Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Afaan Barnoota, Qulqullina Barnootaa fi Wixinee Sirna Barnootaa


Barreessaan: Milkiyas Bulcha Abdi 
Wixneen sirna barnootaa haaraan karaa Minsteera barnootaa Federaalaatiin qoratamee mariif dhiyaachuunsaa ni yaadatama. Wixineen kun adeemsa akkamiitiin hojjetame?Fayidaa fi kaayyoo barnootaatiin yoo madaalamu maal fakkaata? Qaamni wixinee kana qopheesse aangoo heeraa ni qabaa? Adeemsi qorannichaa deggersa saayinsii ni qaba? Wixineen akkasii yeroo jijjiiramaa fi ce’umsaatti dhimma furmaata argatuudha? Wixineen kun dhimma afaan hojii Federaalaa waliin hariiroo ni qabaa? Wixinee kana dura rakkoo maaltu hiikamuu qaba? Gaaffile kanneen irratti yaadakoo akka itti aanutti dhiyeessuun fedha. Kaayyoon barruu kanaas yaada sirna fi qulqullina barnootaa gabbisuuf, bu’uura heeraa fi seeraan akka hojjetamu jajjabeessuuf, caalaadhumatti nageenya fi tasggabbii waarawaa argamsiisuuf, wixinee sirna barnootaa mala saayinsii irratti hundaa’ee ba’u arguuf yaadameeti. 
Barnooti Maal? Faayidaa fi kaayyoon Barnootaawoo? 
Barnooti mirga dhala namaa kan bu’uuraa qofa osoo hin ta’in mirgoonni namoomaa kan biroon akka dhugoomaniif akka daandiitti tajaajila. Meeshaa humnoomsituu cimaadha. Yeroo ammaatti humana nukileerii caalaatti humnoomsuuf anniisaa guddaa kan qabu barnoota. Meeshaa beeksisaa fi gonfachiisaa mirgoota siyaasaa,sivilii,hawwaasummaa, diinagdee fi aadaa ti. Walumaa galatti fayidaan barnootaa mucaa namaa kabajaa fi beekumsaan jiraachisuuf, dukkana wallaalummaa maqsee ifatti nama baasuun,waan haaraa nama yaadchisee rakkinaaf fala barbaaduuf, jijjiirama amalaa fiduuf shoora guddaa qaba. 
Waadaalee/convenshinii Idil addunyaa ka mirgoota diinagdee,hawwaasummaa fi aadaa (biyyi Itiyoophiyaa kan mallatteesitee fi raggaasifte) Keewwata 13 fi 14 jalatti waa’een mirga barnootaa ballinaan tumamee jira. Akkaataa tumaa seera idil addunyaa kanaan kaayyoon barnootaa inni guddaan guutummaan/karaa hundumaan guddina fi dagaagina ilma namaa dhugoomsuutti kan fuulleffate(education shall be directed to the full development of the human personality) ta’uu qaba. Kaayoon barnootaa guddina guutummaa ka mucaa namaa mirkaneessu kan dhugoomu kan danda’u yoo barnootni argamaa(available), qaqqabamaa(accessible),fudhatamaa(acceptable) fi haala jijjiiramuun kan walsimu(adaptable) ta’uu akka qabu ifatti kaa’ameera. Fudhatamummaa fi walsimummaan barnootaa aadaa fi afaan uummata keessatti barnooti kennamuu tilmaama keessa kan galche ta’uu qaba.
Mootummaan mirga barnootaa akka mirga bu’uuraa ilma namaatti hubatee mirgoota kana eeguu(protect),kabajuu(respect), figuutuuf(fulfill) dirqama qabu ba’achuu qaba. Mirgi afaan ofii fayyadamuun barachuu mirga b’uuraati. Kan Mootummaan akka dhimma imaammataatti baasu qofa osoo hin taane dhimma hiree ofiin morteeffachuu wajjin daran hidhata cimaa qaba. 
Kam’umsa Dubbii
------------------------- 
Afaan Oromoo waggaa 28 darbaniif afaan barnoota sadarkaa 1ffaatti saaynsii, herrigii fi barnooti hawwaasaa ittin barsiifamu ta’ee ture. Sadarkaa mootummaattis afaan hojii mootummaa naannoo ta’ee akka tajaajilu wabii heera mootummaa naannoo Oromiyaa argatee jira. Heera Mootummaa Federaalawaa Rippaabilika Itiyoophiyatiin illee afaanota biyya kanaa hunda waliin wal qixa ta’uu ifatti teessifamee jira. Naannoo Oromiyaa keessatti waajjiraaleen mootummaa fi sekteroonni dhuunfaa hawwaasa Oromoo tajaajilan hundinuu qixa barbaadameen ummata oromoo afaan inni beekuu fi barbaaduun tajaajiluu irratti hanqina guddaan akka jiru qorannoo hedduun ni eeru. Hata’u malee uummanni Oromoo walakkeessa baayyina uummattootta Itiyoophiyaatti kan dhiyaatu ta’ee osoo jiruu afaanni isaa afaan hojii federaalaa ta’ee hin filatamne. Kana irraa kan ka’e dhimmi/gaaffiin afaan Oromoo Afaan federaalaa gochuu dhimma belbeltuu siyyaasa naannoo Oromiyaa kan waliigalaa fi kan barattoota Oromiyaa erga ta’ee bubbuleera. Falma mirga afaanii kana irratti lubbuun oromoo hedduun galaafatameera. Sababi gaaffii afaanii kana kaaseef oromoota hedduun lubbuun bade, kaan biyyaa irraa ariyamee, kan mana hidhaatti gidirraa fi dararaa mucaan namaa irra ga’uuf hin malle mudateera. 
Yeroo dhiyoo asittis gaaffii Oromoo sirna mootummaa biyya bulchaa jiru raasee jijjiiramni dirqamaan akka dhufu taasisan keessaa tokko gaaffii afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuutiin wal qabatuudha. Ammaallee ‘geggeessitoonni haaromsaa’ jedhaman waa’ee afaan oromoo afaan hojii federaalaa gochuu ni deebsina jedhanii waadaa uummataaf galuun alatti xiqqoosee duubatti kan sigigaatan yoo ta’e aarii akka ibiddaa mootummaan takkaa hin argin uummata irraa akka isaan mudatu tilmaamuun nama hin rakkisu. Hata’u malee yeroo geggeessitoonni kun bu’aa bayii jijjiiramaan wal qabatanii dhufan waliin boqonnaa dhabanii wallaa’ansoo keessa jiran kanatti gaaffii bu’uuraa kana tasggabbaa’anii akka isaan deebisaniif uummanni yeroo fi carraa kenneefii jira. 
Gidduu kanaan kaartaa/sirna barnootaa haaraa jechuun wixneen barnootaa afaan barnooti ittiin kennamu, afaan kam barachuu akka qabanii fi yoom afaan ofiin barachuu dhaabuu akka qaban hammatee sanadi wixnee barnoota haaraa kun ifa ba’ee jira. Haaluma kanaan afaanni oromoo kan dur kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti afaan barnoota gosa hundaa ta’ee tajaajilaa ture hafee hanga kutaa 6ffaa qofatti akka gad siqu ta’ee jira. Qooda kana kutaa 7ffaa eegalee gosi barnootaa hundi afaan Ingliffaan akka baratamuu kaa’amee jira. Gama biraan afaanni Amaaraa kan dur kutaa 5ffaa irraa eegalu kutaa 1ffaa irraa eegalee manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti barsiifamuu akka qabu wixinichi ni kaa’a. Kunis wixinichi ifatti afaanni amaaraa Afaan hojii federaalaa waan ta’eef baratamuu qaba jedha. Kaayyoo guddaan Wixnee kana rakkoo qulqullina barnoota biyya kana hundeen hiikuuf qorannoo taasifame irraa ka’ee yaadi furmaataa afaan barnootaa akka akeekame ni hubatama.Yeroo itti siyyaasni afaanii ho’aa ta’ee jiru kanatti mirga xiqqoo kennamee ture xiqqeessuun, nagaa fi tasggabbii barbaadamu fiduu keessatti, qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti, adeemsa qorannoon wixneen kaartaa barnootaa ittiin hojjetame, heerummaa aangoo qaama wixinee kana qopheessee, fayidaa fi kaayyoo barnootaa waliigalaa wajjin akkaataa armaan gaditti xiinxaluuf yaaliin taasifameera. 
1. Adeemsa Qorannoon Wixineen Sirna Barnootaa itti Qophaa’e
Afaan Oromoo afaan gosa barnootaa hundaa kutaa 7 fi 8ffaa akka hin taane yaadi murtee dhiyaatee jira. Gama biraatiin daa’imman oromiyaa keessatti kutaa 1ffaa ka’anii afaan dhaloota isaaniitiin alatti yooxiqqaate afaan Amaaraa fi Ingliffaa barachuuf waixneen kaarataa barnoota haaraan ni dirqamsiisa. Baayyina human namaa oromoon akka biyyaati gumaachuun yoo ilaalamu qorannichi hamma barbaadamuun oromoota hin hirmaachisne. Warruma hirmaatellee ifatti kan affeere hin turre. Ulaagaa malee, dorgommii tokko osoo hin jiraatin qorattoonni akkamiin akka filataman wanti beekamu hin jiru. Filannoon qorattootaa haala iftoomina hin qabneen kan raawwateedha. Yeroon qorannoon itti eegales yeroo shirri guddaan biyya kana irratti xaxamaa ture waan ta’eef sammuu qulqulluudhaan afaan oromoo xiqqeessuuf hojjetan jedhamee hin yaadamu. Adeemsa qorannoo keessattis abbaa dhimmaa kan ta’e uummatichi waan hirmaate hin jiru. Qorannoo kanaan dura taasifameen dhibbanataan 96% ol ummanni afaan ofiitiin barachuu filatanii jiru. Miillana adeemsi qorannoos ta’e yaadi furmaataa kenname hirmaachisaa kan hin turre waan ta’eef qorannicha gatii kan dhabsiisuudha. 
2. Heerummaa Aangoo Qaama Wixinee sirna Barnootaa qayyabachiisee fi mareef dhiyeessee
Heerii Mootummaa Federaalawaa Rippaapilika Itiyoopiyaan aangoo qaammolee mootummaa mootummaa giddu galeessaa fi kan naannootiif qoodee jira. Bu’uura heera kanaatiin Imaammanni barnoota sadarkaa 1ffaa kan ba’uu qabu mootummaa naannootiin malee ministeera barnootaa federaalaatiin miti. Dhimmi afaan gosa barnootaa sadarkaa 1ffaatti ittiin kennamu murteeffachuu dhimma hiree ofii ofiin murteeffachuu uummatichaa waan ta’eef mootummaan federaalaa anatu isiniif murteessa jechuun wixneen as ba’e bu’uura heeraa kan hin qabne qofa osoo hin ta’in siran federaalizimii kan faallessu waan ta’eef wixneen qaama aangoo seeraan hin kennamneefin qophaa’e gonkuma fudhatamummaa hin qabu. 
3. Kaayyoo fi fayidaa Barnootaa Fi Wixinee sirna barnootaa Haaraa
Barnooti kan itti fuulleffatuu qabu guutummaa guddina fi dagaagina mucaa namaa ta’uu akka qabu gubbaatti eerameera. Haala kanaan fayidaan barnootaa inni guddaan mucaan namaa gaaffilee furmaata barbaadaniif deebii soquu, mala haaraa dha’uu, fi waa uumuuf akka nama dandeessisu beekamaadha. Fayidaan barnootaa inni xiqqaan namni waan barataneen nama biraaf qacaramee akka hojjetuuf leenjisuudha. Namoonni baayyeen sababni afaan barnootaa jijjiiruu barattoota akka addunyaatti dorgomanii qacaramuuf qopheessuuf akka ta’etti falmu. Kun kaayyoo barnootaa isa guddaa miti. kaayyoon barnootaa Afaan Inglizii akka danda’an taasisuun carraa hojii akka idil addunyaatti jiru argachuuf karoorsuu fi yaaduun kaayyoo barnootaa wallaaluudha. Barnooti yoo sirriitti namaaf gale sadarkaa waa uumuu fi carraa hojii nama biraa uumuuf malee barnooti dhumni isaa carraa hojii/qacaramaa ta’uuf nama qopheessa jedhanii yaaduun doofummaadha. Gama braatiin afaan barachuu fi danda’uun ofii isaatiin galma barnootaa miti. Afaan kan ittiin ergaan darbuudha malee ofii isaatiif ergaa barbaachisaa miti. Afaan Ingliffaa/ Amhaaraa sirreessanii haasa’uun ofii isaatin beekumsa miti. 
Kanaan walqabatee namni kamuu gosa barnootaa hunda hanga sadarkaa ol aanaattillee( kutaa 1ffaa hanga PHD)tti, qorannoo fi quannoo adda addaa keessatti afaan dhaloota ofiin barachuun hedduu fayida qabeessa akka ta’e qorannoowwan hedduun ni addeessu. Biyyota barnoota hanga sadarkaa ol aanaatti afaan dhaloota ofiin baratan keessatti barattoonni ballinaan yaad-rimee baratan hubachuu irra darbanii waa uumuu akka danda’an beekameera. Wixneen kaartaa barnoota haaraa kun immoo faallaa kana barattoota afaan Ingliffaa dandeessisuuf jecha afaan dhalootaan kutaa 7ffaa fi 8ffaa barachuu akka dhiisan falama. Gama biraan afaan hojii federaalaa danda’uuf jecha kutaa 1ffaa ka’anii afaan Amaaraa akka baratan dirqisiisa. Kaayyoo, fayidaa fi saaynsii afaan gosa barnootaatiin yoo madalamu wixneen kaartaa barnootaa dhiyaate fudhatama kan hin qabneedha. Haala qabatamaa harra jiruun saayinsiin kan jedhu namni kamuu afaan ofiitiin hanga dhumaatti yoo barate yaad-rimee kamuu hubachuu fi waa uumuuf karaa kan banuu ta’uusaati. Biyyoonni afaan ofiitiin hanga sadarkaa sadaffaa(tertiary education)tti baratan diinagdeedhaan, qaroominaan, addunyaa keessattis dorgomtoota ta’anii jiraachuu isaanii ragaan biyyoota akka Jarmanii, China, Netherland, Belgiye kkf ni dhiyaatu. Biyyoonni kun afaan Engliffaas sirriitti kan dnda’anii fi carraa hojii akka idil addunyaa jiru irrattis adda dureen dorgomaa ta’uun beekamu. 
4. Hariiroo Wixinee Sirna Barnootaa Afaan irratti xiyyeeffate fi Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu 
Wixnee kaartaa barnootaa haaraa dhiyaate irraa Qulqullina barnootaa biyya kana keessatti gadi bu’eef Afaan Oromootu sababa ta’e kan jedhu qorannoon tokkollee hin argisiifne. Amariffa kutaa tokkoo ka’anii yoo baratan qulqullinni barnootaa dabala kan jedhu qorannon agarsiisus hin jiru. Eenyummaa fi afaan Oromoo sadarkaa inni irra jiru irraa sababa tokko malee gadi buusuun sabboonummaa Oromoo cabsuuf yaalii aggaamamee ta’uunsaa tilmaamuun nama hin rakkisu. Wixinee haaraan Muuxannoo biyyoota Afrikaa afaan danuu/sab danuu qaban kan hin hordofneedha. Salphaadhumatti paakeejiin qulqullina barnootaa mirkaneessuu kanneen gurguddoon meeshaalee barnootaa guutuu, kutaa barnootaa baayyina bartaan walsimsiisuu, qopheessuu, leenjii barsiisaa, naannoo mana barsumsaa tasgabbeessuu, ogummaa barsiisummaaf kabajaa fi fayidaa malu guutuu, barnoota siyyaasa irraa walaboomsuu fi kkf akka ta’an namni kamuu ni tilmaama. Yoo ta’ee ta’ellee qulqullinni barnootaa afaaniin walqabatee kan ka’uu qabu sababa barattoonni manneen barnootaa olaanaatti afaan isaaniitiin barachuu dhabaniif yoo ta’e malee afaan oromaatiin barachuun qulqullina barnootaa waliin hariiroo homaatuu hin qabu. Yaadi furmaataa dhiyaates xiinxala saaynsii rakkoo irraa maddeen osoo hin taane fedhii qaamni wixinee kana qayyabachiise maqaa qorannootiin saba oromoo irratti imaammata fe’uudhaaf dhoksaan qopheeffate ta’uu isaati. 
5. Haala Siyyaasaa qabatamaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa yeroo ammaa fi WIxinee Sirna Barnootaa 
Waggoottan 27 darban uummanni oromoo afaanni isaa afaan hojii federaalaa akka ta’uuf gaafataa turan. Sababa gaaffii kana kaasaniifis carraan rasaasaan karaarratti rukutamanii du’uu, hidhamuu, gidiraan mucaa namaa irratti raawwatamu, qaama hirrachuun, biyyarraa ariyatamuun ballinaan irratti raawwatamaa kan ture ta’uun falmisiisaa miti.Yeroo kanatti uummanni oromoo gaaffiin kun karaa nagaatiin ni hiikkata amantaa jedhu qaba. MNO ta’e MF gaaffiin kun mareedhaan akka hikamu, afaanni oromoos sababni afaan hojii federaalaa hintaaneefis ta’e kan dhorku akka hin jirre waadaa seenanii jiru. Gaaffii kana oromoon obsaan eegaa jira. Yeroo kanatti afaanni Oromoo kan dura ture irraa sadarkaa 2 gad siqee kutaa 6ffaatti raawwatu wixineen dhiyaate namoota ta’e jedhanii Oromiyaa keessatti jeequmsa kakaasuuf barbaadaniin kan wixineeffame ta’uu danda’a. Kunis Wixinneen Imaammata barnootaa dhimma afaanii irratti ba’e kun deggersa qorannoo saayinsii tokkollee osoo hin qabaatin fedhii qaamolee afaanni Oromoo sadarkaa dur ture irraa akka gad siqu qabaniin ykn immoo Oromoon ammas deebi’ee gaaffii kana fudhatee mormiitti akka deebi’uuf yaalame kan taasifame ta’uu shakkiin guddaatu jira. Ammas wixneen kaartaa barnootaa haaraan kun battalumaan haqamee dhimmi siyyaasi afaanii Oromoo xuxxuquu kan hin dhaabbanne yoo yta’e carraa fi hawwiin nuti tasggabbii fi nagaa waaraa akka mirkanaa’uuf hawwinu bishaan dhuguu isaati.
Yaada Guduunfaa fi Furmaata
------------------------------------------
Yeroon keessa jirru yeroo ce’umsaati. Rakkoon ce’umsa dura turee fi jijjiiramni akka dhufuuf dirqisiise waa hedduudha. Rakkoo hunda wal duukka hiikuun hin yaadamu. Ta’us rakkoo dura hiikamuu qabu dhumarra hiikuun kan booda hiikkachuu qaban dursanii hiikuuf yaaluun mala gaarii miti. Rakkoo Qulqullina barnootaa hiikuuf biyyi tasggabbaa’uu qabdi. Kun immoo walta’iinsa siyyaasaa fi gaaffii uummataa belbeltuu deebisuu feesisa. Kana keessaa tokko dhimma faan hojii federaalaa irra deebi’anii murteessuuti. Wixneen haaraan kun fi afaan hojii federaalaa mureessuu waliin hariiroo guddaa waliin qaba. Gaaffii Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’uu osoo hin deebisin fi imaammata afaanii osoo hin wixineessin wixnee kaarataa barnootaa waa’ee afaanii irratti xiyyeeffate dhiyeessuun dogongora hamaadha. Wixinee kaartaa barnootaa nu barbaachisa; garuu kan akka amma dhiyaate kana miti. Walumaa galatti Wixneen kaartaa barnootaa amma ministeera barnootaan qoratame jedhamee dhiyaate guutummaatti haqamee adeemsa hirmaachisaa fi iftoomina qabuun, qaama aangoo qabuun ykn qaama nagalcha jedhu waliin, haala heeraa fi sirna federaalizimii hin faallessineen, dhimmoota qulqullina barnootaa miidhan adda durummaan irratti xiyyeeffachuun mala saayinsawaa ta’een qoratamee, haala kaayyoo barnootaa dhugoomsisuu tilmaama keessa galcheen dhiyaachuu qaba. 
Horaa Bulaa 
Milkiyaas Bulchaa 
Fulbaana 2 bara 2018

Afaan Amaaraa kutaa 1ffaa jalqabanii barsiisuun daa'imman Oromoo afaan sadii (Afaan Oromoo fi Affaan Ingilizii dabalatee) akka baratan dirqisiisa. Akka isaan sadanuu sirriitti hin baranne taasisa. Afaan Amaaraa barsiisuurra Afaan Ingilizii cimsanii barsiisuutu ijoolleef faayidaa guddaa qaba. Sababa kanaaf karoora mootummaan federaalaa baafate cimseen morma. Sababni karoorri kun mormamuu qabuuf hedduudha. Maal akka ta'an baruuf barruu dheeraa gajjallaatti argamu kana dubbisaa.

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved