaa afaan damee bal'aa ta'uufi uummata damee Kuush jala jiran faana salphaatti waan waliigalamuun danda'amuufi akka Addunyaattis afaan kompiitera keessatti dhimma baasu (tajaajila kennuufi) kanaanis addunyaarratti galmaa'uusaatiif afaan kun afaan hojii mootummaa Federaala Itoophiyaa qofa utuu hintaane afaan hojii biyyoottan Afriikaayyuu yoo ta'e mudaa hinqabu. Kanaafuu Afaan Oromoo afaan saba guddaa Afaan hojii federaalaa Itoophiyaa ta'uuf waan isa hanqatu tokkoyyuu hinqabu. Haata'u malee kun ta'uu dhabuun hacuuccaa gama ilaalcha siyaasaan jiru ta'uunsaa afaan kun akka hin guddanne taasisee jira. Gabaabumatti lafa keenyarratti mana barnootaa afaan keenyaan barachuuf dhaloonni carraa dhabuuniifi afaan saba guddaa kun afaan federaalaa ta'uu dhabuun afaan keenya kana miidhuu danda'eera.

SODAAN BARREESSITOOTAA GUDDINA AFAAN OROMOO

 
Jaarraan amma keessa jirru, keessumaa waggaa lamaa asitti kitaabonni dhaloota qubee (sabboontotaan) qophaa'aa jiran waan nama gammachiisanidha. Haata'u malee barreessitoonni kunneen raafamaafi sodaa guddaadhaan barruu isaanii mana maxxansaatiin gahatu. Baay'een ammoo barreessanii lafaa qabu garuu hawaasichaaf dhiyeessuu sodaatu. Kun ilaalcha diinni irratti fe'eefi gadaantummaa kana dura abashoonni irratti uddeelterraa kan darbaan dabarsa as gahedha. Namni lama utuu kitaaba Afaan Oromoofi Amaaraa tokko harkatti kan baatee adeemu ta'ee inni Afaan Oromoo baatee deemuufi afaansaa kanaan dubbataa deemu haala addaan ilaalama (nisodaatama yookaan ni tuffatama). Yeroo itti waa'een Afaan Oromoo dubbatamullee akka waan biyyi diigamuutti kan odeessan lakkoofsa hinqaban. Ammumaa kanallee Oromoo ta'anii Afaan isaaniitiin kan dubbachuufi barreessuu leeyya'an hedduudha. Kun immoo rakkoo ilaalcha duraan afaan Oromoo irra tureen fedhii namoota afaan Oromoo dubbisanii akka xiqqeessaa jiru kan namatti mul’isuu fi of wallaalcha namoota Oromoo ta’anii afaan Oromoo akka afaan gadaanaattiifi bu’aa hin qabnetti ilaalan ta’uu kan agarsiisudha. Ilaalchi kunneen lamaan ammoo afaan keenya warreen quucarsaa jiran ta'uu hubachuun nidanda'ama.
Fiilmiin Afaan Oromoo babal'achuu dhabuun GUDDINA AFAAN KEENYAA DANQAADHA!!

Yeroo ammaa kanatti fiilmiiwwan Afaan Amaaraatiin hojjetaman yoo xiqqaatan torban torbaniin magaalaa Finfinnee keessatti eebbifamaa oolu. Fiilmiiwwan Oromoo garuu waggaa tokkottiyyuu tokko dhabaa jirra. Yoo jiraatanis dhalattootni Oromoo bilisa ta'anii akka hin ilaalle/ hindaawwanneef ittifamu. Kanaaf fakkeenyi gaariin fiilmiiwwan Afaan Oromoo barattoota gumii dagaaginaafi aadaa Oromootiin Yunivarsiitiiwwan, kolleejjotaafi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaarratti akka agarsiifamaniif yeroo Artistoonni Oromoo Oromiyaa keessatti akka babal'atu taasisaa jiran xiyyeeffannoo addaafi ija addaan ilaalamuun akka irra jiru ifa jira. Fiilmiiwwan agarsiifamanis dura akka qaamota mootummaatiin qoratamaniif ija addaatiin ilaalaman taasifama.

Fiilmiiwwan biroorratti dhamaateen kun marti hinjiru. Miidiyaaleedhaaf kan oolamanillee akkasuma haala Oromummaafi eenyummaa Oromoo cimsuun waan qindaa'e hin mul'atu. Akka waliigalaatti namni Fiilmii Oromoo barreessus ta'e dalagu dhabamees utuu hintaane sodaan hacuuccaa gama xiinsammuutiin irra jiruufi dhabinsi maallaqaa akka irra jiru ifaadha. Lakkoofsonni Fiilmiiwwan Oromoo hanga ammaatti saba Oromootti gadi bahanii jiraniifi lakkoofsi uummatichaa yeroo wal bira qabaman aartiin keenya hangam akka ukkaamfamee jiru mul'ataadha. Namoota muraasa qubaan lakkaa'aman artistoota Oromoo kanarratti muuxannoo qabaniif gaafannoo dhiyyeesseef keesatti akka kasaaraa guddaa keessa seenaniifi hacuuccaan gama siyaasaan irra jiru cimaa akka ta'eef fiilmii tokko agarsiisuudhaaf adeemsa qorannoo nuffisiisaa keessa akka darban dubbatu.

Keessumattuu qabiyyeen fiilmiikeetii ergaa shororkeessitootaa qabateera, Asxaa diinaa kan qalama diimaafimagariisa qabantu fiilmiikee keessaan mul'ateera kanneen jedhaniifi kanneen biroos mudannoo artistoota fiilmii Oromooti. Kanneen afaanota biroon qophaa'an garuu hagas mara xiyyeeffannoon qorannoo akkasii irratti hin mul'atu. Kana cinatti ammoo yeroo Fiilmiin tokko ilaalamuuf seenamus ta'e waa'ee afaaniifi aadaa Oromootiin walitti qabamanitti basaastonni afaan sabichaa beekan; ergama warra hammeenyaa galmaan ga'uuf jecha halkaniif guyyaa carraaqu. Kana keessammoo Oromoon garaaf bitamee lammiisaa basaasuurratti bobba'es diinni dhiiga Oromummaa hinqabne Afaan Oromoo barate, kan walakkaan Oromoo walakkaan ammoo abashaa ta'es akka keessa jiru ragaa qabatamaan kan bira gahedha. Kanaafuu fiilmiin afaan Oromoo guddina Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa waan qabuuf hacuuccaan gama hundaan isarra jiru kun kallattiinis ta'e kallattiin ala afaan kana danqanii jiru.

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana mana barnootaa sadarkaa tokkoffaatii ka'ee hanga olaanaatti lakkoofsaan kumoota hedduu ta'an keessa gumiin afaan Oromoon maqaatiin hundaa'ee jira. Gumiin dagaagina aadaa, seenaafi afaan Oromoo hundeeffame kun Afaan Oromoof gumaacha hanga tokko kennu malee ija siyaasaatti geddaramuurraan kan ka'e kaan pirooppogaandaa siyaasaa ta'ee mootolee kan faarsu yoo ta'u kan qixa sirrii ta'een afaan guddisuuf kutatee ka'e ammoo cufamaa jira. Keessumattuu manneen barnootaa sadarkaa olaanoorratti dhiibbaa hamaan kan irra jiru yoo ta'u, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa Oromiyaalee keessattis akkasuma. Kanaaf kkf Yunivarsiitii Finfinnee, Amboofi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo fakkeenya fudhachuun nidanda'ama. Yunivarsiitota muraasarratti ammoo mirgumti Gumii Afaan Oromoo banachuuyyuu dhorkameetu jira. Egaa kaayyoon Gumii afaanii kun gaheensaa inni guddaan afaan, seenaafi aadaa saba Oromoo dagaagsuu waan ta'eef kun dhorkamuun afaanicha hacuuceetu jira.

AADAA DUBBISUU DHABUUN KEENYA

Aadaa dubbisuu dhabuun rakkoolee guddina og-barruu Oromoo yeroo ammaa mul’atan keessaa tokkoodha. Yeroo baay’ee sabni keenya mana manatti afaaniin yaada wal jijjiiraa yookaan bifa deebii afaaniin wal barsiisaa, taphataa oola malee wantoota barraa’an bitanii namoonni dubbisan baay’ee muraasa. Bakka og-barruuwwan barraa’an bitamanii hin dubbifamnetti og-barruun afaanichaa kan hin guddanne ta’uun waan ifa. Biyyoonni hinguddanne keessumattuu addunyaa 3ffaa keessa jiran kunneen dubbisuurrattis boodatti hafoo akka ta'an seenaan ifa godha. Yeroo ammaa kanatti dhaloonni ammaa kitaabota dubbisuurra, fiilmiiwwan garaagaraa ilaaluufi wantoota ammayyaa kana kanneen akka 'face book, titer, gmail, skype fi kkf irratti yeroo isaanii dabarsu. Aadaa dubbisuu gaariin garuu jijjiirama qabatamaa hawaasa tokkoof iddoo guddaa qaba. Keessumattuu hawaasa akka keenyaa reefuu qubee afaansaatiif ta'u argatee ittiin hojii jalqabe kana keessatti dubbisuun meeshaa guddaadha. Baay'een dhaloota ammaa tokko tokko utuu kitaabakee hindubbisiin qeeqa sitti himu. Kitaaba walaloo maqaan dhagahe tokko kitaaba asoosamaa abaluufi abalittii tokko jechuun qeequutu argama. Kun ammoo qeeqa ijaarsaa miti.

 
Dubbisaan yeroo mara gammachuu gonfata; jireenyasaafis milkoomina argata. Akka namaatti nama guutuu taatee jiraachuuf kitaabota filattee kanneen jireenyaaf ta’an hedduu dubbisuufi isa dubbiste sana ammoo namootaaf yeroo qooddu aara galfii gaarii argatta. Kitaabota amantii beekamoo addunyaa kanarratti oguma/literature keessatti iddoo guddaa qaban keessaa kitaabni amantii Islaamaa (Qur’aana)fi Kitaaba Qulqulluun isaan beekamoodha. Fakkeenyaaf Qur’aana keessatti Suuratul Alaq lakkoofsa tokkorratti Ergamaan Jibriil waa’ee qara’uu/ waadubbisuu yoo barsiisu, dursiitii Qara’i (dubbisi) ittiin jedhe. Yaada kana akkuma jirutti yeroo kaa’amu (Read in the name of your lord who created you' jedha. Kunis hiikkoonsaa Afaan Oromootiin yoo ibsamu, Rabbi Jibriiliin yeroo Nabiyyuu Muhaammaditti erge dhufee akka jabaa hacuucee qabee qara’i/dubbisi jennaaniin ani nama waaqara’u miti jedheen. Ammas akkuma duraa Jibriil hacuucee qabee qara’i jedheen; innis ani nama waaqara’u/dubbisu miti jedheen. Isaan [Muhammad] nama waa qara’ullee miti; nama waa katabullee miti' jedha. Yeroo sadaffaaf Jibriil qara’i jedheen...

Kanarraa kan hubannu, osoo Nabiyyuu Muhaammad Salaata, Soomaafi amantii hineegalin qara’uu/dubbisuu akka qabu; qaraatiin beekumsaan akka nama ga’u akeekkachiisuusaati. Dubbisuun tarkaanfii dalgaalee ijoo jireenyaaf barbaachisaan ta'uu hubachiisa. Kanaaf qaraatii/dubbisuun waahunda akka dursu Rabbiin ajaja kenne. Kitaabni amantii Kiristaanaa guddichis yaada armaan olii kana nideggara. Kunis Hojii Ergamootaa (Acts) 8:26-36 irratti namicha konkolaataa kottee duudaan harkifamturra taa’ee, macaafa Isaayyas raajichaa dubbisu tokkotti ergamaan Waaqayyoo Filiphoosiin itti erge. Filiphoosis konkolaataa sanatti fiigee, namichi macaafa raajicha Isaayyaas utuu dubbisuu dhaga’e, ‘waan dubbisuutti jirtu kana inhubattaa?’ jedhee isa gaafate. Namichi ammoo ‘utuu namni anaaf hin ibsin attamittiinan hubachuu danda’aa? jedhee deebise. Haata’u malee dubbisuu danda’uunsaa cuuphamuutiin carraa fayyuusaatii dhugoomse. Egaa kutaan kun ammoo dubbisuurrayyuu darbanii hubachuun daran barbaachisaa akka ta’e hubachiisa. Ergaa waa dubbisuun kun ajaja uumaa isa guddichaa erga ta’e, namni dubbisuun jireenyasaa tolfachuutti kan dhibaa’u maaliifi? . Aadaa dubbisuu dagaagaa ta'e dhabuun keenya afaan keenya akka hinguddanneef kan gahee mataasaati taphatedha jechaadha.
Yeroo ammaa kana kutannoo addaatiin ogbarruu Oromoo dagaagsuurratti kan argaman dhaloota qubee yookaan irri caalaan isaanii barattoota jechuun nidanda'ama. Kun ammoo rakkoo gama dinagdeetiin jirurratti danqaa ta'uun waan ifa jirudha. Oromoo keessa abbaan qabeenyaa muraasni jiraatus gumaacha inni gama seenaa dagaagsuurratti argamu muraasadha. Barataan onnee, beekumsa sammuu, kutannoofi murannoo qabaatus humni inni gama maallaqaatiin qabu muraasa. Kanaafuu kitaabonni Afaan Oromoo hanga lakkoofsa maxxanuu qabaniifi gosa maxxanuu qabaniitiin maxxanaa hin jiran. Warreen qabeenyaa qabna jedhanis kitaaba tokko bitachuurra dhugaatiiwwan bebbeekamoo filatanii dhuguu filatu. Manneen jireenyaa isaanii keessa kan jiru kitaabota utuu hintaane meeshaalee ammayyaa yeroof qofa tajaajila kennee darbu qofaadha. Kun kan mul’isu walitti dhufeenyi yookiin walgargaarsi hayyoota og-barruu Oromoo barreessaniifi abbootii qabeenyaa yookiin Uummata jidduu jiru laafaadha. Kanneen kun ammoo guddina Afaan Oromoo irratti dhibbaa hamaa kanneen qaqqabsiisanidha.

Galatoomaa!!


Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa


PhD Candidate, Documentary Linguistics and Culture

Addis Ababa University

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved