New
Page 2 home
Akeekkachiisaa Arifachiisaa Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO
Sadarkaa Garaagaratti Argamtanii fi Addatti immoo Bulchiinsaa
Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessatti Argamtan Hundaaf
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Isiniif Dabarfame !!
Mootummaan
abbaa irree EPRDF/TPLF lukkeelee isaa ulee diinaa kan taate OPDO fi
ergamtoota diinaaf amanamoo ta’an itti dhimma ba’uun isin
balleessuuf akkuma karoorfatanii fi dhaadachaa turan itti
Sabboontoota Ilmaan Oromoo bulchiinsa Magaaloota addaa Naannawaa
Finfinnee keessatti hooggantoota, kaabinootaa fi Ogeessoota
Professionally ta’uun uummata tajaajilanii fi kanneen dhugaan
roorrifamuun Oromoo isiniif galee Shira uummata Oromoo irratti
gaggeeffama jiru fudhachuu diduun Oromummaan keessan isinitti
dhaga’amaa jiruu fi uummata keessan cina dhaabbachaa jirtan hundi
diinni shira ulfaataa kan ittin mana hidhaatti isin guuree isin
rakkisuu, lubbuu keessan Balleessuuf karoorfateefi Biyya irraa isin
arii’achuuf karoorfate hojiitti hiikaa jiraachuu fi haalawalii
galaan rakkoo ulfaataa diinaan uummata keenyarratti dalagamuu fi
rakkoo waliigalaatti furmaata gochuu akka dandeenyuuf dhaamsa armaan
gadii saffisaan isiniif dabarsuuf dirqamnee jirra.
1. Ilmaan Oromoo Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaatti Bulchaa Magaalaa
Sulultaa nama maqaan isaa Masfiin jedhamuu fi Kaabineen Wajjiraa
Fayyaa Sulultaa namni maqaan isaa Dirribaa Tolaa jedhaman kan
keessatti argamaan walumaagalattii ilmaan Oromoo namootni 25 Yakka
itti fakkeessii maqaa Malaammaltummaan poolisii federaalaan
qabamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama. Utuu yakka Malaamaltummaa
ittisuuf ta’ee Ilmaan Tigiree fi Aangawootni TPLF kanneen akka Abboy
Tsahaayyee, Azeeb Masfiin dabalatee hundii isaanii mana hidhaatti
argamu ture. Garuu har’a Ijoolleen Oromoo dhugaa uummata Oromoo
hubachuun dhugaa uummataa dura raga qabatanii dhaabbatan dhabuun
uummata cina dhaabbachuuf waan murteessaniif dursanii hidhattii
darbamanii jiran irraa barnoota guddaa barachuu qabdu!!
2. Yeroo amma kanattis magaalota addaa Oromiyaa Naannawaa
Finfinneettii argaman kanneen akka Burraayyuu,Sulultaa,Laga Xaafoo
Laga Daadhii, Aqaaqii Qaallittii, Duukam, Galaan, Bishooftuu,
Sabbataa, Holotaa fi Sandaafaa Carraan ilmaan Oromoo Sulultaa
mudatee isiniif immoo kan caaluu isiiniif qophaa ‘aaj iraachuu
walga’iiwwaan dhiyeenya yeroo yeroon angawoonnii fi ergamtootni
amanamoo abbaa irree isin teesisaa jiranii fi ifattiis initti himuun
isin doorsisaa jiran irraa isiniyyuu nu caalaa maaltu akka isin
eeggatu hubachuun qabdu!!
3. Haqamuu qormaata kutaa 12ffaaf Sababbni Guddaan Gaaffii Mirga
abbaa biyyummaaf deebiin sirnaa dhabamuu fi Sochii Warraaqsaa FXG
karaa nagaan gaggeeffamaa jiru irratti waraanaa adda liyuhaqyilii fi
agaazii fayyadamuun uummata Oromoo nagaa fixuu ta’uu eenyuumaafuu
gaaffii hin qabu, dabalataanis barattootni Oromoo waraana kanaan
hiraarfamaa ajjeefamaa, madeeffamaa fi barnootaarra arii’atamaa fi
hidhamaa jiraachuun bara barnootaa 2016 kana guutummaa Oromiyaa
keessatti sababaa kanaan barnootni kan hin kennamnee ta’uun ifaadha.
Kanaafuu tarkaanfiin akka qormaatni kun utuu barattootni Oromoo
barnoota hin baratiin qoramuu fi utuu Oromiyaan waraanaan
hiraarfamtuu qorumsi kun kennamuun barattoota Oromoo fi biyyattiif
miidhaa guddaa ta’uu hubachuun sirnichi kufaa ta’uu saaxiluuf
tarkaanfii fudhatameen qormaatni haqamuun injifannoo cululuqaa
sababa sochii warraaqsaa FXG ta’uun beekadha. Ilmaan Oromoo
tarkaanfii kana irraa barnoota argachuun bakkuma jirtanitti utuu
bu’aan dhuunfaa wayyaanee irraa argattan isin hin daangessiin
uummata Oromoo roorrifamaa jiruuf dirmachuun bakka jirtanii fi
aangoo irra jirtanitti fayyadamuun tarkaanfii fudhattaniin uummata
keessan boonsitanii mataa diinaa gadi qabdanii Sochii Warraaqsaa
FXGtti cina dhaabbachuu fi itti makamtanii jiraachuu fi qooda guddaa
bahachuun keessan ifaadha. Ammas caalmatti roorrifamuu fi
hiraarfamuu sabakeessaniif bakkuma jirtanitti gartuudhanis ta’ee
nam-tokkeen diinaa afaan qawween Oromiyaa bitaa jiruu fi dhiiga
dhangalaas jiru aangoo irraa qaarisuuf ga’ee keessaan itti fufinsaan
akka ba’attan abdii guddaatu isin irra eegama!!
4. Gaaffiin guddaan uummata Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa,
gaaffii bilisummaa fi gaaffii mootummaa mataa ofii ijaarrachuu fi
mootummaa uummata Oromoo bakka bu’uu hundeeffachuu waan ta’eef
abbaan irree wayyaanee EPRDF/TPLF ergamtuu isaa OPDO addatti
qabachuun uummata Oromoo lafarra fixuu dhaabee gaaffii uummata
Oromoo kanaaf deebii akka kennuuf ilmaan Oromoo hojjettootni,
Ogeessootni fi beektootni sadarkaa garaagaraa irratti argamtan
kallattii hundaan dirmannaa fi dhiibbaa barbaachisu sirna nama
nyaataa irratti akka gootan gadi jabeessuun dhaammanna!!
5. Ulee diinaa ta’uun Ilmaan Oromoo sadarkaa hundatti lafarraa fixaa
jiru keessaa tokko Muktaar Kadir, Bakar Shaallee, Asteer Maammoo,
Kumaa Dammaqsaa, Abbaa Duulaa fi fakkaattootni isaanii ta’uu
hubachuun sabboontootni ilmaan Oromoo sirnicha keessatti argamtan
gadi fageenyaan caasaa sirna kanaan ijaarame irraaa kka of
eeggattan. Sirni kun akka diinaaf tolutti maqaa OPDO jedhamuun
diinni namoota isaaf amanamoo fi ergamtuu ta’aniin ijaarratee kun
ilmaan Oromoo kamiif iyyuuu diinaa malee qaama mirga keessan
kabachiisuu fi isin bakka bu’u akka hin taane hubachuun sirna badaa
fi hirmii uummata keenyaa ta’ee kana of irraa gara galchuu irratti
akka fuulleeffattan dhaamsa keenya!!
6. Master Plan Finfinnee fi Magaalota addaa Oromiyaa ifaan ifatti
ibsi fi labsiin baldhaan mootummaa Federaalaa irraa kennamee akka
haqamu gadi jabeessuun gaafatna!!
7. Ilmaan Oromoo sababaa Oromummaa isaanii fi Sochii Warraaqsaa FXG
Oromiyaa keessatti hirmaattee jirta jedhamuun sobaan himatamanii
hidhaatti guuraaman hidhamtootni Oromoo hundi haalduree tokko malee
atattamaan akka ahiikaman kallattii hundaan ilmaan Oromoo Poolisii,
mana murtii, abbootii alangaa,abbootii seeraa hojjettoota fi
ogeessootni sadarkaa garaagaraa, irratti argamtan dhiibbaa
barbaachisu roga hundaan akka gootaan gadi jabeessuun waamicha
lammuummaa isiniif dabarsina!!
8. Manneen kondominium Magaalota naannawaa Finfinnee fi Naannawaa
Finfinneetti Ijaaramanii jiran Hundaa kan hirmachaa jiruu fi carraa
itti fayyadamuu kan argataa jiran sadarkaa 1ffaatti ilmaan Tigrota,
sadarkaa 2ffaatti dabballootaa fi ergamtoota sirna wayyaanee
dhalootaan Oromoo hin ta’iinitu itti fayyadamaa jira. Ilmaan Oromoo
biyyaa abbaa isaanii irratti akka lammii 2ffaatti ilaalamuun
hirmannaa qabeenya abbaa isaanii keessa illee moggaatti dhiibaman,
Oromoon sirnichuma keessatti ogummaa fi hojiilee garaagaraan argamuu
carraa kana dhorkatamee kan jiruu ta’uun hubatamee waan jiruuf,
Sochiin ijaarsaa manneen kondominium fi ijaarsii kamuu fedhii
uummata Oromoon alatti gaggeeffama jiru bakkuma jirutti akka
dhaabbatuu fi manneen uummataa humnaan diiguun, qe’ee irra buqqisaa
waan jiramuuf uummata qe’ee irraa hin buqqanuu jedhee qe’ewe isaa
irratti dhumaa jiruuf dirmachuun qe’eef qabeenyaa isaa irratti sabni
keenya wareegamee akka falmatuufi carraan manneen kondominium
ijaaramanii jiran carraan dursaa abbaa qe’eef akka eegamuu uummatni
keenya bakka hundaa harka wal qabatee ka’uun haa falmannu!!
Injifannoon uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa Oromooti!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Oromiyaa, Finfinnee!! |